Kana malees Yukireen miseensa Nato ta'uun eegumsa cimaa michuuwwan ishee miseensa dhaabbata kanaa ta'anirraa argachuu barbaaddi. Tiraamp garuu kun waan ta'u miti jedhaniiru.
Miseensota 32 kan qabu Nato'n biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaan hundeeffame. Yeroo sana Sooviyeet Yuuniyeen dura dhaabbachuuf bara 1949 kan hundaa'e gamtaan kun ergasii akkaan babal'ateera.
Seera ittiin bulmaataa Nato keewwata 5 jalatti miseensi Nato tokko tuqamnaan akka waan miseensonni hundi tuqamaniitti fudhatama jedha.
Kanaafuu fakkeenyaaf yoo biyyi miseensa Nato taate tokko haleelamte, miseensonni kaan ni birmatuuf jechuudha.
Yukireen miseensa Nato waan hin taaneef mirga kana hin qabdu. Isheen garuu miseensa jaarmiyaa kanaa ta'uun michuuwwan isheerraa eegumsa cimaa argachuu feeti. Kana Raashiyaanis tole hin jettu, sababa waraanni itti eegaleef tokko isa kana.
''Akkanni itti jalqabe [waraanni] yaadadhaa. Kiriimiyaan waggaa 12 dura Obaamaan kenne hin deebitu. Yukireen gara Nato hin seentu. Wantoonni gariin abadan hin geeddaraman,'' jedhan Tiraamp.
ASHAMAA!
Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Odeeffannoo toora tamnsaasa kallattiin isin biraan geenyu amma jalqabneerra.
Dhimma waraana Raashiyaa fi Yukireen, Israa'el fi Gaazaa, taateewwan biroo addunyaa gola kamittiyyu mudatan kallattiin isin biraan geenya.