Haleellaa Israa'el mana barumsaa Gaazaatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman
Haleellaa qilleensaa Israa'el mana barumsaa Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman jedhan qondaaltonni Filisxeem. Namoonni kurnaan lakkaa'aman biroommoo miidhamaniiru.
Guduunfaa
- Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
- Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
- Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
- Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
- Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
- Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
- Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
- Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
- Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
- Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
- Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
- Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ajajoonni Lixa Afrikaatti mootummaa fonqolchan sadii gurmuu haaraa tolfatan

Madda suuraa, Burkina Faso Presidency
Ibsa waa'ee suuraa, Ajajoonni waraanaa kuni yeroo duraaf walitti dhufanii mari'atan Ajajoonni waraanaa Niijer, Maaliifi Burkinafaasootti mootummaa aangorra jiru fonqolchuun aangoo to’atan gurmuu haaraa tolfataniiru.
Biyyoonni Lixa Afrikaa dhaabbata ECOWAS jalatti sosso’u ture.
Ajajoonni waraanaa yeroo mootummaa fonqolchan murtee isaanii kana akka dhaabanif gurmuun biyyoota Lixa Afrikaa, ECOWAS gaafataa ture.
Eegasii ajajoonni sadan kuni gurmuu kana dhiisuun gurmuu ‘Tumsa Biyyoota Saahel’ jedhu hundeessaniiru.
Ajajoonni kuni yeroo jalqabaaf walitti dhufuun mari’atani.
Biyyoonni sadan fonqolchi itti raawwatame hookkara jihaadiin kanneen hubamanidha.
Ingilizii fi Nezarlaandis walakkaa maayiitti darban

Madda suuraa, PA Media
Ibsa waa'ee suuraa, Bukaayoo Saakaan galchii Ingiliziif galcheen leellifamaa jira Taphoota hirboo maayii (nuusa xumuraa) Waancaa Awurooppaa Jimaataafi Sambata taphatameen biyyoonni afur walakkaa maayiif (walakkaa xumuraaf) darban baramaniiru.
Guyyaa Sambataa Siwizerlaand kan morkatte Ingiliz yeroo idileetti 1 fi 1 adda baate. Siwiizarlaandiif Emboloo, Ingiliziif immoo Bukaayoo Saakaatu galche.
Yeroo dabalataa kennameen waan wal mo’uu dhabaniif Ingiliiz penaalitiidhaan 5 fi 3'n mo’attee dabarte.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Galchii lammataa Nezarlaandis itti injifate kan galmaa'e erga taphataan Turkii ofirratti galche boodadha Tapha lammataan Nezarlaandis duubaa kaatee lama galchuun 2fi 1’n Turkitiin mo’atte.
Guyyaa Jimaataa Ispeeniifi Faransaay morkattoota isaanii mo’anii darbuun ni yaadatama.
Akkaatuma kanaan torban dhufu biyyoonni afran waancaaf dhihaachuuf wal morkatu.
Kibxata Ispeeniifi Faransaay, akkasumas Roobii taphni Nezarlaandis fi Ingilizii haalaan eegama.
Biyyoonni mo’atan kallattiin morkii Waancaa Afrikaaf kan dhaqqaban ta’a.
Taphni xumuraa Waancaa Awurooppaa torban har'aa guyyaa Dilbataa taasifama.
Haleellaa Israa'el mana barumsaa Gaazaatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman

Ibsa waa'ee suuraa, Akka qondaaltonni Gaazaa jedhanitti kan du'aniin ala yoo xiqqaate namoonni 50 ta'an miidhamaniiru Haleellaa qilleensaa Israa’el mana barumsaa Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman jedhan qondaaltonni Filisxeem.
Namoonni yoo xiqqaate 50 ta’animmoo miidhamaniiru.
Akka ministeerri fayyaa Hamaas hoogganu ibsetti, gamoon mana barumsaa rukutame kaampii baqattoota Nuseriyaa kan baqattoonni hedduu itti dahatan ture.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa’el ‘’shororkeessitoota naannawa mana barumsaa Al-Jaawuniitti sosso’an’’ rukutuu ibse.
Gabaasi biraa namoonni 10 haleellaa qilleensaa biraa gamoo kaampii keessa jiru rukuteen ajjeefaman jedhe.
Haleellaan kuni Israa’eliifi Hamaas gidduu mariin eegaluu mara osoo jedhamaa jiru mudate.
Israa’el torban dhufu akkaataa kanneen ugguraman gadhiisisuun danda’amurratti garee Hamaas waliin mari’atu akka ergitu ibsiteetti.
Kunis kan dhagahame erga aangawaan olaanaa US tokko Hamaas dhimma dhukaasa dhaabuun danda’amuurratti waliigaleera jedhan boodadha.
Maddi olaanaa Hamaas Rooyitarsitti akka himanitti, marii jalqabaa waraana Gaazaa keessaa xumura tolchuun erga raawwatame booda lammiilee Israa’el ygguraman 16 gadhiisuuf marii akka eegalu waliigaleera.
Miseensa paarlaamaa UK haaraa dargaggeessa ganna 22 waliin wal baraa

Madda suuraa, Sam Carling
Dargaggeessi ganna 22 miseensa paarlaamaa UK ta'uun filatame. Dargaggeessi Saam Keeriing jedhamu sagalee caalmaa argachuun kan filame yoo ta’u, gara Weestminstar yeroo qajeelutti umuriin isaa xiyyeeffannoo ta'uu akka hin barbaanne dubbate.
Miseensi paartii Leebiir, Saam “nama umurii xiqqaa miseensa mana maree” ta’uu hin oolu.
Innis Kaaba Lixa Kaambiriijshiire irraa erga sagalee walitti dhiyaataan injifateen booda aangoon miseensummaa mana maree bakka bu'ootaa kennameef.
Barataan Maastarsii Yunivarsiitii Kaambiriijii irraa saayinsiin eebbifame kunis, miseensa paarlaamaa paartii Konsarvaatiivii durii Shaayileesh Vaaraa sagalee 39n injifachuudhaan kan teessoo kana fudhate.
Dargaggeessii miseensa mana maree Saam Kaarling, injifannoo isaa kanas ''siyaasa kirkira lafaa'' jechuun kan ibse yoo ta'u, dargaggoonni hedduun aangoo mootummaaf akka kaka’an abdii qabaachuu dubbate.
"Isaan boodas Paarlamaa fi manneen maree naannoo keessatti bakka bu'anii ofii isaanii argu. Rakkoo furmaata dhabu hambiisuuf ni gargaara," jedhan.
"Daa'imni mana maree" kanaan dura Yunivarsiitii Oksifoord irraa eebbifameefi miseensa paarlaamaa paartii Leebar waliin kan ture Kiir Maater yoo ta'u, filannoo bara 2023ttiin Seelbii fi Ainstii kan injifateedha.
Michuun Raashiyaa MM Haangaarii Puutiin waliin Mooskootti wal argan

Madda suuraa, EPA
Ministirri Mummee Haangaarii, Viiktoor Orbaan daawwannaa hooggantoota Gamtaa Awurooppaa fi mootummaa Yukireeniin hedduun qeeqamaa tureen, Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin Moskootti wal argan.
Walgahiin Jimaata darbe kan Mr Orbaan qaama ''ergama nagaa'' jedhanii kanas, daawwannaa Kiiviitti taasisanii erga prezidaantii Yukireen, Volodymyr Zelenskii waliin wal arganii guyyaa sadii boodadha.
Haangaariin biyya reefu pirezidaantummaa Mana Maree Gamtaa Awurooppaa kan fudhatte yoo taatu, hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa garuu Mr Orbaan gamticha bakka bu’uun akka hin sochoone cimsanii dubbataniiru.
Mr Orbaan hogganaa mootummaa Gamtaa Awurooppaa erga Raashiyaan bara 2022tti weerara guutuu Yukireen irratti raawwateen booda Kirimliin waliin hariiroo cimaa qabu kan qofaati.
Walgahii sa'aatii hedduu fudhate boodas MM Haangaarii Raashiyaa fi Yukireen ammallee ilaalcha nagaa buusuu irratti qaban kan ''wal irraa fagaatuudha'' jedhan.
''Waraana kana dhaabuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachuutu barbaachisa, garuu mariitti deebisuuf tarkaanfii jalqabaa fudhanneerra,'' jedhan.
Hogganaan Raashiyaas mariichaan ''ifaafi faayidaa qabeessa'' jechuun ibsan.
Akkasumas yaada kanaan dura Yukireen kuufteefi akka naannolee kibbaa fi baha biyyattii kan Raashiyaan ofitti makuu himtu keessaa akka baatu gaafatu irra deebi’anii dubbatan.
Naannoon kunis daangaalee yeroo ammaatti Raashiyaan to'attee hin jiirre kan of keessatti hammatuudha.
Zelenskiin yeroo dheeraaf Raashiyaan Kiremiyaa dabalatee, hanga humnootashee daangaalee Yukireen keessa baaftuutti waliin akka hin mari'annee ibsaa ture.
Kiir Istaarmar yeroo jalqabaaf kaabinee isaanii waliin walargan

Madda suuraa, POOL
Ministirri MUmmee Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmar har'a yeroo jalqabaatiif kaabinoota isaanii waliin walgahii gaggeeffatan.
Walgahiin kaabinootaa kunis konfaransii haaraa har'a booda keessa gaggeessuuf jiran dura kan gaggeeffamedha.

Madda suuraa, EPA
Dubartii gowwoomsitoota “nam Chaayinaan yakkaan barbaaddu” jechuun amansiisun saamamte

Lammiileen Chaayinaa addunyaa maratti argaman gowwoomsaa bal'aa yakkamtoonni poolisii Chaayinaa of fakkeessaniin irratti xiyyeeffatamaa jiru.
Dubartiin lammii Biriteen-Chaayinaa taatee tokko, qusannoo bara jireenyaashee namoota gowwoomsaa karaa viidiyootiin uffata dambii uffachuun kan buufata poolisii fakkaatu ishee dowwachiiseetti dabarsitee akka kennite BBCtti himteetti.
Heelan Yaang waa’ee torban lamaa dura akka tarree Chaayinoota baayyee barbaadaman keessa jirtutti akka amantu waan ishee taasisee ammalleen naasuu keessa jirti.
Gowwoomsitoonni poolisii Chaayinaa of fakkeessanii, herregaa lammiilee Landan keessa jiraattu kana biyyashee keessatti hanna guddaa raawwatameen qoratamaa akka jirtu ishee amansiisan.
Heelan ragaa sobaa baayyee kan yakka isheen homaa hin beekne keessatti akka hirmaattee mirkanneessuu fakkaatu dhiyaateef.
Isaan boodas poolisiin sobaa sun erga mana hidhaa Chaayinaa keessatti dabarsitee akka ishee kennitu ishee doorsisaniin booda, Heelan qusannoo ishee bara dheeraa Paawundii 29,000 akka “maallaqa wabii”dhaaf erguun, Biriteen keessa turuuf yaalii abdii kutannaa goote.
“Ammatti xiqqoo gowwummaa natti dhaga’ama,” jetti. “Garuu ammoo carraan taateen sun soba ta'usaa itti beekuu danda’u hin turre. Akka malee amansiisaa ture”.
Mudannoon Heelan kunis waan addaa fakkaachuu danda’a ta'a. Garuu ammoo diyaaspooraa Chaayinaa keessattiwanati walfakkaataan akkasii namoonni hedduun mudateera.
Narsiin daa'ima yeroo malee dhalatte ajjeessuuf turte hidhaa umurii guutuu biraan adabamte

Madda suuraa, Cheshire Police
Narsiin duraanii Luusii Leetbii, daa'ima durbaa yeroo malee dhalatte ajjeesuuf yaaluusheetti hidhaan umurii guutuu biraa itti murtaa'e.
Dargaggeettiin ganna 34 Kun, duraanis Waxabajjii 2015 hanga Waxabajjii 2016 gidduutti, Hospitaala 'Countess of Chester' jedhamu keessatti daa'imman torba ajjeesuu fi namoota biraa jaha ammoo ajjeesuu yaalii taasisuun hidhaarratti argamti.
Kibxata darbe ammoo irra deebiin murtii darbeen, mucaa biraa Baby K jedhamuun beekamtu ajjeesuuf yaaluudhaan yakkamtu ta'uunshee mirkanaa'eera.
Leetbiin Hagayya darbe hidhaa umurii guutuu 14 itti murtaa'uuf gara buufata doonii ol ba'uu diddee turte.
Haata'u malee, kanaan dura buufata yeroo murteen 15ffaan itti murtaa'u doonii keessa turte.
Abbaan murtii dhaddacha himannaa ajjeechaa ishee jalqabaa irrattihimannaawwan yaalii ajjeechaa lama irraa bilisa kan taasise yoo ta’u, himannaawwan dabalataa ja’a kan abbootiin murtii sun murteessuu hin dandeenye, kan Baby K ilaallatu dabalataan ture.
Jalqaba torban kanaatti ammoo, gareen murtii irra deebiin murtii daa'ima "baay'ee yeroo malee dhalatte" tokko Guraandhala 17, 2016 gara ganamaarratti ujummoo hafuura ittiin baafachaa turte irraa buqqisuun ajjeesuuf yaaluusheetti yakkamtu ta'un itti murtaa'e.
Haati daa’ima K jedhamuun adda baafamtes, erga ulfi irraa ba’ee booda Baby K ulfaa'uu, bakka Leetbiin jirutti mana murtiif ibsa kenniteen dubbiste.
Isheen: "Haala kana keessatti dhiisii daa'imni tokko yoo baddalamtu hagam yeroo dheeraaf gaaga'amni isaa akka cimaa ta'e ni hubatama,'' jette.
Ilaalcha fooyya’aa qabu kan jedhaman Masuud Pezeshkiyaan pirezidaantii Iraan ta’uun filaman
Saamu'eel Etoon namuusa cabse jedhamuun $200,000 adabame

Madda suuraa, Getty Images
Qaamni Kubbaa Miilaa Afrikaa bulchu, pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Kaameeruun (Fecafoot) Saamu'eel Etoo, naamusa cabsuu isaatti doolaara kuma 200 adabe.
Garuu ammoo, himannaa taphoota sirreessuu waliin walqabatu irratti dhiyaatee ture itti fufuudhaaf ragaa gahaa hin arganne.
Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) bara darbe ji'a Hagayyaa keessa ture amala Etoo irratti qorannoo kan bane.
Kanas kan raawwate erga ''ibsa barreeffamaa michoota Kubbaa Miilaa Kaameeruun hedduu irraa'' erga argateen boodadha.
Paanaaliin naamusaa, taphataan Kubbaa Miilaa Afrikaa yeroo afur kan ta'e kun, dhaabbata tirgaa 1XBET'f ambaasaaddara ta'uuf kontiraata mallatteessuudhaan "seera naamusaa, qulqullinaa fi ispoortii (Caf) akka malee cabseera" jedhe.
Abukaatoon saamu'eel Etoo murtii kana irratti ol’iyyannoo akka dhiheessan himan.
1XBET kutaalee kubbaa miilaa piroofeeshinaala dhiiraa lama Kaameeruun keessatti argamaniifi gareewwan idil-addunyaa dhiiraa fi dubartootaa lamaan kan maallaqaan deeggaruu yoo ta'u, dambiiwwan qaama kubbaa miilaa addunyaa bulchu (Fifaa)n garuu namoonni seerasaattti bulaniif hirmaannaa tirgaa kubbaa miilaa waliin walqabatu kamiyyuu akka hin hayyamamne ibseera.
Ji'a Adooleessa darbe, kilaboota bakka bu'oota garee amaataroota Kaameeruun, Etoon aangoorraa akka ka'uuf waamicha dhiyeessanii ture, hariiroo dargaggeessi ganna 43 kun 1XBET waliin qabu irratti yaaddoo qaban ibsuudhaan.
Kanas, Fecafoot keessatti ''wal fakkaachuu dhabamu cimaa'' kaasuudhaan gaafatan.
Etoo naamusa ilaalchisee seera CAF cabsuun yakkamaa ta'uun yoo mirkanaa'u, qoqqobbii tapha walsimsiisuun walqabatee irratti dhiyaate jalaa garuu miliqeera.
Paanaalii naamusaa "ragaan gahaan hin jiru" jechuun murteesse.
Artistiin suuraa pirezidaantii Taanzaaniyaa gube hidhaan itti murtaa’e
Pirezidantiin Keeniyaa dargaggoota morman waliin kallattiin falmii gaggeessan

Madda suuraa, @WilliamsRuto
Ibsa waa'ee suuraa, Falmiin akkanaa kana dura Keeniyaa keessatti taasifamee hin beeku Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo guyyaa har’aa X (kan dur Tiwiitara jedhamu) gubbaa dargaggoota Keeniyaa mormii gaggeessan waliin falmii gaggeessaniiru.
Hirmaattotarraa gaaffiin jajjabaa dhihaateeraaf.
Pirezidantichi yeroo jalqabaaf gara jabummaa poolisiif dhiifama gaafataniiru.
Falmii onlaayinii kana namoonni 150,000 ol caqasaa turan.
Kanneen hirmaatan keessaa pirezidantichaan ‘sobduufi gara jabaadha’ jedhanii ibsan turani.
Angawoonni isaan muudan malaammaltummaa keessa akka jiran kan ibsanis jiru.
Pirezidantichi garuu tasgabbiidhaan deebisaa turan.
Komishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa lakkoofsi namoota mormii guyyoota kudhan dura eegaleen ajjeefaman 40 ol jedheera.
Pirezidantiin Keeniyaa garuu kan ajjeefaman 25 jechuun ibsan.
Wixineen seeraa ummanni gibira dabalataa akka kanfalu gaafatu mormii qunnameen haqameera.
Haa ta’u malee, pirezidantichi akka aangorraa ka’aniifi poolisoonni ajjeechaa raawwatan akka seeraan gaafataman gaaffiin itti fufeera.
Kana gidduutti ture pirezidant Wiiliyaam Ruutoo kanneen isaan cimsanii morman waliin kallattiin falmii kan gaggeessan.
Poolisii kallattiin akka hin ajajne kan ibsan Ruutoon, himannaan dhihaate akka qoratamu garuu akka taasisan dubbatan.
Kanneen mariirra hirmaatan keessaa tokko yeroo ajjeechaan raawwatu waan taajjabe dubbateera.
Kan biraammoo humnoota nageenyaa butamee gadhiifamu ibse.
Ragaawwan qaban akka erganif Pirezidant Ruutoon hirmaattotaaf deebisaniiru.
Badiiwwan raawwataman jedhaman akka qoratan waadaa seenan.
Marii kana gaggeessuu dura Ruutoon bajati Giiftii Dureefi kaan akka hafu dabalatee murteewwan ijoo kaan ibsa kennaniin ifa godhaniiru.
Keeniyaan liqaa dolaara biiliyoona 80'tu irra jira.
Aangoo wal harkaa fuudhuu saffisaa UK suuraan

Madda suuraa, PA Media
Ministirri muummee haaraan UK Kii Istaarmar haala saffiisaa fi naga qabeessa ta'een aangoo ministira muummee duraanii Riish Suunaak harkaa fudhatan.
Adeemsi aangoo walitti dabarsuu siyaasa Biritishi haalaa saffi]isaadha. Battaluma paartiin ministira muummee haaraa injifachuun barameetti aangoo wal harkaa fudhu.
Ministiroonni Muummee haaraafi kan duraas Mootii biyyattii waliin dhunfaatti walgahii taasifatu.
Isaan boodas giiftii duree isaanii waliin ta'udhaan deeggartoota isaanii galateeffatu yeroo gabaabaadhaaf masaraa moootii dura dhaabbatanii.
Achittis Ministira Muummee duraanii bahuudhaaf gara alaatti yoo deeman MM haaraan ammoo hojii isaanii eegaluuf gara keessatti seenu jechuudha.

Madda suuraa, NO 10 DOWNING STREET
Ibsa waa'ee suuraa, Suunaak haadha warraa isaanii waliin 
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, MM haaraa Kii Istaarmar Mootii biyyattii waliin 
Madda suuraa, PA MEDIA
Ibsa waa'ee suuraa, MM Istaarmariifi haadha warraa isaanii Viikitoriyaan deeggartoota waliin 'Paartii biraa filatanis dhiisanis mootummaankoo isin tajaajila' - MM haaraa UK

Madda suuraa, Pool
Ministirri Muummee haaraan UK har'a yeroo jalqabaatiif haasaa taasisan Kii Istaarmar haasaa isaanii milkaa'ina MM duraanii Riish Suunaak galmeessaniif galateeffachuun eegalan.
Istaarmar ''Riish Suunaak MM lammii Biritishiifi Eeshiyaa jalqabaa ta'e yaalii addaa inni biyya kanaaf taasise eenyuunu tuffatamuu kan hin qabne waan ta'ef galateeffachuun barbaada'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''kutannoofi cimina Sunaak hoggansa isaa keessatti agarsiiseef'' beekkamtii kennuufiin barbaada jedhan.
Itti fufuunis, ummatichaan isin ''Paartii Leebariif sagalee kennitanis dhiiftanis, kallattiidhaan kanan isiniin jedhu, mootummaan kiyya isin tajaajila'' jedhan MM haaraan UK kun.
''Siyaasni humna gaarii ta'u danda'a. Nutis isuma agarsiifna. Nutis Leebar Paartii jijjirree tajaajilaaf deebineerra. Akkasiinidha kan bulchinu.
"Biyya dursaadha, paartiin lammaffaarra dhufa. Biyyi keenyas jijjiirama cimaafi siyaasni akka tajaajila ummataatti deebi'uuf sagalee kennite'' jedhan MM haaraan Istaarmar.

Madda suuraa, PA Media
Hezbollaan rookkeettiifi diroonii 200 ol Israa'elitti dhukaase
Filannoo UK'n Paartiin Riishii Suunaak waggoota 14 booda mo'ame
Hoogganaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa angoorraa gaggeeffaman

Madda suuraa, FBC
Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kan ta'an Dr. Daani'el Baqqalaa aangorraa gaggeeffaman.
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, Dr. Daani'eel Baqqalaan bara hojii isaanii waan xumuraniif aangoorraa gaggeeffaman.
Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta'an Obbo Taaggasaa Caafoo, Komishinara Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaaf gaggeessaa taasisuutu gabaafame.
Dr. Daani'el Baqqalaa ALI bara 2011'tti Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka gaggeessaniif Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyaachuun muudaman.
Kana dura dhaabbilee mirgaaf falman kan akka HRW fi Aminastii keessa hoggantummaan kan dalagan Dr Daani'el, gama mirga namoomaan nama Itoophiyaa keessaa haaromsa guddaa fidu jedhamuun itti abdataman turan.
Haalli siyaasaa biyyattii keessaa bara hojii isaanii keessa ture garuu rakkoo guddaaf saaxilamuu irraa kan ka'e sarbamni mirgoota namoomaa guddaan yerootti raawwatame akka tahe dhaabbileen mirgoota namoomaa adda addaa ni himu.
Waraana Tigiraay waggoota lamaaf ture, wal dhabdee humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO Oromiyaa keessaa akkasumas rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessaa biyyichatti sarbamni mirgoota namoomaa akka raawwatamniif kanneen gumaacha olaanaa qaban akka tahe himama.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bajata mootummaan kan sosso'u ta'us, hojii isaa keessa garuu mootummaan akka hin seenne kana dura beeksisee ture.
Bakka Dr Daani'el Baqqalaa eenyu akka muudamu ammatti hin himamne.
Sheefiin Beekaman Gaanaa sobee Badhaasa Giinas Buuk qaba jedhee nama gowwoomsaa ture jedhamuun himatame

Madda suuraa, Chef Smith Cook-A-Thon/X
Sheefin Gaana sa'aatii dheeraa dhaabbatee nyaata bilcheessun sa'atii Giinas Buuk irratti qabamee ture akka waan cabsee tureetti sobee of beeksisaa ture to'atame.
Ebeneezar Ismiiz sa'aatii 802 fi daqiiqaa 25 osoo walirraa hin kutin nyaata bilcheessun addunyaa irratti seenaa dalageera jechuun gaafa Kibataa ibsa miidiyaaf kennee ture.
Akka inni jedhetti, ji'a tokko oliif osoo addaan hin kutin nyaata bilcheessaa ture.
Namni akka isa hin shakkineef ammoo addunyarratti nama sa'aatii dheeraa nyaata bilcheesse kan jedhu Guinness World Records (GWR) irraa Waraqaa Ragaa argadheera jechuun dhiyeesse.
Dubbiin lammii Gaanaa kun "soba adiidha" jechuun Guinness World Records (GWR) waraqaa ragaa homaatuu akka hin laannef beeksise.
Guinness World Records miidiyaa Gaanaf akka ibsetti, sheefii Gaanaa kana irraa iyyanni homaatuu isa hin geenye, beekamtii homaatuu hin laannef.
Ebeneezar Ismiiz, ani addunyaarratti nama sa'aatii dheeraa nyaata bilcheessun rikardii haaraa galmeessedha jedhee of beeksisee baay'ee osoo hin turin 'sobduudha' jedhamee poolisiin to'atame.

Madda suuraa, Chef Smith/Facebook
Deebii Hamaas karoora dhukaasa dhaabuuf kennu qorataan - Israa'el

Madda suuraa, Reuters
Israa'el tartiiba karoora dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan Pirezidantii Baayiden dhuma baatii Caamsaa irratti baasaniif deebii Hamaas kenne qorachaa akka jirtu dubbatte.
Kunis kan dhagahame erga hoggansi siyaasaa Hamaas, ''waa'ee yaada kanaarratti'' Masrii fi Kaataar akka jiddu galuudhaan waliigaltee irra gahamuuf kaayyeffatee mari'achuu ibsee boodadha.
Hanga ammaatti Hamaas waraanni guutummaan akka dhaabbatuu fi loltoonni Israa’el guutummaatti Gaazaa keessaa akka ba’an gaafate.
Israa'el ammoo hanga Hamaas dhabamsiistutti lola yeroof kan dhaabdu yoo ta'e qofaa akka fudhattu dubbatti.
Qondaalli Filisxeem marii kana keessoosaa beekan BBC'tti akka himanitti, kanaan booda Hamaas karoora marsaa sadii baheerratti dhukaasa dhaabuu guutuuf cichee hin didu.
Pirezidanti Baayiden karoorri isaan ibsan yaada Israa’el bal’inaan dhiheessite irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru.
Marsaan jalqabaa "dhukaasa dhaabuu guutuu fi guutuu," humnoonni Warraana Israa'el naannoolee ummanni itti baay'atu keessaa bahuu fi hidhamtoonni Filisxeem ammoo booji'amtootaan akka wal jijjiiraman kan dabalatu ta'a.
Marsaan lammaffaan "dhaabbataadhaan waldhabdee xumuruu" kan of keessaa qabu yoo ta'u, marsaan sadaffaan ammoo karoora deebisanii ijaaruu Gaazaa guddaa fi reeffa booji'amtoota ajjeefamanii deebisuun xumuruu kan of keessaa qabu ta'a.
Ibsi waloo waajjira Ministira muummee Israa'elii fi dhaabbata basaasaa Moosaad irraa Roobii halkan kenname akka jedhetti, jaarsonni kunneen ''dubbii Hamaas sarara waliigaltee booji'amtootaa irratti kenne garee marii [Israa'eliif] himaniiru'' jedha.
Itti dabaluudhaanis, “Israa’el dubbiicha madaala kan jirtu yoo ta'u, deebii ishee araarsitootaaf ni dabarsiti” jedheera.
