Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate erga haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte

Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan Heboollaan deeggarsa cimaa itti qabu erga haleellaa turteen booda, amma bu'uraalee miisoomaa Yeman kan meeshaaleen waraanaa Iraan ittiin geejibaman haleeluu beeksiifte.

Guduunfaa

  • Israa'el Libaanositti eddoo Hezbollaan buufate haleelteen booda amma buufataalee misoomaa Huutii Yeman keessaa haleelluu himte
  • Israa'el Nasrallaa waliin qondaaltoota Hezbollaa 20 ajjeessuu himte.
  • Ajjeechaa hogganaa Hezboollaatiin boodas Israa'el haleellaa Libanos keessatti itti fufte, Iraan ammoo haaloo bahuuf dhaadatte
  • Netaanyaahuun duuti hogganaa Hezbollaa 'jijjirama seena qabeessa' yoo jedhan, Iraan haaloo bahuuf dhaadatte
  • Ajjeechaan Nasrallaa 'tarkaanfii haqaati' jedhan Baayidan
  • Jiraattoonni Libaanos osoo Hasrallaa dhiisan 'nu ajjeessanii wayya' jedhan
  • Hogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaan ajjeeffaman
  • Netaaniyaahuun lolli Israa’el fi Hezboollaa jidduu bakka itti fufee jiruutti mariin dhukaasa dhaabuu itti fufa jedhu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Netanaahuun loltoonni Israa'el ‘humna guutuun’ akka ittifufanii lolan ajajan

    Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netanaahuu Fulbaana2, 2024 Jeerusaalemitti haasaa wayita dhaggeessisan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netanaahuu Fulbaana2, 2024 Jeerusaalemitti haasaa wayita dhaggeessisan

    Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netanaahuun loltoonni biyyattii waraana Libaanos keessatti itti jiran humna guutuun akka ittifufan itti himan.

    Ajaji MM Netaniyaahoo kun US, UK fi EU dabalatee biyyoonni Lixaa michoota ta’an waraanni Israa’el fi Hezboollaa gidduutti gaggeeffamu daran hammaachaa dhufe kun yeroof dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasisuu hordofeeti.

    Ministirri dhimma alaa Israa'el Israa'el Kaatiz ammoo, "kaaba keessatti dhukaasa dhaabuun hin jiru" jedhan.

    Israa'el, "hanga injifannuttiifi jiraattonni kaabaa hanga nagaan qe'ee isaaniitti deebi'anitti humna qabnu hundaan dhaabbata shorokeessaa Hezboollaa ittifufnee lolla," jechuun fuula X irratti barreessan.

  2. Dacheen 'Addeessa lammataa' yeroof turtu argachuuf - Saayintistoota

  3. Abbootiin Gadaa Irreechi Hora Finfinnee Onkoloolessa 5, bara 2024 akka kabajamu ibsan

    Abbootii Gadaa Oromoo

    Madda suuraa, Oromia Communication Bureau

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbootii Gadaa Oromoo

    Abbootiin Gadaa irreechi Hora Finfinnee Onkoloolessa 5, bara 2024 akka kabajamu himan.

    Irreechi Hora Arsadeemmoo guyyaa ittaanu Onkoloolessa 6 ta’uu ibsuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

  4. Namtichi dogoggoraan duuti itti muramuun addunyaarratti ganna dheeraaf hidhame bilisa bahe

    Hakamadaan waggoota 56'f guyyaa ajjeefamu eeggataa ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hakamadaan waggoota 56'f guyyaa ajjeefamu eeggataa ture

    Maanguddoon ganna 88 murtoon du’aa itti murtaa’ee, guyyaa du’aa eegggachaa turan manni murtii Jaappaan hidhaarraa hiike.

    Iwahoo Hakamadaa jedhamu, duutii itti murtaa’ee waggoota 50 oliif hidhaa turan.

    Hakamadaan bara 1968 hogganaasaa, haadha warraa hogganaasaatii fi ijoolleesaanii lama ajjeese jedhameetu duuti kan itti murtaa’e.

    Qorattoonni yakkaa ta'e jedhanii ragaa sobaa yakka isaan wal qabatu itti barbaaduun baleessaan akka itti muramu taasisuu hin oolle jedhamuun shakkii jiru irraa ka'eeti maanguddoon kun irra deebiin dhaaddachatti dhiyaachuuf kan carraa argatan.

    Dhaddachi Hakamadaa hibboo gartokkee jaarraa olii hiike.

    Hakamadaan bara 2014 hidhaarraa hiikamuun mana murtii Jaappaanitti dhiyaachuuf carraa argatan.

    Maanguddoon kun carraa kana kan argatan abukaatoon maanguddoo kanaa ragaan qaccee dhiiga huccuu nama ajjeechaa sana raawwaterra argame fi maanguddoo kanaa wajjin akka wal hin fakkaane himuu hordofeeti.

    Hakamadaan yeroo sanarra kaasee dhukkubsataa dhibee sammuu waaan ta’eef deeggarsa obboleettii isaatiin jiraata.

    Hakamadaa seenaa Jaappaan keessatti erga waraana Jaappaan bara 1945 asitti nama shanaffaa dhaddachatti deebi’anii dhiyaachuuf carraa argatanidha.

  5. 'Waraanni Libaanos keessatti gaggeeffamu hin qabu'- Imaanu'el Maakroon

    Amaanu'el Maakroo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezedantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''Libaanos keessatti waraanni jiraachuu hin qabu'' jechuudhaan, dhuma torbee kanaarratti Ministeera Dhimma Alaa isaanii garasitti ergaa akka jiran Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himan.

    Maakroon yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti taa’amerratti haasaa dhageessisaniin, Israa’el “hammaachuu” ishee akka dhaabdu fi Hezboollaan rookkeettii Israa’el irratti dhukaasu akka dhaabdu gaafataniiru.

    Gaaffii Faransaay kanaan booda manni maree nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii waldhabdee kana ilaalchisee walgahii ariifachiisaa ni gaggeessa jedhameera.

  6. Zeleniskii -‘Raashiyaan buufataalee niwukiraa keenya haleeluuf karoorsaa jirti’

    Buufataaleen niwukilaraa haleeluuf irratti qiyyaafatamuu akka hin qabne Zeleniskiin dubbatan.

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii

    Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskiin Raashiyaan buufataalee annisaa niwukiraa haleeluuf karoorsa waan jirtuuf ’balaan niwukilaraa’’ mudachuu mala jedhanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himatan.

    Mooskoon saatalaayitii biyyoota birootti gargaaramuun odeeffannoo waa’ee buufataalee anniisaa niwukilaaraa Yuukireen sassaabaa akka jirtu odeeffannoo basaasaa argachuu himan.

    Zeleniskiin yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Roobii darbe kana ‘’carallaan niwukilaaraa daangaa hin kabaju, biyyoonni danuun balaa kanaan rakkachaa jiru’’ jedhan.

    Raashiyaan bara 2022 humna guutuun Yuukireen erga weerarte asitti buufatalee annisaa Yuukireen haleelurratti xiyyeeffattetti.

    Buufataaleen niwukilaraa haleeluuf irratti qiyyaafatamuu akka hin qabne Zeleniskiin dubbatan.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniitti qaamni dhimma niwukilaaraa hordofu ji’a darbe buufanni niwukilaaraa Zaporezhiyaa lafa Raashiyaan humnaan Yuukireenirraa fudhattetti argamu haala yaaddeessaa keessa jiraachuu akeekkachise.

  7. Ameerikaa fi michoonni ishee waraanni Libaanos fi Israa’el guyyoota 21’f akka dhukaasa dhaaban gaafatan

    Waraana Israa’elii fi Hezbollaah hordofee waamicha waraana dhaabuu taasifame
    Ibsa waa'ee suuraa, Waraana Israa’elii fi Hezbollaah hordofee waamicha waraana dhaabuu taasifame

    Waraannii Israa’elii fi Hezbollaah gidduutti hammaachuu hordofee Ameerikaa, UK fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee michoonni Ameerikaa waraanni akka dhaabatu waamicha taasisan.

    Gareen kun wixinee dhukaasa dhaabuu guyyoota 21 kan dhiyesse.

    Ibsa isaanii keessatti gaga'amni waraanichaa ulfaataa ta'uu ibsuun, "balaa guddaa kan fudhatama hin qabne fi dantaa uummata Israa'eliis ta'e Libaanos hin qabne" jedhan.

    Waamichi kun erga hogganaan waraanaa Israa’el Roobii darbe haleellaan qilleensaa bal’aan Libaanos keessatti Hezbollaa irratti xiyyeeffate “naannoo diinaa seenuuf karaa saaquu akka ta'e'' loltootatti himee booda dhiyaate.

    Biyyotni kunneen yaa'ii hoggantoota addunyaa Dhaabbata Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii Gamtoomanii Niwu Yoorkitti taa’ame booda wixinicha kan dhiyeessan yoo ta'u, ibsa waloo kana irratti biyyootni akka Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Gamtaa Awurooppaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Saawud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet, Yunaayitid Kingidam fi Qataar fa'aa mallatteessaniiru.

    Kannan dura barreessaan olaanaa Dhaabbata Pirezedantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez walii galteen dhukaasa dhaabuu atattamaan akka hojiitti hiikamu gaafataniiru.

  8. Tamsaasa keenya har'aa asirratti xumurreerra!

    Hordoftootaa, tamsaasa keenya har'aa ittiin odeessaalee ijoo addunyaa isin biraan gahaa ture as irratti golabneerra.

    Boru ganama hanga walitti deebiinuutti bakka nagaa turaa!

  9. Lolli lafoo Israa'el Libaanos keessattii 'kan ta'u hin fakkaatu' - Peentaagoon

    Peentaagoon akka jedhetti, oppareshiniin lafoo Israa'el Libaanos keessatti gaggeessitu ''waan ta'u'' hin fakkaatu.

    "Gama lola lafaa ykn weerara lafaatiin, sun dhuguma Israa'eloonni akka dubbataniifiidha. Nuti dhugaatti tarkaanfiin naannichatti haala daran hammeessuu danda'u akka fudhatamu hin barbaanne beekamaadha," jechuun dubbi himtuun gariichaa Saabrinaa Singh gaazexeessitootatti himte.

    Singh itti dabaluudhaan, US ''furmaata dippilomaasii fi furmaata waraana hunda ittisuuf arguu barbaaddi'' jedha.

    Akkasumas waraanni Ameerikaa oppareshinii Israa'el Libaanos keessatti raawwattuuf deeggarsa basaasaa akka hin kennine dubbatti.

  10. Israa'el Libaanos keessatti bakkawwan 2,000 ol rukutte - IDF

    Magaalaa haleellamte

    Madda suuraa, Reuters

    Israa’el erga Libaanos irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegaleen as bakkawwan 2,000 ol rukutteetti jechuun beeksiise Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF).

    Dubbi himaan waraanaa Israa'el, Rear Adm Daani'eel Haagarii ibsa miidiyaaleef kennaniin, “Kanneen har’a haleelaman dhibba hedduu dabalatee, guyyoota sadan darbaniitti Libaanos keessatti bakka shororkeessummaa kuma lamaa ol rukunnee jirra,” jedhan.

  11. Putiin niikuleera fayyadamuu akka malan akeekkachiisan

    Vilaadmiir Putiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waraana Yukireen waliin walqabatee meeshaa niikuleera fayyadamuu akka danda'an akeekkachiisan.

    Putiin dhaamsa kana kan dhaaman yaa'ii mana maree nageenyaa biyyattii yeroo eegalani.

    Biyyi kamuu biyya biraa hidhannoo niikuleeraa qabuun deeggaramee biyyasaaniirraatti haleellaa ni raawwata yoo ta'e meeshaa niikuleeraa qabanitti akka dhimma bahan dubbatan.

    Biyyi niikuleera hin hidhanne biyya biraa nikuleera qabdu waliin ta'uun misaayela, dirooniif xiyyaaraan haleellaan Raashiyaarratti raawwattu duula waloo jedhamee akka fudhatamu ibsan.

    Yaadni kun qajeeltoo niikuleeraa Raashiyaa amma dura ture irratti jijjiirama haaraa dabalamuuf yaadame akka ta'es dubbataniiru.

    Haleellaan qindaa'aan akkasii jiraachuun yoo irratti waliigalame Raashiyaan meeshaa niikuleeraa qabdu itti fayyadamuu akka dandeessu akeekkachiisan.

    Yukireen dhiyeenya kana meeshaalee guguddaa warra lixaarraa argachaa jirtuun dachee Raashiyaa akka haleeltu eeyyamni akka kennamuuf watwaachaa jirti.

    Raashiyaan qajeeltoo niikuleeraa isheeratti jijjiirama gochaa kan jirtu yaadoo kanaan walqabatee akka ta'e gabaasamaa jira.

    Raashiyaan ofiif qofa osoo hin taane michuushee Belaruus irrattis weerarri qindaa'aan yoo godhame niikulara fayyadamuu akka maltu akeekkachiifte.

  12. Raashiyaan Chaayinaa keessatti dhoksaan diroonii waraanaa omishuutti jirti

    Putiin gidduugala diroonii Raashiyaa yoo daawwatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan Chaayinaa keessatti sagantaa omisha diroonii fageenya dheeraa imalanii hundeessuu Rooyitarsi gabaase.

    Maddeen tikaa Awurooppaa lamaafi ragaa barreeffamaa argateen sagantaan dirooniiwwan achitti omishaman waraana Yukireen irratti faayidaarra oolu.

    Dhaabbatichi ragaa argateen kaampaniin mootummaa Raashiyaa meeshaa waraanaa oomishu( Almaz-Antey) dhaabbata biraa hojii kana hojjechiisifatu (IEMZ Kupol) waliin dirooniiwwan Chaayinaatti hojjetaman yaaliif balaliisuun raawwatamuu gabaase.

    Gosti diroonii kanaa Garpiya-3 (G3) kan jedhamu yoo ta'u, ogeeyyiin Chaayinaa hojii kana keessaa gahee akka qaban gabaasameera.

  13. US fi Faransaay waraana guddaa hambisuuf karoora qopheessaa jiru

    Lammiilee Liibaanos Kibba biyyattiirraa baqachaa jiran

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Hanga ammaa uummtni 90,000 Kibba Libaanos keessaa baqateera jedha UN.

    US fi Faransaay lola Israa'eliifi Hezbollaa dhaabuuf karoora qopheessaa jiru.

    Rooyitarsi maddeen Israa'el waabeffachuun akka gabaasetti biyyootni lameen wixinee dhukaasa dhaabu qopheessaa jiru.

    Karaa dippiloomasii furmaanni akka argamu dhukaasa dhaabuun haala danda'amurratti yaadamaa jira. Ammatti garuu wanti qabatamaan hin jiru.

    Pirezidantiin US Joo Baayidan ammoo haalli amma jiru gara waraana guddaatti ce'uu mala garuu ammoo hanqisuun ni danda'amaa jedhaniiru.

    Baha gidduugalaa keessatti waraanni hamaan dhalachuu danda'a, ammoo furmaata argachuufis hireen jira'' jechuun ABCtti dubbatan.

  14. Israa'el humna lafoon Libaanos galuuf qophaa'uu waraanni biyyattii ibse

    Libaanos keessatti lafa haleellaan manca'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaan Israa'ela boodana raawwachaa jirtu loltuu lafoodhaan Libaanos galuuf akka tahe hogganaan waraanaa biyyattii himan.

    ''Jeettin mataa olirraa dhagahama, guyyaa guutuu haleelaa turee. Kunis lafoodhaan seenuuf qophii taasifamuufi Hezboollaa laaffisuu haleellaa itti fufne dha,'' jedhan Herzii Haleevii yeroo loltootatti dubbtan.

    ''Guyyaa har'aa Hezboollaan haleellaasaa jabeesse jira, har'a gara boodaa deebii gahaa argatu. Isaaf of qopheessaa.

    ''Har'a itti fufna, homaa hin dhaabnu. Iddoo arganne hundumaatti isaan haleella. Kaayyoon keenyi ifaa dha jiraattota gara kaabaa deebisuu dha.

    Kana fiixaan baasuudhaaf, waraanni ''adeemsa oppireshinii qopheessaa jira. Kanaanis kophee waraanaan daangaa diinaa, ganda Hezboollaan waraanaaf qopheesse,'' seenna jedhan.

  15. Waayit Haawus haleellaa Hezbollaan Teel Aviivitti raawwateen ''akkaan yaadda'uu'' ibse

    Joon Kirbii

    Madda suuraa, EPA

    Waayit Haawus haleellaa misaayelaa Hezbollaan Teel Aviivitti raawwateen ''akkaan yaadda'uu'' ibse.

    ''Lammiilee Israa'eliif akkaan yaaddessaa dha garuu nutis akkasuma yaaddofne,'' jedhe dubbihimaan nageenya biyyalessaa Joon Kirbii af-gaaffi CNN waliin taasiseen.

    ''Furmaata nagaa fiduuf ammallee yeroo fi iddoon jira, muddaama hir'isuun waraanaa hambisuufis,'' jedheera.

  16. Libanoos maal keessa jirti?

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleellaa Isra'el Hezbollaarratti raawwatte
  17. Sudaanitti namoonni dhibbaan lakkaa'aman dhukkuba koleeraan du'an

    Sudaanitti yeroon waraannni itti fufe jirutti baatii darbe namoonni 430 ol tahan dhukkuba koleeraan du'uu ministeerri fayyaa Sudaan beeksise.

    Lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii 14,000 gaheera.

    Ministeerichi ''dhukkuba koleeraa kana ittisuuf,'' waan danda'ame gochaa jira jedheera.

    Naannolee waraanaan miidhamanitti yaalii dhaqqabsiisuun wal-xaxaa dha.

    Namoonni 150,000 tahan lola Sudaanitti adeemuun bara darbe kan ajjeefaman tahuu Sudaanitti bakka bu'aan US himaniiru.

    Dhaabbanni hakiimota addunyaa Medical charity Doctors Without Borders (MSF) ''qaamoti wal-lolan lamaan danqaa waan uumaniif deeggarsi namoomaa hamma barbaadamuun gaditti gahaa jira,'' jedhan.

    Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti koleeraan dhukkuba saffisaan daddarbu dha. Garaa kaasaa, dhagala'aa qaama keessaa fixuun du'attillee nama geessuu danda'a.

    Dhukkuba kana fayyisuun salphaa tahus yaaliin hatattaamaa garuu barbaachisaa dha.

    Dubartii talaallii fudhataa jirtu

    Madda suuraa, AFP

  18. Namicha duuti itti murtaa'ee waaggaa 20 booda adabbiinsaa raawwate

    Maarseelas Wiiliyaams

    Madda suuraa, Reuters

    Maarseelas Wiiliyaams adabbiin du'aa itti murtaa'uun booda mana hidhaa Ameerikaa bulchiinsa Mizuurii keessatti waggaa 20 dabarsuun booda Kibxata kaleessaa ajjeefameera.

    Bara 1998tti nama Felishiyaa Geeyil jedhamtu waraanee ajjeesuun itti murtaa'us, ala lama du'aan adabamuurraa hafee ture. Namoonni baayyee adabbiin du'aa irraatti murtaa'uu mormaniiru.

    Abbaan alangee Wiiliyaamiin bakka bu'e wal-fakkachuu dhiisuu ragaa qaccee sanyiifi bakka bu'oota hawaasaa murtoo kennan filachuu irratti loogiin jira jedhe.

    Wiiliyaam dhiifama sa'atii dhumaa Dhaddacha waliigalaa Ameerikaa gafaatus hin arganne.

    Maatii nama kanaa adabbii du'aarra hidhaa umrii guutuu akka tahuufi gaafachaafi deeggaraa turan.

    ''Nama yakka hin dalagne tahuusaa waanti ciicachiisu tokkollee otoo jiraatee adabbiin du'a tasa filannoo hin tahu ture,'' jedhan abbaan alangaa naannichaa Weezlii Beel.

  19. Chaayinaan waggoota kudhan darban keessatti yeroo jalqabaaf balistik misaa'el ardiilee qaxxaamuru dhukaaste

    Miisaa'elli Chaayinaan qabdu 500 ol akka ta'u Peentaagon tilmaameera

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaan misaa'elabalistikii ardiilee qaxxaamuru (ICBM) baaruuda fakkeefamee hojjatame gara galaana Paasifikiitti milkaa'inaan furguggisuushee ibsite.

    ICMBn guyyaa Roobii akka biyyaatti sa'aatii 08:44tti (04:44 GMT) kan dhukaase yoo ta'u, ministeerri ittisa Beejiing, ''naannoo galaanaa eegamutti qubate'' jechuudhaan shaakkalli kunis kan 'idilee'' fi qaama ''leenjii waggaa'' isaa ta'uu ibseera.

    Gosti misaa'elaa fi daandii balaliisa isaa ifa ta'uu baatus, miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa, Beejiing ''biyyoota dhimmi isaa ilaallatu dursitee beeksisteetti'' jedhan.

    Boodarra ammoo Jaappaan waa'ee yaalii furgugsuu misaa'ela kanaa irratti ''akeekkachisa tokkollee'' akka hin arganne ibsite.

    Kanaan dura yaaliin meeshaa niwukilaraa Chaayinaan yeroo baayyee biyyuma keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, kanaan duras ICBM gara dhihaatti gara gammoojjii Taaklaamaakaan bulchiinsa Xinjiang jedhamutti yaaltee turte.

    Kan ammaa kunis erga bara 1980 as yeroo jalqabaaf ICBM gara bishaan idil-addunyaatti kan dhukaafte ta’uu amanama.

    "Yoo na jalaa baheeti ta'de malee, kun kan ta'e yeroo dheeraa booda yeroo jalqabaatiif natti fakkaata. Akkasumas akkasitti kan labsame, yeroo dheeraan boodadha," jechuun fuula X isaanii irratti kan barreessan, Ankit Paandaa, ogeessi meeshaa niwukilaraa Carnegie Endowment for International Peace irraayi.

  20. Israa'el diroonii Sooriyaa qolachuu ibsite

    Hezboollaan gara Israa'elitti misaa'ela dhukaasuu hime

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Hezboollaan gara Israa'elitti misaa'ela dhukaasuu hime

    Jeettonni waraanaa Israa'el diroonii Sooriyaa daangaa qilleensaa ishee galan qolachuu Israa'el ibsite.

    Diroonichi kan qolatame yeroo galaana Galiilaa qaxxaamuru akka tahes ibsame.

    Miidhaan dhaqabsiise akka hin jirre ibsame. Dabalataan israa'el misaa'ela gara Teel Aviivitti dhukaafame qolachuu ibse.

    Hezbollaan haleellaa Israa'eliin guyyootaa booda Israa'el irratti misaa'ela dhukaasuu jalqabe.

    Hezbollaan ''misaa'ela hedduu'' magaala Hatzor jedhamtuu fi Buufata waraanaa Daadoo irratti qiyyaafachuun dhukaasuu hime.

    Israa'el miidhaa inni dhaqabsiise irratti homaa hin jenne.