Waraana Misaa'elaa fi jechootaa- Eenyutu maal jedhe?

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa kudhan dura bakka bu'oonni Ameerikaa, Raashiyaa fi Yuukireen Tarkiitti wal arguun dhimma dhukaasa dhaabuu irratti mari'atanii ture. Garuu jijjiirama guddaa hin fidne.
Ergasii waraanni jechootaa gaggeessitoota biyyoota sadeenii gidduutti hammaate.
Pirezidaantii US, Doonaaldi Tiraampi
- Tarkitti Tiraampi walgahicha irratti hin argamne. Garuu bilbilaan Puutin waliin dubbataniiru. Yuukireenii fi Raashiyaan ''hatattamaan'' dhukaasa dhaabuuf marii jalqabu jedhan. Garuu homtuu hin eegalle.
- Halkan darbe ammoo Putiniin ''maraataadha'' jechuun ibse. Puutin haleellaa Yuukireen irratti hammeesse. Akkasumas ''haala amma odeessaa jiruun homaa biyya isaa gargaaraa hin jiru'' jechuun Zeleniskiis komatan.
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin
- Puutin marii Tarkiitti gaggeeffame irratti argamuu hin barbaanne. Garuu ''rakkoo bu'uuraa waraana Yuukireen fide'' irratti dubbachuun waliigaltee dhaabbataa irra gahuu qabna jedhe.
- Har'a ammoo kallattiidhaan Puutin irraa deebin kenname hin jiru. Garuu dubbii himaan Kireemliin Dimtirii Peeskoov, ''Raashiyaan dhiyeenya waan Tiraampi marii nagaa jalqabsiisaniif ni galateeffatti'' jedhan.
Pirezidaantii Yuukireen Zeeleniskii:
- Raashiyaan ''yeroo bitachuuf yaalaa jirti'' jechuun himatan. Kunis erga Tiraampii fi Putin bilbilaan haasa'aniiti.
- Har'a ''dhiibbaa guddaa fi qoqqobbiin irratti darbuu qaba'' jechuun waamicha dhiyeessan.
- Erga Raashiyaan Yuukireeniin bara 2022 weerartee as haleellaa diroonii rikardii taheen torbee darbe magaalaa Kiyeev rukutte jedhan.







