Atileet Ababaa Aragaawwii waggaa 12 booda waamamtee medaaliyaa naasaa argatte
Atileet Ababaa Aragaawwii Olompikii Landan bara 2012tti gaggeeffamee irratti hirmaachun dorgommii meetira 1500 irratti shanaffaa baatee turte.
Miidiyaan biyya keessaa FBCn akka gabaasetti atileetonni yeroo sana 3ffaafi 4ffaa bahan qabxinsaanii waan haqameef atileet Ababaa Aragaawwii gara sadaffaatti akka siqxu ta'e.
Kanarraa ka'uun waggaa 12 booda medaaliyaa naasaa sirna cufiinsa Olompikii Paaris irratti argattee jirti.
Atileet Ababaa Aragaawwii qofa osoo hin taane atileetonni biroo kudhan ta'an waggoota heddu booda Olompikii Paaris gaggeeffamerratti medaaliyaan akka kennamuuf Olompikiin Addunyaa beeksisee ture.
Kunis atleetota Olompikii Sidinii, Beejingiifi Landanitti wal-duraa duuban gaggeeffame irratti hirmaatanii sababa garaa garaan sadarkaarratti fooyya'iinsi godhame kan hammatuudha.