Atileetii gameessi duraanii Kumalaa Haayilee Gabrasillaasee gadi bu'uu qabxii olompikiif sababi ijoon hooggansa ta'uu eeruun hooggantoonni akka aangoo gadhiisan gaafateera.
Akka Kumalaa Haayilee Gabrasillaasee jedhutti rakkoowwan yeroo dheeraaf osoo hin furamin turuun Itoophiyaan dorgommiiwwan olompikii sadi irratti meedaaliyaa worqee sadi qofa akka argattu taasisuun sadarkaashee gadi buuseera.
Rakkoolee olompikii Paaris irratti qabxiin Itoophiyaa akka gadi bu'u taasisanii fi furmaati waaraa maa ta'uu akka qaburratti miidiyaa FM Addis 97.1 jedhamu waliin gaaffii fi deebii kan taasise Atileet Haayileen, qabxii argameen guddoo mufachuu ibse.
Dorgommii olompikii lamarratti biyyasaaf worqii lama kan argamsiisee Atileet Kumalaa Haayilee Gabrasillaasee ''morkattoonni keenya ollaa keenya taa'anii dorgommiiwwan olompikii sadan darban irratti meedaaliyaa worqee 14 argataniiru. Nutimmoo amma olompikiin hirmaanaadha malee qabxii miti jedhamna,'' jedhe.
''Dorgomaa ispoortii tokko deemi mo'adhu jennee erguu keenya dura qaamni ergu haqa qabeessaa? jennee gaafachuu qabna,'' jedhe.
''Bulchiinsi haqa qabeessa hin taane ofitti amanamummaa fi qabxii dorgomtootaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.''
''Koreen olompikii Itoophiyaa yeroo lama, sadi dhimma kanarratti mari'ataniiru, garuu hin milkoofne,'' jedhe Kumalaa Haayilee Gabrasillaasee.
''Amma Ashabbir Waldagoorgis irraa eegalee hoogganoonni jiran kan nuti irraa eegnu falmii osoo hin taane, uummata mufachiifneerra, sababa keenyatti biyyi qabxii dhabdeetti jedhanii aangoo akka gadhiisaniidha,'' jedhe Haayileen.