Neetaaniyaahuun warraanni Israa'el daangaa Masrii fi Filisxeem bakka murteessituu Filaadelfii 'Koriidar' hin gadhiisu jedhan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuu, waraanni biyyasaa daangaa Kibbi Gaazaa Masriin wal daangeessan bakka faayidaa tarsimoowaa qabu 'Koriidarii Filaadelfii' akka gadi hin dhiifne dubbatan.
Ministirri Mummichaa ibsa miidiyaalee addunyaatiif kennaniin, waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa gara fuulduraatti taasifamu keessatti, daangaa Masriifi Filisxeem irra loltoota Israa'el qubachiisuuf yoo carraan gara biraa jiraate, ''fudhachuudhaaf qophiidha'' erga jedhaniin booda, ''filmaanni gara biraan kan jiru natti hin fakkaatu'' jedhan.
Neetaaniyaahuun qaxanaa bilisaa kana keessa daddabarsa meeshaa waraanaa ittiisuufi kanneen boji'aman akka gara biraatti hin dabarfamneef waraanni Israa'el turuu qaba jechuun falman.
Israa'el Koridarii Fiilaadelfii keessaa waraanashee hin baastu jechuunshee, yaalii waliigaltee nagaa yeroo dheeraa eegalame gufachiisuuti jechuun Hamaas mormuu Rooyitars gabaaseera.
Itti dabalunis yeroon Israa'elrratti dhiibbaan irratti taasifamuu qabu ammadha jedhe.
Ministirri Mummee Israa'el ibsa yeroo kennan, gara fuulduraatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu kamuu kan jiraatu yoo ta'e, kan gama koridarii Fiilaadelfiitiin ''qaawwa kamuu dhiisu'' ta'u hin qabu jedhan.
''Barreeffamaan ykn jechaan osoo hin taane, filmaanni waan qabatamaadhaan gocha Koriidarii sanarratti ta'aa jiru dhaabsiisu yoo jiraate fudhachuuf qophiidha'' kan jedhan Neetaaniyaahuun, ''kun yoo ta'u hin mul'atu. Sun hanga ta'utti ammoo achuma turra'' jedhan.
Neetaaniyaahuun irra deddedeebiin fedhiin agarsiisaa jiran waraana saanii kibba Gaazaa keessaa baasuudhaaf 'fedhii omaa akka hin qabne'' mirkanneessaa kan jirudha.
Fedhiisaanii kana cimsuun kan dubbatan yoo ta'u, barbaachisummaan loltoonni Israa'el daangicharra ''sarara diimaadha'' jechuun ibsan.
''Namoonni murteen kun (daangicha keessaa loltoota Israa'el baasuun) waliigalticha danqa jedhu. Ani garuu nu hin danqun jedha'' jechuun dubbattan.
Neetaaniyaahuun torban darbe namoonni Hamaasiin butamanii turan jaha ajjeeffamuu hordofee yaada kennaniin, gochaa ''sababa malee, kan safuu hin qabneefi fayyummaan kan hirratuudha'' jedhanii ture.
''Sararawwan diimaa qabna. Sararoota kanneen hin jijjirre. Qabannee turras'' jedhan.
Fedhiin MM Israa'el loltoonni isaanii akka daangaa Masriifi Filisxeem irra turan jedhus, ministira ittisaa isaanii dabalatee, hoggantoonni nageenyaa isaanii, waraanaa biyyattii daangaa irratti argaman, filannoowwan akka teeknooloojii sochii achii jiru ittiin hordofamuu ykn humnoonni biyyoota michuu ta’anii akka qubataniif deeggaruunsaanii bal’inaan gabaafameera.

Madda suuraa, Reuters













