Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsa Kurisk keessatti 'kaayyoo keenya galmaan gahaa jirra' jedhe Zeleniskiin
Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii humni waraanaa bulchiinsa Raashiyaa Kurisk keessa galuun ''kaayyoosaa galmaan gahaa jira'' jedhan. Raashiyaan buchiinsa Yukireen Pokroviskii fi naannoo san to'attee lola wayita cimsitetti, Zeleniskiin lafa Raashiyaa qabatan gadhiisuuf fedha akka hin qaben akeeke. Bulchiinsa Raashiyaa amma qabatanii jiran dirree lolarraa bilisa ta'e gochuu akka barbaadanis hime.
Guduunfaa
- Israa'eliifi Hamaas wal himachuurratti fuulleeffatan, US ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka milkaa'u dhiibbaa cimsiteetti
- Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinkan erga waraanni Gaazaa eegalee yeroo sagalaffaaf garas imalaniiru
- Lammiileen Raashiyaa waraana Yukireen daangaasaanii keessatti gaggeessaa jirtuun yaadda'an
- Oppireeshiniin Yukireen gaggeessaa jirtu karoora Nato fi warra Lixaati- Raashiyaa
- Waayit Haawus oppireeshinii Yukireen daangaa Raashiyaa ceetee raawwachaa jirtu keessaa harka hin qabu jedhe
- Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti iddoo buufata waraanaa banamchuu himte
- Somaaliyaafi Masriin waliigaltee waraanaa mallatteessan
- Hamaas marii waraana dhaabuurratti hin hirmaadhu jedhe
- Yukireen Raashiyaa seentee waraana bannaan Puutin waan godhu wallaale- Baayidan
- Tarkaanfiin Yukireen ija jabinaan fudhatte bu’aa buusaa jira – Hogganaa duraanii MI6
- US ‘muddama Baha Giddu-galeessaa hir’isuuf’ kaayyoo qabaachuu himte
- aashiyaan haleellan Yukireen itti hammaannan bulchiinsa Belgorood keessatti labsii yeroo muuddamaa labsite
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
‘TPLF yoo diigame waliigalteen Piritooriyaas hin jiru’-Dr Dabretisyoon Gabramikaa’el
Somaaliyaafi Masriin waliigaltee waraanaa mallatteessan
Somaaliyaafi Masriin waliigaltee waraanaa murteessaadha jedhame walii mallatteessuu masaraan mootummaa Somaliyaa beeksise.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Roobii Hagayya 14/ 2024 magaalaa guddoo Maasrii Kaayeroo masaraa biyyaalessaa Al-Itihaadiyaatti gita isaanii Abdal Fattaah El-Siisii waliin erga mariyatanii booda waliigalteen waraanaa kun mallateeffame.
Masaraan biyyaalessaa Somaaliyaa ibsa baase keessatti waliigalteen ittisa irratti hundaa'e kun ''wal tumsuu biyyoota lameenii kan cimsuu'' jedheera.
Pirezidantootni lameen ibsa wayita kennan Sheek Mohaammud waliigaltee kanaan ''biyyootni lameen biyya ofii fi biyyaa ala shororkeessummaa idila addunyaa jiru fuulduratti waliin taanee ittisuuf waliigaltee seena qabeessadha'' jedhan.
''Waliigalteen kun biyyooti lameen beekumsaafi oogummaa nageenyaa fi tasgabbii naannoo, ardiifi idila addunyaa ittiin tiksan akka wal jijiiran hiree uuma'' jedhaniiru pirezidantiin Somaaliyaa.
Dabaluunis Masriin walabummafi tokkummaa daangaa Somaaliyaaf deeggarsa agarsiifteef galateeffataniiru.
Ji'a darbe biyyootni lameen waliigaltee waraanaa akka mallatteessan ibsanii ture.
'Har’aa, dhaabbileen haqa malee gatii dabalan 4, 408 saamsamaniiru' Kaasahuun Gofee
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Qaxanaa Kaasaahuun Gofee (PhD) dhaabbileen daldalaa bu'uura gahaa malee meeshaalee gurguranitti gatii dabalan 4,408 guyyaa tokkotti saamsamuu beeksisan.
''Har’aa, dhaabbileen haqa malee gatii dabalan 4,408 saamsamaniiru'' kan jedhan Kaasaahuun, ''haalumaa walfakkaatuun, dhaabbileen daldalaa oomisha dhoksan 31 cufamanii hayyamni daldalaa dhaabbilee 3 addaan citeera'' jedhan.
Gama kaaniin dhaabbileen daldalaa hanga ammaa gatii akka hin malletti dabaluun saamsamanii turan 22,717 ta'an ''waliigaltee mallatteessuun banamaniiru'' jedhan.
''Daldaltoonni 704 to'annoo jala oolan keessa daldaltoonni 190 gadi lakkifamanii jirru'' jechuun Kaasaahuun fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti ibsaniiru.
Hordoffii gatii meeshaale ijaarsaarratti godhaniin hanga ammaa dhaabbileen daldalaa 21 saamsamuu himan.
Omishaalee akka zayitaa, daakuufi kaan irratti dhaabbatni isaanii to'annoon godhu cimee itti fufuus himan.
Yuukireen loltoota Raashiyaa 100 ol booji'uu ibsite
Yuukireen loltoota Raashiyaa 100 tahan booji'uu ibsite.
Pirezidantiin Yuukireen Zeleniskiin miidiyaa hawaasaa isaanii irratti loltootni isaanii daangaa Raashiyaa keessatti lola irra jiran loltoota Raashiyaa booji'uu himan.
Ajajaa waraanaa olaanaa biyyattii Oleksaander Siiriskii waliin tahuun yoo dubbatan viidiyoon tokko mul'ata.
Ajajaan waraanaa kun har'a loltoonni isaanii Kuriski keessatti loltoota Raashiyaa 100 booji'uu Zeleniskiitti himan.
''hunda keessan nan galateeffadha. kun ijoolleen keenya gara qe'eetti akka deebi'an ariifachiisa'' jedhan.
Dabalataan Yuukireen diroonii Raashiyaa 23 keessaa 17 ofirraa qolachuu yoo ibsitu Raashiyaan ammoo diroonii Yuukireen 117 rukuttee buusuu ibsite.
Waraanni Sudaan jaarsummaa araaraa Ameerikaan dursitu lagate
Marii haaraan waraana Sudaan ji’oota 16'f gaggeeffamaa jiru goolaba jedhamee abadatame gartuuwwan wal waraanan bakka hin jirretti taa'amaa jira.
Waraanni Sudaan marii kanatti hirmaachuu dideera.
Marii kana kan mijeessite Ameerikaan ’’uummaanni Sudaan miliyoonaan lakkaa’amu waraanaan dararamaa jiru hanga isaan wal gahanitti eeguu dhiisuun akka wal gahichi jalqabu barbaadu'' jette.
Lolli Waraana mootummaa fi Humnoota Saffisoo(RSF) giddutti gaggeeffama jiru lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’amanii dabarsuun, namoota miliyoona kudhanitti dhiyaatan qe’eerraa buqqiseera.
Waraanni Sudaan RSF waanta Sa’udi Arabiyaatti bara darbe waliigalle hojiirra hin oolchine jechuun marii Roobii har’aa taa’amurraa hafe.
Waraanni Sudaan akka jedhutti, RSF waliigatee Jiddaa, kan loltoonni naannoo manneen jireenyaa namoota nagaa fi bu’uuralee misoomaa hawaasaa keessaa akka bahan ajaju hojiitti hiikuu dide jedhe.
RSF ibsa miidiyaa hawaasaa X gubbatti baaseen, marii magaalaa guddoo Siwiiz Jenevaatti taa’amurratti hirmaachuuf magaalicha qaqqabuu beeksisera.
Dhaabbanni konkolaataa elektiriikii Chaayinaa baatirii akka addunyaatti saffisaan chaarjeffamu hojjechuu hime
Dhaabbanni konkolaataa elektiriikii Chaayinaa Zeekir baatirii dorgomtootasaa Teeslaa fi BYD caalaa saffisaan chaarjeffamu hojjechuu hime.
Akka dhaabbatichi jedhutti, baatiriin konkolaataa kuni daqiiqaa 10 fi walakkaa keessatti buufataalee akkaan saffisoo tahan fayyadamuun %10 hanga %80 chaarjeffamuu danda'a.
Gama biraan Iloon Maaski konkolaataansaa Teslaa moodeel 3 jedhamu daqiiqaa 15f chaarjeffamuun hanga km282 adeemuu danda'a.
Konkolaataan Zekir 2025 007 torban dhufu gabaaf dhiyaatu konkolaataa jalqabaa baatirii kana fayyadamu taha.
Baatiriin kuni yeroo qorraa tempireecharri digrii -10 tahu otoo hin hafiin sa'atii walakkaa keessatti hanga %10 hanga %80 chaarjeeffamuu danda'a.
Tarkaanfiin Yukireen ija jabinaan fudhatte bu’aa buusaa jira – Hogganaa duraanii MI6
Hogganaan duraanii tajaajila tikaa Yunaayitid Kingidam (MI6), Sir Aleks Yaanger, Yukiren daagaa Raashiyaa cabsitee seenuun “tarkaaniifi ija jabummaa” “bu’aa buusaa jirdha” jedhe.
Tarsiimoon Pirezidant Volodmiir Zeleniskii “siyaasa waraanichaa akka isaaf tolutti gochuufi Raashiyaarratti ammoo baasii cimsuufi shakkii uumuudha,” jedha dursaa duraanii MI6 kun.
Sagantaa BBC Radio 4's Today irratti akka dubbatetti, karoora Zeleniskii loojistikiifi oppereeshinii kana kessaa ba’uu ilaalchisee ammallee gaaffiin barbaachisoo ta’an ni jiru.
Haata’u malee, tarkaanfiin Yukireen kun “yoo Vilaadmiir Puutin Yukireen waraanuu kan itti fufu ta’e, wanti akkasii cimee itti ffa kan jedhu akka hubatu gochuudha jedhe.
Dhaabbanni tola oolaa otoo hin beekiin karameellaa qoricha nama ajjeesu danda'u qabu raabse
Poolisiin Niiw Ziilaand karameellaan qoricha sammuu namaa hadoochu metaamfeetaamiin jedhamu qabuufi du'aaf saaxiluu danda'u erga dhaabbata tola oolaan raabsameen booda walitti qabuuf ooliifi gad jechaa jira.
Hamma yoonaa magaalaa Oklaand jedhamu keessatti namoonni 400 tahan kan fudhatan yoo tahu dhaabbata tola oolaa hiyyummaa irratti hojjetutu raabse.
Karameellaan kuni saamsameetu miseensota hojjettoota mootummaan kenname jedhe poolisiin.
Daa'ima tokko dabalatee hamma yoonaa namoonni sadii hospitaala galaniiru.
Dubbi himaan dhaabbatichaa ''nuti yeroo raabsinu metaafeetaamiin akka qabu hin barre,'' jechuun BBCtti himan.
Akka Dhaabbanni Qorichaa Niiw Ziilaand jedhutti karameellaan tokko tokkoonsaa doolaara 600 baasa.
Gochaan kuni waan akka tasaa mudateefi tahe jedhame kan godhame tahuu himuuf ''yeroo ganaa dha,'' jedhe.
Dhaabni tola oolaa kuni Kibxata darbe ture namoota karameellaa fudhatanii turan irraa ergaa dhufuufin booda kan poolisiitti beekise.
Ibsa baaseenis dhaabichi karameellaa keessa meetaamfeetaamiinin giraama sadii argamuu himeera.
''Metaamifeetaamin kana miliigiraamii 10-25 qofatu al takkaatti fudhachuuf eeyymama, kan amma karameellaa kana keessa jiru garuu hanga doozii 300 tahuu mala kuni ''du'atti geessuu mala,'' jedhe dhaabichi.
Meetaamfeetaamiiniin dhukkubbii qomaa, onneen rukuttaan dabaluu, gaggabsaafi of wallaaluu faa'iif nama saaxiluu mala.
Yukireen Raashiyaa seentee waraana bantee jennaan Puutin waan godhu wallaale- Baayidan
Waa'ee Yukireen daangaa Raahsiyaa seenuun haleellaa gaggeessuushee Baayidan yeroo jalqabaaf yaada kennan.
Pirezidaantin US Joo Baayidan waa'ee waraana daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu ilaalchisee guyyoota shanii hanga saddeetii darbaniif guyyaatti garaa garummaa sa'aatii afurii hanga shaniitin odeeffannoon akka gurra isaan bu'aa ture ifa godhan.
Sochiin waraanaa Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti taasisaa jirtu Puutin yaaddoo keessa akka galchu dubbatan.
"Kuni dhugumatti Puutiniif waan godhu wallaachisa," jedhan yeroo jalqabaaf waa'ee sochii warana Yukireen kana yeroo jalqabaf yoo dubbatan.
Baayidan kana kan dubbatan Niwu Orliyaansitti daawwannaa taasisaa osoo jiranuu yoo ta'u, Yukireen wajjin dhaabataan wal-qunnamaa akka jiran ibsan.
Yukireen daangaa Raashiyaa seentee haleellaa akka bantu Ameerikaadhaf dursa odeeffannoo homaatuu akka hin laanne Waayit Haawus torbee darbe beeksisee ture.
Raashiyaan haleellan Yukireen itti hammaannan bulchiinsa Belgorood keessatti labsii yeroo muuddamaa labsite
Yukireen daangaa Raashiyaatti seentee lola gaggeessuu itti fufunan Raashiyaan bulchiinsa daangaa Yukireen kan taate Belgorood keessattis labsii yeroo muddamaa labsite.
Yukireen daangaa Raashiyaa bulchiinsa Kuurskitti ceetee lafa qabachuu erga eegaltee torban tokko yoo ta'u, ollaa bulchiinsa Kuursk kan taate keessatti sodaa haleellaa Yukireenirraa kan ka'e labsiin yeroo muddamaa labsameera.
Yukireen Belgorooditti ceetee lola banuu baattus misaa'elaan haleelaa turte. Erga Kurskitti lolli banamee Belgoroodittis loltoonni Yukireen seenuu danda'u sodaa jedhuun Raashiyaan labsii yeroo muddaamaa kan kabsite.
"Haleellan Yukireen gaggeessaa jirtu haala Belgorood keessa jiru hammeesera" jedhe bulchaan Belgorood Vyacheslav Gladkov.
Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo qaamolee nageenyaafi jiraattota hedduu ajjeesan
'Akkuma salphaatti daangaa Raashiyaa cabsinee keessa fullaane' - loltoota Yukireen
US ‘muddama Baha Giddu-galeessaa hir’isuuf’ kaayyoo qabaachuu himte
Sodaan haaloo bahuu Iraan Israa'el irratti raawwachuu malti jedhu dabalaa yeroo jiru kanatti, US Baha Giddu-Galeessaa keessatti 'muddama jiru hir’isuudhaaf’ kaayyeffattee jirti jedhan UNtti ambaasaaddarri US.
Kibxata darbe Liindaa Toomaas-Giriinfiild Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti argamutti akka himtetti, US ''haleellaa gara fuula duraa jiraachuu malu kamiyyuu maqsuufi ittisuun naannicha keessatti walitti aka hin hammaanne gochuu” barbaaddi.
Ajjeechaa ji’a Adolessaa keessa hogganaa Hamaas Ismaa’el Hanniyaa Tehraan keessatti raawwatame - waan Israa’el itti gaafatamummaa hin fudhanne hordofuun Iraan Israa’el irratti haaloo bahuu dandeessi sodaan jedhu jira.
Pirezdaantiin US Joo Baayiden waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Hamaas gidduutti Gaazaatti irra ga’uun, Iraan Israa’el irratti haleellaa akka hin raawwanne duubatti deebisuuf gargaaruu akka danda’u yaada dhiyeessan.
Leenjisaa Gammadoo Daddafoo badhaasa kennameef 'dhamaatii keenya hin madaalu' jechuun deebisan
Dhibeen Maaree Jaldeessaa(mpox) sadarkaa Afrikaatti yaaddoo fayyaa hawaasaa atattamaa ta’uun labsame
Giddugaleessi Ittisaa fi To’annoo Dhibee(CDC) jedhamu dhibeen maaree jaldeessaa yaaddoo fayyaa hawaasaa sadarkaa ardii Afrikaa ta’uu labseera.
Saayintistoonni jaarmiyaa fayyaa kanaa gosti dhibichaa saffisaan tamsaa’u argamurraa ka’uun yaadda’u ibsan.
Jalqaba bara kanaarraa kaasee hanga yoonaatti namoonni 13,700 dhibichaan kan qabaman yoo ta’u, isaan keessaa namoonni 450’n Dimokiraatik Rippaabilika Koongootti du’aniiru.
Dhibichi guutummaa qaamaa qaama namaa guutuu kan madeessuu yoo ta’u, biyyoota akka Burundii, Afrikaa Giddugaleessaa, Keeniyaa fi Ruwaandaa dabalatee biyyoota biroottis tamsa’eera.
Dhibichi yaaddoo fayyaa atattamaa ta’ee labsamuun dhiyeessii dawaa fi deebii mootummoonni biyyoota ardichaa dhibicha to’achuuf kennan qindeessuuf gargaara jedhameera.
Yamanitti lolaan namoota 57 ajjeesuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise
Balaan lolaa kun namoota 57 ajjeeseen cinatti namoota kumaataman lakkaa’aman qe’eerraa buqqisu dhaabbatichi ibseera.
Jaarmiyaa Gargaarsaa dhabbatichaa OCHA jedhamu akka ibsetti, rooba jalqaba Hagayyaa kanatti biyyattii keessatti jabaateen maatiin 34,000 ta’an miidhamu ibseera.
Balaan kun biyya duraanu rakkoo namoomaa guddaa qabdu keessatti rakkina dabaluu jaarmiyaan kun beeksisera.
Roobni kun iddoowwan Hudayidaa, Hajjaa, Tayiz fi Marib jedhaman miidhe.
Bakkeewwan kana keessaa iddoon Hudayidaa jedhamubakkeewwan biro caala miidhame.
Haleellaa Yukireen Raashiyaa keessatti raawwatte ilaalchisee taateewwan ijoon maali?
Yukireen daangaa Raashiyaa keessa erga seentee torban yeroo guututti taateewwan ijoon kunooti:-
- Namoonni naannoo Kursk keessaa baqatan 200 ta’an Kibxata darbe Mooskoo akka seenan Ministeerri To’annoo Balaa Raashiyaa beeksiseera.
- Yukireen amma Raashiyaa naannoo Kurisk jedhamutti lafa kiiloo meetira iskuwerii 1,000 to’achuu ibsite.
- Garuu Inistiitiyuutiin Qorannoo Waraanaa (ISW) jedhamu akka ibsetti Kiyiiv lafa km iskuwerii 800tti dhihaatu to'achuu ibsa. Kibxata ganama sirni ittisa qilleensaa Yukireen dirooniiwwan Raashiyaa 30 kuffise.
- Har’a ganama naannoo bakka daangaa Raashiyarraa km 20 keessatti sochiin namoota nagaa Yukireen daangeeffameera.
- Haleellaa tasaa Yukireen Kuriskitti raawwatte ilaachisee Pirezedantiin Yukireen Voloodimiir Zelenskiin kaleessa galgala wayita dubbatan akkas jedhan;''Raashiyaan waraana nutti fidde, amma waraanniqe’eesaaniisgooleera’’ jedhan.
- Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kiyiiv waan ''deebii cimaa'' ni argatti jedhan.
'Afrikaan Mana Maree Nageenyaa UN keessaa teessoo dhaabbataa haa qabaattu'- Gutareez
Kora falmisiisaa TPLF har'a eegalerratti hanga yoonaa waan beeknu