Maan Yunaayitid taphaan milkii dhabus galii rikardii ta'e argate
Madda suuraa, Getty Images
Maanchestar Yunaayitid taphaan mikii erga dhabee bubbuluus bara darbe galii rikardii kilabichaa ta'e paawundii miliyeena 666.5 galmeesse.
Bara darbe Pirimerliigii Ingiliziin Yunaayitid sadarkaa 15ffaadhaan fixe. Kuni bara 1973/74 booda seenaa kilabichaa keessatti gahuumsa baay'ee gadaanaadha.
Bara kana garuu dhaabbata Snapdragon waliin waliigaltee ispoonsarshiippii mallatteessuunsaanii, kilabichi galii paawundii miliyeena 333.3 akka argatu taasiseera.
Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo attam jirtu?
Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa mara irraa gagabaabsine ittiin isin biraan geenyu kan Roobii har'a kunoo amma eegaleerra.