Biyyoota addunyaa saffisaan guddataa jiran kudhan keessaa shan Afrikaarraati - MM Abiy
Humnaafi qabeenya jiru sirriitti faayidaarra oolchinaan Itoophiyaa dabalatee, Afrikaa keessatti carraan dinagdee saffisaan guddisuu jira jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
Afrikaan seenaa keessatti dinagdee guddaa Eeshiyaa caalu galmeessuu akka dandeessu IMF ibseera jechuunis himan.
Bara kana guddina dinagdee % 9.2 galmeessina kan jedhu ture kan jedhan MM Abiy, raawwii ji'a ja'aa ilaaluun gara %10.2 milkeessuu dandeenya jedhan.
Tilmaamni IMF guddina dinagdee Itoophiyaa ilaalchisee raagus kan mootummaan raagu waliin walitti dhiyeenya (wal fakkeenya) qaba jedhan.
Kanaan dura garuu raagni mootummaafi IMF baayyee garaagarummaa qaba ture jechuun ibsani.

