Dipilomaatiin Olaanaan US dhimma gargaarsa Gaazaarratti Israa'el akeekkachiisan

Madda suuraa, PA
Dippilomaatii olaanaan US Antoonii Bilikan Gaazaa marfamte keessatti deeggarsi namoomaa akka qaqabuuf ''caalaa hojjatamu qabaata'' jechuun dureewwan Israa'elitti himan. Yoo tarkaanfiin hin fudhatamne ta'e seera Ameerikaatiin rakkoo qabaachu akka danda'u akeekkachiisan.
Qondaalli olaanaan bulchiinsa Baayidan, Kibxata kaleessaa wal gahii walitti aansuudhaan Jarusaaleemii fi Teel Aviiv keessatti taasisaniin Ministira Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu, Ministira Rayyaa Ittisaa Yo'aav Gaalaan, Ministira Dhimmoota Tarsimoo Roon Deermer fi qondaaltoota waraaanaa olaanoo waliin mari'ataniiru.
Walgahiin kunis qaama imala rijinichaa kan Ameerikaan akka Israa'el hogganaa Hamaas Yaahiyaa Sinwaar torban darbe Gaazaa keessatti ajjeefteen booda marii dippilomaasii eegaluudhaaf akka carraa ilaalteeti.
Mariin Bilinkan fuula fuulatti Israa’elootaaf ergaa ittiin dabarse kun kan dhiyaate, erga Ameerikaan meeshaalee waraanaa Israa’eliif dhiyeessitutti fayyadamuuf fedhii waan hin qabneef atatamaan lammiileen nagaa Gaazaatti ajjeefamaa jiran dhaabisiisuu dadhabde jechuun qeeqni baay’achaa dhufeetti.
Waashingitan qeeqa kana yeroo hunda diddeetti.
Akkasumas qondaalli kun akka jedhanitti, Blinken hoggansa Israa’el kaaba Gaazaa keessatti waraanni ishee “karoora waliigalaa” jedhamu hojiirra oolchaa jira jedhu irrattis dhiibbaa uume. Tooftaa humnaan lammiilee nagaa jumlaan buqqisuu fi tooftaa harka kennachuu ykn beela’uu hundarratti fayyadamuu jedhamee ibsame kanneen hafan.
Qondaalli kun akka jedhanitti, Israa’eloonni tooftaa kun “gonkumaa imaammata saanii” miti jedhanii itti himaniiru. Israa’el haleellaan kaaba Gaazaa keessatti raawwatte Hamaas deebiisee akka of hin jaarreef ta'u ibsiteetti.
Blinken gargaarsa namoomaa irratti akeekkachiisni mul’atu kan kenne torban darbe xalayaasaa kan Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin waliin mallatteesse hordofee kan dhufe yoo ta’u, mootummaan Israa’el gargaarsa gara kaaba Gaazaa seenuu akka dabaluu ta'u yoo baatee ammoo deeggarsa waraanaa muraasa balaa dhaabuutiif saaxilamuuf guyyoota 30 kennee ture.
''Dhimma kanarratti mariin dheeraatuu taasifamee ture,'' jedhan qondaalli olaanaa Ministeera Dhimma Alaa kun.







