Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Wayita Israa'el buufata xiyyaarichaa haleeltuutti Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom achi turuu himan

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yukireen ajjeechaa Jeneraal Kiriilooviif itti gaafatamummaa fudhatte

    Yukireen ajjeechaa Lentanaat Jeneraal Kiriiloov kan ganama kana Mooskootti raawwatame duuba akka jirtu maddeen nageenyaa Yukireen dubbachuu Rooyitarsfi dhaabbanni oduu AFP gabaasan.

    Maddeen BBC tajaajila nageenyaa Yukireen keessaa akka jedhanittis, oppereeshinii Igoor Kiriiloo Mooskoo keessatti ajjeesuuf gaggeeffame duuba jiru.

    Akka maddi tokko jedhetti, iskootariin wantota dhodhohan itti tolfame tokko yeroo Kiriiloov fi gargaarsaan isaa ganama kana gara gamoo Mooskoo keessa jiru sanatti dhiyaatan itti dhohe.

    Madi kun akka ibsetti, Kiriiloov humna waraanaa Yukireen irratti meshaa waraanaa kemikaalaa dhorkamaa ta’e akka fayyadamaniif waan ajajeef yakka waraanaa raawwachuun qondaala “sirriitti irratti xiyyeeffatamee” turedha.

    Akkasumas miidiyaaleen Yukireen Kiriiloov tajaajila nageenyaa Kiiviin ajjeefamuu isaa gabaasan.

    Miidiyaaleen Yukireenis Lt jeneraal Kiriiloov tajaajila nageenyaa Yukireen ajjeefamuu isaanii gabaasaa jiru.

    Ajjeechaa qondaala kanatiif Yukireen itti gaafatamummaa bakka fudhatteetti qorattoonni Raashiyaa ammoo eeruu argachuuf hojjataa jiru.

  2. Daawwadhaa: Jeneraalli Raashiyaa Mooskootti gamoo mana jireenyaa biratti boombiin ajjeefame

    Jeneraalli olaanaa Raashiyaa Igoor Kiriiloov Mooskoo keessatti gamoo mana jireenyaa biratti boombii dhoheen ajjeefame.

    Oppereeshinii ajjeechaa qodaala olaanaa kana duuba ammoo Yukireen jiraachuu amanteetti.

    daawwadhaa.

  3. Igoor Kiriiloov eenyu ture?

    Igoor Kiriiloov jeneraala olaanaa Raashiyaa fi itti gaafatamaa Humna Ittisa Niwukilaraa, Baayoloojikaal-Keemikaalaa (NBC) biyyattii ture.

    Kiriiloov humna hooggansa kanarratti kan mudaman Ebla bara 2017 ture. Akka miidiyaan mootummaa Raashiyaa Tass jedhutti, gama barnotaatiin Mana Barumsaa Ajaja Ittisa Keemikaalaa Olaanaa Kostromaa (Kostroma Higher Military Command School of Chemical Defence) keessatti barate.

    Jeneraalli kun Daarektoreetii Hogganaa Loltoota Ittisa Raadiyeeshinii, Keemikaalaa fi Baayoloojii dabalatee, waraana Raashiyaa meeshaalee balaafamaa wajjin walqabatan keessatti gahee adda addaa irra tajaajilaniiru.

    Kaleessa ammoo, Tajaajilli Nageenya Yukireen (SBU) Kiriiloov Yukireen keessatti meeshaa keemikaalaa dhorkame fayyadamuu isaatiin, bakka hin jirretti murtii irratti murteessuu isaa, Kiiv Indippeedanti gabaaseera.

    SBUn Raashiyaan hoggansa Kirilloov jalatti gara yeroo 5,000tti meeshaa keemikaalaa akka fayyadamte himate.

    Kiriiloov gahee inni waraanaa Raashiyaa keessaa baheen wal qabatee, UK , Kaanaad fi kanneen birootiin qoqqobbii irra kaa'anii ture.

  4. Jeneraalli Raashiyaa dhohinsa Mooskootti mudateen ajjeefame

    Janaraalli Raashiyaa hogganaa humnoota eegumsa niiwukilara biyyattii ta’e dhohinsa magaalaa Mooskoo keessatti mudateen ajjeefame.

    Lt. Janaraal Igoor Kiriloov Kibxata har’aa osoo mana jireenyaasaa keessaa bahaa jiruu wanti iskuutarii (meeshaa ittiin sigigaatan ykn mucucaatan) keessa dhokfamee ture dhohee qondaala kanagargaaraa isaa waliin galaafateera.

    Ji'a Onkololeessaa keessa UKn Kiriiloovirra qoqqobbii kan keesse yoo ta'u, Yukireen keessatti yakka itti fayyadama meeshaa keemikaalaatiin himatameera.

    Kibxata ammoo, tajaajilli Iccitii Yukireen(SBU)n, bakka hin jirretti himannaa irratti banuudhaan, Telegiraamii irratti ''meeshaa keemikaalaa dhorkame jumlaadhaan itti fayyadamuuf itti gaafatamummaa qaba'' jedhee ture.

    Abbaan Taayitaa Qorannoo ijoo Raashiyaa kan ta'e Koreen Qorannoo, ''ajjeechaa tajaajiltoota lama irratti raawwatameef galmee yakkaa baneera'' jedheera.

    "Qorattoonni, ogeeyyiin fooransikii fi tajaajilli hojii bakka balaan kun itti qaqqabe sanatti hojjechaa jiru," jedha.

    "Haala yakkichaa hunda mirkaneessuurratti kayyeeffate, tarkaanfiiwwan qorannoofi oppareshiiniin sakatta'iinsaa raawwatamaa jira."

  5. Tamsaasa kallattii keenya eegalle!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo.

    Kunoo tamsaasa kallattii keenya amma eegalleerra.

    BBC Afaan Oromoo Facebook gubbaa, akkasumas Chaanaalii WhatsApp gubbaa hordofuu dandeessu.

    Tamsaasa kallatti torban darbee ammoo kanaan argattu.

    Lafa nagaa oolaa!