Haleellaan Libaanos irratti raawwatamuu babal’achuu mala - Ministira Raayyaa Ittisaa Israa'el

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el Yo'av Galanti walga’ii qondaaltota waraanaa waliin Tel Avivitti geggeessan irratti haleellaan Libaanos irratti raawwatamaa jiru babal’achaa jira jedhan.
Tarkaanfiwwaan itti aananii fudhatamanis ''hanga kaayyoo keenya galmaan geenyutti itti fufu" jedhan. Ministirichi haasawa afaan Ibruutin taasisaniin kaayyoon isaanii inni guddaan jiraattota kaabaa Israa'el irraa buqqa'an karaa nagaan gara qe'ee isaaniitti deebisuu ta'uu himan.
"Guyyoonni ummanni nagaa fi tasgabbiin qe'ee isaanii keessa jiraatan ni dhufas' jedhan.
Hizbullaan Onkoloolessa 8 bara 2023 eegalee rookkeettii gara daangaa Israa’elitti erge dhukaasuu jalqabee booda lammiileen Israa’el gara 60,000 ta’an naannawa kaaba Israa'el irraa baqatan hanga yoona gara qe'ee isaanii hin deebi'in jiru.












