Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammileen Israa'el sadii ulaa Weest Baankii gara Yordaanos geessurratti ajjeefaman

Waraanni Israa’el akka beeksisetti, lammilee Israa’el namoota nagaatu dhukaasa naannoo riqicha Aliinbiyi jedhamutti banameen ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa Wiixata ifa ta'a - Ministeera Barnootaa
  • UN Sudaanitti 'humni walabaa' idil-addunyaa akka bobba'u gaafate
  • Raayyaan 'warra dibbee waraanaa dhahaniifi daangaa dhiiban' qolachuuf qophiidha - F/M Birhaanu
  • Pirezidantiin Masrii waggoota 12 keessatti yeroo jalqabaaf gara Turkii imalan
  • Kaadhimamtoonni Ballon d'Or baraman; Mesiinis ta'e Ronaaldoon hinjiran
  • Ameerikaan filannoo keessatti gidduu seenuun Raashiyaatiin himachuufi
  • Taphni Itoophiyaafi Tanzaaniyaa galchii malee xumurame
  • Maayik Hamar walitti bu'iinsaafi waliigalteerratti mariyachuuf Itoophiyaatti imalu
  • Wayita Chaayinaan walga'iif biyyoota Afrikaa simataa jirtutti MM Abiy Beejiing seenan
  • Misaa'ela Raashiyaatiin 51 ajjeefaman keessa loltoonnis jiru jette Yukireen
  • Mootummaan Naannoo Amaaraa daa'ima Gondaritti ugguramtee ajjeefamteef hidhattoota himate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni Israa'el magaalaa Jeniin gadhiisee bahe

    Waraanni Israa’el magaalaa Jeniin fi buufata baqattootaa lafa qubattoota West Baank jiru kana keessaa gadhiisee bahe.

    Kunis, oppireeshinii waraanaa guyyoota sagaliif erga adeemsise boodadha.

    Bakki kuni bakka maandhee hidhattootaati. Ummanni 60,000 ta’ullee Jeniin keessa jiraata.

    Waraanni Israa’el shororkeessummaa qolachuuf akka seene ibse.

    Akka ministirri fayyaa Filisxeem ibsetti, Filisxeemonni 36 ajjeefamaniiru.

    Kanneen ajjeefaman keessaa gara caalu miseensota keenya jechuun hidhattooti ibsaniiru.

    Ministirri Fayyaa Filisxeem garuu kanneen ajjeefaman keessa daa’immanis jiru jedhe.

    Loltuun Israa’el tokkoos ajjeefameera.

  2. UN Sudaanitti 'humni walabaa' idil-addunyaa akka bobba'u gaafate

    Sudaan rakkoo namoomaan itti hammaatetti ‘humni walabaa’ akka bobba’u gareen ekispartoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) gaafate.

    Gartuun kuni humnoonni lola keessa jiran namoota nagaa eeguu hin dandeenye jedheera.

    Walwaraansi Sudaan baatii 17 lakkoofsise lammiilee kuma kurnaan lakkaa’amau galaafateera.

    Milliyoona 10 ol immoo qe’eerraa buqqa’aniiru.

    Janaraal Abdalfattaah al Burhaaniifi Janaraal Mohaammad Hamdaan Daagaaloo (Hemeetii) Sudaan akkamiin buluu qabdi isa jedhuurratti waldhabani.

    Waraanni kuni lammiilee biyyattiirratti sarbama mirga namoomaa olaanaa geessisaa jiraachuu dhaabbileen mirga namoomaa ibsaa turani.

  3. Ronaaldoon taphoota beekamtii qaban irratti 900 galchuun taphataa duraa ta'e

    Tapahataa urjiin lammii Poorchugaal ta'e Kiristaanoo Ronaaldoo goolii 900 lakkoofsisuun taphataa addunyaarratti galchii heddu lakkoofsisuun gita hin qabne ta'e.

    Ronaaldon tapha Nations League Poorchugaal Kirooshiyaa injifatterratti garee biyytaalessaa Poorchugaalif hiriirun galchuu 900ffaa isaa kan lakkoofsise.

    Tapha guyyaa kaleessaa Porchugaalifi Kirooshiyaan taphatan irratti daqiiqaa 34ffaa irratti Kiristiyaanon kan lakkoofsise.

    Nama umurii ganna 39 kan ta'e Kiristiyaanoo Ronaaldoo, biyyasaa Poorchugaalif galchii 131ffaa lakkoofsisuun biyyasaafis taphataa galchii heddu lakkoofsise jedhamuun rikordii qabateera.

    Waggoota 20 darabaniif garee biyyaalessaa irratti hiriiraa taphataa kan ture Ronaaldon ganna 39tti biyyasaaf hiriiree guyyaa kaleessaa galchii lakkoofsisuu danda'eera.

    Ronaaldon kilaba Lisban, Manchestar Yunaayitid, Riyaal Maadiriidifi Juveentusiif taphataa kan ture yoo ta'e yeroo ammaa kilaba Sawudi Arabiyaa Al-Nasiiriif taphataa jira.

  4. Feestivaalli Goobee fi shinooyyee Finfinneetti kabajamaa jira

  5. Qondaalonni ABO hiikamuurratti eenyutu maal jedhe?

  6. Ibidda mana barumsaa Keeniyaatti ka’een yoo xiqqaate barattoonni 17 du'an

    Giddugaleessa Keeniyaatti Kamisa halkan manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokko ibiddaan gubachuun yoo xiqqaate barattoonni 17 du’uu poolisiin beeksiseera.

    Barattoonni kudhanii ol ta’an gubaa cimaan gara hospitaalaatti waan geeffamaniif lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a sodaan jedhu jira.

    Sababni ibiddaa kanaa qoratamaa jiraachuu dubbi-himtuun poolisii Resiilaa Oniyangoo miidiyaalee biyya keessaatti himaniiru.

    Manneen barnootaa bultii Keeniyaa keessatti ibiddaan gubbachuun baay’inaan mul’ata.

    Bara 2017 magaalaa guddoo Naayiroobii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa shamarranii Mooyii keessatti ibiddaan barattoonni 10 du'aniiru.

    Waggoota 20 dura kibba baha Naayiroobii, naannoo Machakos keessatti ibidda mana barumsaan lubbuun yoo xiqqaate barattoonni 67 du’aniiru.

    Keeniyaatti manneen barnootaa bultii qaala'aadha, garuu namoonni baay'een ijoollee isaanii achitti geessuun filatu.

    Bara 2022 Mootummaan Amajjii 2023 irraa eegalee manneen barnootaa bultii sadarkaa tokkoffaa haquu beeksiseera.

    Haata’u malee boodarra yaada kana kuffiseera.

    Akka ministeerri barnootaa jedhutti sadarkaa addunyaatti daa’imman mana barumsa bultii keessatti argamaniin Keeniyaan dhibbeentaa ol’aanaa qabdi.

  7. Waraanni Masirii Somaaliyaatti bobbaafamuun maal agarsiisa?

  8. Nama butuufi ajjeesuu Gondar raasaa jiruuf sababiin maalidha? Eenyutu raawwata?

  9. Jifataa dandeettiinis nama ciniinuunis sodaatamu - Luwiiz Suwaareez

  10. Qondaaltonni ABO torba hidhaa waggoota afur booda hiikaman

  11. Iluu Abbaa Booritti namtichi haadhasaa fi miseensota maatii kaan abiddaan gubee ajjeese adabame

  12. Akkam jirtu? Tamsaasa kallattii amma jalqabneerra.

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Odeeffannoo allattiin tamsaasnu kan Jimaata Fulbaana 06, 024 amma jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!

  13. Tamsaasi kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisa galgalaa xumurame.

    Jimaata ganama walitti deebina!

    Nagaan bulaa!

  14. Qondaaltonni ABO torba hidhaa waggoota afur booda hiikaman

    Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo torba waggoota afran darban mana hidhaa turan wabiidhaan gadhiifaman.

    Dubbii Himaan dhaabichaa Obbo Lammii Gammachuu akka beeksisanitti, ''mana hidhaa buufata Poolisii Burraayyuu irraa mirga wabiidhaan gad lakkiifamanii jiru.’’

    Qondaaltonni kunis Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabbisaafi Daawwit Abdataa akka ta'an eeran.

  15. CV'n sobaa 'injiinara' maqaa guddaa qabu waggoota 15'f hidhaa buuse

    Namichi kaampaanii baabura imaltootaa Afrikaa Kibbaa keessatti waggootaaf injinara olaanaa ta’un tajaajilaa turan hidhaan waggaa 15 itti murame.

    Kunis, sababa ragaa barnootaa waliin dhahaniifi jedhameera.

    Daani’el Mitiimikulu gahee isaanii kanaan waggaatti miindaa dolaaraa 156,000 argataa turan.

    Iyyata hojii yookiin CV isaaniirratti ogeessi ganna 49 kuni makaanikaal injinaringiidhaan ragaa barnootaa akka qaban ibsaa turan.

    Kanneen irraa argadheera jedhan keessaa Yunivarsitii Afrikaa Kibbaa ‘Witwatersrand’ maqaa guddaa qabu akkasumas Yunivarsitii Jarman irraa doktireetii argachuu ibsaa turan.

    Haa ta’u male, mana murtii Johaanisbargitti argamu nami kuni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa qofa xumuran jedhe.

    Nami kuni bara 2015 erga shakkamee booda bara 2015 hidhamee

    Nami kuni kaampaanii Jarmanirraa xalayaan isaaf barreeffamu ibsuun miindaan akka dabaluufillee itti dhimma baheera.

    Ragaa barnootaa sobaan fayyadamuun injinara olaanaa ta’u danda’eera.

    Gaaffiifi deebii bara 2019 eNCA waliin taasiseen PHD akka hin qabne amanee ture.

    ‘’Maqaa itti waamamuu [PhD] naaf mijateera. Balaatti na buusa jedhee hin tilmaamne,’’ jedhan.

    Namoonni yaada isaanii ibsan kuni ‘kufaatii blchiinsaati’ jechaa jiru.

    Yakkamaan kuni ol iyyaannoo gaafachuuf akka jedhan gabaafameera.

  16. Raayyaan 'warra dibbee waraanaa dhahaniifi daangaa dhiiban' qolachuuf qophiidha - F/M Birhaanu

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waamicha waraanaa ‘’warra daangaa dhiibanii’’ qolachuuf ga’umsa dandeessisurra jira jedhan Ajajaa Waraana Itoophiyaa.

    Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kan kana jedhan ayyaana hundeeffama waggaa 47ffaa Ajajaa waraanaa Bahaarrattii ergaa wayita dabarsani.

    Ajajaan waraanaa kuni magaalaa Jigjigaa, akkasumas Hararitti qaamaan argamuun ergaa dhaamaniin waa’ee gootummaa Ajajaa Bahaa dubbatan.

    Akka Raayyaan Ittisa Itoophiyaa ibsetti, F/M Birhaanuun Ajajaan Bahaa weerara Ziyaad Baaree akkasumas sochii shororkeessitootaa qolachuun qooda guddaa bahate.

    Akkasumas, ‘diinonni ganamaa Itoophiyaa, Itoophiyaa weeraruuf dhiibbaa gochaa turaniifi hammeessaa turan waan waliin dhaabatan fakkaatanis yeroo mo’aman walbira hin mul’atan,’ jechuun isaanii gabaafame.

    Dubbiin Ajajaa Waraana Itoophiyaa kuni yeroo biyya ollaa Itoophiyaa Somaaliyaatti Masriin loltoota qubachiisteefi Itoophiyaafi Somaalilaand mormii dhageessisanitti dhagahame.

    Itophiyaafi Masriin dhimma Hidha Haaromsaan walqabatee muddama yeroo dheeraa keessa jiru.

    Gama kaaniin waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessiteen walqabatemmoo Somaaliyaa fi Itoophiyaan ji’oota saddeet darbaniif muddama keessa jiru.

    Humna Nagaa Kabachiisaa Gaanfa Afrikaa Amajjii waggaa dhufu eegalee Somaaliyaatti bobba’u keessa waraanni Itoophiyaa akka hin seenne Somaaliyaan ibsiteetti.

    Itoophiyaan garuu kana mormuun qaamoleen murtee kana dabarsuuf qooda qaban ‘aarsaa loltoota Itoophiyaa’ fi yaaddoo biyyoota ollaa akka dhagahan gaafatteetti.

    Al-Shabaab Somaaliyaa qofaaf osoo hin taane Itoophiyaafis yaaddoo ta’u kan himte Itoophiyaan, yaaddoo hidhattoota kanaa qolachuuf ‘eeyyama eenyuyyuu hin barbaannu’ jechuun ishee ni yaadatama.

  17. Intalli Zumaa ‘jaalalaaf jecha’ namicha haadha warraa 11 qabutti heerumte

    Intalli pirezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa umuiin ishee wagga 21 taate ‘jaalalaaf jecha mootii gosa warra Eswaatinii haadha warraa 11 qabutti heerumuu maatiin mootota gosichaa BBCtti himan.

    Nomseeboo Zumaa Mootii Miswaatii III kanatti heerumuushee kan ifoome jalqaba torban kanaa dhuma ayyaana shubbisaa aadaa shamarraniifi dubartoota guyyaa saddettaffaa waggaa waggaan gaggeeffamurratti ture.

    Mootiin warra Esiwaatinii umuriin isaa wagga 56 ta’e kun yeroo ammaa haadhotii warraa 11 kan qabu yoo ta’u, walumaagalatti hanga ammaatti si’a 15 fuudheera.

    Dubbi-himaan Esiwaatinii Alphewoos Niksumaloo yaada gaa’elli jaraa kun michummaa siyaasaa cimsachuuf jechuun namoonni kennaa jiran waan dharaati jedhan.

    “Jaalalli umurii arguuf ykn lakkaa’uuf ija hin qabu. Jaalalli waan nama lama gidduutti dhalatudha. Nama umuriin isaa waggaa 100 ol ta’eefi nama umuriin isa giddu-galeessaan seeraa hayyamamuuf ol ta’e gidduuttiyyu uumamuu danda’a,” jechuun BBC Newsday Programme’tti hime.

    Bara 2009 hanga 2018’tti pirezidantii Afrikaa Kibbaa kan ture Zumaa fi Mootichi Miswatii amma karaa gaa’elaatiin firoomaniiru.

  18. Muniik Qoonsilaa Israa’el cinaatti shakkamaan tokko itti dhukaafamee ajjeefame

    Kibba magaalaa Muniik wiirtuu dokumenteeshinii Naazii fi Qoonsilaa Israa’el cinaatti nama qawwee qabatee mul’ate tokko Kamisa itti dhukaasanii jabaa madeessanii akka ture poolisiin Jarman himeera.

    Akka poolisiin bavaariyaan jedhetti, namni kun rukkutamee booda naannoon Kaaroliinpilaazaa jedhamu akka namni hin seenneef daangeffamee ture.

    Ministirri Keessoo Bavaariyaan Jaahochiim Heermaan booda akka jedhanitti, shakkamaan rukkutame kun du’eera.

    Poolisiin akka jedhetti namni namni shakkame kun qawwee dheeraa tokko qabatee bakka sanatti mul’atee jennaan qondaalonni poolisii shan itti dhukaasan.

    Shakkamtoonni biroon jiraachuu wantonni agarsiisan kan hin jirre ta’uu himuun, ummanni suurawwan taatee kanaa miidiyaa hawaasaarratti akka hin baasneef kadhataniiru.

    Namoonni Karoliinpilatz fi Bireeyinartirees, akkasumas jiraattonni naannoo sanaa ykn waajiraaleen gamoowwan bakka sanaa keessa jiran hundi namni akka gadi hin baaneef itti himameera.

    Waan ture “adda baasuuf” hojjechaa kan jiru poolisiin shakkii hin taane keessa galuu akka hin qabnes akeekkaciiseera.

    Wiirtuun dokumenteeshinii seenaa Soshaalizimii Biyyaalessaa [National Socialism] Muniik wagga sagal dura bakka waajira muummee Paartii Naazii ykn “Brown House”tti baname.

    Dhukaasa sana booda poolisiin mana sagadaa guddicha Muniik keessatti eegumsa nageenyaa cimsuu murteessuu gabaasaaleen bakka sanaa bahan ni mul’isu.

  19. Qurxummiin basaastuu Raashiyaati jedhamee rasaasaan ajjeefame - Falmitoota mirgaa

  20. Meetaavarsiin maali? Yoom bira gahama?