Raashiyaa fi Yukireen marii nagaa Istaanbuliin sa'aatii muraasaan dura waliitti dhukaasan

Raashiyaafi Yukireen marii nagaa Istaanbuliitti har'a gaggeefamun sa'aatii muraasaan dura waliitti dhukaasan. Haleellaa diroonii Yukireen buufataalee xiyyaara waraanaa Raashiyaarratti raawwatteenis yoo xinnaate xiyyaaroonni 13 barbadaa'u qondaalli yukireen ibsan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaazaatti ummanni beela'e buufata rabsaa gargaarsaa dhaabbilee tola-ooltotaa cabsee seene

    Gaazaatti Filisxeemonni kumaan lakkaa'aman buufata gargaarsaa dhaabbilee tola-ooltummaa Ameerikaafi Israa'eliin gaggeeffamuu jalqabee guyyaa lama keessatti dhuunfatan.

    Viidiyoon bahe akka agarsiisutti ummanni Kibba Raafaah mooraa 'Gaazaa Humaanitaariyaan Faawondeeshin' cabsanii seenuun dallaa jigerra yeroo wasan agarsiiseera

    Dhaabbanni tola-ooltummaa kun akka jedhetti, namoonni gargaarsa argachuuf dhufan hedduu ta'uu isaaniirraa kan ka'een, miseensonni garee gargaarsaa yeroo xiqqoof duubatti deebiyee ture.

    Humni waraanaa Israa'el loltoonni naannawaa sana turan rasaasa akeekkachiisaa dhukaasanii ture.

    Hojjetoota nageenyaa Ameerikaa qacaraman kan gargaaramu Gaazaa Humaanitaariyaan Faawondeeshin, Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii caalaa adda-durummaan gaazaa kessatti gargaarsa dhiyeessaa jira.

    Viidiyoo yeroo Filisxeemonni beela'an mooraa cabsan agarsiisu daawwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Thousands of Palestinians run towards a food distribution centre in Gaza.
  2. Yukireen manneen-barnootaa lafa jalaa 200 ijaaraa jirti -Aanga'oota

    Meeshaa waraanaa

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireen mannee barnootaa 200 ta'an lafa jalatti ijaaraa jiraachuu Ministirri Muumee Yukreen Deenis Shaamihaal konferaansii "Barnoota Yukiree Haaraatiif [Education for a New Ukraine" Kiiv keessatti qophaa'eerratti dubbate.

    Akka MM Yukireen kun jedhanitti ijaarsi manneen barnootaa kunneen %80 kan xumurame yoo ta'u, manneen-barnootaa ijaaraman kunneen gosa garaa garaati.

    Gamoowwan mana-barumsaa, tekinikaafi ogummaa, akkasumas dhaabbilee barnootaa 4,000 galmee qabeenya manca'anii keessatti tarreeffamuu ibse itti-aanaan ministira muummeefi ijaarsaa Oleksii Kulebaa.

  3. Ibiddaan taphataa jira jechuun Tiraamp Puutiniin akeekkachiisan

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp “waan badaa hedduu ishee mudachuuf turerraa” Raashiyaa oolchuu dubbatan.

    “Osoo ana ta’uu baatee yeroo kana wantoonni baayyee hamoo ta’an Raashiyaa mudatu ture. Vilaadmiir Puutin garuu kana hin hubatu,” jechuun miidiyaa hawasaa isaa the Truth irratti barreesse. Haata’u malee, kana jechuun isaa maal jechuu akka ta’e bal’insaan hin ibsine.

    “[Puutin] ibiddaan taphataa jira,” jedhe.

  4. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan oromoo?

    Tamsaasa kallattiin odeeffannoo wayitaawaa addunyaa bakka kamittiyyu ta'e isin biraan gahuu jalqabneerra.

    Nu hordofaa!

  5. Zimbaabuwetti labsiin haaraan gibira raadiyoo konkolaataa mormii kaase

    Raadiyoo konkolataa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidaantiin Zimbaabuwee Emmerson Menangagwa seera falmisiisaa konkolaachiftoonni hundi inshuraansii konkolaataa baafachuun dura hayyama raadiyoo akka baafatan dirqisiisu mallatteessaniiru.

    Konkolaataa keessatti raadiyoo banatanii dhaggeeffachuuf namni tokko waggaatti Birrii 10,000 ol kaffaluu qaba jedha labsichi.

    Murtee kun abbootii konkolaataa baasii tokko malee konkolaataa isaanirraa raadiyoo banatanii dhageeffataa turan biratti mufii uumera.

    Tarkaanfii kana hojiirra oolchuun qaama galii mootummaa guddisuu jedhuuf qabame keessa tokko yoo ta'u, keessumaa haalaa dinagdee biyyattii rakkisaa keessatti ba'aa lammilee irratti fe'amuuf yaadamee jedhu qeeqxtootni.

    Hogganaan paartii mormituu biyyatti labsiin haaraan kun ''farra lammiilee fi walitti garaa jabaachuu kan mal'isuudha'' jedhan.

    Mootummaan garuu seerri haaraan kun ''barbaachisaa'' fi ''haqa qabeessa'' ta'uu dubbataniiru.

    Biyyattii keessatti konkolaattonni galmaa’an tilmaamaan miiliyoona 1.2 ta’us isaan keessaa kuma 800 qofatu inshuraansii qaba.

  6. Erga waraanni Yuukireen jalqabee boji'amtootni Yukireen 200 ol du'uun gabaafame

    Boji'amtoota Yukireen

    Madda suuraa, Google

    Erga weerarri Yukireen jalqabame as booji’amtoonni waraanaa Yukireen 200 ol hidhaa keessatti du’uu isaanii gabaasni Asoosheetid Pireess ni mul’isa.

    Gabaasichii falmitoota mirga namoomaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, aangawoota Yukireen fi ogeessa fooransikii wabeeffachuun manneen hidhaa Raashiyaa keessaa hammtaata ta'e du’a namoota hedduuf sababa ta’uu akka hin oolle ibseera.

    Aanga'oonni Raashiyaa dhimma kan irratti ibsi kennaan hin jiru.

    Jalqaba irratti Raashiyaan haala qabiinsa Yukireen booji’amtoota waraanaa Raashiyaa irratti taasiftu ilaalchisuun himatte irratti Dhaabbanni biyyota Gamtoomanii gama lammaaniin of eeggannoon akka taasifamu gaafateera.

    Gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 2024 baaseen hidhamtoota Yukireen gadhiifaman keessaa %95 dararamaa akka turan ibseera.

    Hidhamtoonni reebicha, elektirikiin gubbu ukkaamfamuu, miidhaa saalaa, ajjeechaa dabalatee miidhaan adda addaa irra gahuu ibseera

    Gabaasichi akkasumas hidhamtoonni Raashiyaa tokko tokko wayita jalqaba humnoota Yukireen miidhaan akka reebicha fi doorsisaa dabalatee irra gahuu fi erga bakka tursiisaa Yukireen qopheessitetti jijjiiramanii booda miidhaan kun kan dhaabbato ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.

  7. Gareen Ameerikaan deeggaramu Gaazaaf gargaarsa raabsuu eegaluu ibse

    Konkolaattota gargaarsaa raabsan

    Madda suuraa, Reuters

    Gareen gargaarsa Ameerikaa fi Israa’eliin deeggaramu Gaazaa keessa gargaarsa taasisuu eegaluun ibsame

    Fandiin Namoomaa Gaazaa (GHF) nyaanni konkolaataa fe’umsaan bakka nageenya qabutti geeffamee namootaaf raabsamuu eegaluu ibseera.

    Garuu gargaarsi kun eessatti fi hangam akka kenname hin ibsamne.

    Gareen kun eegdota nageenyaa Ameerikaa fayyadamu sochii kan eegale yoo ta'u, kunis erga Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii gargaarsi hatattamaa yoo hin qaqqabiin lammileen Filisxeem miliyoona 2.1 ta'an beelaaf saaximuu akeekkachiiseti.

    Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii fi dhaabbileen gargaarsaa hedduun sagantaa GHF ''qajeelfama namoomaa faallaa ta'ee fi gargaarsa meeshaa waraanaa ''fakkaata jedhan waliin tumsuu didan

    Ibsa Wixata halkan gaazexeessitootaaf kennameen, GHFn ''Gaazaa keessatti hojii jalqabuu'' fi ''konkolaataa nyaataa fe'ee gara Naannoo waraanni hin jirretti gargaarsa nyaataa ummata Gaazaaf'' geessuu isaa beeksiseera.

    "Konkolaattonni fe'umsaa gargaarsa fe'an dabalataa [Kibxata] kan dhiyaatan yoo ta'u, dhiyeessiin gargaarsaa guyyaa guyyaan dabalaa deema," jechuun dabalee ibseera.

  8. Gammachuu injifannoo Liiverpuul yeroo konkolaataan diige - Daawwadhaa

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Gammachuu injifannoo Liiverpuul yeroo konkolaataan diige-Daawwadhaa

    Shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta’uu Liiverpuul hordofee bakka namoonni yaa’anii gammachuu ibsataa turanitti konkolaataa bakka namoonni tuchanii turan keessa oofame daa’imman afuriifi ga'eessa 50 miidheera.

    Isaan keessaa 27 hospitaala kan geeffaman yoo ta’u, namoota miidhaa lamatu irra gahe.

    Shofeeriin konkolaataa namoota keessa oofuun miidhaa geessise kun ammatti kaayyoon isaa maal akka ta'e hin ibsamne.

    Yeroo konkolaataan kun namoota gidduu oofamuu, namoonni baqataniifi poolisiin qaqqabu viidiyoon agarsiisu baheera.

    Namoota gammachuu ibsataa turan

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Kooriyaan Kaabaa sirni ittisa misaayelaa US 'Golden Dome' waraana niwukilaaraa hawaa fiduu mala jette

    Kim Jungi Un

    Madda suuraa, Getty Images

    Kooriyaan Kaabaa, Ameerikaan sirna waraanaa misaayela qolatu ''Golden Dome' fayyadamuuf karoorsuun ''waraana niwukilaara hawaa fiduu mala,'' jette

    Sirni ittisaa Tiraamp yeroosaa Waayit Haawus yeroo xumurutti hojjetamee dhuma jedhame yaaddoo haleellaa baalistikiifi misaayelaa ''dhaloota dhufuu'' qolachuu irratti xiyyeeffata.

    Ministeerri haajaa alaa Piyoongyaang karoora US kana ''oftuulummaa fi anatu beekaa guddaa dha,'' jechuun qeeqe.

    Waashingitan ''hawaa iddoo waraanaatti geeddaruuf waan hunda gooti,'' jechuun akeekkachiisuun booda karoorri kuni ''addunyaan dorgommii niwukilaaraafi meeshaa waraanaa hawaatti'' fiduu danda'a. jedhe.

    Kooriyaan Kaabaa, Ameerikaa akka diinaatti kan ilaaltu yoo tahu wal-tumsa waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaan taasisan balaaleffachaa baate.

    Kanaaf Piyoongyaag karoora Golden Dome kana meeshaa waraanaa niwukilaaraasheef akka yaaddootti ilaaluu dandeessi jechuun Kooriyaa Kibbaa Institiyuutii Tokkummaa Biyaalessaatti xiinxalaan gameessi Hoong Min AFP'tti himan.

    ''Yoo Ameerikaan sirna misaayela qolatu yoo hojjette, Kooriyaan Kaabaa sirna waraanaa kana keessa bahu ykn ittisu hojjechuu qabdi,'' jedha.

    Bara 2022tti Kooriyaan Kaabaa ''biyya niwukilaaraa'' jechuun seeraan kan of labsite yoo tahu, waggoota dhihoottis misaayelaafi baalistikii furguggisuun yaalii taasisaa turte.

  10. Haleellaa Israa'eliin namoonni mana baruumsaa Gaazaa keessa dahatan hedduun ajjeessuu qondaaltoonni himan

    Daa'ima mana barnootaa jijjigaa keessa waa barbaadaa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa qilleensaa Israa'el halkan darbe raawwatteen yoo xiqqaate Filisxeemoonni 54 kan irra caalaan isaanii maatii buqqaatoota gamoo mana barumsaa keessa dahatan ajjeefamusaanii, daayreektaroonni hospitaalichaa BBC'tti himan.

    Manni barumsaa Faahmii Al-Jaargaawi kan Magaalaa Gaazaa keessatti argamu keessa namoota Beet Laahiyaa irraa buqqaafama dhibbaan lakkaa'aman keessatti dahatanii ture.

    Isaniis yeroo ammaa haleellaa waraanaa cimaa Israa'el jala jiru keessa jiraachisaa ture. Yeroo manni barumsichaa rukutametti yoo xiqqaate namoonni 35 akka ajjeefaman gabaafameera.

    Ittisni Siivilii Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, daa'imman dabalatee reeffi namoota hedduun argameera.

    Erga ibiddi daree barnootaa lama kan akka lafa jireenyaatti tajaajilan uwwisee booda, hedduun isaanii akka malee gubatan.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) ''giddugala ajajaa fi to'annoo Hamaas fi Jihaada Islaamaa'' achitti argamu irratti xiyyeeffachuu isaa ibseera.

  11. Gammachuu ibsannaa Liiverpuul irratti wanti mudate maali?

    Namtichi konkolaataa ummatarra oofuun miidhaa qaqabsiise

    Madda suuraa, PA Media

    Liiverpuul injifannoosaa Piriimiyeer Liigii uummata waliin kabajuuf sagantaa gammachuu ibsannaa magaala keesatti godhaa tureen wanti hin eegamne tokko ta'e.

    Konkolaachisaan tokko haala nama rifaasisuun konkolaataa uummata gammachuu ibsachaa jirutti oofe.

    Warri ijaan argan ta'ii ''rifachiisaa'' turee jedhan.

    Poolisiin Marsiisaayiid balaan kun daandii Water (Water street) gubbaatti raawwachuu ibse.

    Konkolaataa namoota lafoo jiranitti oofameen namootni 27 miidhamanii hospitaalatti waldhaanamaniiru, namootni biroon lama ammoo akka male miidhaman jedheera.

  12. Balaa bidiruu Giriik bara 2023tti namoota 82 galaafateen eegdonni galaanaa himataman

    Bidiruu galaana Meditaraaniyaanii irra namoota baattee imaltu

    Madda suuraa, Greek Coast Guard

    Dhaddachi humna galaanaa Giriik eegdota galaanaa 17 balaa bidiruu galaana Meeditaraaniyaani irratti bara 2023 qaqqabeen wal-qabatee himate.

    Bidiruu qarqara galaanaa Giriikitti Waxabajjii 14, bara 2023 gargalteen yoo xiqqaate namoonni 650 akka dhidhimantu amanama.

    Namoonni balaa kanarraa hafan eegdonni qarqara galaanaa bidiruun isaanii akka garagaltu gochuu BBCtti himanii turan.

    Yeroo bidiruu dhaabuuf wadaroodhaan harkisan of eeggannoo hin goone ture, ergasii namoota ijaan argan akka hin dubbannee dirqisiisaniiru jedhan.

    ''Himannaan irratti banamuuf waggaa lama fudhate, dhimma kana namoonni baayyeen yeroo mudatu arganillee,'' jedhan namni balaa kanarraa hafan tokko.

    Qondaaltonni Giriik himannaa irratti banamu kana ni haalu. Balaa yeroos mudateen namoonn 82 lubbuun isaanii darbeera.

  13. Wal himannaa Ertiraafi Itoophiyaarratti xinxaltoonni gama lamaanii maal jedhu?

    Abiy Ahimad fi Isaayaas afawarqee

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii haasaa kabaja Guyyaa Walabummaa Eertiraa 34ffaa irratti taasisaniin erga hariiroon biyyoota lamaanii haaromee as yeroo jalqabaaf mootummaa Itoophiyaa ifatti qeeqan.

    Qeeqni pirezidaantichi mootummaa Itoophiyaarratti dhiyeessanis cimaafi hariiroon biyyoota lamaanii hammaachuu bira darbee yaada gara waraanaatti ce'uu malu jedhu kan kaaseedha.

    Xiinxalaan siyaasaafi Walitti dhufeenya Idil - addunyaa Obbo Abduraahmaan Abu Hashim, haasaan Pirezidaantii Isaayyas Afawarqii ifatti adda cituu hariiroo mootummoota lamaanii kan agarsiisu akka ta'e BBC'tti himan.

    "Haasaan kun waliigalteen Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti ALA bara 2018 mallattaa'ee ture xummuramuusaa agarsiisa. Hariiroon mootummaa Itoophiyaa waliin qabanis hammaachuu qofa osoo hin taanee adda citeera jechuudha" jedhan.

    Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa akkasumas Xiinxalaa Dhimma Nageenya Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr. Salamoon Mabrees yaada Obbo Abduraahmaan kanaan waliigalu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  14. Raashiyaan Tiraamp mallattoo 'miira to'achuu dhabuutu' irraa mul'ata jette

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan Donaaldi Tiraamp mallattoo 'miira to'achuu dhabuutu' irraa mul'ata jechuun himatte.

    Haleellaa qilleensaa cimaa Mooskoon Yukireen irratti raawwatte hordofee erga Doonaald Tiraamp Vilaadmiir Puutiinin ''maraataadha'' jechuun waamaniin booda Kiremliin Tiraamp mallattoo ''miirasaa to'achuu dhabuutu,'' irraa mul'ata jette.

    Raashiyaan Yukireen keessatti diroonii fi misaa'ela 367 dhukaasuudhaan erga namoota 13 ajjeesteen booda, Tiraamp Puutiin ''wanti tokko mudateera'' jechuun Dilbata darbe kan fuula miidiyaa hawaasaa 'Truth' irratti dubbatan.

    ''Guutummaatti maraateera,'' jedhan Tiraamp. "Namoota hedduu ajjeeseera," jedhan.

    Dubbi himaan Puutiin Dimitiri Peeskov yaadonni kunis kan, ''namoota dhimmicha keessa jiran hunda miiraan guutamuu jedhuun kan waliin walqabateedha'' jedhan.

    Gama biraatiin ammoo, Chaansilarri Jarman, Firiedrik Meerz, michoonni Yukireen meeshaalee waraanaa dhiyeessaniif irratti daangaa fageenyaa hunda kaasuunsaanii jedhaniiru.

    Jarman misaa'eela Taawuras jedhamu Yukireeniif kenniteetti gabaasni jedhu dhagahamaa jira.

    Haleellaan Raashiyaan halkan Sambataa Yukireen irratti raawwattees haleellaa erga waraanichi eegalamee as isa cimaadha jedhameera. Humni qilleensaa Yukireenis haleellaa diroonii isa cimaa jedheera.

  15. 'Lubbuukoo balleessuufan ture, amma garuu hadhoolii kaanan gargaaraa jira'

    Dubartii ofii rakkoo fayyaa sammuu dahumsa boodaa keessa darbuun kaan gargaaraa jirtu

    Abbootiin muraasni qullubbii qunciisaa, killee cabsaa fi naanawa minjaalaatti yoo kuduraalee muran, kaan isaanii ammoo daa'imman reefuu dhalatan uruursu. Ijoolleen ammoo ashanguliitiidhaan taphatu, haadholiin ammoo taa'anii isaan ilaalaa jiru.

    Magaalaa guddoo Indooneezhiyaa Jaakaartaatti kutaa nyaanni keessatti bilcheefamu kan sagaleen guutame gidduutti cimdiiwwan waa'e jireenyasaanii ni haasa'u.

    Dubartoonni hedduunis dhiphina sammuu, yaaddoo ykn haala fayyaa sammuu birootiin rakkachaa jiru.

    Kanas Lolaa Nuur Yaanaayiraah, hundeessituu 'MotherHope Indonesia' kan deeggarsa haadhoolii geggeessu hundeessite qofaatu sirriitti beeka. Odeessa kanarratti bal'inaan argachuuf asiin galaa.

  16. Tamsaasa kallattiin deebiineerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jiratan hundatti. Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa ijoo gagabaabsiine isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Yoo odeessaalee kaan bal'inaan argachuu barbaaddanni ammoo marsariitii keenya, Facebook keenya ykn WhatsApp chaanaalii mil'achuu hin dagatiinaa.

    Olmaa nagaa qabaadhaa!

  17. Wal himannaa Ertiraafi Itoophiyaarratti xinxaltoonni gama lamaanii maal jedhu?

  18. MM Abiy Xaaliyaaniitti Poop Liyoo 14ffaa fi MM Xaaliyaanii Goorjinaa Meloni waliin wal argan

    MM Abiy Ahimedii fi MM Xaaliyaanii Joorjiinaa Meeloonii, Roomitti wal argan

    Madda suuraa, MM Abif Ahimed/ Feesbuukii

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimedii fi MM Xaaliyaanii Joorjiinaa Meeloonii, Roomitti wal argan

    MM Abiy Ahimed har'a Xaaliyaanii magaalaa Roomitti dhiyeenya kan bakka Poop Firaansis filaman, Qulqulluu Poop Liyoo 14ffaa waliin wal argan.

    MM Abiy Vaatikaanitti Poop Liyoo 14ffaa waliin dhimma nagaa addunyaa dabalatee dhimmoota garaa garaa irratti xiyyeeffachuun mari'anne jedhan.

    ''Walgeettii barnootaa babal'isuu irrattis walta'insi akka barbaachisu waliigalleerra.

    MM Abiy Ahimed bunaa fi damma Poop Liyoof geessanii banuun yeroo itti agarsiisan viiidyoo qoodan irratti mul'ateera.

    ''Itoophiyaan madda buna Arabikaati. Kun damma bosonaati. Fayyaaf baay'ee gaariidha. Kanaan Itoophiyaa yaadattu'' jedhan.

    MM Abiy Poop Liyoof buna dheedhii fi kan akaawame geessaniif.

    Dabalataan MM Xaaliyaanii Joorjiinaa Meeloonii wlaiin mari'achuu himan.

    Walitti dhufeenya biyyoota lameenii cimsuun garasitti carraa invastimantii babal'isuu irratti akka waiin hojjetan mari'achuu MM Abiy fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.

  19. Maanchister Yuunaayitid taphataa jabaa tokko mallatteessisuuf waliigalteerra gahe

    Maatiyaas Kuunaa, Wolvis irraa Maan Yuunaayitid galuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatiyaas Kuunaa, Wolvis irraa Maan Yuunaayitid galuuf

    Maanchister Yuunaayitiid taphataa sarara duraa Wolvis Maatiyaas Kuunaa mallatteessisuuf waliigaltee dhumaarra gahe.

    Kuunaan Maan Yuunaayitid waancaa Awurooppaa Liigii mo'ates dhiises kileban ani taphachuufii barbaadudha jedheera.

    Yuunaayitid paawondii miliyoona 62 Woolvisiif kaffala. Viiktor Jookeres, Ispoortiingi Liisban irraa mallatteesisuuf gaafatanis sababa Shaampiyoonsi Liigii dhabaniif hin milkoofne.

    Tapjatichi Arsenaal galuu hin hafu jedhamaa jira. Bakka isaa Biriyaam Imbuumoo Bireentifoordi irraa mallatteessisuu akka barbaadan himamaa jira.

    Taphataan sarara duraa biraa maqaan isaa Yuunaayitid waliin ka'u Mooyis Kiin, Fiyoorentiinaa irraati.

  20. Yuukireen meeshaalee keenya fayyadamuun haleellaa fageenya dheeraa Raashiyaa irratti raawwachuu dandeessi- Merzi

    Chaansilerri Jarman Fireederik Meerzi, Yuukireen kana booda Raashiyaa ofirraa ittisuuf mirga qabdi jedhan.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaansilerri Jarman Fireederik Meerzi, Yuukireen kana booda Raashiyaa ofirraa ittisuuf mirga qabdi jedhan.

    Chaansilerri Jarman Fireederik Meerzi, biyyoonni Lixaa akka meeshaa isaanii fayyadamuunYuukireen haleellaa fageenya dheeraa Raashiyaa irratti akka hin gaggeesineef hin qoqqoban jette.

    "Kana jechuun ammaan booda Yuukireen ofirraa ittisuu dandeessi. Fakkeenyaaf, buufataalee waraanaa Raashiyaa keessa jiran haleeluu dandeessi.... Wantoota xiqqoo qofa irraa of qusachuun. Hanga yeroo dhiyootti kana gochuun hin eeyyamamu ture. Amma ni danda'u'' jedhan.

    Meerzi, Raashiyaan lammiilee nagaa Yuukireen garalaafina tokko malee haleelte jechuun komatan. Yuukireen kana hin raawwanne jedhan.

    Yuukireen kana dura meeshaa waraanaa fageenya dheeraa deemuu danda'u fayyadamuun daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa gaggeessuun hin danda'amu jechuun akka harka tokko duubatti hidhuu tokkoon waraanuuti jedhan.

    Eebla darbe Yuukireen yeroo jalqabaaf misaa'ela baalistikii Atkaamsi jedhamu Ameerikaa irraa aratte fayyadamuun daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa raawwatteetti.

    Zeeleniskii fi Merzi roobii dhuftu wal arguun `ni mariyatu. Qoqqobbii haaraanis Raashiyaa irratti akka darbuuf waliin dubbatu jedhamee eegama.