Gaazaa keessa beelli akka jiru yeroo jalqabaaf mirkanaa'e - Gabaasa

Gaazaa keessatti yeroo jalqabaaf beelli akka jiru mirkanaa'uu dhaabbati dhimma wabii midhaanii hordofuufi UN deeggare beeksise.

Guduunfaa

  • Zeleniskiin wabii nageenyaa Ameerikaan Yukireeniif waadaa galte dinqisiifatan
  • Israa'eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman hiriira ba'uun waraana Gaazaa keessaa morman
  • Tiraamp dureewwan Awurooppaa waliin haasaa
  • Qondaalonni olaanon Tiraamp fi Zeleniskii dabaaluun mariif taa'an eenyu fa'i?
  • Tiraamp Raashiyaan nagaa akka buustu dhiibbaa gochuuf dandeettiisaa qaba- Zeleniskii
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yukireeniif lafa heddutu deebi'uuf jira- Tiraamp

    Tiraamp

    Madda suuraa, PA Media

    Tiraamp marii kaleessa pirezidaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskiifi gaggeessitoota Awurooppaa waliin taasise booda dhimmoota tokko tokko bal'inaan ibseera.

    Miidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasiseen, lafti Raashiyaan qabame hedduunsaa Yukireenif akka deebi'u dubbae.

    "Yukireen lafa heddu ni deebifatti. Garuummoo kuni waraana," jechuun dubbate.

    Dabaluunis, "Namoonni jaalatanis jibbanis Raashiyaan biyya humna waraanaa qabduudha" jechuun Yukireen waraanan Raashiyaa mo'achuu akka hin dandeenye waan akeeku dubbate.

    Kaleessa erga Zeleniskii waliin mariyatee booda Puutiinif bilbilee akka tureefi biyyoonni sadan: Raashiyaa, Yukireenifi US wal-arganii akka mariyataniif Raashiyaan deebii gaarii akka kennitu akka eegu dubbate.

    "Zeleniskiifi Puutin [gara fuulduraatti] michuu ta'u," jechuunis waraanni kun akka xumuramu abdii qabaachuu hime.

  2. Donbaas kennuun akkuma Ameerikaan Filooridaa kennuutti ilaalama- Chaansilera Jarman

    Donbaas kennuun akkuma Ameerikaan Filooridaa kennuutti ilaalama- Chaansilera Jarman

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Donbaas kennuun akkuma Ameerikaan Filooridaa kennuutti ilaalama- Chaansilera Jarman

    Chaansilerri Jarman Fireediriik Meerzi ibsa kennaniin eenyu humna nageenyaa Yuukireen keessatti akka bobba'uu qabu dubbatan.

    Merzi ''gaaffii eenyutu wabii nageenyaa Yuukireen keessatti hirmaachuu qaba kan jedhuuf.... gaaffii hin qabu biyyoonni Awurooppaa hundi hirmaachuu qabu,'' jedhan.

    Tooftaa Mooskoon nagaa buusuuf fayyadamaa jirtus qeeqaniiru.

    ''Raashiyaan naannoo Donbaas qabattee jirtu Yuukireen akka dhiistuuf barbaaduu jechuun yoo sirriitti ibsine akkuma Ameerikaan Filooridaa dabarsitee kennuutti ilaalama'' jedhan.

    Maarkoo Ruubiyoo ammoo gama lamaaniiniyyuu daangaa ofiirraa kutanii kennuun jiraachuu mala jedhan.

    Waraanicha xumuruuf ulfaataa tahus murteessuun dirqama taha jedhan. Kireemiyaan Yuukireeniif akka hin deebine Tiraamp duras dubbataniiru.

  3. Xalayaan haati warraa Zeleniskii haadha warraa Tiraampiif ergite maali?

    Haati warraa Zeeleniskii xalayaa ijoollee dhabaman baraaruu ilaalatu haadha warraa Tiraampiif ergite

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haati warraa Zeeleniskii xalayaa ijoollee dhabaman baraaruu ilaalatu haadha warraa Tiraampiif ergite

    Haati warraa Tiraampi, Meelaaniyaa Tiraampi ijoollee yeroo waraana Raashiyaa fi Yuukireen dhabaman barbaadaa akka jirtu Tiraamp himan.

    Tiraampi miidiyaa hawwaasaa isaaanii Truth Social jedhamu irratti Hoggantuu Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Liiyen galateeffataniiru.

    ''Pirezidaantii Komishinii Gamtaa Awurooppaa kabajamtuu fi adda taate'' jechuun jajaniiru. Sababni isaa ammoo ''rakkoo addunyaa ijoollee achi buuteen isaanii dhabame barbaaduu irratti waliin mari'anneerra'' jedhan.

    ''Hojii kana haadha manaakoo Meelaaniyaa waliin hojjechaa jiru. Giifti Dureen dhiyeenya kana marii nagaa kana keessatti hirmaataa jirti jedhan Tiraamp.

    Meelaaniyaan waa'ee ijoollee Yuukireen dhabamanii fi harka Raashiyaa jiranii ilaalchisuun Puutiniif xalayaa barreessiteetti.

    Meelaaniyaan akka kunuunsa taasisuuf gaafatte. Haati warraa Zeeleniskii xalayaa barreessitee abbaa warraa isheetti ergite ammoo karaa Tiraampi haadha manaa isaa Meelaaniyaaf ergameera.

    ''Kun ajandaa guddaa addunyaa jalqaba irra jirudha. Addunyaan waliin tahuun hojjechuun gara maatii isaaniitti ni deebisna'' jedhan.

    Yuukireen ijoolleen kumaatamni Raashiyaadhaan jalaa fudhatamuu himatteetti.

  4. 'Humna waraanaa bobbaasuun Yuukireen deeggaruu qabna'- Imaanu'eel Maakiroon

    'Humna waraanaa bobbaasuun Yuukireen deeggaruu qabna'- Imaanu'eel Maakiroon

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Humna waraanaa bobbaasuun Yuukireen deeggaruu qabna'- Imaanu'eel Maakiroon

    Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon fuulduratti humna nagaa kabachiisaa Yuukireen keessatti humnoonni waraanaa Awurooppaa hirmaachuu qabu jedhan.

    ''Humna waraanaa cimaa Yuukireen arguu barbaanna. Kanaaf ammoo humna waraanaa bobbaasuun isaan cina dhaabbachuu feena,'' jedhan Maakiroon.

    ''Humnoota nagaa kabachiisaa michoonni Yuukireen keessatti hirmaatan bobbaasuu barbanna.''

    Maakiroon kana duras yaada kana kaasanii ture. Garuu hin milkoofne. Akkasumas raashiyaan yaada nagaa dhiyaate hin fudhattu taanaan Tiraamp qoqqobbii sadarkaa lamaffaa fi qaraxa jabaa isaanirratti dabarsuuf fedha agarsiiseera jedhan.

    Tiraampi Hindi boba'aa Raashiyaa waan irraa bitteef qaraxa irratti dabarsiteetti.

    Maakiroon ''Raashiyaan ammayyuu waan nagaa buusuu barbaaddu miti'' jechuun akka irraa amantaa hin qabne himan.

    Gaggeessitoonni Awurooppaa torbanoota ykn ji'oota osoo hin jedhiin hatattamaan nagaan akka bu'uu qabu Tiraampiin hubachiisaniiru.

  5. US wabii nageenyaa akkamii Yukireenif kennuu malti?

    Gaggeessitoota biyyoota Awurooppaa Waayit Haawusitti

    Madda suuraa, Reuters

    Zeleniskiin gaggeessitoota biyyoota Awuroppaan marfamee har'a Waayit Haawisitti Tiraamp waliin marii gaggeessaa jira.

    Raashiyaafi Yukireen waraana dhaabuuf gara fuulduraatti yoo walii galan, Raashiyaan akka deebitee hin weerarreef wabii nageenyaa qabatamaa ishee barbaachise.

    Tiraamp Zeleniskiifi gaggeessitoota Awurooppaa yeroo simatu, Yukireen wabii nageenyaa akka argattu akeekera. Garuu wabii nageenyaa akkamii akka ta'e hin ibsine.

    Akkuma Tiraamp jedhe US wabii nageenyaa Yukireenif kenniti taanan, kanneen armaan gadii ta'uu mala:

    • Loltoota bobbaasuu. US carraan loltoota Yukireenitti bobbaastee wabii nageenyaa Yukireen eegsisuu dhiphaadha. Tiraamp waraana Yukireenifi Raashiyaa akka rakkoo Awurooppatti ilaala. Inumaayyuu osoo yeroo sana pirezidaantii US turee, waraanni kun hin ka'u ture jedhee amana. Loltoota Ameerikaa, bifa nagaa kabachiisatiinuu Yukireenitti bobbaasuu hin barbaadu.
    • To'attoo qilleensafi galaanaa. Kuni carraan ta'uusaa olaanadha. Humni Qilleensaa US duraanuu naannoo Bilaak Sii deddeebi'ee basaasafi to'annoo gaggeessa waan ta'eef baay'edhuma hojii dabalataa itti hin ta'u..
    • Tika. Saatalaayitiiwwaniifi basaasi qilleensarraa Ameerikaa haleellaa Raashiyaa Yukireen akka qolattuuf odeeffannoo kennuufirratti gahee guddaa taphataniiru. Raashiyaafi Yukireen nagaa buusuf yoo waliigaltee mallatteessan, US ammoo odeeffannoo tikaa kennuufin Yukireenif wabii nageenyaa eeguu dandeessi.
    • Dhiyeessii loojistikii. Osoodhuma biyyoonni akka UK, Faransaayi fa'aa Yukireen keessatti hojii wabii nageenyaa hojjatanii, deeggarsi loojistikii US heddu isaan barbaachisa. Tiraamp gahee waraanaa US Awurooppaa keessatti qabdu hir'isuuf fedhii qabaatullee, dhiyeessiwwan loojistikiin Yukireenif wabii nageenyaa kabachiisuu ni danda'a.
  6. Marii "ijaaru" ture -Zeleniskii

    Zeleniskii fi gaggeessitoota Awurooppaa

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin marii Doonaald Tiraamp waliin taasisan "kan ijaarudha" jedhe.

    Zeleniskiin turtii inniifi Tiraamp addatti waliin taasisan "marii baayyee gaarii ture" jedhe.

    Gaggeessaan Yukireen kun irra deddeebiyuun marii taasisan kanaaf Tiraampiin galateeffateera.

    Tiraamp marii qaamoleen sadii walitti fidu qopheessuuf yaalaa jira kan jedhe Zeleniskiin, kana ammoo Yukireen baayyee itti gammaddi jedhe.

    Zeleniskiin "ibsa gadi fagoo" dirree waraanni irratti gaggeeffamu kaartaa irratti Tiraamitti agarsiisuus dubbateera.

  7. Tiraamp dureewwan Awurooppaa waliin haasaa taasisan

    Gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaa yeroo Tiraamp waliin mariyatan

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp marii Zeleniskii waliin gaggeessuu dura, gaggeessitoota biyyoota Awurooppaa waliin marii taasisaa jira.

    Tiraamp marii Zeleniskii waliin erga taasisee booda Puutiinif akka bilbilu beeksisuun, Puutinifi Zeleniskiin wal-arguun akka mariyatan gochuuf akka yaalu waadaa gale.

    Gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaa Puutin dhukaasa akka dhaabuuf Tiraamp dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

    Tiraamp ammoo "Hundi keenyayyuu dhukaasi akka dhaabatu ni barbaanna," jechuun waraanichi akka dhaabatuufi biyyoonni lamaan akka waliigalan gochuuf akka hojjatu dubbate.

  8. Yeroo Tiraamp waa'ee uffata Zeleniskii komatu.

    Dubbiin uffannaa Zeleniskii miillanas ijoo dubbii ta'eera.

    Maal jedhan?

    Daawwadhaa!

  9. Yeroo Tiraamp Zeleniskii simatutti.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo Tiraamp Zeleniskii simatutti.
  10. Loltoonni NATO Yukireen keessa yoo buufatan tasumaa fudhatama hin qabu jette Raashiyaan

    Tiraamp fi Puutiin

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroo mariin Tiraamp fi Zeleniskii eegamaa jirutti Mooskoon ejjannooshee irra deebin ifa goote. Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa baaseen, loltoonni NATO Yukireen keessa yoo buufatan tasumaa fudhatama akka hin qabne beeksise.

    Ibsa kanaan, UKn loltoonni biyyoota miseensa NATO ta'anii Yukireen keessa akka buufatan gochuuf akka deemti jechuun Raashiyaan komatte.

    Gama biraan ammoo Zeleniskiin marii Tiraamp waliin taasisu kanaan wabii nageenyaa USfi biyyoota Awurooppaa irraa barbaada.

    Biyyoonni akka USfi Faransaati fa'aa, waraanni erga xumuramee booda loltoota bobbaasun nagaa eegsisuu akka barbaadan irra deddeebin ibsaa turan.

    Kuni ammoo Raashiyaa hin gammachiifne.

  11. Zeleniskiin marii Tiraamp waliin taasisuuf Waayit Haawus qaqqabe

    Pirezidant Zeleniskii fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin marii Pirezidantii US Doonaald Tiraamp waliin taasisuuf Waayit Haawus qaqqabeera.

    Akkuma achi gaheenis Tiraamp bahee simachuun gara bakka marii waraana Raashiyaa waliin taasifamu akkaan eegama ajiruutti gaggeesseera.

  12. Zeleniskiin ‘suufii’ akka dambii loltuutti hojjetame uffata

    Pirezidantiin Zeleniskii Pirezidant Tiraamp waliin

    Madda suuraa, Shutterstock

    “Amma akka kanaan duraa osoo hin taane pirezidaantichi [Zeleniskiin] suufii uffata,” jechuun Politoco’tti himte dizaayinaroota pirezidantii Yukireen keessaa tokko kan taate Elviraa Garasanoovaa.

    “Gaggeessaa biyya waraana keessa jirtuu waan ta’eef, akkaataan uffannaa isaa kan loltuu fi mallattoo kana agarsiisu ta’uun isaa akkuma itti fufetti ta’ee garuu bifa ‘suufiin’ kan qophaa’edha.”

    “Maal akka uffatu isuma Volodmiir Zeleniskiidha kan murteeffatu,” jette.

    Elviraa Gaazaanoovaan "inni amma haala wanti hundi dhimmanii ilaaluun barbaachisaa ta'e keessa jira - bifti isaa, miirri isaa, qalbiin isaa" eegamuufiif waan qabuuf " waan isaaf mijatu filata" jette.

    Zeleniskiin kanaan dura Oval Office keessatti Doonaald Tiraamp waliin yeroo wal arganitti uffata waraanaa addatti dizaayin ta’e uffachuu isaatiin qeeqamee ture.

    Yaadonni kunniin waldhabdee diraamaa Oval Office bara kanaa Fulbaana keessa ture kan hordofan yoo ta'u, Zelensky suutii hin uffannee, kanaa mannaa uffata akkaataa waraanaa uffachuu isaatiin qeeqame.

  13. Gaggeessitoonni Awurooppaa Waayis Haawus qaqqabaa jiru

    Ministira muummee Xaaliyaan, Meloonii,

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Marii Tiraamp Zeleniskii waliin taasisuuf jiru dursanii gaggeessitoonni Awurooppaa Waayit Haawus qaqqabaa jiru.

    Ministira muummee Xaaliyaan Meloonii, Pirezidantii Finlaand Aleksaander Istaab, Pirezidantii Komishinii Awurooppaa Ursulaa voon Der Leeyen, akkasumas ,ministira muummee UK Kiir Istaarmer dabalatee gaggeessitoonni Awurooppaa Waayit Haawus qaqqabaa jiru.

  14. Israa'eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman hiriira ba'uun waraana Gaazaa keessaa morman

    Lammilee Israa'el hiriira bahan

    Madda suuraa, Getty Images

    Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Israa'el keessatti hiriira ba'uun waraanni akka dhaabbatuu fi namoonni Hamaas bu'e akka gadhiifamaniif mariin akka gaggeeffamu gaafachuu eegalan.

    Hiriirri guddaan kan gaggeeffame magaalaa Teel Aviiv adda babayii "Hostages Square" jedhamutti.

    Hiriira Dilbata kaleessaa gaggeeffamerratti qindeessitoonni hiriirichaa karoorri Israa'el Magaalaa Gaazaa dhuunfachuuf qabattee itti adeemaa jirtu lubbuu namoota 20 ta'an harka Hamaas jiranii balaarra kan buusudha jedhan.

    Hiriirri akka biyyaatti yeroo tokko gaggeeffameefi qaama hiriira guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamuuf jiruu ta'e kanarratti daandiin, waajjiraalee fi iddoo tokko tokkotti yuniversitiiwwan cufamaniiru.

    Hiriira kanarratti namoonni 40 ta'an hidhamaniiru.

  15. US Simannaan Zeleniskiif goote kan Puutiinin yoo wal-bira qabamu baay'ee gadaanadha

    Simannaa Zeleniskiif godhame

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp dheengadda Alaaskatti yeroo pirezidaantii Raashiyaa Puutiin simatu, afata diimaa afee xayyaarota waraanan dabaaleti.

    Har'ammoo pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin gaafa US gahu, simannaan godhameef baay'ee gadaanadha.

    Zeleniskiin garuu afata diiman simatamuu dhabuu osoo hin taane, kan isa yaaddessu marii Tiraamp waliin taasisuun lammiileen Yukireen haleellaa Raashiyaarraa aara galfachuu mirkaneessudha.

    Mariin Zeleniskiin har'a Tiraamp wajjin taasisu, bara pirezidaantummaasaa keessatti marii isaafi biyyasaa Yukireenif akkaan murteessadha.

    Galmisaa inni guddaan, US Raashiyaa akka amansiiftuuf hanga danda'e Tiraamp hubachiisudha.

  16. Qondaalonni olaanon Tiraamp fi Zeleniskii dabaaluun mariif taa'an eenyu fa'i?

    Zeleniskiifi Tiraamp

    Qondaalonni USfi Yukireen marii Tiraampifi Zeleniskii taasisan akka dabaalaniif argaman ifa ta'anii jiru.

    Gama US irraa Tiraamp cinaa hiriiranii kan mariif taa'an namoonni shan ifa ta'aniiru:

    • JD Vaans- Ittaanaa Pirezidaantii-
    • Maarkoo Ruubiyoo- Ministira Dhimma Alaa
    • Suuzii Waayils- Itti Gaafatamtuu Waayit Haawus
    • Istiiv Wiitkoof- Ergamaa Addaa US
    • Keet Keeloog- Ergamaa Addaa

    Gama Yukireenii ammoo qondaalonni olaanon lama Zeleniskii waliin marii Tiraamp waliin godhamurratti akka argaman ifa ta'e. Isaanis:

    • Andirii Yaarmaak- Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraanaa Yukireen
    • Ruustam Umeeroov- Itti Gaafatamaa Mana Maree Nageenyafi Waraanaa
  17. Mootummaan Itoophiyaa miindaa hojjettoota mootummaa hagamiin dabale?

    Barattoota Yunivarsiitii finfinneerraa eebbifaman

    Madda suuraa, Addis Ababa University

    Mootummaan federaalaa Itoophiyaa waggaa tokko booda irra deebiin mindaa hojjettootaa fooyyeesseera. Haala kanaan mindaan hojjettoota mootummaa digirii jalqabaa qabanii kan duraan birrii 6,900 ture gara birrii 11,500tti guddateera.

    Fooyya'iinsa amma taasifame kanaan mindaa hojjetaa mootummaa isa xiqqaa ta'erratti birriin 1,240 kan dabalame yoo ta'u, isa olaannaarratti ammoo birrii 17,508tu dabalame.

    Daballiin mindaa Komishiniin Siivil Sarvasii Wiixata har'aa (Hagayya 18, 2025) isbe kun Fulbaana dhufu jalqaba bara 2018 irraa eegalee hojiirra oola.

    Mootummaan waggootaaf mindaa hojjettootaa osoo hin fooyyessin kan ture yoo ta'u, bara darbe Hagayya keessa ''hojjettoonni mootummaa qaala'iinsa jireenyaa akka dandamatan tumsuu'' kan jedhuun daballii mindaa taasisee ture.

    Mindaan hojjettootaa fooyya'e jedhame kun Onkoloolessa bara darbee irraa eegalee hojiirra kan oole yoo ta'u yeroo sana mindaan hojjetaa inni xiqqaan birrii 1,110 irraa gara birrii 4,760tti fooyya'ee ture.

  18. Tiraamp Raashiyaan nagaa akka buustu dhiibbaa gochuuf dandeettiisaa qaba- Zeleniskii

    Zeleniskiifi qondaalota US

    Madda suuraa, Volodymyr Zelenksy/X

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Tiraamp wajjin marii gochuuf Waashingtan jira. Tiraamp waliin osoo wal-hin argin dura ergamaa addaa US kan ta'an Keet Kaalog wajjin wal-arganii mariyataniiru.

    Raashiyaan gara nagaatti akka dhuftu gochuuf Tiraamp dandeettiisaa akka qabu dubbate Zeleniskiin.

    Mariin har'a Tiraamp waliin gochuuf jirru, "marii cimaa" akka ta'e himuun, Raashiyaa gara nagaatti fiduu kan danda'u humna cimaa akka ta'e dubbate.

    "Raashiyaan irree cimaa qofaan daandii nagaatti deebiti, Tiraamp ammoo cimina sana qaba," jedhe.

    Dabaluunis, "Yukireen waraana kana dhaabufi wabii nageenyaa waarawaa ta'e milkeessuf osoo of hin qusatin hojjatti," jedhe.

  19. Dhimmoota dinqisiisoo waa'ee Koloneel Muhammar Gadaafii muraasa

    Maammur Gadaaf

    Madda suuraa, Getty Images

    Walakkaa jaarraa 20ffaa keessa siyaasa addunyaa keessatti namoota dhimmi isaanii ijoo dubbii ta'ee darbe keessa tokko Koloneel Muhammar Gadaafiiti.

    Namoota baay'ee waa'een Muhammar Gaddafi yoo ka'u kan dafee sammuu isaani keessa dhufu waa'ee gara jabummaa fi abbaa irrummaa isaati.

    Waggoota 41 inni Liibiyaa bulchaa ture keessatti, hawaasa addunyaa fi miidiyaalee dabalatee gocha inni dhiittaa mirga namaa irraan gahu,abbaa irrummaa fi deeggarsa shororkeessitootaaf taasisa jedhamuudhan isa himataa turan.

    Kaan ammoo hogganaa mul'ata addaa biyya isaa fi Afrikaaf qabu jedhanii isa ibsu. Keessumaa lammiileen Liibiyaa bulchiinsa isaa irraa fayyadamoo ta'an,ammoo hoggansa isaa jajatu.Innis akka hoogganaa Araboota, mootii Afrikaa fi falmaa bilisummaa cunqurfamootaatti of ibsa ture.

    Gadaafiin seeneeffama kanaan alas wantoota biroo nama dinqiisiisuu danda'an tarii namootni baay'een hin beekne ittiin yaadatamu danda'u heddu qaba.

  20. Zeleniskiin 'carraaqqii dippilomaasii salphisaa jira' jechuun Puutin himate

    Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Yukireen volodmiir Zeleniskiin Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, “carraaqqii dippilomaasii qaanessuu” barbaada jechuun himatan.

    Zelaniskiin kana kan jedhan, Waayit Haawusitti Doonald Tiraamp waliin dubbachuuf gaggeessitoota UK fi biyyoota Awurooppaa waliin Ameerikaatti yeroo argamanitti yoo ta’u, haleellaa Raashiyaan gaggeessitee Yukireenitti lubbuu namoota 10 ol galaafachuu hordofeeti.

    Raashiyaan yeroo mariin Ameerikaatti taasifamuuf jechaa jiru kanatti guutummaa Yukireen keessatti haleellaa raawwachaa jirti.

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmer fi gaggeessitoonni Awurooppaaa deeggarsa Yuykireeniif qaban agarsiisuuf Zeleniskii waliin Ameerikaa qaqqabaniiru.

    Tiraamp marii waraana Raashiyaa-Yukireen dhaabuuf taasifamu keessatti Yukireen miseensa NATO ta’uu akka hin dandeenyeefi bara 2014 Mooskoon seeraan ala kan ofitti dabalatte Kireemiyaanis akka deebiyee qama Yukireen hin taane dubbataniiru.