Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammileen Israa'el sadii ulaa Weest Baankii gara Yordaanos geessurratti ajjeefaman

Waraanni Israa’el akka beeksisetti, lammilee Israa’el namoota nagaatu dhukaasa naannoo riqicha Aliinbiyi jedhamutti banameen ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa Wiixata ifa ta'a - Ministeera Barnootaa
  • UN Sudaanitti 'humni walabaa' idil-addunyaa akka bobba'u gaafate
  • Raayyaan 'warra dibbee waraanaa dhahaniifi daangaa dhiiban' qolachuuf qophiidha - F/M Birhaanu
  • Pirezidantiin Masrii waggoota 12 keessatti yeroo jalqabaaf gara Turkii imalan
  • Kaadhimamtoonni Ballon d'Or baraman; Mesiinis ta'e Ronaaldoon hinjiran
  • Ameerikaan filannoo keessatti gidduu seenuun Raashiyaatiin himachuufi
  • Taphni Itoophiyaafi Tanzaaniyaa galchii malee xumurame
  • Maayik Hamar walitti bu'iinsaafi waliigalteerratti mariyachuuf Itoophiyaatti imalu
  • Wayita Chaayinaan walga'iif biyyoota Afrikaa simataa jirtutti MM Abiy Beejiing seenan
  • Misaa'ela Raashiyaatiin 51 ajjeefaman keessa loltoonnis jiru jette Yukireen
  • Mootummaan Naannoo Amaaraa daa'ima Gondaritti ugguramtee ajjeefamteef hidhattoota himate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Neetaaniyaahuun warraanni Israa'el daangaa Masrii fi Filisxeem bakka murteessituu Filaadelfii 'Koriidar' hin gadhiisu jedhan

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuu, waraanni biyyasaa daangaa Kibbi Gaazaa Masriin wal daangeessan bakka faayidaa tarsimoowaa qabu 'Koriidarii Filaadelfii' akka gadi hin dhiifne dubbatan.

    Ministirri Mummichaa ibsa miidiyaalee addunyaatiif kennaniin, waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa gara fuulduraatti taasifamu keessatti, daangaa Masriifi Filisxeem irra loltoota Israa'el qubachiisuuf yoo carraan gara biraa jiraate, ''fudhachuudhaaf qophiidha'' erga jedhaniin booda, ''filmaanni gara biraan kan jiru natti hin fakkaatu'' jedhan.

    Neetaaniyaahuun qaxanaa bilisaa kana keessa daddabarsa meeshaa waraanaa ittiisuufi kanneen boji'aman akka gara biraatti hin dabarfamneef waraanni Israa'el turuu qaba jechuun falman.

    Israa'el Koridarii Fiilaadelfii keessaa waraanashee hin baastu jechuunshee, yaalii waliigaltee nagaa yeroo dheeraa eegalame gufachiisuuti jechuun Hamaas mormuu Rooyitars gabaaseera.

    Itti dabalunis yeroon Israa'elrratti dhiibbaan irratti taasifamuu qabu ammadha jedhe.

    Ministirri Mummee Israa'el ibsa yeroo kennan, gara fuulduraatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu kamuu kan jiraatu yoo ta'e, kan gama koridarii Fiilaadelfiitiin ''qaawwa kamuu dhiisu'' ta'u hin qabu jedhan.

    ''Barreeffamaan ykn jechaan osoo hin taane, filmaanni waan qabatamaadhaan gocha Koriidarii sanarratti ta'aa jiru dhaabsiisu yoo jiraate fudhachuuf qophiidha'' kan jedhan Neetaaniyaahuun, ''kun yoo ta'u hin mul'atu. Sun hanga ta'utti ammoo achuma turra'' jedhan.

    Neetaaniyaahuun irra deddedeebiin fedhiin agarsiisaa jiran waraana saanii kibba Gaazaa keessaa baasuudhaaf 'fedhii omaa akka hin qabne'' mirkanneessaa kan jirudha.

    Fedhiisaanii kana cimsuun kan dubbatan yoo ta'u, barbaachisummaan loltoonni Israa'el daangicharra ''sarara diimaadha'' jechuun ibsan.

    ''Namoonni murteen kun (daangicha keessaa loltoota Israa'el baasuun) waliigalticha danqa jedhu. Ani garuu nu hin danqun jedha'' jechuun dubbattan.

    Neetaaniyaahuun torban darbe namoonni Hamaasiin butamanii turan jaha ajjeeffamuu hordofee yaada kennaniin, gochaa ''sababa malee, kan safuu hin qabneefi fayyummaan kan hirratuudha'' jedhanii ture.

    ''Sararawwan diimaa qabna. Sararoota kanneen hin jijjirre. Qabannee turras'' jedhan.

    Fedhiin MM Israa'el loltoonni isaanii akka daangaa Masriifi Filisxeem irra turan jedhus, ministira ittisaa isaanii dabalatee, hoggantoonni nageenyaa isaanii, waraanaa biyyattii daangaa irratti argaman, filannoowwan akka teeknooloojii sochii achii jiru ittiin hordofamuu ykn humnoonni biyyoota michuu ta’anii akka qubataniif deeggaruunsaanii bal’inaan gabaafameera.

  2. Daldalli Chaayinaa waliinii Afrikaa gargaareeramoo ni miidhe?

  3. Haadha qabeenyaa buna jabanaarraa kaatee waggaa lama keessatti damee hojii baballisaa jirtu

  4. Akkam jirtu? Tamsaasa kallattii har'aa jalqabneerra.

    Akkam jirtu? Odeeffannoo kallattiin isniif dhiyeessinu kan Kamisa Fulbaana 05, 2024 jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!

  5. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii galgalaa xumurame.

    Kamisa ganama walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  6. Kaadhimamtoonni Baalon d'Or baraman; Mesiinis ta'e Ronaaldoon hinjiran

    Mesiin barana badhaasa Baalon d’Or hin injifatu. Sababiin isaa kanneen kaadhimaman keessa maqaan isaa hin jiru.

    Erga 2003 yeroo duraatiifi Mesiinis ta'e Ronaaldoon, lamaan isaanii, badhaasa kanaaf osoo hin kaadhimamin kan hafan.

    Bara darbe Mesiin yoo mo'atu Ronaaldoon hin kaadhimamne ture.

    Tarree kaadhimamtoota 30 har'a ifa ta’e keessa taphattoota Waancaa Awurooppaa 2024 fi Waancaa Chaampiyeens Liigii mo’atanitu gara caalu jira.

    Taphataan Biraazil Vinishiyees Juniyeer taphattoota Maadirid jaha kaadhimaman keessaa tokko ta’eera.

    Riyaal Maadirid bara dorgommii darbe Laaligaa fi Chaampiyeens Liigii injifate.

    Juud Beelingihaam, Daani Karvaahal, Tooni Kiruuz, Antonii Rudigeer fi Fede Vaalverdes kaadhimamaniiru.

    Barana PSG gadhiisee Maadirid kan seene Kiliiyaan Mibaappeenis keessa jira.

    Siitiirraa Haalaand akkasumas Muunik irraa Kaari Keenis kaadhimaman.

    Arsenaal keessaa Bukaayoo Saakaa, Dekilaan Raayis, Odigaard, Saalibaa kaadhimamaniiru.

    Kool Paalmar, Giraanit Zhaakaa, Emiliyaanoo Maartineeziifi kaanis tarree taphattoota 30 keessa seenaniiru.

    Gareen Ispeen Waancaa Awurooppaa irra aane Laamin Yamal, Nikoo Wiiliyaams, Rodri, Daani Olmo, Aleehandiro Girimaaldo fa’is kaadhimamani.

    Badhaasni kuni Onkololeessa keessa Paaris keessatti kennama.

    Barana osoo hin mo’amin waancaa Bundasliigaa kan ol kaase Zhaabi Aloonso badhaasa leenjisaa cimaa fudhachuu danda’a jedhameera.

  7. Pirezidantiin Masrii waggoota 12 keessatti yeroo jalqabaaf Turkiitti imalan

    Daawwannaa waggoota 12 keessatti yeroo jalqabaaf Pirezidantiin Masrii gara Turkiitti taasisanin dhimmoota garagaraarratti mari’atan.

    Hariiroon biyyoota lamaa bara 2013 rakkoo jabaa godhatee ture.

    Kunis yeroos ajajaa waraanaa Masrii kan turan Pirezidantiin ammaa Abdal Fattaah al-Siisiin, Mohaammad Mursii aangoorraa kaasuun booda adda citee ture.

    Sagalee ummataan fulatamuun Pirezidantiin jalqabaa Masrii kan ta’an Mohaammad Murtiin michuu jabaa Turkii turan.

    Eegasii bara 2020’tti ture hariiroo kan tolfatan.

    Guyyaa Roobii Siisiin Ankaaraatti Pirezidantii Turkii Rejib Xayyib Erdogaan waliin sa’aatii lamaaf mari’atan jechuun Rooyitars gabaaseera.

    Ministiroonni biyyoota lamaanii dhimmoota 18 irratti waliin hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru.

    Dhimmoota mari’atan keessaa ijoon Gaazaa akkasumas Liibiyaadha.

    Biyyoonni lamaan Liibiyaa keessatti qaamolee faallaa jiran deeggaru.

    Biyyoonni Gaanfa Afrikaattis fedhii qaban kunniin waa’ee muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa yoo mari’atanii jiraatan hin gabaafamne.

    Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaatti erguu hordofee Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo ibsachuun isaanii ni yaadatama.

    Turkiin muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru jaarsummaan furuuf carraaqaa jirti.

  8. Taphni Itoophiyaafi Tanzaaniyaa galchii malee xumurame

    Taphni Gulaallii Waancaa Afrikaaf galgala har'aa Daare Salaamitti Itoophiyaafi Tanzaaniyaa gidduutti taasifame galchii malee xumurame.

    Taphni kuni tapha jalqabaa Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2025'f taasifamaa jirudha.

    Itoophiyaan Ramaddii H jala jirti.

    Ramaddii Itoophiyaa jala Tanzaaniyaan ala Ribbablikii Dimookiraatawaa Kongoofi Giiniinis jiru.

  9. Ameerikaan filannoo keessatti gidduu seenuun Raashiyaatiin himachuufi

    Ameerikaan filannoo US Sadaasa dhufu taasifamuurratti Raashiyaan gidduu seenuuf duula walitti fufe gaggeessaa jirti jechuun ishee himachuufi.

    Bulchiinsi Baayidan Raashiyaan yaada ummataa waliin dhahuuf yaalaa jirti jechuun himannaa yakkaa irratti banuuf akka ta’e US’tti michuu BBC kan ta’e CBS gabaaseera.

    Akka CNN gabaasetti, miidiyaan mootummaa Raashiyaa RT jedhamu irratti qiyyaafatameera.

    Abbaa Alangee kan ta’an Meerik Garlaand himannaafi qoqqobbii ifa godhu jedhamee eegama.

    Raashiyaan filannoo US bara 2016 keessattis gidduu seenuun himatamti.

    Chaayinaa dabalatee biyyoonni kaanis filannoo US keessa gidduu seenuun himatamu.

  10. Maayik Hamar walitti bu'iinsa Oromiyaafi Amaaraa irratti mariyachuuf Itoophiyaatti imalu

    Maayik Hamar dhimma walitti bu'iinsa naannolee Amaaraa fi Oromiyaa, akkasuma raawwii Waliigaltee Piriitooriyaarratti mari'achuuf gara Itoophiyaatti imaluuf.

    Ergamaan Addaa gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Hamar imala Kibxata kaleessaa eegalan ALI hanga Fulbaana 3, 2017tti turu.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka ibsetti, imalasaanii guyyoota jahaatiin gara Beeljiyeem, Keeniyaa fi Itoophiyaatti imalu.

    Jalqaba Beeljiyeemitti imalu. Achitti taatewwan dhiheenya kana Gaanfa Afrikaa keessatti mul’atan ilaalchisuun biyyoota Gamtaa Awurooppaa fi michoota Ameerikaa waliin mari’atu.

    Maayik Hamar Beeljiyeemitti aansuun qondaaltota Keeniyaa waliin dhimma nageenya baha Afrikaarratti mari'atu.

    Sana booda Itoophiyaatti imaluun dhimmoota naannoo Tigraay, Amaaraa fi Oromiyaa ilaallaturratti mariyatu.

  11. Chaayinaan maaliif aanga'oota Afrikaa ofitti michoomsuu barbaadde?

  12. Haleellaa akka haaraatti Yukireen irratti raawwatamaa jiruun namoonni torba Liviiv keessatti ajjeefaman

    Daa’imman sadii dabalatee namoonni torba haleellaa haaraa Raashiyaan raawwachaa jirtuun magaalaa lixa Yukireenitti argamtu Liviiv keessatti ajjeefamuu kantiibaan magaalattii himan.

    Haleellaan ammaa kun wayita Yukireen haleellaa Kibxata wiirtuu magaalaa Poltaavaa keessatti inisititiyuutii waraanaa tokkorratti gaggeeffameen namoonni 50 jalaa ajjeefamaniin gaddaa jirtutti kan mudatedha.

    Kantiibaan Liviiv Andiree Saadvoy akka jedhanitti, Raashiyaan Roobii ganama diroonotaafi misaa’eloota hayipparsooni ta’aniin haleellaa gaggeessite.

    Namoota ajjeefaman keessatti daa'ima xiqqoo, ijoollee durbaa lamaa umuriin isaanii wagga sagaliifi 14 ta’an, akkasumasi dubartii magaalattii keessatti ogummaa deessisuutiin tajaajiltu ta’uu dubbatu aanga’oonni.

    Humnoonni qilleensaa misaa’eloota Raashiyaa irratti xiyyeeffatanii yeroo jiranitti sagaleen dho’insa gurguddaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv keessatti dhaga’amuun itti fufeera.

  13. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa wantoota ijoo balalii Asmaraa addaan kutuuf isa dirqan ibse

  14. Barattoonni Yuniversitii Kolombiyaa ammas waraana Gaazaa mormuudhaan barnoota semisteeraa eegalan

    Erga warannii Paalastayinitti eegalee seemisteeraan hirriira mormii kan taasisan barattoonni Yunivarsiitii Kolumbiyaa jalqabbii samisteera bara barnootaa kanaattis mooraa Yuuniversiitichaa kan magaalaa Niiw Yoorkiitti argamutti mormii isaanii taasisuun jalqabaniiru.

    Tibba darbes barattoonni kolleejjii liigii Ivey duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu mormuun hiriira ba’uu isaanii hordofee Ameerikaa keessatti rakkoon nagenyaa fi muddamni cimaaan uumamee ture.

    Kibxata darbes, guyyaa jalqabbii samisteera barnootaa barattoota Yunivarsiitii Kolumbiyaa kanattis namooti baay’een mormii barattootni kunneen taasisan ilaaluuf mooraa yuuniversitichaa duratti walitti qabamuun hordofaa turan.

    Barattootni kunneenis haaluma eegameen mormii isaanii ibsaa turan.

    Hiriira kana boodas Poolisiin yoo xiqqaate namoota lama to'annoo jala oolchullee, mormichi karaa nagaan xumuramuu ibse.

    Mormitootni hiriira deeggarsa Filisxeemiif ba’an hedduun fuula isaani aguuguun,bakka mormiin kun itti eegaleerraa heddu fagaachuun mul’ataniiru.

    Dhaadannoo "Free Palestine” jedhus dhageessisaa turan.

    Wayita kanas siidaa yadannoo naannawa sana ture halluu diimaa dibuun haalli ture akka gara rakkoo nageenyatti jijjiramu taasisuu CBS News kan gabaase.

    Jalqabbii samisteera barnootaa yeroo darbeettis barattoonni Yunivarsiitiichaa mormii wal fakkaataa dhimma Filisxeemiif mooraa yuuniversiitii keessatti taasisan hordofee poolisoonni gara moorichaatti seenuun dhaabsisuu fi namootni 100 ol to'annoo jala ooluuf sababa ta'eera.

    Yuuniversiitichi kana dura sababa mormii kanaan eebba barattootaa isa guddaa haquun barattootni eebba isaanii malee akka turan taasifameera.

    Baatii darbe keessa Minowuche Shafik pirezidaantii Kolumbiyaa ta'uun kan tajaajilaa turee fi sakatta'iinsa poolisii kan hayyame aangoo gadhiisaniiru.

    Dubbi himtuun Yunivarsiitii Kolumbiyaa Saamaantaa Isleetar akka BBC tti himanitti mormii kanaaf beekamtii hin kennine.

    “Ergamni keenya beekumsa uumuu fi fulduratti tarkaanfachiisuu akkasumallee mooraan keenya mooraa nageenya qabuu fi kabajamaa ta'uu hawaasa kenyaaf mirkaneessuu irratti xiyyeeffannee." Jedhan.

    Erga Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee waraanni Hamaas fi Israa’el giddutti jalqabamee as mormiin adda addaa Yunivarsiitii Kolumbiyaa keessatti gaggeeffamaa tureera.

    Haleellaa Kanaan namoonni gara 1,200 kan du’an yoo ta’u, namoonni 251 ammoo booji’amaniiru.

    Haleellaa waraanaa haaloo ba’uu Israa’eel Hamas irratti fudhataa jirtuun namoonni gara 40,000 ta’an Gaazaa keessatti ajjeefamuu ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu kan ibse.

    Wiixata darbe Israa’el namoota booji’amanii gara Gaazaatti geeffaman keessaa reeffa namoota jahaa deebifachuu ishee beeksiste turte.

    Gama biraatinis kanneen shororkeessummaa deeggaruun mormii ba’uun Kolombiyaa keessatti bakka hin qabu jechuun kanneen mormanillee jiraachutu eerame.

  15. Ameerikaatti daa’imni waggaa 11 kaniibaa duraaniifi intalasaatti dhukaasee ajjeese

    Ameerikaa kutaa bulchiinsa Luziiyaanaa keessatti daa’imni waggaa 11 kantiibaa duraaniifi inatalasaa umuriin ishee waggaa 31 taate Keeyishaa Maayils jedhamtutti mana jireenyaasaanii keessatti rasaasa iti dhukaasuun ajjeese.

    Daa’imni kun gocha kana raawwachuu isaa akka amaneerus ibsameera.

    Daa’imni kun namoota lamatti dhukaasee ajjeesuun hidhamee kan jiru yoo ta’u, mirga wabii dolaara kuma 500tiin ba’uus argateera.

    Itti-gaafatamaan poolisii Jaared Maakileevaa kaleessa ibsa kennaniin, taatee kanaan “guutummaan magaalaa Miinden rifateera” jedhan.

    “Ta’us garuu amma xiqqoo boqoteera. Sababiin isaas namni yakka kana raawwate qabameera,” jechuun himan.

    Qorannoo bakka yakki kun itti raawwatametti taasifameen namoota lamaan ajjeesuudhaaf meeshaaleen lama faayidaarra oolan argamaniiru.

    Bakka taateen kun uumametti daa’ima kanarratti jalqaba qorannoon yeroo taasifametti wanta uumamee ture ilaalchisuun kan dubbate “kan nama hin amansiifne” akka ture qondaalli poolisii kun ibseera.

    Ta’us garuu turee gocha kana raawwacuu amaneera. Haata’u malee, qorattoonni daa’imni kun yakka kana maaliif akka raawwate ragaan agarsiisu akka hin argamiin dubbateera.

    “Maaliif yakka kana raawwachuuf barbaade? Hanga ammaa wanti beekne hin jiru. Taateewwan walitti fiduudhaan dhimmicharra ga’uudhaaf carraaqaa jirra,“ jechuun dubbatan Maakileevir.

  16. Wayita Chaayinaan walga'iif biyyoota Afrikaa simataa jirtutti MM Abiy Beejiing seenan

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Giifti Duree Zinnaashaa Taayyaachoo daawwannaa hojiif Chaayinaa, Beejiingi galaniiru.

    Daawwannaan Ministira Muummee Abiy kun wayita Chaayinaan biyyoota Afrikaa affeeruun Kora Chaayinaa- Afrikaa jedhamu gaggeessaa jirtuttidha.

    Ministirri Muummee Abiy jilasaanii waliin wayita Beejiing ga'an haala gaariin simatamuu suuraalee waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa maxxanserraa hubachuun ni danda'ama.

    Kora torbe kanarraa eegalu kanaaf hanga ammaatti Beejiingi dureewwan biyyoota Afrikaa 50 caalanii simatteetti.

    Wayita goolamni diinagdee fi siyaasaa addunyaa raasaa jirutti Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsachuu feeti. Kaayyoon kora kanaas isuma kana.

    Ministirri Muummee Abiiy Ahmad jilla isaanii waliin ta'uun kora kanarratti akka hirmaatan ragaan waajjira Ministira Muummee Itoophiyaarraa arganne ni mul'isa.

  17. Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota ulaagaa akkamiin simata ? Warri kaffalachuu hin dandeenye maal godhu?

  18. Qabsoo Siidaa Aksum Xaaliyaaniitii biyyatti deebisuuf taasifame yoo yaadatamu

  19. Itoophiyaatti naannolee kamtu ganna kana lolaafi sigiga lafaatiin miidhame?

  20. UStti namichi miseensota paarlaamaatti yeroo kuma 12 bilbiluun darare hidhaan adabame

    Namtichi kun seera baastota kongiresii Ameerikaa hedduutti bilbila yeroo kuma 12 bilbiluun dararaa fi doorsisaa kan ture yoo ta'u, yakkasaa kanaanis adabbiin hidhaa ji'a 13 itti murtaa'eera.

    Namni umrii waggaa 35 Ade Salim Liillii jedhamu kun yakkamaa ta'uun kan mirkanaa'e Caamsaa darbe ture.

    Guraandhala 2022 irraa hanga Sadaasa 2023 callisee bilbiluun miseensota jeeqaa akka ture mana murtiitti amaneera.

    Namni kun miseensota kongiresii Ameerikaa 54 bira bilbilee rakkisuuf karoorsee ture.

    Miseensa tokko ammoo ajjeesuuf itti dhaadate.

    Manni murtii federaalaa dhimma Liillii ilaalu namni kun adabbii itti murtaa'e [ji'a 13] kana erga xumuree booda, ammas to'annoo fi hordoffii jala waggoota sadiif tura.

    Liilliin Guraandhala 2023 guyyaa lama keessatti yeroo 500 caalaa miseensa tokkotti bilbileera.

    Miseensa tokkotti bilbilee ''sin ajjeesa, lubbuu kee balleessuufin deema. Boombiidhaan lubbuu kee balleessa,'' jedhe akka aanga'oonni himanitti.

    Qondaalli poolisii Kaapitool Toomaas Maanger dararaa fi doorsisi namni kun miseensota irraan ga'e, taateen akkasii waggoota ja'a keessatti isa olaanaa (dhibbeentaa 400) akka dabalu taasiseera jechuun mana murtiitti himan.