Dureewwan hawaasa Islaamaa waltajii gubbaatti Tiraamp waliin dhaabbatan

Madda suuraa, Reuters
Sa'aatiiwwan muraasa dura duula filannoo Tiraamp kan Noovi, Michigaanittii gaggeesse irratti gareen hoggantoota hawaasa Arabaa fi Musliimaa waltajjii irratti pirezidaantii duraanii kana waliin ta’uun beekkamtii kennuufi maaliif akka isa deeggaran ibsan.
Uummanni Arabaa baay’inaan US keessaa Dearborn, Michigan kan argaman yoo ta'u, innis bakka Tiraamp itti haasaa taasisuurraa fagoo miti.
Minseensoota hawaasa Islaamaa waltajjii irratti argaman keessaa tokko kantiibaa magaalaa Dearbornti. Isaanis deeggarsa Tiraampiif qaban ibsuun innis nagaa Baha Giddugaleessaatti fiduu ni danda’a jedhanii waan amananiif sagalee isaanii ibsan.
Tiraamp fi Haaris lamaan isaanituu sagalee Musliimootaa Michigaan irraa garagalchuuf wal dorgumaa jiru.
Filattoonni Arabaa tokko tokkos, keessumaa Dearborn keessatti, Paartii Dimookiraatotaa, addattis Baayidenii fi Haaris, sababii deeggarsa dhabuu Filisxeemota Baha Giddu Galeessaatti itti mufataniiru.






