Tiraamp ''biyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun dureewwan yaa'ii UN hirmaataa jiran akeekkachiisan

Tiraamp 'biiyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun hirmaattoota yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkiitti kaleessa eegale hirmaataa jiran dhimma baqattootaan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa 8.4% darban - Pirof. Birhaanuu

    Pirofesar Birhaanuu Nagaa

    Madda suuraa, EBC

    Qormaata kutaa 12ffaa ALI Bara 2017 barattoota qoraman keessaa barattoonni 8.4% ta'an darbuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

    Bu'aan qormaataa barattoota kutaa 12ffaa guyyaa Dilbataa barameera.

    Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Pirof. Birhaanuu Naggaa Dilbata waaree booda ibsa miidiyaaleef kennaniin barattoonni 8.4% ta'an qabxii 50% fi isaa ol fidaniiru jedhan.

    Qabxiin kuni qabxiiwwan waggoota muraasa darban galmaa'aa ture keessaa isa fooyyee qabudha. Pirof Birhaanuunis kanuma mirkaneessan.

    Barattoonnii qabxii isaanii Wiixata sa'aatii 6:00 eegalee akka ilaalan Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.

  2. Dhaabbanni TikTok hanga Roobii dhufuutti namni bitu yoo hin argamne ykn waliigalteerra hin gahamne US keessatti ni cufamuuf jedha

    Qondaalota Chaayinaafi US

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni abbummaansaa kan abbootii qabeenyaa ta'e TikTok US keessatti namni bitu itti barbaadamaa yeroo jirutti qondaalonni USfi Chaayinaa marii daldalaa Ispeenitti gaggeessuu eegalan.

    Marichi kan gaggeeffamu ministira daldalaa Ameerikaa Iskoot Beesentifi Ittaanaa Ministiira Muummee Chaayinaa Hii Laayifoongdha.

    Addunyaarratti biyyoonni diinagdee cimaa qabaachuun beekaman lamaan USfi Chaayinaan, muddamni diinagdee gidduusaanitti dhalate akka hin hammaanneef marii gaggeessaa jiru.

    Qondaalonni olaanoon biyyoota lamaanii ji'a Adoolessaa keessa wal-arguun dhimma taarifaa irratti mariyatanii kan turan yoo ta'u, waliigalteen taarifaa biyyooni lamaanuu walirra kaa'anii turan guyyoota 90 ta'uuf akka dheeratu godhanii ture.

    Doonaald Tiraamp dhaabbanni TikTok abbootii qabeenyaa UStti akka gurguramu, hin taane yoo ta'e ammoo akka cufamu jechaa ture.

    Dilbata gaazexeessitoota yeroo dubbatu, "[TikTok] akka du'u dhiisuu dandeenya, ykn ammoo waan ta'u hin beeku. Chaayinaa irratti kan hundaa'u ta'a, baay'edhuma waan nama dhibuu miti," jechuun dubbate.

  3. Tamsaasa kallattii eegalleera

    Ashamaa hordoftootaa bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii Wiixataa kunoo amma eegalleera.

    Kan torban darbee argachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.

    Bakka nagaa oolaa.