Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waamicha waraanaa ‘’warra daangaa dhiibanii’’
qolachuuf ga’umsa dandeessisurra jira jedhan Ajajaa Waraana Itoophiyaa.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kan kana jedhan ayyaana hundeeffama
waggaa 47ffaa Ajajaa waraanaa Bahaarrattii ergaa wayita dabarsani.
Ajajaan waraanaa kuni magaalaa Jigjigaa, akkasumas Hararitti qaamaan argamuun
ergaa dhaamaniin waa’ee gootummaa Ajajaa Bahaa dubbatan.
Akka Raayyaan Ittisa Itoophiyaa ibsetti, F/M Birhaanuun Ajajaan Bahaa
weerara Ziyaad Baaree akkasumas sochii shororkeessitootaa qolachuun qooda
guddaa bahate.
Akkasumas, ‘diinonni
ganamaa Itoophiyaa, Itoophiyaa weeraruuf dhiibbaa gochaa turaniifi hammeessaa
turan waan waliin dhaabatan fakkaatanis yeroo mo’aman walbira hin mul’atan,’
jechuun isaanii gabaafame.
Dubbiin
Ajajaa Waraana Itoophiyaa kuni yeroo biyya ollaa Itoophiyaa Somaaliyaatti Masriin
loltoota qubachiisteefi Itoophiyaafi Somaalilaand mormii dhageessisanitti
dhagahame.
Itophiyaafi
Masriin dhimma Hidha Haaromsaan walqabatee muddama yeroo dheeraa keessa jiru.
Gama kaaniin
waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessiteen walqabatemmoo Somaaliyaa
fi Itoophiyaan ji’oota saddeet darbaniif muddama keessa jiru.
Humna Nagaa
Kabachiisaa Gaanfa Afrikaa Amajjii waggaa dhufu eegalee Somaaliyaatti bobba’u
keessa waraanni Itoophiyaa akka hin seenne Somaaliyaan ibsiteetti.
Itoophiyaan
garuu kana mormuun qaamoleen murtee kana dabarsuuf qooda qaban ‘aarsaa loltoota
Itoophiyaa’ fi yaaddoo biyyoota ollaa akka dhagahan gaafatteetti.
Al-Shabaab
Somaaliyaa qofaaf osoo hin taane Itoophiyaafis yaaddoo ta’u kan himte Itoophiyaan,
yaaddoo hidhattoota kanaa qolachuuf ‘eeyyama eenyuyyuu hin barbaannu’ jechuun
ishee ni yaadatama.