Wayita Israa'el buufata xiyyaarichaa haleeltuutti Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom achi turuu himan

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan haleellaa guyyaa Gannoo Yukireen irratti raawwatteen kan 'galmasaa milkeessee' jette

    Haleellaa Raashiyaatiin yoo xinnaate namoonni afur ajjeffaman

    Madda suuraa, Reuters

    Amma haleellaa Guyyaa Gannootiin buufataalee misooma anniisaa Yukireen irratti raawwatteerratti qondaaltoota Raashiyaa irraa yaadni dhagahameera.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Raashiyaa, humnoonnib iyyattii, ''meeshaa waraanaa fageenya dheeraa sirrii ta'eeniifi diroonii dhaabbilee bu'uuraalee anniisaa murteessoo Yukireen keessatti argaman kanneen oppareshinii indastirii- waraanaa walxaxaa mirkaneessan irratti haleellaa guddaa raawwataniiru'' jedha.

    "Kaayyoon haleellaa kanaatiis galma ga'eera. Dhaabbiileen hundi rukutamaniiru," jechuun dabaluun dubbatan.

    Haleellaa Raashiyaan har'a Yukireen irratti raawwatte kanaan yoo xinnaate namoonni afur ajjeeffamuun ibsameera.

    Akka aanga'oota naannichaafi miidiyaalee ummattaa Yukireeniitti, haleellaa tibbana Raashiyaan naannoolee akka Dinproopetrovsk, Donetskii, Kheersan fi Khaarkiiv irratti raawwatteen yoo xinnaate namoonni afur ajjeefamaniiru.

    Haleellaan Raashiyaa kun buu'uuraalee misoomaa anniisaa irratti kan xiyyeeffate ta'ulleen gamoowwan mana jireenyaa namoota nagaatis miidhamuun gabaafameera.

  2. Heetii biyya loltoonni Keeniyaa itti bobba'aniitti hidhattoonni hospitaala keessatti nama sadi ajjeesan

    Poolisioonni erga haleellaan hospitaalaa mootummaarratti banamee booda yoo naannawan

    Madda suuraa, EPA

    Heeyitii biyya miseensoonni poolisii Keeniyaa keessatti bobbaafamaniitti, hospitaalli mootummaa guddicha biyyattii deebi’ee banamuu ilaalchisee ibsi kennamaa osoo jiruu dhukaasa hidhattoonni gaazexessitoota, poolisii fi hojjettoota wallaansaa irratti banuun yoo xiqqaate namoonni sadii ajjeefaman.

    Haleellaa Kibxata kaleessaa hospitaala waliigalaa magaalaa guddoo Poort-au-Pirinse keessatti raawwatamee kanaan gaazexessitoonni lamaa fi poolisiin tokko rasaasaan ajjeefamuun, kaan ammoo madaa’uun gabaafameera.

    Bakki kunis erga garee wanbadootaan qabamee barbadaa'ee booda, baatii Adooleessaa keessa mootummaa Heeyitiin deebi'ee qabame.

    Gamtaan garee wanbadoota Viv Ansanm kan magaalattii harka caalu to'atuu, haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

    Suuraaleen toora interneetii irratti maxxanfaman, gamoo keessaa namoonni hedduun miidhamanii ykn du'an agarsiisu. Yeroo dhukaasni itti eegalamuutti gaazexessitoonni walitti qabamanii dhufaatii Ministira Fayyaa biyyattii, Dr Loorti Bileemaa eegaa turan.

    Haleellaa kanaansi gaazexessitoonni lama ajjeefamanii tokkoo kan madaa'e yoo ta'u, miseensi poolsii tokkos ajjeeffamu AFPn maqaasaanii eeruun gabaaseera.

    ''Akkuma fiilmii naasiisaa fakkaata ture'' jedhan Di'ugoo Andree oggeessii suuraa kan haleellicha ijaan arge, akka Heeyit Taayimsiin eerameetti.

    ''Dhiiga gaazexessitoota miidhaman hedduun uffatakoorraa qaba.

    Gamtaan waanbadeewwan Viv Ansanm waraabbii viidiyoo haleellicha ilaalchisuun toora interneetii irratti maxxanseen, hospitaalli garichi baatii Bitooteessaa keessa qabachuun barbadeessanii turan akka deebi’ee banamuf hayyama akka hin kennine ibseera.

    Hogganaan mana maree ce’umsaa pirezidaantii Heeyitii, Leeslii Voltaare akka jedhanitti: “Maatii miidhamtoota hundaaf, keessumaa Poolisii Biyyoolessaa Heeyitii fi waldaalee gaazexeessitootaa hundaaf gadda keenya ibsina.”

    "Gochaan kunis deebii malee akka hin hafne wabii isaaniif kennina."

    Ji’a Eblaa keessa mootummaan ce’umsaa haaraan dhaabamuu fi ji’a jaha dura humni idil-addunyaa poolisoota Keeniyaan durfamu biyyattii keessatti bobbaaffamus, lammiileen Heeyitii jeequmsa wandaboota sadarkaa hin to'atamneetiin rakkachuu itti fufaniiru.

    Heeyitiin erga bara 2021 pirezidaantiin yeroo sanaa Jovenel Moïse ajjeefamanii as, dambalii jeequmsa wanbadootaatiin liqimfamtee jirti.

  3. Ergamtoonni Israa'el duraanii akkaataa haleellaan meeshaalee quunnamtii (pager) itti raawwatame ifa godhu

    Haleellaa sanaan hedduun ajjeeffamanii kumaatamni qaamaa miidhaman

    Madda suuraa, Reuters

    Ergamtoonni basaasaa Israa’el duraanii lama, miseensonni garee hidhattoota Shi’aa Libaanos Hizboollaan kanneen meeshaalee qunnamtii (walkie-talkies) Israa’el hojjetametti fayyadamuun, osoo bara kaan Fulbaana keessa hin dhoohiin dura, attamiin waggoota 10'f hordofamaa akka turan ifa godhaniiru.

    Ergamtoonni dhabbata basaasa Israa'el (Mossad) duraanii lamaan kunneenis, Hezibollaan attamiin gowwoomfamee raadiyoo quummantii kumaatamaan lakkaa'aman, Israa'el keessatti akka hojjetaman osoo hin hubatiin akka bitatan CBS News'tti himan.

    Haleellaa Fulbaana darbe raawwatame kanaanis namoonni hedduun ajjeeffamanii kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo madaa'aniiru.

    Israa’el miseensota Hizboollaa qofarratti xiyyeeffachuuf kan qophaa’e ta’uu ibsite, haata'u malee, namoonni nagaa kanneen miidhaman keessaatti kan argaman ta'u qondaaltonni Libaanos himan.

    Hogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haleellaa kanaan yakka waraanaati jedhaniiru.

    Yeroo haleellaan kun raawwatametti, Israa’elii fi Hizboollaan waldhabdee, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa’el irratti raawwate guyyaa tokko booda, Hizboollaan eddoowwan kaaba Israa'el irratti dhukaasuu eegaluun hammaataa dhufe wal lolaa turan.

    Bara kana Fulbaana 17, meeshaalee quunnamtii kumaatamaan lakkaa’aman yeroo tokkotti guutuu Libaanos keessatti, irra caalaa naannoowwan Heziboollaan baayyinaan itti argamutti dhoo'an.

    Dhohinsi kunis fayyadamtootaa meeshaalee (pagers) kanneenii fi namoota dhiheenyasaanii turan muraasa madeessuun ykn ajjeesuun rifaatuu fi burjaajii cimsee ture.

    Guyyaa itti aanutti raadiiyoon (walkie-talkies) haala walfakkaatuun dhohee namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesee kaan madeesse.

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, baatii lamaan booda Israa’el itti gaafatamtuu akka taate amanuusaanii miidiyaaleen Israa’el yeroo sana gabaasan.

    Ergamtoonni duraanii lamaan kun af-gaaffii michuu BBC kan ta'e CBS waliin taasisaniin, waa'ee duula kanaarratti bal'inaan ibsaniiru.

    Ergamtoota keessaa tokko kan maqaan Maayikeel jedhuun moggaafame yoo ta'u, Moosaad baatirii raadiyoo quunnamtii (walkie-talkies) hojjetan keessaa meeshaa dhoo'uu dhoksee ture.

    Meeshaalen kunneen akkaataa idileetti kan onnee nama uffateetti dhihoo ta'uun qabamu ta'u dubbate.

  4. Duulli waraanaa Israa'el booji'amtoonni jaha Hamaasiin akka ajjeefaman gahee baheera jedhe qorannoon

    Bo'ji'amtoonni jaha ajjeeffaman keessatti tarkaanfiin waraana Israa'el dhiibbaa qaba jedhan qorattoonni

    Madda suuraa, Hostages Families Forum

    Qorannoon waraanni Israa’el gaggeesse akka mul'iseetti, gochi humnoonni isaanii lafoo raawwatan ajjeechaa booji'amtoota jaha kan ji’a Hagayyaa keessa Gaazaatti Hamaasiin raawwatamerratti dhiibbaa uumuu hin oolu.

    ''Sochiin lafoo naannichaa wal jalaa fi kan of eeggannoon guutame ta'ulleen, murtoo shororkeessitotaa namoota ja'an booji'ama kanneen ajjeesuuf dhiibbaa haalaa qaba'' jedheera.

    Qorannoon kunis, loltoonni wayita naannoo Raafah keessatti oppareshinii isaanii jalqabaniitti booji’amtoonni achi jiraachuu isaanii kan hin beekne ta’uu isaas ibseera. Boodarra reeffi namoota booji'amtootaa baafameera.

    Ajjeechaan kunis Israa’el keessatti aarii kan kaase yoo ta’u, namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman daandii irratti ba’uun mootummaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasisu gaafatan.

    Dhuma baatii Hagayyaa keessa ture loltoonni Israa’el reeffa booji'amtoota kanneen kan naannoo Tal al-Sulxaan Raafaah keessatti ulaa lafa jalaa keessatti kan argatan.

    Qorannoon kunis booji'amtoonni osoo loltoonni isaan bira hin ga'iin ajjeefaman jedheera.

    Qorannoon kun akka jedhetti, hogganaan hojjattoota waliigalaa Israa'el, ''kun taatee dhukkubsataafi gaddisiisaa, bu'aan isaas ajjeechaa gara jabinaa Hamaas booji'amtoota jaha irratti raawwatame garmalee rakkisaa ta'en xumurame'' jedheera.

    Foramiin Maatiiwwan Namoota Bakka Buuteensaanii dhabame fi Booji'amtootaa ibsa baasaniin, qorannoon kun namoota Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 lubbuu galaafate kan Hamaas Israa’el irratti raawwateen booji’ame hunda deebi’uun kan danda’amu waliigaltee qofaan ta’uu irra deebiin mirkanneessuu ibseera.

    Mootummaan Ministira Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuu, dhiibbaan daran mudataa kan jiru yoo ta’u, qeeqxonnis booji’amtoonni akka hiikaman mirkaneessuuf hojii gahaa hin hojjenne jedhu.

    Israa’el haleellaa Hamaas kanaaf deebii kan kennite haleellaa qilleensaa fi haleellaa lafoo Gaazaa irratti banuudhaan.

    Lola Israa’elii fi Hamaas jidduutti ji’oota 14'f gaggeeffameen, lammiileen Filisxeem kuma 45 ol ajjeefamuu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu beeksiseera. Akkasumas namoonni gara miiliyoona lamaa, jechuunis ummata %90 ta'u qeesaarraa buqqa'uu hime UN.

  5. Itoophiyaan foon bineeldota affeelame Chaayinaatti erguuf

    Foon ergamuuf yaadamaa jiru kan horiifi harrees dabalata

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Foon ergamuuf yaadamaa jiru kan horiifi harrees dabalata

    Itoophiyaan foon affaalameefi kaan gara gabaa Chaayinaatti qopheessuuf akka jettu qondaalli BBC’tti himan.

    Daarektarri Itaaaanaa Inistitiyuutii Misooma Beelladaa Itoophiyaa Dr Saahiluu Muluu, kunneenis foon hoolaa, foon horii, kan re’eefi gaalaa ta’uu himan.

    Gabaan foon affelame kanaa ammatti gabaa Chaayinaa ta'us gabaa biroofis dhiyeessuuf qophiin jiraachuu dubbataniiru.

    Akka aanga'aan kun jedhanitti mootummaa Chayainaafi aanga'oota biyyattii dhimmichi ilaallaturraa hayyamni foon afeelamee fi hambaawwan foonii kaanis biyyatti galchuufi argamuu dubbataniiru.

    Dhaabbileen oomisha foonii qopheessan maashina foon affeeluufi kanais biiyyatti galchuun hiree kanatti fayyadamuuf qopha'aa akka jiran himaniiru.

  6. Balaa xiyyaaraa Kazaakistaanitti mudateen hedduun du'an

    Xiyyaara kufee caccabe

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa xiyyaara namoota 67 fe'ee Kazaakistaan irraa gara Raashiyaa imalaa ture mudateen namoonni hedduun du'uun gabaafameera.

    Ministeerri balaa tasaa biyyattii haga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 25 baraaramuu ibse.

    Xiyyaarri kan Daandii Qilleensaa Azerbaajaan ta'e kun qilleensarratti abidda erga uumee booda naannawa magaalaa Aktaawu qubachuuf dirqame.

    Xiyyaarri lakkoofsi addaa isaa J2-8243 ta'e kun magaalaa Azarbaajaan Baakuu irraa gara magaalaa Raashiyaa Girooznii imalaa ture.

    Gabaasaaleen akka mul'isanitti xiyyaarri kun sababa duumessaa fi hurrii hamaatiin of duuba deebi'uuf dirqameera.

    Viidiyoon Rooyitarsi mirkaneeffate wayita xiyyaarichi saffisaan gara lafaatti balali'u mul'isa.

    Akkuma lafa ga'een abiddi samiitti ol ka'e.

    Xiyyaarichi keessa imaltoota 62 fi hojjettoota 5 dabalatee namoota 67 ta'antu turan.

    Imaltoonni hedduun lammiilee Azarbaajaan. Akkasumas lammiileen Raashiyaa, Kazaakistaan fi Kiriigistaanillee keessa turan.

    Kanneen hanga ammaatti baraaraman jedhaman 25 keessaa 22 gara hospitaalaa geeffamaniiru.

  7. Zeleeniskiin haleellaa guyyaa ayyaanaa 'nameenya hin qabu' jedhan

    Volodmiir Zelensikii

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haleellaa Raashiyaa guyyaa Gannoo yookiin Qilleetiin magaaloota hedduu biyyattii irratti raawwattee irratti yaada kennan.

    ''Lammiileen Raashiyaa hundi haleellaa guddaaf qophaa'uuf yeroo fudhata. Kunis gonkumaa murtoo akka tasaa ta'e miti. Kunis filannoo ta'e jedhamee galmasaa qofa osoo hin taane, yeroo fi guyyaansaa filatameedha.

    "Har'a Puutiin itti yaadee Ayyaana Gannoo irratti haleellaa raawwachuuf filate. Kana caalaa maaltu namummaa kan hin qabne ta'uu danda'a?

    ''Baalistikii dabalatee misaa'eloota 70 ol, akkasumas diroonii haleellaa 100 olitu dhukaafame.

    ''Xiyyeeffannoon isaanii ammoo damee anniisaa keenya. Yukireen keessatti ibsaan akka dhaabuuf yaaliisaanii itti fufaniiru," jedhan.

    "Akka odeeffannoo jalqabaatti, ittistoonni keenya misaa'eloota 50 ol ittisuu fi kutaa guddaa diroonii kuffisuu danda'aniiru. Akka carraa ta'e, kan haleelaman ni jiru.

    ''Hanga ammaatti naannolee hedduutti ibsaan addaan citeera. Hojjettoonni anniisaas saffiisaan dhiyeessii humna ibsaa deebisuuf hojjechaa jiru,'' jechuun loltoota isaanii jajjabeessan.

  8. Dooniin Raashiyaa dhorkaa US jala turte dhohiinsa booda dhidhimte

    Doonii Rashiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Dooniin Raashiyaa mi'a feetuufi qoqqophii Ameerikaa jala turte, Ursaa Meejar, sababii dhoohiinsa kutaa mootarashee irratti mudateetiin Galaana Meeditiriyaaniyaanii Ispeeniifi Aljeeriyaa jidduutti argamu keessatti dhidhimuu Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa beeksiise.

    Hojjattoota dooniitii 14 baraaruudhaaf ammoo dooniitii gara buufata Ispeen Kaarteegaabaatti geessuun danda'amulleen garuu lamaansaanii bakka buteensaanii dhabameera jedhame.

    Maddi Oduu Raashiyaa Interfax akka gabaaseetti, dooniin tun guyyaa 12 dura ture kan buufata Seenti Piitarsbarg irraa imala eegalte.

    Abbaan qabeenyaa doonii tanaatis, gara fagoo baha Raashiyaa - Vilaadiivostokiitti imalaa akka turtee fi meeshaa mi'i ittiin kaafamu (kireeniiwwan) tokkoon tokkoonsaanii ulfaatina toonii 380 qabu feetee akka turte ibsan.

    Bakka doonitiin itti imalaa turte garuu madda qalabaatiin adda baasuun hin danda'amne.

    Dooniin tunis osoo hin dhidhimiin dura, dhaabbanni lubbuu baraarsa galaanaa Ispeen, Salvameento Maarítimoo akka jedhetti, namoonni 14 bidiruu lubbuu baraaruu irratti argamanii nagaadhaan gara Ispeenitti geeffamuu isaanii fi sana booda dooniin waraanaa Raashiyaa tokko naannoo sana ga’uun hojii baraarsaa kana itti gaafatamummaa fudhachuuf ibseera.

    Ursaa Mejar, naannoo Meditiraaniyaanitti doonii Raashiyaa kan biraa qoqqobbii irra kaa’ame, Ispaartaa waliin yeroo wayita turteetti rakkoonshee mudate kan turte yoo ta’u, dooniiwwan lamaan torban darbe keessaa eegdootaan dabaalamanii karaa Chaanaalii Ingilizii osoo deemaa jiran mul'ataniiru.

    Basaasni waraana Yukireen (HUR) jalqaba baatii kanaarratti akka gabaaseetti, Ispaartaan erga Bashaar al-Asaad kufee booda meeshaalee waraanaa Sooriyaa keessaa baasuuf gara buufata galaanaa Raashiyaa kan qarqara galaanaa Sooriyaa Taartusiitti argamuutti qajeela turte.

    Qondaalli Kireemliin tokko Wiixata akka dubbatanitti, Raashiyaan waa'ee egeree dhaabbilee waraanaashee lamaan fi sadarkaa dippilomaasii irratti bulchitoota haaraa Sooriyaa waliin wal qunnamtii taasisaa jirti.

    Marsariitiin hordoffii geejjibaa galaanaa (LSEG) BBCtti akka himetti, sirni hordoffii awutomaatikii (AIS) doonii dhidhimte tanaa, Mudde 11 irraa eegalee bakki itti imalu Vilaadivostok akka ta’ee fi buufata doonii Taartus irratti yeroo dhumaatiif bilbila kan bilbiltee baatii Adooleessaa keessa akka ta’e agarsiisa.

    Dooniin Raashiyaa tunis bara 2022 ture kan qoqqobbii Ameerikaa jala galfamte

    Madda suuraa, Rosmorport

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Raashiyaa tunis bara 2022 ture kan qoqqobbii Ameerikaa jala galfamte
  9. Guyyaa Gannootiin Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa cimaa raawwatte

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin suuraa kana X gubbaatti maxxansan

    Madda suuraa, X

    Magaalonni Yukireen guyyaa Ayyaana Gannoo yookiin Qillee ganamaan, Raashiyaa irraa haleellaan misaa’eli balistikii fi kiruuzii cimaan irratti raawwatame.

    Ministirri Anniisaa, Jarman Gaalushichenkoon akka jedhanitti: "Diinni irra deebiin sirna anniisaa irratti haleellaa jumlaa raawwachaa jira."

    Itti dabaluunis, haleellaa kana dandamachuudhaafis dhiyeessii humna ibsaa irratti daangeffamni kaa’amuu himaniiru.

    Dhohinsi hedduun magaalaa guddittii Yukireen lammaffaa kan taate Kaarkiiv raase.

    Gabaasni jalqabaa qondaaltota naannoo irraa argame miidhaan qaamaa qaqqabuun dhagahameera.

    Akkasumas magaalaan Diniprosis haleellaan Raashiyaa kun irratti raawwatamuun dhagahameera.

  10. Xiyyaarri Azarbaajaan imaltoota 67 fe'ee ture kufee caccabe

    Akka Rooyitars gabaasetti, xiyyaarri Azarbaajaan kuni gara Raashiyaa imalaa ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Akka Rooyitars gabaasetti, xiyyaarri Azarbaajaan kuni gara Raashiyaa imalaa ture

    Xiyyaarri Azarbaajaan imaltoota 67 fe’ee gara Raashiyaa imalaa ture Kaazaakistaan dhiheenya bakkee Aktaawu jedhamuutti kufee caccabuu aangawoonni dubbatan.

    Gabaasni jalqabaa akka agarsiisutti, namoonni 25 kan lubbuun oolan yoo ta’u, isaan keessaa 22 gara hospitaalaatti geeffamuusaanii ministeerri balaa tasaa Kaazaakistaan ​​beeksise.

    Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Azarbaajaaniin bulfamu kun naannoo magaalaa Aktaawutti yeroo gadi bu'u ibiddi qabateera.

    Ta'us, ergasii ibiddichi dhaamfamuu isaa qondaaltonni himan.

    Balaa kanaaf sababni maal akka ta'e garuu hanga ammaatti adda hin baane.

    Akka Rooyitars gabaasetti, xiyyaarri Azarbaajaan kuni gara Raashiyaa imalaa ture.

  11. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera.

    Ashaamaa hodoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Kanneen har'a Ayyaana Qillee yookiin Gannoo kabajaa jirtaniin, baga geessan jechaa, akkuma barame odeessaalee ijoo asiin hordofuu hin dagatiinaa isiniin jenna.

    Karaa Facebook, Chaanaalii WhatsApp haaraa bannes hordofaa.

    Oolmaa gaarii!.

  12. Sooriyaatti mukti Ayyaana Gannoo gubachuun mormii kaase

    Mormitoota

    Madda suuraa, Reuters

    Jala bultii Ayyaana Gannoo faranjootaatti Sooriyaatti mukti yaadannoo ayyaanichaa (Christmas tree) gubachuun mormii kaase. Mootummaan Islaamawaa haaraan warra amantaa biraa lakkoofsaan xiqqaa akka kabajus waamichi dhiyaate.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodame, mukti addabaabayii magaalaa Suqaylabiyah, keessa dhaabatee ture yeroo gubatu agarsiisa.

    Mootummaa Bashir al-Asaad fonqolchuun aangoo kan qabate dhaabni Islaamummaa leellisu Hayaat Tahriir al-Shaam gocha kana raawwachuun loltootni biyya biraa shakkaman to'atamuu ibseera.

    Hordoftoota amantaa bira alakkoofsaan muraasa ta'aniifi saba lakkoofsaan xiqqaa ta'an balaarraa eeguuf murannoo qabus ibseera.

    Viidiyoo bal'innaan qoodame irratti loltootni maaskii godhatan lama Christmas tree guddaa tokko ibidda yoo qabsiisan ni mul'ata.

    Ta'ii kana booda magaalaa guddoo biyyattii Damsaaqoos dabalatee bakka adda addaatti hiriirri mormii gaggeefameera.

  13. Xiyyaarri samii NASA haala kana dura hin baratamneen biiftuutti dhiyaatte

    Xiyyaarri samii yeroo kamiyyuu caala haala hin baratamneen biiftuutti dhiyaatte

    Madda suuraa, NASA

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri samii yeroo kamiyyuu caala haala hin baratamneen biiftuutti dhiyaatte

    Xiyyaarri samii kan Dhaabbata Qorannoo Hawaa Ameerikaa(NASA), seenaa hojjachuuf haala kanaan dura hin baratamneen biiftuutti dhiyaatte.

    Qorannoo atimoosfera ala urjii kanarratti gaggeeffamu ho’a garmalee hamaa fi carallaa guddaa qabaachuun ibsameera.

    Xiyyaarri samii kun guyyoota hedduuf qunnamtii ala kan turte yoo ta’u, saayintistoonni Mudde 28 bara 2024 jiraachuu mallattoo nutti agarsiifti jedhanii eegaa jiru.

    Qorattoonni hawaa akka jedhanitti, xiyyaarri samii kun qorannoon gaggeesituun, akkati biiftuun jirtu hubannoo foyyee argachuuf nu gargaara jedhan.

    Hogganaan damee saayinsii NASA Dr Nikolaa Fooksi, ‘’ namoonni waggaa 100’f biiftuu qorataa turan, yoo atomosfarii biiftutti dhiyaachuu baatte maal akka taate sirnaan beekuun si rakkisa,’’’ jedhan.

  14. Ministiroonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa Finfinneetti wal arganii mariyatan

    Alii Mohaammad Omaariifi Misgaanuu Areggaa

    Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

    Ministirri Haajaa Alaa fi walta'iinsa Idila Addunyaa Somalaiyaafi Deetaan Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa waliigaltee Ankaaraa booda yeroo duraaf Finfinneetti walarganii mariyatan.

    Deetaan Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Misgaanuu Araggaa jila Somaaliyaa Alii mohaammad Omaariin durfamu simatanii haala waliigaltee Ankaaraa cimsuu danda'an irratti marichuu waajirrisaanii ibseera.

    Obbo Misgaanuun biyyoota lamaan gidduu walitti hidhaminsi ''adda bahuu hin dandeenye'' jiraachuu ibsanii, barbaachisummaa rakkoofi danqaalee mudatan mariifi walta'iinsaan furuu ibsaniiru.

    Dabalataanis murannoo waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuuf Itoophiyaan qabdu mirkaneessaniiru.

    Minsiteerri Haajaa Alaafi walta'iinsa Idila Addunyaa Somaaliyaa gama isaan ibsa baaseen aanga'oonni lameen mariifi walta'iinsa isaanii cimsuurratti murannoo qaban ibsuu gabaase.

    Birmadummaa, tokkummaafi tokkumma adaangaa walii kabajuurrattis murannoo qaban haaromsaniiru jedha ibsi mootummaa Somaaliyaa.Alii Mohamamad Omaar loltootni Itoophiyaa Dooloowitti loltoota isaanii haleeluu himataniiru.

    Deetaan Ministeeraa Itoophiyaa Misgaanuun gama isaaniin himannaa kana ilaalchisee ''atattamatti qorannoo akka eegalu'' mirkaneessuus ibse.

    Mootummaan Itoophiya aibsa biraa baaseen haleellaan kun qaama sadaffaa biraan raawwatame jedee ture.

  15. Marii Biyyaalessaarratti kanneen Oromiyaarraa hirmaatan baraman

    Mariin biyyaalessaa dhibdee Itoophiyaa bubbule furuuf kaayyeffate

    Madda suuraa, DIALOGUE COMMISSION/FB

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariin biyyaalessaa dhibdee Itoophiyaa bubbule furuuf kaayyeffate

    Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti yaa’iin ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan filachuu Adaamaatti taa’amaa ture xumurame.

    Miidiyaaf ibsa kan kennan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirof. Masfiin Araayaa, Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti kilaastaroota afuritti qooduun namootni kuma torba caalaan hirmaachaa turuu eeran.

    ALI Muddee 7, bara 2017 irraa kaasuun ammoo sadarkaa Oromiyaatti bakka bu’oonni hawaasaa guutummaa naannichaa irraa dhufan hirmaachuun hojiin ajandaa walitti qabuu, hirmaattota marii itti aanu irratti hirmaatan filachuu adeemsifamuus himan.

    “Hojii ijoon tokko hirmaattota marii sadarkaa biyyaa irratti naannicha bakka bu’anii hirmaatan filachuutu raawwatame. Akkaatuma hojmaata komishinichaatin bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa 320, namoota beekamoo fi dhiibbaa uuman irraa 12, bakka bu’oonni mootummaa 31 filatamaniiru” jedhan.

    Kanaan alattis ammatti bakka bu’oota kan hin filanne paartilee siyaasaa fi dhaabbilee amantii irraas akkaataa hojmaata komishinichaatin yeroo itti aanutti kan beeksisan ta’uus himan.

    Marii sadarkaa naannoo Oromiyaatti torbee tokkoof Adaamaatti taa’amaa ture kanarratti hirmaannaan dubartootaa fi qaama miidhamtootaas sadarkaa gaariin bakka bu’uun cimina ijoo akka tures eeran.

    Marii ajandaa walitti qabuu taa’amaa ture kanarratti qooda fudhattoonni aanaalee Oromiyaa 356 irraa, dhaabbilee siyaasaa irraa, namoota beekamoo fi dhiibbaa uuman 260 fi dhaabbilee sivilii, amantaa fi kanneen biroo irraa namootni 600 caalan fi qaamolee seera baastuu mootummaa irraa ammoo namootni 250 hirmaachuunis himameera.

    Xumura marii kanaarrattis bakka buutonni qaamolee hawaasaa ajandaawwan ijoo naannicha keessaa marii biyyaalessaatif dhihaachuu qaba jedhanii guyyootaf irratti mari’achaa turan uunka ajandaa 40 ta’u irratti qindeessuun komishini marii biyyaalessaa waliin walharkaa fuudhinsa taasisan.

    Komishiniin marii biyyaalessaa Waggoota sadiin dura Labsii Lakk 1265/2014 kan hundaa’e yoo ta’u, komishinaroota 11 ofjalatti qabachuun hojii ajandaa marii naannolee biyyattii irraa walitti qabuurratti argama.

    Haa ta'u malee, paartileen mormituu muraasni hundeeffamaafi galma isaarratti gaaffii kaasan hirmaataa hin jiran.

    Dura Taa'aan dhaaba KFO Pirof. Mararaa, ''akka amma deemaa jirutti rakkoo biyya kanaa kan hiiku natti hin fakkaatu'' jechuun BBC'tti himani.

  16. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo eegalleerra.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

  17. Saakaan miidhamaan torbanootaaf hin taphatu- Arteettaa

    Bukaayoo Saakaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Bukaayoo Saakaa sarbaan isaa waan miidhameef torbanoota danuuf tapharraa fagaachuuf jira jedhe leenjisaa Mikeel Arteettaa.

    Taphata sarara cinaa Arsenaal Saakaa miidhama sarbaa (hamistering) isa mudateen torbanootaaf miidhamaan tapharraa fagaachuuf akka jiru ‘’Miidhameera, kana waanti jiru'' jechuun ibse.

    ''Isa gargaaruuf carraa kanatti gargaaramuu qabna,’’ jedhe Arteettaan.

    Mikeel Arteettaan tapahataan kun sababa miidhamaan torbanootaaf dirreerraa fagaachuun ‘’waan gaarii natti hin faakkatu’’ jedhe.

    Saakaan wayita Arsenaal 5 fi 1 Kiristaal Paalaas injifatu miidhame bahuuf dirqame.

    Taphataan ganna 23 Saakaan, taphoota 24 irratti goolii sagal galchuun, 13 ammoo mijeessee kenne. Arteettaan Saakaan dirree dorgoommirraa dhabamun gareesaa akka miidhu eeruun fala barbaadaa jiraachuu hime.

    ''Yaada gumeeffataan jira. Ammatti garuu hin raawwatamne’’ jedheera.

  18. Dubartiin buufata baaburaa Niiw Yoorkitti ibiddi itti qabsiifame gubattee duute

    Buufata baaburaa Niiw Yoork

    Madda suuraa, Getty Images

    Buufata baaburaa Niiw Yoorkitti namichi dubarti tokko gubee ajjeesuun shakkame to'atame.

    Komishinarri Poolisii Jeesikaa Tiskii haleellaa Dilbata darbe kana ''yakka suukaneessaa namni tokko nama biraa irratti raawwachuu danda'u keessaa isa hamaa'' jechuun ibsaniiru.

    Akka komishinarri kun jedhanitti dubartiin ajjeefamte kun gara buufata baaburaa Biruukiliin osoo deemaa jirtuu namni tokko itti dhiyaachuun uffata isheetti ibidda qabsiisee gubee ajjeese.

    Shakkamaan kunis haleelaa sana booda baabura biraa yaabbachuun wayita miliquuf yaalutti eeruu barattootan to'annoo jala ooleera

    Akka Poolisiin jedhetti, taateen dubartiin maqaan ishee hin ibsamne irratti raawwatame kun Dilbata ganama akka sa'aatii biyyatti naannoo sa'aatii 1:30 irratti raawwatame.

    Haleellaa sanaan dura lamaan isaanii gidduu waliin dubbiin akka hin turre fi namoonni lamaan wal beeku jedhee akka hin amanne poolisiin ibseera.

    Ammallee eenyummaa nama du'ee fi ka'uumsa haleellaa kanaa adda baasuuf yaaliin taasifama jira.

  19. Haleellaan Israa'eliin Gaazaatti daa'imman hedduu ajjeefamuu aanga'ootni himan

    Mana barnootaa Gaazaa haleellaa Israa'eliin barbadaa'an

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa waraana Israa'el raawwateen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 28 du'uu isaanii Ejensiin Ittisa Siivilii Gaazaa beeksise.

    Manni barumsaa maatii buqqa'aniif dawoo buufatan ta'uun tajaajilaa jiru dhaabbilee rukutaman keessaa tokko ta'uu fi dhuma torban darbee daa'imman afur dabalatee namoonni saddeet achitti ajjeefamaniiru.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Israa'el haleellaa hospitaala kaaba Gaazaa irratti raawwattu akka dhaabdu waamicha dhiyesseera.

    Waraanni Israa'el wiirtuun ajaja Hamaas mooraa mana barumsaa Muusaa bin Nusaayir magaalaa Gaazaa keessa akka buufatee ture himatee, haleellaa hospitaalicha irratti raawwatame ilaalchisee yaada hin kennine.

    Waraanni Israa'el ''dhaabbilee shororkeessummaa irratti humnaa fi cichoominaan akka socho'u'' himeera.

    Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Tiyoodoros Adihaanoom haleellaa naannoo hospitaatti raawwatamu akka dhaabbatuu fi dhukkubsattootaa fi hojjettoota fayyaaf eegumsi akka godhamu waamicha dhiyeessan.

    Waraana Israa'elii fi Hamaas giddutti ji'oota 14'f tureen lammiileen Filisxeem kuma 45 ol ajjeefamaniiru.

  20. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduuwwan jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!