Tamsaasa kallattii Roobii eegalle
Tamsaasa kallattii kanaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsinee isin biraan geenya.
Nu hordofaa!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Israa’el akka beeksisetti, lammilee Israa’el namoota nagaatu dhukaasa naannoo riqicha Aliinbiyi jedhamutti banameen ajjeefaman.
Tamsaasa kallattii kanaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsinee isin biraan geenya.
Nu hordofaa!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo xumurame.
Roobii ganama walitti deebina.
Nagaan bulaa!
Mootummaan naannoo Amaaraa sagantaa ‘saamicha, namoota butuu fi ajjeechaa naannicha keessatti raawwatu kan hogganu hidhattoota naannicha keessa socho’ani jechuun himate.
Biiroon dhimma nageenyaa naannichaa ibsa baasee keessa hidhattoonni kun kam akka ta'an maqaa hin dhoofne.
Yeroo adda addaatti garuu hidhattoota Faannoo humnoota mootummaa lolaa jiraniitu badii akkanaaf irra deddeebiin himatama.
Hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan naannicha keessa bal'inaan socho’aa qaamolee nageenya mootummaa waliin wal lolaa turuu gabaasaa turre.
Biiroon dhimma nageenyaa naannichaa ibsa baaseen qaamolee nageenyaa mootummaa ‘ittigaafatamummaa isaanii hin baane’ jedhu 14 to’achuun qorataa jiraachuu ibseera.
Kunneen garuu ajjeechaa Gondaritti raawwateen walqabate ta'uu isaa ibsi bahe hin ibsine.
Daa'imni ganna lamaa ugguramtee ajjeefamuu hordofee jiraattonni dheekkaman hiriira bahanii gidduutti namoonni ajjeefamaniiru.
Jiraattonni BBC'n dubbise, humnoota mootummaa himatani.
Dhiyeenya kana Gondaritti ugguranii maallaqa nama gaafachuun gara ajjeechaatti ce’e kan jedhu ibsi kun, daa'ima ugguramtee ajjeefamte fayidaa siyaasaaf oolchuu yaaluun ‘’lubbuu daa’immaniirratti qoosuudha’’ jechuun ibse.
Ajjeechaa raawwateef humnoota mootummaa qofatti quba qabunis sirrii akka hin taane ibse.
Jiraataan BBC'n dubbise tokko walitti bu'insa humnoota mootummaafi namoota addabaabaayiitti bahan gidduutti uumame hordofuun rasaasni dhukaafamuu himan.
Naannichi qaamni hidhate ittiin jedhe nama ugguruufi ajjeechaa bakkeewwan naannichaa garagaraatti raawwata jechuun ibse.
Addatti garuu Gondar keessatti badiin raawwatu ‘’gaddisiisaafi ajandaa diinaa beekaa itti yaadamee raawwatamudha,’’ jechuun ibse.
Namoota ugguramuun miidhaan irra qaqqabeef mootummaan naannicha akka gaddee fi hiidhattoota nageenyaa hawaasaa jeeqan tarkaanfii ‘’keessaa deebii hin qabne’’ fudhanna jedhe.
Kana malees qaamolee hawaasaa eeruu kennuun akka gargaaranillee mootummaan naannichaa gaafateera.
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 Gadii Peeruu, Limaatti dorgomamaa tureerratti dorgome galgala kana biyyatti deebi'e.
Gareen Itoophiyaa warqii jaha, meetii lamaafi nahaasa lama walumaagala medaaliyaa kudhan injifachuun mataa biyyoota Afrikaa ta'un xumure.
Addunyaarraa immoo Ameerikaa qofatu isaan caala.
Buufata Xiyyaaraa Booleetti yoo dhaqqaban simannaan taasifameeraaf.
Giift-dureen Yuukireen Olenaa Zeleniskii namoonni 49 du’uu fi namoonni 206 madaa’u himan.
Eegasii aangawaan Yukireen biraa akka dubbatanitti lakkoofsi namoota ajjeefamanii 51 gahuu himan.
Olenaa halleellaa sun’’ gaddisiisaa’’ jechuun ibsuun Raashiyaan waan hunda caalaa gati-jabeessaa kan ta’e lubbuu keenya yeroo hunda nurraa fudhataa jirti’’ jedhan.
Poltavaan taatee kana hordofuun gadda guyyoota sadii labsite.
Pirezidanti Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin haleellaa Poltavaatti Raashiyaan raawwatte kanaan jaarmiyaan kominikeeshinii waraanaa biyyattii gartokkeen manca’uu himan.
Loltoonni fi leenjitoonni waraanaa haleellaa kanaan warreen miidhaman keessatti argamu jedhamee yaadama.
Zelenskiin biyyoonni Lixaa meeshaalee ittisa haleellaa qilleensaa dabalaa akka kennaniif gaafatan.
Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti ajjeechaa daa’ima waggaa lamaa mormuuf hiriira bahanirratti dhukaasa qaamolee nageenyaa baniin namoonni afur ajjeefaman jedhan jiraattonni.
Daa’imni Nolaawwit Zagayyee, erga butamtee guyyoota sadii booda reeffi ishee argame.
Dhimma ajjeechaa namoota mormiif bahanirratti dhaqqabe jedhameerratti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Daa'imi kun erga butamtee ukkaamfamtee booda dhuma torbee darbeerratti namoonni eenyummaansaanii hin beekamne maatiishee maallaqa birrii kuma 300 gaafatanii turan.
Jiraattoonni magaalichaa haqni daa’ima kanaa akka bahu gaafatanirratti haleellaan baname jedhu namoonni BBC dubbise.
Namni taate sana arguu himu namoonni ’’reeffa daa’imaa baatanii, sagaleen keenya haa dhagahamu, ugguramuun nurraa haa dhaabatu’’ jedhanii bahanirratti humnooti mootummaa dhukaasa bananii jedhan.
Hiriirri sun naga qabeessa akka ture dubbata namni BBC dubbise kun.
Jiraataan biraa ijoollee fi dubartoota dabalatee walumaagalatti namoonni shan ajjeefaman jedha.
Namoota ajjeefaman keessa lama konkolaachistoota baajajii ta’uufi sirni awwaalchasaanii raawwatamuu himan.
Dabalata: Gabaasa guutuu asii dubbisaa.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin erga akka hidhaman bara darbe ajaji erga irratti bahee yeroo jalqabaatiif biyya miseensa mana murtiichaa daawwatan.
Puutin hogganaa Mongoliyaatiin kabajaan magaalaa guddoo biyyattii Ulaanbaaratti Kibxata har’aa simataman.
Hogganaa Raashiyaa kun seeran ala ijoollee Yuukireen biyyaa baasan ykn ariyan jedhamuun mana murtichaan barbaadamaa jiru.
Dubbi-himaan Kiremliin, daawwanna kanarratti Puutin nan hidhama jedhanii akka hin yaaddofne himan.
Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin Raashiyaan magaalaa baha Yuukireen Poltavaa jedhamu haleeltee namoota 41 ol ajjeesuun, namoota 180 madeessuu himan.
Magaalaan Poltaavaa misaayiloota bilaastikaa lamaan haleelamu himan.
Zeleniskiin akka himanitti, dhaabbileen barnootaafi hospitaalaa dhiyeenyatti argamu misaayila Raashiyaan rukutamaniiru.
Gamoowwan dhaabbata kominikeeshinii keessaa tokko gartokkeen barbaada’eera jedhan.
Qondaalli Poltavaa Filip Pironiin jedhamu ‘kun warra Poltaavaa guyyaa hamtuudha’’ jechuun namoota firoottan isaanii dhabaniif jajjabina hawwan.
Atileetiin Yugaandaa Rebekaa Chepteegee erga hiriyaanshee dhiiraa boba'aa itti fifirsee gube jedhamee garmalee miidhamtee hospitaala Keeniyaatti yaalamaa jirti.
Atileetiin umrii waggaa 33, dorgommii Olompikii Paaris baranaa irratti hirmaatte, kun qaamnishee dhibbeentaa 75 gubachuu poolisiin hime.
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun murteen UKn gurgurtaa meeshaa waraanaa muraasa Israa'eliif raawwattu addaan kutuuf murteessite, ''qaaniidha'' jedhan.
Barreeffamoota miidiyaa hawaasaa jechoota ciccimoo ta'an qabataniin barreessaniin, Netaaniyaahuun dhorkaan gartokkee kun ''kutannoo'' biyya isaanii irratti dhiibbaa akka hin geessisne dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis, “Israa’el, biyya gochaa gara jabiinaa ofirraa ittisu waliin dhaabbachuu irra, murtoon dogoggoraa Biriteen murteessite Hamaas jajjabeessuu qofa oola,” jechuun barreessan.
"Hidhannoo Ingilizii qabaattus qabaachuu baattus, Israa'el waraana kana injifachuudhaan egeree waloo keenya ni mirkaneessiti," jedhu MM.
Israa’el biyya meeshaa waraanaa guddaa gara alaatti ergitu taatus, erga waraana Hamaas waliin jalqabdee garuu waraanni ishee xiyyaarota waraanaa biyya alaatii galfaman, boombiiwwan ammayyaa’aafi misaa’ela irratti baay’ee hirkateera.
Hanga ammaatti meeshaa waraanaa guddaa Israa’eliif dhiyeessudhaan kan US’n gitu hin jiru. Ameerikaan Israa’el waraana addunyaa irratti teeknooloojiin cimaa ta’e akka ijaartufis gargaarteetti.
Jarmaniin meeshaa waraanaa gara Israa’elitti erguun sadarkaa 2ffaa irra kan jirtu yoo ta’u, bara 2019 hanga 2023,meeshaalee waraanaa Israa’el galfatte keessaa 30% akka ta’u Dhaabbanni Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolmi (SIPRI) ibseera.
Bara 2019 fi 2023 gidduutti Xaaliyaan meeshaalee waraanaa Israa’elitti gurgurtu 0.9% kan qabdu yoo ta’u, meeshaaleen waraanaa isheen ergitus helikooptarootaa fi dooniiwwan waraanaati.
Dhiyeessiin waraanaa UK Israa'eliif ergitu ''xiqqaa'' yoo ta’u, akka mootummaan UK jedhutti, bara 2022tti £42m ($53m) qofadha.
Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti namoonni hiriira ba'uun ajjeefamuu daa'ima waggaa lamaa Nolaawit Zagayye jedhamtuu balaaleffataa turan.
Kana gidduutti poolisiin dhukaasa banuun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni sadi du'uu namoonni ijaan argan BBCtti himaniiru.
Daa'imi kun erga butamtee ukkaamfamtee booda dhuma torbee darbeerratti namoonni eenyummaansaanii hin beekamne maatiishee maallaqa birrii kuma 300 gaafatanii turan.
Maallaqa gaafatame kana keessaa garri caalu kaffalameera, garuu daa'imi kun ugguramtee guyyaa afur booda reenfi ishee ollaa qe'ee maatiisheetti gatamee argamuu firoonni daa'imattii himaniiru.
Jalqaba namoonni daa'imattii butan birrii miiliyoona tokko kan gaafatan yoo ta'u, konkolaachisaa kan ta'e abbaan daa'imattii waliin dubbachuun birrii kuma 300 akka kaffalu walii galan.
Kana keessaa birrii kuma 200 kaffalee kuma 100 kan ta'u hafe, dhumarratti reenfa daa'imatti fidanii qe'eetti gatan.
Taateen kun magaalaa Gondar keessatti hawaasa mufachiiseera. Jiraattonni reenfa daa'imattii qabachuun daandiitti ba'anii haqi ishee akka argamu gaafataniiru.
Akkasumas mootummaan eegumsa ga'aa gochuu dhabuusaa qeeqaniiru.
Yeroo dhihoo as yakki nama butanii ugguruun walqabatee mudate Itoophiyaa keessatti akkaan dabaleera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Kibxata har'aa (Fulbaana 03, 2024) baaseen namoota ugguranii maallaqa gaafachuun ''kan dabalee fi babal'achaas kan jiru'' ta'uu eere.
Rakkoon kun daran kan hammaate naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti.
Barreessaan ittisaa UK, Joon Heelii Qaamonni jeettiiwwan F35 maaliif dhorkaa keessatti hin hammatamne jedhamee gaafatamee, jeettiiwwan kun akka hin ammatamneef ''itti yaadeen hojanne'' turre dubbata.
UK fi Israa'el qofaa osoo hin taane biyyoonni addunyaa 20 ta'an jeettiiwwan gara 1,000 ta'an akka fayyadaman dubbata.
"UKn jeettiiwwan gara kuusaa addunyaatti seenan hundaaf, waan murteessoofi barbaachisoo, ta'an ni hojjetti," jedhu barreessaan ittisaa kun.
Itti dabaluunis, sababii kanaatiin, qaamni kami akka jeettiiwwan Israa'eliif ta'an ''adda baasuun baayyee rakkiisaadha'' jedhan.
''Kun hidhata dhiyeessii addunyaa yoo ta’u, UKn dhiyeessii qaama sanaatiif murteessaadha. Oppareshinii jeettiiwwan waraanaa kanneen nageenya UK mataa keenyaaf, michoota keenyaafi Nato keessatti murteessoo ta'an balaaf saaxiluudhaaf qophii miti."
Dhimmoota dhorkaa UK meeshaa waraanaa gara Israa'el irratti ergiturratti dabarsiteen walqabatee Israa'eeliifi namoota siyaasaa UK irraa qeequumsi irratti ka'aa jira. Isaan keessas wantoota ijoo beekuu qabnu kunooti:
Ministirri Mummee duraanii uK, Booris Joonsan murtii hayyama meeshaa waraanaa tokko tokko gara Israa’elitti erguu dhaabuu hordofuun mootummaan UK “Hamas akka injifatu barbaadaa?” jechuun gaaffii kaasaniiru.
Johnson toora miidiyaa hawaasaa isaanii X irratti: “Hamas ammallee Yihudoota qulqulluu hedduu booji’ee kan jiru yoo ta’u, Israa’el ammoo ajjeechaa Onkoloolessa 7, 2023 sun irra deebi’amee akka hin raawwatamne ittisuuf yaalaa jirti jechuun barreessan.
"Laammii fi Istaarmar maaliif Israa'el dhiisaa jiru? Tarii Hamaas akka injifatu barbaaduu?" jechuun gaaffii kaasan
Taateen kun kan mudate magaalaa Jappaan, Yokohama, keessatti yoo ta'u shamarreen umriinshee waggaa kurna keessa jiru gamoo giddugala gabaarraa utaaluun ofiis duutee, namoota irratti kuftes ajjeeste.
Namoota lafa deemaa turanii fi daa'imni kun irratti kufte keessaa lamatu du'an.
Shamarreen umurii waggaa 17 kun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baratti turte.
Giddugala gabaa namoonni itti heddummaatan tokkotti gamoorraa wayita kuftu dubartii umurii waggaa 32 hiriyootashee waliin deemaa turte tokkorratti kuftee ajjeeste.
Lamaanuu gara hospitaalaa erga geeffamanii booda lubbuunsaanii darbe.
Shamarreen kun gamoorraa utaaltee maaliif akka lubbuushee balleessite ifa miti.
Jappaan keessatti namoonni umriinsaa waggaa 18 gadi ta'e guyyaa Fulbaana 1 of ajjeesuun waan baratameedha.
Ragaan mootummaa biyyattii akka mul'isutti lakkoofsi namoota ol-adeemoo manni barumsaa eegalamuu jala gaafa ga'u of ajjeesanii kan yeroo kaanii akkaan caala.
Bara darbe qofa daa'imman 513 Jappaan keessatti haala kanaan lubbuusaanii balleessaniiru.
Balaa kanaaf akka sababaatti kan eerame ''rakkoo mana barumsaa keessa jiruudha.''
Jappaan keessatti barattoonni gara mana barnootaatti deebi'uu hin barbaanne jiru. Isaan kunneen Futoko jedhamuun beekamu.
''Namoota mana barumsaa hin deemne,'' akka jechuuti.
Sababni isaan mana barumsaa lagataniif rakkoo maatii, rakkoo dhuunfaa fi dhibdee hiriyootasaanii waliin qaban, doorsisa fa'a waliin walqabata.
Bara 2020 keessas ol-adeemaan umrii waggaa 17 gamoo giddugala gabaa tokkorraa of darbuun lubbuusaa balleesse.
Namni inni irratti kufe, shamarreen umrii waggaa 19 tokkos yerosuma duute. Gurbaan kun yakka ajjeechaan himatamee kan ture yoo ta'u maatiinsaa warra namni jalaa miidhameef beenyaa kaffaluutu irra ture. Kanuma gidduutti of ajjeese.
Jappaan keessatti of ajjeesuun hir'ataa dhufeera, garuu dhiheenya kana ijoollee reef guddataa jiran biratti akkaan dabalaa jira.
Jappaan biyyoota G7 keessaa biyya of ajjeesuun du'a ol-adeemtotaaf sababa ijoo keessatti ta'eedha.
Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu namoota booji'aman jaha Sambata darbe Gaazaatti du'anii argaman oolchuu dhabuusaaniitiin Israa'eloota ''dhiifama'' gaafatan.
Hamaas ammoo yoo dhukaasa dhaabuu hin danda'amne ta'e kanneen hafan birootiis ''kafanamanii maatii isaaniitti deebifamuu danda'u'' jechuun akeekkachiise.
Yaadnisaa kun kan kenname yeroo mariin Israa'el keessatti guyyaa lammataa qabatee jiruufi ummanni mormiin cimaan daandii irratti gaggeessaa jirutiidha.
UKn meeshaaleen Israa'eliitti gurguraa turtee, seera idil-addunyaa cabsuuf itti fayyadamamti jechuun, balaa akka qaban kaasuun gurgurtaa meeshaa waraanaa tokko tokko dhaabde.
Dhiibbaan Israa'el irratti taasifamus sadarkaa idil-addunyaatti dabalaa dhufeera.
Haata'u amlee, muummichi ministeeraa Israa’el sagalee mormii dhageessisuun, loltoonni ishee Koridoorii Filadeelfii Gaazaa keessaafi lafa tarsiimoodhaan barbaachisaa ta’ee fi marii Hamaas waliin taasifamu keessatti qabxii maxxanuu ta’e, to’achuu akka qaban cichanii dubbatan.