Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el kaleessaa haaloo bauudhaaf Iraan irratti raawwachuun loltoonni Iraan afur ittiin ajjeeffamun himame 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan.

Guduunfaa

  • Iraan haleellaa tibbanaaf gatii ishee argatteetti - Waraana Israa'el
  • Israa'el buufatawwan waraanaa kiyya haleelte jette Iraan; miidhaa hangamiitu gahe?
  • Israa'el Iraan keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalte
  • MM Abiy Ahimad kora BRICS irratti maal dubbatan?
  • Libaanosiitti haleellaa Israa'el mana maatii tokkoorratti raawwatteen miseensi maatii 19 ajjeeffaman
  • Ajajaan duraanii hidhattootaa LRA hidhaan waggaa 40 itti murame
  • Leenjisaan duraanii garee Itoophiyaa Asiraat Hayilee du'aan boqotan
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 38 ajjeefaman - Hamaas
  • Turkiin haleellaa booda buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite
  • Hezboollaan namni Nasirallaa dhaaluuf eegamu Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneesse
  • Itoophiyaatti namoonni iddoo dhoksaatti hidhaman qarshii kaffalanii kan bahan jiru - KMNI

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dureewwan hawaasa Islaamaa waltajii gubbaatti Tiraamp waliin dhaabbatan

    Tiraamp dureewwan hawaasa Islaamaa waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Sa'aatiiwwan muraasa dura duula filannoo Tiraamp kan Noovi, Michigaanittii gaggeesse irratti gareen hoggantoota hawaasa Arabaa fi Musliimaa waltajjii irratti pirezidaantii duraanii kana waliin ta’uun beekkamtii kennuufi maaliif akka isa deeggaran ibsan.

    Uummanni Arabaa baay’inaan US keessaa Dearborn, Michigan kan argaman yoo ta'u, innis bakka Tiraamp itti haasaa taasisuurraa fagoo miti.

    Minseensoota hawaasa Islaamaa waltajjii irratti argaman keessaa tokko kantiibaa magaalaa Dearbornti. Isaanis deeggarsa Tiraampiif qaban ibsuun innis nagaa Baha Giddugaleessaatti fiduu ni danda’a jedhanii waan amananiif sagalee isaanii ibsan.

    Tiraamp fi Haaris lamaan isaanituu sagalee Musliimootaa Michigaan irraa garagalchuuf wal dorgumaa jiru.

    Filattoonni Arabaa tokko tokkos, keessumaa Dearborn keessatti, Paartii Dimookiraatotaa, addattis Baayidenii fi Haaris, sababii deeggarsa dhabuu Filisxeemota Baha Giddu Galeessaatti itti mufataniiru.

  2. Weerara dhibee busaa 'Lixarraa Jimmattis haalaan babal'ataa jiru'

  3. Viidiyoo haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Projectiles seen in sky over Tehran as Israel hits Iranian targets

    Haleellaa qilleensaa Israa'el kaleessa Iraan irratti raawwatame viidiyoon BBC mirkanneesse kun akkasiin agarsiisa.

    Dowwadhaa.

  4. Yaa'in bataskaanni Kaatoolikii dubartoota gara hoggansaatti fiduuf waamicha dhiyeessuun xumurame

    Dursaa waldaa Kaatolikii

    Madda suuraa, EPA

    Yaa'ii Vaatiikaan baatii tokko fudhateen dubartoonni bataskaana Kaatolikii keessatti gahee hoggansaa akka qabaataniif waamicha dhiyeessun xumurame.

    Yaa'ichi garuu akka warri ilaalcha tarkaanfataa qaban muraasni eeganiitti dubartoota bataskaanattii keessatti gahee lubummaatiin akka mudamaniif waamicha osoo hin dhiyeessiin hafe.

    Sinodosiichi sadarkaa idil-addunyaatti ilaalcha hordoftoota kaatolikii madaaluuf yaa'ii waggaa afurii kan xumure yoo ta'u, phaaphaasnii waldichaa Firaansiis yaa'i akka idileetti phaaphaasoota qofaa ture miseensoota muraasaad banaa gochuudhaan kennitoota sagalee 368 keessaa gara 60tti kan siqan dubartoota itti dabalan.

    Miseenoonni sinodosichaa hundi yaada murtee 151 irratti sagalee kannaniiru.

    Yaadniwwan sagalee hundinu sagalee argachu qaban lama sadii argachuun kan darbe yoo ta'u, yaadni lubummaa bataskaaniitti keessatti dubartoota baayyee gara gahee aangoo akka qabaataniif dhiyaate garuu sagaleen ''hin ta'u'' jedhu olaanaan itti kennameera.

    Falmiitoonni bataskaanittii keessatti dubartoonni gahee akka qabaatanis, dubartoonni daaqonummaadhaan akka tajaajilaniif murtaa'u ni danda'aman ta'a jechuun abdii godhatanii turan. Sinodosichi garuu haala kanaan hin simanne.

    Dhuma galmicha irratti garuu ''dubartoonni batasikaan keessatti gahee hoggantaa akka hin baaneef sababiin ykn gufuun dhorku omtu hin jiru'' jedhe.

    Yeroo ammaatti bataskaanni Kaatolikii dhiiroonni qofti akka daaqonii ta'an hayyamti. Sirnoota diyaaqonummaa, cubbaa, cidhaa fi awwaalchaa akka raawwataniif mudaman illeen garuu lubbumaan akka mudamaniif hin hayyamamu.

  5. 'Ummanni kaabaa Gaazaa hundi balaa du'uurratti argama'- qondaala UN

    Gaazaa duraaniifi ammaa

    Itti aantuun hoggantuu gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Josii Msuyaa, humnoonni Israa’el hojii dhiheenya kana kaaba Gaazaa keessatti raawwatan keessatti ''namummaa bu'uuraa tuffachuu'' agarsiisaniiru jechuun himatte.

    ''Wanti humnoonni Israa'el Kaaba Gaazaa marfamte keessatti hojjechaa jiran akka itti fufamuuf hayyamamuu hin qabaatu,'' jechuun ibsa miidiyaa hawaasaashee irratti kenniteen.

    Itti dabaluunis, hospitaalonni haleelamaniiru, hojjettoonni fayyaa ukkaamfamanii, dahoowwan gubataniiru, ubbuu baraartoonni deebii jalqabaa kennuudhaan namoota akka hin baraareef dhorkamaniiru jette.

    Dhiiroonnii gurguddaa fi ijoollee dhiiraa '''konkolaataa fe'umsaatiin fudhatamaa jiru'' jechuun kan himatte yoo ta'u, ''Lammiileen Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman'' ajjeefamuu fi kuma kudhaniin kan lakkaa'aman ammoo baqachuuf akka dirqaman himte aangooftuun tun.

  6. Haleellaa qilleensaa Israa'eliin booda Iraan keessatti maaltuu odeeffamaa jira?

  7. Dhukkubsattoonni 'hospitaaloota Gaazaatti haala hamaa keessa jiru'- WHO

    Dr Teediroos Adhaanoom

    Madda suuraa, Reuters

    Duulli waraanaa "naannoo fi keessa" dhaabbilee fayyaa Gaazaa akkasumas "hanqinni cimaan" meeshaalee yaalaa, kunuunsa lubbuu baraaru dhorkaa jira jedhu itti gaafatamaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Dr Teediroos Adihaanoom ibsa kennaniin, taateewwan hospitaala Kamaal Adwaan kan kaaba Gaazaa keessatti raawwatame akeekan.

    Qondaaltonni fayyaa naannoo "marfama Hospitaala Kamaal Adwaan akka xumurame nutti himaniiru, haata'u malee sunis kan baasii guddaan itti baheedha" jechuun barreessa.

    "Hojjettoonni dhiiraa 44 hidhamuu isaanii hordofuun, hojjettoota dubartootaa, daayreektara hospitaalichaa fi hakiima dhiiraa tokko qofatu dhukkubsattoota gara 200 ta'an kanneen yaala fayyaa baay'ee barbaadan kunuunsuuf hafe."

    Dr Teedroos isaan dura haleellaa Israa’el naannoo Jabaliyaatti raawwatte gidduutti WHOn hospitaalicha waliin qunnamtiin qabu adda cituu himanii turan.

    Amma itti dabaluudhaan, miidhaa dhaabbilee fi dhiyeessii hospitaalicha keessaa irra gahe ''gaddisiisaa'' ta'uu gabaasni dhiyaate mul'isu himan.

  8. Barreessaa Olaanaan UN haala Baha Jidduugaleessaatti hammaataa dhufeen yaadda'u himan

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, EPA

    Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez, haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwatte hordofee Baha Giddugaleessaa keessatti haalaa “hammachuu itti fufee jiruun” baay’ee sodaachisanii dubbi himaan isaanii ibsan.

    Dubbi himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Isteefan Dujaariik, Gaazaa fi Libaanos dabalatee, tarkaanfiin waraanaa hundi akka dhaabbatu, waraana naannoo hunda galeessa ta’e ittisuudhaaf carraaqqii olanaan godhamudhaan hatattamaan gara tasgabbiitti akka deebii'amuuf irra deebi’ee waamicha dhiyeessan,” jechuun hima.

  9. Jarman, Raashiyaa fi Afgaanistaan haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatteerratti yaada kennan

    Olaf Scholz

    Madda suuraa, EPA

    Dhimma haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatteerratti hawaasa addunyaa irraa yaadni dabalataas kennamee ture.

    Chaansilarri Jarman Olaaf Scholz, Israa'el haleellaa tibbana Iraan irratti raawwatteen ''du'a namoota nagaa irra gahu malu hambisuuf carraaqqii'' gochuudhaan haleellaa kanaan dura irratti raawwatameef deebii kennite waan turteef, ''kanaafuu carraan haallii akka hin hammaanneef ittisuu ni jira'' jedhu. Iraan akka haala akka hin hammeessine akeekkachiisan.

    Raashiyaan gama sheetiin Baha Jidduugaleessaa keessatti haala hammaataa dhufeen yaadda'u himtee, ''qaamooleen hundi akka of qurataniif'' gaafatte.

    Mootummaa Taalibaan kan Afgaanistaanis haleellaa Israa'el raawwattee balaaleeffachuun, jeequnsa naannicha keessatti deemaa jiru ''cimsuuf'' yaalii raawwatameedha jedhe.

  10. Hoggantoonni Hamaas erga ajjeeffamanii booda Gaazaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu maaltu dhorke?

  11. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti. Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee gaggabaabaa addunyaa mara irraa ittiin isin biraan geenya kan Dilabataa kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu millatan odeessaalee ijoo biyya keessaafi addunyaa mara irraa asiin ni argattu.

    Bakka gaarii olaa!

  12. Iraan yoo Israa'el rukutte Israa'el cimsitee akka haleeltuun beekti, Luusi Duseet, Chief international correspondent

    Balaliin xiyyaaraa eegaluu abbaan taayitaa sivil aviyeeshinii Iraan beeksiseera.

    Haleellaan qilleensaa buufata waraanaarratti xiyyeeffate ‘’milkaa’inaan qolatamuu’’ miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiru.

    Hanga yoonaa ‘’miidhaan daanga'e’’ qofti mudatuufi loltoonni Iraan lama qofa du’u gabaasaa jiru.

    Teehiraan ittisa qilleensaa isheerratti miidhaan hangam akka gahe qorachuu qabdi.

    Yoo deebitee Israa’el haleelte, Israa’el ittuu jabeessitee akka ishee haleeltu beekti.

    Waraana guutuutti seenuu kan hin feene Iraan tarkaanfii itti aanu murteessuu dura gatii siyaasaa isaas xiinxalti.

  13. Iraan haleellaa qilleensaa Israa'eliif deebii kennuu hin qabdu – Istaarmar

    Haleellaa Israa'eliin loltoonni Iraan lama du'uu Iraan dubbatteetti
    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'eliin loltoonni Iraan lama du'uu Iraan dubbatteetti

    Iraan haleellaa qilleensaa Israa’eliif deebii kennuu akka hin qabne Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar dubbatan.

    Ibsa miidiyaaleef Saamowaatti kennaniin, ‘’Israa’el weerara Iraaniif deebii kennuuf mirga akka qabdu,’’ dubbatan.

    Haa ta’u malee, qaamoleen hunduu akka tasgabbaa’an dhaaman.

    ‘’Iraan deebii kennuu hin qabdu. Haala naannicha keessa jiru tasgabbeessuuf michoota keenya waliin hojjechuu itti fufna.‘‘

  14. Iraan ofirraa ittisuuf mirga qabdi - Ministeera Dhimma Alaa

    Erga Israa’el haleellaa haaloo bahuu irratti raawwatteen booda haleellaa ofirraa ittisuuf mirgan qaba jechuun Iraan dubbatte.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baasen haleellaa Israa’el balaaleeffateera.

    Seerri idiladdunyaa ‘’ifatti sarbamuu’’ isaaf agarsiistuudha jedhe.

    Keewwata 51 Chaartara UN gubbaa jiru eerunis Iraan ofirraa ittisuuf mirga akka qabdu ibse.

    US fi UK immoo Iraan haleellaa Israa'eliif deebii akka hin kennine dhaamaniiru.

  15. Iraan haleellaa tibbanaaf gatii ishee argatteetti - Waraana Israa'el

    Iraan haleellaa dhihoo Israa’elirratti raawwatteef ‘’gatii ishee argachuu’’ dubbii himaan waraana Israa’el Daani’el Hagaarii dubbatan.

    Israa’el bakkeewwan Iraan garagaraatti haleellaa raawwachuu ibsaniiru.

    Kunneenis, bakkeewwan misaa’elli itti oomishamu dabalatee bakkeewwan kaan humna qilleensaa Iraan laaffisan rukutuu ibsan.

    Bakkeewwan kuni Israa’el kan kana dura qiyyaafatte keessaa ta’uufi ‘’yoo barbaachise bakkeewwan dabalataas’’ akka rukuchuu dandeessu himan.

    ‘’Kuni ergaa ifa ta’edha – kanneen Israa’elitti dhaadatan gatii jabaa kaffalu,’’ jedhan.

  16. Hamaas haleellaa Israa'el Iraanirratti raawwatte 'cimsee' balaaleffate

    Gartuun Iraaniin deeggaramuufi Gaazaa keessa sochii siyaasaa taasisu, Hamaas, haleellaa Israa’el Iraanirratti raawwatte ‘’cimsee’’ akka balaaleeffatu beeksise.

    Ibsa gareen kuni baasen haleellaan kuni ‚‘‘birmadummaa Iraan kan sarbe‘‘ fi nageenya naannichaa kan hammeessu ta’u ibse.

    Iraan haleellaa Israa’el ‘’gatii dhabsiisuun milkoofteetti’’ jechuun dubbate.

  17. Amma nu gahe, Waraanni Iraan haleellaa Israa'eliin loltoonni lama ajjeefamuu dubbate

    Waraanni Iraan loltoonni isaa lama haleellaa qilleensaa Israa’eliin ajjeefamuu dubbachuu isaa miidiyaan mootummaa Iraan gabaase.

    Waraanni Iraan ibsa baasen loltoonni lama ‘’haleellaa tsiyonistii yakkamaa ta’e osoo qolatanii wareegamuu’’ ibsuu isaa eejansiin miidiyaa Iraan IRNA ibsa waraana biyyattii waabeffachuun gabaaseera.

  18. 'Mana murtii dhaabachuu fi adda waraanaa deemuu keessaa filadhu'- filannoo Raashiyaan shakkamtootaaf dhiyeessitu

  19. Waraanni Israa'el wiirtuu oomisha misaa'elaa Iraan rukutuu dubbate

    Waraanni Israa’el erga haleellaa qilleensaa Iraan keessatti raawwate booda bakkeewwan irratti xiyyeeffate ifa godheera.

    Waraanni Israa’el gaafa Sambataa xiyyaaronni waraanaa isaa bakkeewwan Iraan misaa’ela oomishuuf itti dhimma baatu haleeluu ibse.

    Akka ibsa Israa’elitti, Iraan misaa’ela asitti oomishtuun waggaa darbe gara Israa’el dhukaasteetti.

    Warshaa kanaan ala meeshaalee Iraan waraanni Israa’el samii Iraanirratti bilisaan akka hin sochoone dhorkuu malan haleeluullee ibse.

  20. Israa'el buufatawwan waraanaa kiyya haleelte jette Iraan

    Israa’el buufatawwan waraanaa Iraanirratti xiyyeeffattee haleellaa qilleensaa raawwachuu beeksiftee turte.

    Yeroo ammaa Teehiraan waan kana mirkaneessite fakkaata.

    Humni qilleensaa Iraan ibsa baasen buufatawwan Teehiraan, Kuzestaan fi Ilaam keessatti argamanirratti haleellaan raawwatamuu ibse.

    Ibsi bahe haleellaan raawwate qolatamuu dubbate.

    Bakkeewwan muraasatti garuu ‘’miidhaa daanga’e’’ mudachuu beeksise.