US diroonii Iraan gara dooniishee xiyyaara baatutti balali'aa ture rukkutuu himte

Dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee itti deemaa ture” rukkutamee kufuu hime.

Guduunfaa

  • Loltuun tokko jalaa madaa'uu booda haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen Filisxeemonni 17 ajjeefaman
  • Qabxiilee ijoo shan MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dubbatan
  • Odeeffannoo wayitaawaafi xiinxala garagaraa dhimma biyya keessaafi addunyaarraa karaa: Marsariitii, Facebook, YouTube fi Whatsapp keenyaa kanaan argattu.
  • Rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa mudatan sadi
  • 'Waldhabdeen Ertiraa waliin yeroo waraana Tigraayitti qabeenya saamaniifi namoota ajjeesan jalqabe waliigaltee Piritooriyaan booda dhohe'
  • Galaanni Diimaafi Itoophiyaan bara baraan gargar bahanii hin jiraatan- MM Abiy
  • 'Diina siif hin kenniin, diina siif kenne ammoo diina duudaa siif hin kenniin' - MM Abiy
  • Filannoon 'keenyaniifi maagaraa' mana jabaa ittiin ijaaranidha
  • 'Gaafa Afrikaa akka gargari hin baane walitti jiru, akka tokko hin taane micciirameera'
  • Manni-marii walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira
  • Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Galaanni Diimaafi Itoophiyaan bara baraan gargar bahanii hin jiraatan- MM Abiy

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, FBC

    Itoophiyaaf ulaan galaanaa hin barbaachisu jedhee kan yaadu "seera uumamaa kan faallessuudha" jechuun Galaanni Diimaan Itoophiyaaf murteessaa ta'uu ibsan.

    Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuuf humnan fayyadama akka hin jenne kan ibsan MM Abiy, "Galaanni Diimaafi Itoophiyaan gargar bahanii jiraachuu hin danda'an" jedhan.

    Gama biraan Galaanni Diimaan dhimma nageenya biyyaalessaa ta'uu kaasuun Israa'el Gaarreen Goolaan to'achuu wajjin wal-bira qabanii kaasan.

    Israa'eel Gaarren Goolaan kan qabatteef yaaddoo nageenyaa qabaachurraa kan ka'e ta'uu ibsuun Itoophiyaanis Galaana Diimaa irraa fedhii biyyaalessaa akka qabdu dubbatan.

    Kana galmaan gahuuf "Itoophiyaan rasaasa dhukaasuu hin barbaaddu" jechuun ibsan.

  2. 'Gaafa Afrikaa akka gargari hin baane walitti jiru, akka tokko hin taane micciirameera'

    Gaanfi Afrikaa akka gargari hin baane walitti jira, akka walitti dhufe tokko hin taane ammoo mimmiciirameera.

    Hwaasni Gaanfa Afrikaa afaan, aadaafi sabaan wal makataa ta'uu kan kaasan MM Abiy, gargaara baasuun rakkisaadha jedhu.

    Haata'u malee, tokko akka hin taaneef ammoo fedhii fagorraa dhufaniif rasaasa dhiyeessu jechuun hubachiisan.

  3. 'Diina siif hin kenniin, diina yoo siif kenne ammoo diina duudaa siif hin kenniin' - MM Abiy

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, FBC

    Gaaffii rakkoon nageenyaa barnootarraan gahaa jiru ialachisuun gaaffii dhiyaateef deebii kennaniiru Ministirri Muummee Abiy.

    Barnoota waliin ga'uuf keessumaa sadarka gadiirraa jalqabee hojjetamaa jiraachuu kaasuun, sadarkaa yunivarsiitiirratti ammoo qulqullinaafi cimsuurratti hojjetamaa jira jedhan.

    Bakka rakkoon nageenyaa jirutti ammoo ummannis itti yaaduu qaba jechuun warra 'maqaa ummata bilisa baasuutiin' dhaloota barnootarraa dhorkan qeeqaniiru.

    'Diina siif hin kenniin, diina siif kenne ammoo diina duudaa siif hin kenniin' jechuun warra [hidhattoota] dhaloonni barnoota akka hin arganne godhan abaaraniiru MM Abiy.

  4. Mariin Biyyaalessaa hundaaf banaadha

    Mariin biyyaalessaa Itoophiyaan itti jirtu rakkoo biyyattii buleef fala qaba kan jedhan MM Abiy, mariyachuuf waltajjii carraa guddaa uume ta'uu kaasan.

    Mariin Biyyaalessaa kun hundaa banaadha' abbaan barbaade itti hirmaachuu danda'a. Kan hin barbaadu jedhe garuu dhiisuu danda'a."

    Marii biyyaalessaa kanaan ajandaa adda baafanna agaggeeffameen akka hubachuun danda'ametti, rakkoon naannolee gara garaa jiran hedduun isaanii waan wal fakkaataniif gaaffii garaa gara ta'eefi walirra fagaatee fiixeetti bahe jiraatanis kan furaman ta'u jechuun abdii mariin biyyaalessaa kun qabu ibsaniiru MM Abiy.

  5. Filannoon 'keenyaniifi maagaraa' mana jabaa ittiin ijaaranidha

    MM Abiy filannoo barana ailaalchisuun dubbuu dubbataniin, ummanni filannoorratti dammaqinsaan hirmaachuu akka qaban cimsanii dubbataniiu.

    "Sagalee ummanni kennu akka 'bilookeetii/xuubiidha; warri filataman ammoo maagaradha. Kanaaf, xiibiiwwan miliyoonan lakkaa'aman maagara kumaatamaan lakka'aman waliin wal hidhanii mana jabaataa ijaaru," jechuun hirmaannana filannoo barbaachisaa ta'uu ibsan.

    Paartiin biyya bulchaa jiru qofaa isaa dorgomuun caalaa paartileen siyaasaa hirmaachuun biyyaaf caala abu'aa qaba kan jedhan MM Abiy, partileen akka sirriitti qophaa'anii himaataniif gaaftaniiru.

    "Waggaa shan gaabbii keessa turuurra, qophaa'aa hirmaadhaa."

    Filannoon ni gaggeeffama jechuun irra debiin kan gadi jabeessanii ibsa MM Abiy, sababiiwwan dhiyaatan kan akka nageenyaa fi kaan ka'an dhugaa miti jechuun kaasan.

    Mootummaa ce'umsaa kan jedhu irra deddeebiin gaafachuurra flannoon osooma hanga barbaadame mijataa ta'uu baatullee aadaa filannoorratti hirmaachuu shaakaluun barbaachisaa ta'uu kaasan.

    Filannoon biyyaalessaa dhufaa jiru gaarii akka ta'u abdiin qaba kan jedhan MM Abiy, warri hin galmaa'iinis galmaa'aa dorgomaa jedhaniiru.

  6. 'Waldhabdeen Ertiraa waliin yeroo waraana Tigraayitti qabeenya saamaniifi namoota ajjeesan jalqabe waliigaltee Piritooriyaan booda dhohe'

    MM Abiy Ahimad

    Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

    MM Abiy gaaffii miseensota paarlaamaa irraa ka'eef deebii yoo kennan, yeroo waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture waraanni Ertiraa warshaa dabalatee saamicha guddaa gaggeessaa akka ture ibsan.

    Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jirus kan hammaate Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'uun Ertiraa gammachiisuu dhabuu kaasan.

    "TPLF osoo hin badin [akkamitti TPLF waliin] waliigalteen godhama kan jedhuun" walitti dhufeenyi hammaachuu ibsan.

    Ertiraan qabeenya yeroo waraana Tigraay saamte akka deebistuufi saamicha dhaabduuf si'a heddu qondaalota mootummaa Asmaraatti erguus dubbatan.

    Loltoonni Ertiraa saamichaafi ajjeechaa Tigaay keessatti raawwachaa yeroo turanitti, mootummaa Itoophiyaa waliin wal dura dhaabbannaan akka tureefi hammachaa deemee dhumarratti waliigalteen Piritooriyaa gaafa mallattaa'edaran hammaate.

  7. Rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa mudatan sadi

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, PM Office

    MM Abiy gaaffii dhimma ji'oopolitiksiifi waan Itoophiyaan gochaa jirturratti gaaffii gaafatamaniif deebii yoo deebisan, rakkoo bu'uuraa durii kaasee Itoophiyaa mudate akka fakkeenyatti kaasan.

    Inni jalqabaa rakkoo humnaan furuu Itoophiyaa keessatti aadaa ta'ee hanga ammaa gadi lakkisuu dide yoo ta'u, rakkoon bu'uuraa lammaffaan "amala baandummaa" jechun ibsaniidha.

    Rakkoo sadaffaan isaan kaasan "yaaddoo diinonni keenya Itoophiyaarraa qaban" jechuun ibsaniidha.

    Diinonni Itoophiyaa eenyu fa'aa akka ta'an ifatti ibsuu baatanis, "diinonni keenya durii jalqabanii jiru" jechuun baandawwan biyya keessaa ammoo isaaniif ergamu, isaan waliin hojjatu jechuun dubbatan.

    "Fedhiin bu'uuraa diinota keenyaa isa angorra jiru osoo hin taane, hiiroo jigsuudha," jechuun ibsan.

  8. Safaricom dhufee Ethiotelecom akkuma hirribaa kaase, baanikileen alaa yoo dhufan akkasuma godhu- MM Abiy

    Itiyoophiyaan waggoota hedduu baankileen alaa akka hin seenneef balbala itti cuftee turuu kan himan, kuni ammoo seektarri faayinaansii hamma guddachuu qabu akka hin guddanne gochuu dubbatan.

    Baankileen biyya alaa Itoophiyaa seenanii invest yoo godhan muuxannoofi teeknolojii fidanii akka dhufaniifi baankileen biyya keessaas kana ilaalanii akka kaka'an akka gargaarus ibsan.

    "Safaricom akkuma dhufee Ethiotelecom hirribaa kaase ta'a," jechuunis ibsan.

    Baankileen Itoophiyaa osoo humna guddachuu qabanii hamma irraa eegame guddachuu dhabuu kaasuun, baankileen alaa bifa baankilee Itoophiyaa gabaa keessaa hin baasnen yoo invest godhan dhiyeessii maallaqaafi muuxannoof gaarii ta'uu dubbatan.

    "Baankileen Itoophiyaa baankii ta'uu qabu," jechuunis bakka tokkotti walitti dhufanii baankii jabaa akka ta'aniifis waamicha godhaniira MM Abiy Ahmad.

  9. "Itoophyaan Hidha Haaromsaa ijaaruuf dolaara tokkoyyuu liqaa hin fudhanne"- MM Abiy

    MM Abiy gaaffii miseensota paarlaamaa irraa ka'aa jiruf deebii kennaniin, dhimma ijaarsa Hidha Abbaayyaaf deeggarsa qaama alaa irraa akka hin arganne ibsan.

    "Itoophiyaan Hidha Haaromsaa ijaaruuf dolaara tokkoyyuu hin liqeeffanne," jechuun humna biyya keessaa qofaan ijaaramee xumuramuu ibsan.

    Hidha Abbaayyaa Itoophiyaan waggaa 14 ijaartee bara darbe eebbiste ilaalchisee, pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Itoophiyaan maallaqa UStiin akka ijaarte irra deddeebiin dubbataa ture.

    MM Abiy garuu, Itoophiyaan qaama alaarraa homaa osoo hin liqeeffatin akka ijaarte dubbatan.

  10. 'Jijjiiramni imaammataa caba dinagdee Itoophiyaa dhinsaa jira, caalaa ammoo hojjetamuu qaba' - MM Abiy

    Ministirri Muumee Itoophiya Abiy Ahimad rifoormiin dinagdee hojiirra oole bu'aa qabaa akka fide himan.

    Jijjiiramni imaammataa dinagdee madda-danuu hojjiira oolaa jiru caba dinagdee biyyattii dhinsaa jira kan jedhan MM Abiy, bara kana walumaa galatti guddina dinagdee %10.2 akka galmaa'u kasaniiru.

    Guddinni gama telekoomunikeeshinii waliin gahuun hojjetame hanga yaadameen ol ta'uu lakkoofsaan deeggaruun kan ibsan MM Abiy, gama turiizimiinis Irraacha, masqalaa fi Cuuphaafaa kaasuun akka sektara guddataa jiru taeetti dubbatan.

  11. Aadaa hojii ...

    Gaaffii miseensonni mana-maree kaasan keessa tokko aadaa hojii kan jedhudha.

    Gaaffiin kun barbaachisaa ta'uu kan himan MM Abiy, aadaan hojii jijjiiramuu qaba.

    Finfinnee keessatti hojiin halkan dabalatee hojjetamaa jiraachuu kaasuun aadaa hojii foyyaa'aa jiraachuu himan, garuu caalaa foyyaa'uu qaba jedhan.

  12. Mucaan ganna 13 bishaan km4 daakee maatiisaa 'lubbuun baase' jajamaa jira

    Awustiraaliyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ol adeemaan umrii 13 haadhasaafi obbolaasaa lamaan qarqara galaana Awustiraaliyaatti bishaan fudhate oolchuuf garba dambali'u daakaa gargaartota yeroo balaatti eeruusaaf jajamaa jira.

    Maatiin kuni hamma bubbeen dhufee miya isaanii dhiibuutti qarqara galaanaa Ji'oogiraaf Beey jedhamutti bidiruuwwan sasalphaadhaan bishaanirra asiifi achi yabalaa turan.

    Mucaan ganna 13 kuni bidiruusaa pilaastiikaan yabale gargaartota yeroo balaatti beeksisuuf jedhu bidiruunsaa keessa bishaan seene jennaan km4 daakaan kute.

  13. Liqaa argachuufi deebisuurratti---

    Itoophiyaan liqaa fudhachuurratti warra liqeessan waliin dubbachaafi amantaa isheerratti qaban daran akka dabalurratti hojjechuun milkoofteett jedhan MM Abiy.

    Dinagdeen guddata jiruufi amanamummaan liqaa deebisuu cimaa dhufuun sadarkaa 'diimaa' [yaddessaa] jedhamu keessa hin taatu jedhan.

    Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaarratti liqaa tokkollee hin fudhanne. Kun amantaa of danda'uufi warra liqeessanirraa amantaa dabalaaf.

    Itoophiyaan pirojektoota gurguddaa baayyee qabdi.

    Buufata Xiyyaaraa Afrikaatti tokkoffaa ta'e jalqabdeetti. Warshaa xaa'oo, riffaayinarii, fi kaan hedduu pirojektoota Afrikaatti tokkoffaa ta'an hojjechaa jirti jedhan.

  14. Xiyyaara Chaayinaa waraana qilleensarraa addunyaa jijjiiraa jiru

    Xiyyaara waraanaa Chaayinaa

    Madda suuraa, X

    Omishnii fi teknoolojiin xiyyaaraa waraanaa addunyaa irratti dorgommi cimaa ta'uun itti fufeera.

    Dorgommii kana keessatti taphattuu cimtuu kana taate Chaayinaan xiyyaarota waraanaa tibbana ifoomsite J-20A jedhamuun xiyyeeffannoo addunyaa qabachuu itti fufteetti

    Chaayinaan yeroo jalqabaaf xiyyaara waraanaa ishee sadarkaa olaanaa J-20A jedhamu kana dura ture J-20S jedhamurraa fooyyessuun kan ifoomsite.

  15. 'Ummata Iraan kana booda sodaachisnee bulchuu hin dandeenyu'

    Mormitoota Iraan

    Madda suuraa, EPA-EFE

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan keessa torban muraasa darbeef mormiin ummataa adeemaa ture

    Muddamni US fi Iraan gidduutti dhalate qondaalota Iraan biratti yaaddoo biraa uumee jira - US haleellaa Iraan irratti yoo gaggeessite mormiin cimaan dhalachuun mootummaan Ayaatolaa Kameenii kufee sirni gonfoo biyyattiitti deebi'ee ijaaramuu danda'a kan jedhu.

    Qondaalonni Iraaniifi Ayaatolaa Alii Kameenii wal-gahii taa'aniin uummanni Iraan akka kana duraa mootummaa Ayaatolaa sodaachuu akka dhiiseefi ummata akka kana duraa sodaachisuun bulchuu akka hin dandeenye itti himuu isaanii Rooyitars qondaalota Iraan ammaafi duraanii jaha dubbisuun gabaasera.

  16. Yakkamaan saalqunnamtii maqaa namoota beekamoo ijoo dubbii taasise eenyu?

    Donaald Tiraamp fi Jefirii Eppistiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jefirii Eppistiin bara 2019 du'aan boqote

    Maqaan isaa guutuun Jeferii Ediwaard Eppistiin jedhama Amajji 20 bara 1953 Ameerikaa Biruukiliinitti dhalatee, Hagayya bara 2019 du'e. Umurii isaa wagga 84 jiraate keessatti hojii garagaraa hojjeteera. Barsiisaa ta'eera; hojjetaa faayinaansii ta'eera.

    Garuu kan ittiin beekamee maqaan isaa addunyaa waliin gahe ogummaa isaa Kanaan miti; yakka fokkuu maqaa namoota bebbeekamoo addunyaa kanaa waliin walqabatee ka'uun beekame.

  17. Yeroo muddamni cimetti Itoophiyaan Sa'udii waliin hariiroo cimsachuuf

    Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa fi Ministira Dhimma Alaa Ilma Mootii Fayisal bin Farhaan Al Saawud

    Madda suuraa, @MFAEthiopia

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa fi Ministira Dhimma Alaa Ilma Mootii Fayisal bin Farhaan Al Saawud

    Itoophiyaan yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimetti Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo cimsachuuf marii taasifte.

    Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos gara Sa'udi imaluun gita isaanii waliin marii taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

  18. 'Industiriin qaqqabbanaa'eera kan jedhame sirrii miti' - MM Abiy

    Yaada industiriin qabbannaa'aa ykn laafaa dhufeerra jedhamu sirrii akka taane kan dubbatan MM Abiy, sektarriin kun dandammaqaa jiraachuu kaasaniiru.

    Kana ammoo, omisha sibiilaa, simmintoo, albuuda baasuufi kaan akka fakkenyaatti kaasuun ibsaniiru.

    Hojii soolaarii irratti hojjetamaa jiruun bara dhufu dolaara miliyoona 900 argachuuf hojjetama ajiraachinis industiriin jijjiirama fidaa jiraachuu agarsiisaniiru.

  19. Xaa'oo uumamaarratti bal'inaan hojjetamaa jira - MM Abiy

    xaa'oo uumamaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Hojiiwwan omisha qonnaa guddisuurratti meeshaalee barbaachisan akka kombaayinarii, paampii bishaanii, xaa'oorratti bal'inaan hojjetamaa jira jedhan MM Abiy.

    Kunuunsa naannoofi ashaaraa magariisaa waliin karaa wal deeggaruun xaa'oo uumamaarratti hojjetamaa jiraachuu kaasan.

    Akkaataa kanaan qonnaan %7.5 akka guddaatu ibsan.

    "Walumaa galatti guddinni yeroo kamiyyu argamee hin beekne argameera."

    Kana caalaa hojjechuun garuu barbaachisaa akka ta'e kaasuun, isa hojjetame garuu haaluun akka hin barbaachisne dubbatan.

  20. Magaalota baay'ee, qulqulluu fi tajaajila guutuu dhiyeessu uumuu

    Magaalaa hedduu, qulqulluufi tajaajila barbaachisan qabuufi faalama qilleensaarraa bilisa ta'e uumuuf hojjechaa jirra jechuun Ministirri Muummee Abiy himan.

    Ashaaraa Magariisaa hojjechaa jirru 'namuu kan ragaa bahudha' jechuunis himan.

    Fayyaa haadhotaafi daa'imaniirratti hojiin bareeda hojjetamaa akka jirullee ibsan.