Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Wayita Israa'el buufata xiyyaarichaa haleeltuutti Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom achi turuu himan

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Puutin: 'Raashiyaan yoo biyyoonni ishee sodaachisan meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf mirga qabdi'

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, Raashiyaan sodaachifamte meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf mirga qabdi jedhan.

    Amma gaaffii Puutin waa'ee fooyya'iinsa qajeelfama niwukilaraa gaafachuuf. Akka yaadachiisaatti hogganaan Kiremliin ji’a darbe jijjiirama haal-duree haaraa kan biyyattiin meeshaa waraanaashee ittiin fayyadamuuf yaaddu raggaasise.

    Qajeelfamni kunis, haleellaan mootummaa meeshaalee niwukilaraa hin taane irraa garuu kan humna niwukilaraatiin deeggarame ta'e, akka haleellaa waloo Raashiyaarratti raawwatameetti ilaalama jedha.

    Puutinis, "ergaan kun biyyoota lixaa irraa kan dhufe yoo ta'e" jechuun gaafatan. "Hin beeku, isaan gaafachuu qabdu," jechuun deebii kennan Puutin.

    Puutin wayita ibsaniitti, jijjiramni qajeelfamichaa ''nuti waa'ee yaaddoo waraanaa dhufaa jiruu dubbataa jirra... kan akka balaa tasaa sirnoota farra-misaa'eel fa'i'' jedhe

    Akka inni jedheetti, biyyoonni yoo Raashiyaa dorsiisan, Raashiyaan meeshaa waraanaa niwukulaaraashee fayyadamuuf mirga qabdi.

  2. Abbaan warraa dubartii dhiiroota 50 oliin akka gudeedamtu taasise hidhaa waggaa 20n adabame

    Dominikii Pelikoot, haadha warraasaa duraanii Giseele, qoricha sammuu hadoochu fayyadamuudhaan waggootaaf dhiiroota hin beekne 50 bobbaasuun jumlaan akka gudeedan taasisuusaattti hidhaan waggaa 20 itti murtaa'e.

    Jarri kunis biyya Faransaay keessatti gaa'ilaan waggootaaf waliin jiraachuun ijoollees waliin horatanii ture.

    Haata'u malee, dubartii Giiseel Peelikoot jedhamtuu tunis, ajaja abbaa warraashee Doominiik Peelikoo jedhamaniifi maanguddoo waggaa 72 ta'eetiin waggootaaf qoricha hirribaa kennudhaan dhiiroota biraatiin gudeedamte..

    Dhiiroonni 50 abbaan warraa dubartii tanaa akka haadha warraasaa duraanii tana jumlaan gudeedan taasisee kunneen eenyu akka ta'an hubachuuf asiin ilaalaa: Dhiiroonni 50 Giseele gudeedan eenyu fa'idha?

    Dhiiroonni gochaa guddeeddii kanarratti hirmaachuunsaanii himataman ammoo hidhaa waggaa jahaatii hanga waggaa 15 irratti murtaa'eera.

    Himatamtoonni kunneenis ol iyyannoo dhiyeeffachuuf guyyaa 10 kan qaban yoo ta'u, Tpirezidantiin mana murtichaa, Roojar Araataa, himatamtoonni amma osoo gara mana hidhaatti hin geeffamiin dura abbokaatoosaanii waliin dubbachuuf yeroo akka qaban dhaddachicha irratti himan.

  3. Laammiileen Raashiyaa Pirezidant Puutin gaaffii gaafachaa jiru

    Chaanaalonni TV mootummaan bulan hundisaanii, lammiileen biyyattii gaaffiisaanii gara miiliyoona lamaa ta'u, har’a karaa miidiyaa hawaasaa, bilbila, ergaa barreeffamaatiin Vilaadmiir Puutiin biraan ga’uuf dhageessisaa jiru jechuun gabaasan.

    Dubbi himaan Kireemliin, Dimitirii Peeskov gaaffiin isaan waa'ee ''oppireeshinii waraanaa addaa,'' gaafatan ''cimsamee xiinxalama'' jedhan.

    Aangawoonni Raashiyaa waraana Yukireen keessa adeemaa jiru ‘’oppireeshinii waraanaa’’ jechuun waamu.

    Haata'u malee, Raashiyaa kan yaaddeessaa jiru waraana qofa miti.

    Dinagdeen garmalee qaala'aa waan jiruuf, jecha salphaadhaan gatiin dhadhaa bara kana hanga harka sadii ol dabaleera.

    Qaala'iinsi jireenyaa %9.14 kan dabale yoo ta'u, baankiin giddu galeessaa Raashiyaa boru dhala sadarkaasaa kan amma jiru %21 ol dabaluu qaba ta'a.

    Kana keessaa rakkoo inni guddaan Puutin dinagdee Raashiyaa lafa waraanaa irra kaa'uusaati.

    Bara dhufutti baasii ittisaas, baasii bajata hunda keessaa %32 qabachuudhaan, kan erga Waraana Ololaatiin as sadarkaa olaanaa irra gaha.

    Sunis oomisha dinagdee Raashiyaa keessaa %6.2 waliin walqixadha.

    Fayyaa, barnootaa fi wabii hawaasummaa caalaa waan baay'eetu waraanaaf deemaa jira.

    Kanaafuu, wayita Puutiin haasaa taasisaniitti, gaaffiilee lammiileen Raashiyaanoonni yeroo gibirrisaanii guddaan akkasii waraana irratti baasii ta’u akkamitti akka dandamachaa jiran irratti ka’an kamiyyuu of eeggadhaa.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo eegalleerra.

    Dhimmoota ijoo biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  5. Magaalaa daldaltoonni kaameeraan CCTV isaan akka hin ajjeefneef itti sodaatan

    Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti, daldaltoonni suuqii qajeelfama mootummaa akka suuqiisaaniin alatti kaameeraa CCTV akka dhaabaniif dabarse raawwachuufi dhiisuuf yaaddoo cimaa keessatti argamu.

    Mootummaan biyyatti riphee loltoota Islaamaa magaalatii keessatti mul'atu to'achuu akka dandeessisuuf qajeelfama kana dabarse.

    Daldaltoonni kunneenis yoo kaameraa kana kaa’an finciltoota al-Shababiin itti dhukaamee ajjeefamuuf saaxilamu. Yoo kaamericha kaa’uu didan ammoo poolisiin to’annoo jala ooluu akka danda’an dubbatu.

    BBC'n daldaltootaa fi abbootii manaa dubbise nageenya isaaniif jecha maqaasaanii jijjiiree jira.

    "Kaameeraan CCTVn sababiinsaa kan amma isin mana keessatti na argitaniifiidha," jedha abbaan suuqii duraanii Hamzaa Nuur, kan ganna 48, ijoollee isaa keessaa tokko qabate soofaarra taa'uun.

    Innis ganama lamaan irraayyuu akka dheekkamsi isa hin mudanneef jecha, suuqii daldalasa gurguruuf murtee cimaa akka murteesse BBC'tti himan.

    "Qaama tokkoon kaameeraa akka hin buqqifne sitti yoo himamuu, booda ammoo qaama biraatiin kaameraa akka buqqisu sitti himama. Filannoo ati taasiftu irratti hundaa'uunis rasaasa ykn kutaan mana hidhaatu si eeggatta," jedhu Obbo Nuur itti dabaluudhaan.

    Mootummaan bara darbe ture haleellaa al-Shabab ofirraa ittisuudhaaf abbootiin suuqii kaameraa CCTV baasii mataasaaniitiin akka kaa'an qajeelfama kan kenne.

    Itti Aanaan kantiibaa magaalaa Moqaadishoo, Mohaammad Ahmad Sagantaa BBC Africa Daily podcast'tti akka himanitti, murteen kun bu'aa argamsiiseera.

    "Duraan Moqaadishoo keessatti ji'atti yeroo afur ykn shan boombiin ni dhoha ture, garuu amma ergasii akkas miti," jedha.

    Mootummaan amma jiraattonni kaameraa kana mana jireenyaasaanii fi gamoowwan mana jireenyaatiin ala akka kaa’an ajaje. Jiraattoonni hedduun garuu al-Shabab waraana gara manasaaniitti fiduu danda’a jechuun sodaan itti galuu dubbatu.

    Erga Onkoloolessa irraa eegalee, haleellaa 10 gareen al-Shabab kaameraa CCTV dhaabuutiin walqabatee raawwatameen, daldaltoota afur ajjeesuusaa gareen hordoffii jeequmsaa adda duree, Odeeffannoo Taatee fi Bakka Walitti Bu'iinsa Hidhannoo (Acled) ibseera.

    Qajeelfamni mootummaa kunis dhumarratti madda maallaqaa al-Shabab kan ta'an abbootii qabeenyaa suuqii irraa maallaqa saamuu dhaabsiisuu irratti kan kaayyeffate yoo ta'u, sababii haleellaa haaloo bahumsaa finciltoonni kunneen raawwatanitiin, "daldaltoonni hedduun gabaa gudicha Moqaadishoo keessa jiran guyyootaaf balbalasaanii akka cufaniif dirqisiiseera", jedhe dhaabbanni kun dabalata gabaasa marsariitii isaa irratti maxxanfameen.

    Aab Nuur jalqaba qajeelfama mootummaa fudhachuuf harkifataniin booda miseensota humnoota tikaatiin erga wal dura dhaabbateen booda kaameraa kaa'uuf dirqamuu dubbatu.

    "Ani hiyyeessa ta'ukoo ibsuuf yaaluun mootummaa waliin dubbiis keessa seenuu hin barbaanneen ture garuu isaan aaruudhaan jireenyakoo akka balleessan na doorsisuu jalqaban," jechuun BBC'tti hima.

    Obbo Nuur erga kaameeraa CCTV kaa'anii booda ammoo lakkoofsa bilbilaa hin beekamne irraa bilbilli bilbilamuufii akka jalqabe dubbata.

    "Qaama koo keessaa raafamuu jalqabe. Eenyu akka ta'e nan beeka ture," jechuun, hojjettoota al-Shabab kanneen toora basaasaatiin hundee gadi fageeffataniifi waa'ee namoota nagaa akka Obbo Nuur fa'i irratti odeeffannoo argachu akka danda'an kaasu.

  6. Namtichi lukkuu hatuun duuti itti murtaa'e waggaa 10 booda dhiifamaan gadhiifamuuf

    Lammii Naayijeeriyaa lukkuu fi hanqaaquu hatuudhaan waggoota darban 10'f hiidhaa murtii du'aa irratti dabarsee, amma bulchaan bulchiinsa Kibba Lixa Osuun dhiifama akka godhuuf waadaa seenuun dhagahame.

    Dargaggoon maqaansaa Seguun Olowookere jedhamu fi umuriinsaa waggaa 17, bara 2010 hiriyyaasaa waliin to'atame.

    Dargaggoonni kunneen qawwee mukaa dulloomaa fi meeshaa qara qabuu qabatanii erga mana qondaala poolisii fi nama biraa tokko haleelanii booda, dhumarratti lukkuufi killee qofaa fudhachuun miliqan.

    Bara 2014 keessa ammoo Haatii murtii Murtii Olaanaa Godina Osuun, Jiidee Faalolaa, himatamtoonni mana qondaala poolisii humnaan cabsanii seenuu fi meeshaasaa hatuun yakkamtoota ta'uu mirkanneessuun booda fannifamuun akka ajjeefamaniif murtii du'aa itti murteessee turte.

    Yeroo sanattis guutuu Naayijeeriyaatti murtichi baayyee cimaadha jechuun dheekkamsa kaasee ture.

    Kanaaf, himatamtoonni kunneenis gara mana hidhaa Leegoos hamaa eegumsi cimaan taasifamuuf- Kirikiriitti dabarfamuun warra murtee du'aa eeggatan keessa turan.

    Bulchaan Adeemolaa Adeelekee ibsa Kibxata darbe kennaniin, qulqullummaa jireenyaa eeguun barbaachisaa sababii ta’eef Olowookereef dhiifamni akka godhamu qajeelfama kennan.

    "Dargaggeessa kanaaf mirga araara kennuuf adeemsa akka jalqabuuf Komishinara Haqaatiif qajeelfama kenneera."

    "Osuun lafa haqaa fi walqixxummaati. Haqaa fi eegumsa qulqullummaa lubbuu mirkaneessuu qabna," jechuun bulchaan kun kan toota X irratti maxxanseera.

    Hireen Moraakinyo Sandeey kan Olowookere waliin murtiin itti murtaa'e garuu ibsicha keessatti maqaan isaa waan hin kaafamne.

    Waggootaafis maatiin Olowookeree, gareewwan mirga namoomaaf falmaniifi lammiileen Naayijeeriyaanis akka gadhiifamuuf falmaa turan.

    Dhiheenya kanas maatiinsaa miidiyaa tokkorratti dhiyaachuun ilmisaanii tokkichi kun akka dhiifamaan gadhiifamuuf gaafataa turan.

    Haaluma kanaanis jalqaba bara 2025tti akka gadhiifamu eegama.

    Naayijeeriyaan erga bara 2012 as murtee du'aa hojjiira hin oolchitee namoota 3,400 ol ta'utu murtee du'aa jalatti argama.

  7. Qorattoonni Hawaa Naasaa gara lafaatti deebiinsaanii ammas harkiifachuun himame

    Naasaan, qorattoonni Buufata Hawaa Idil-addunyaatti danqamanii turan gara manaatti deebi'uuf ammallees yeroo dheeraa eeguu akka qaban beeksiise.

    Qorattoonni Baach Wiilmoor fi Suun Wiiliyaams jedhaman, baatii Waxabajjii keessaa wayita gara buufatichaatti balali'an torban tokko qofaaf turuuf turan.

    Haata'u malee sababii rakkoo teekinikaa xiyyaara hawaa yaalii isaan ittiin imalan, kan Booying hojjateetiin turtiin isaanii hanga Guraandhal bara dhufutti dheerate ture.

    Amma ammoo sababii harkifannaa xiyyaara hawaa haaraa gara buufata qorannoo hawaa idil-addunyaatti furguggisuu hordofuun, qorattoonni kunneen hanga dhuma baatii Bitootessaa ykn tarii Eblaatti hin deebi'an.

    Naasaan gamasaatiin harkifachuun kun qorattoota kanneeniif balaa tokkollee akka hin fidne himeera.

    Naasaan ibsa isaa kenneen: "Buufanni Hawaa Idil-addunyaa kun dhiheenya kana baatii Sadaasaa keessa balalii dhiyeessitii lama kan argate yoo ta'u, kanaanis nyaata, bishaan, uffata fi oksijiinii dabalatee, waan hojjettoonni barbaadan hunda akka gaariitti guutameefiida'' jedhe.

    Xiyyaarri dhiyeessitii hawaa deddebiistuu kunis garee kunneen "waltajjii orbitii irra taa'anii ayyaana akka kabajaniif," meeshaalee addaas hojjettootaaf qabattee imalu ibseera.

  8. Daandiin Qilleensa Koongoo kan Itoophiyaa gahee 49% keessaa qabdu hojii eegale

    Daandii Qilleensa Itoophiyaa Dimokiraatawa Riipabilika Kongoo waliin ta'udhaan tajaajila daandii qilleensa biyyaleessa DR Kongoo ifatti eegalchiise.

    Daandiin QIlleensa Itoophiyaa daandii qilleensa Koongoo amma eegale kana keessaa gahee parsantaa 49 kan qabu yoo ta'u, motummaan Dr Koongoo ammoo gahee 51 akka qabaatu ibsa Daandiin qilleensaa Itoophiyaa Mudde 17, 2024 toora miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa irratti maxxanseen ibseera.

    Pirezidantiin DR Koongoo, Feeliiksi Antooyiin Tiishikadii, daandiin qilleensaa biyyaaleessaa haaraan moggaasni Air Congo jedhu kennameef kun, buufata daandii qilleensaa idili-addunyaa Diijiilii jedhamuutti argamuun eebbisuun eegalchiisisan.

    Air Congo'n xiyyaaroota booyiingii 737 lamaan fayyadamuun balaliinsawwan biyya keessaa buufataalee xiyyaaraa torbatti balali'udhaan tajaajila eegaleera.

    Kiraa xiyyaaraa, deeggarsa teeknikaa bal’aa fi waliigalteewwan deeggarsa sirnaa dabalatee, waliigalteewwan teeknikaa ijoo michoota lamaan gidduutti mallattaa’uun ibsameera.

    Haala waliigaltichaatiin Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas lammiilee Koongoo balaliisummaaf, hojjettoota xiyyaaraa, hojjettoota gurgurtaa fi tajaajila akkasumas teeknishaanota ta’uun ni leenjisa.

    Hojji Gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Obbo Masifiin Xaasoo, damee indastirii aviyeeshinii DR Koongootiin ''seena qabeessa'' ta'edha jechuun sirnicha irratti dubbachusaa ibsichaan eerame.

    Waliigalteen kunis geejiba jidduugala Afriikaa keessaa akka guddisu dabaluun ibseera.

  9. Mariin dhukaasa dhaabuu Gaazaa sadarkaa dhumaa irra jiraachuu himame

    Ji’ootaaf dhaabbatee erga tureen booda, Israa’elii fi Hamaas waliigaltee Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota gadhiisuu gara xumuraatti dhihaachuu mallattoon haaraan mul’achaa jira.

    Qondaalli olaanaa Filisxeem kan marii al-kallattii keessatti hirmaataa jiran tokko, ''marii sadarkaa murteessaa fi xumuraa'' irra akka jiru BBCtti himan.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatzis waliigalteen taasifamu yeroo kamiiyyuu caalaa gara xumuraatti dhihaateera jedhan.

    Torban dhihoo keessa, Ameerikaa, Kaataarii fi Masriin tattaaffii gidduu seenummaa isaanii deebi’anii jalqabaniiru, waraana ji’oota 14 kana keessatti gama lachuutiin waliigaltee xumuruuf fedhii guddaa akka qaban gabaasan.

    Jilli Israa'el ''sadarkaa hojii'' jedhamee ibsame yeroo ammaa magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti kan argamu yoo ta'u, naannichatti dhufaatii fi deemsa dippilomaasii hedduu keessa jira.

    Qondaalli Filisxeem kun karoora marsaa sadii jiraachu kan ibsan yoo ta’u, kunis guyyoota 45 jalqabaa keessatti namoonni nagaa fi loltoonni dubartii Gaazaatti booji’amanii turan kan itti gadhiifaman yoo ta’u, humnoonni Israa’el giddugala magaalattii, daandii qarqara galaanaa fi lafa tarsiimoo daangaa Masrii waliin jiru keessaa akka ba’an taasisa.

    Lammiileen Gaazaa buqqa’an gara kaaba naannoo manaatti deebi’uu akka danda’an malli ni jiraata jedhan qondaalli kun.

    Marsaan lammaffaadhaan ammoo osoo marsaa sadaffaan hin eegaliin dura waraana booji’amtoonni hafan gadhiifamuu fi loltoonni akka ba’an agarsiisa kan jedhuudha.

    Namoota 96 Gaazaatti hidhaman keessaa 62 ammalleen lubbuun akka jiran tilmaamamti Israa'el.

  10. Bara 2024 keessa Google irratti waanti baay'inaan gaafatame maali?

    Google tibbana akka ifoomsetti, marsariiticha irratti bara 2024 xumuramaa jiru keessa waanti baay'inaan barbaadame ykn search ta'e 'maal daawwadhu' ("What to watch") kan jedhuudha.

    Akka ragaan Statista baase mul'isutti maal daawwadhu? kan jedhu yeroo miliyoona 6.5 ol Google irratti barbaadameera.

    Kana malees IP'n koo maali ? waan adda ta'e hojjechuu, giroosariin dhiyoo jiru sa’aatii meeqatti banama? kanneen jedhan giddu galeessaan si'a miliyoona 3 ol gaafatamuudhaan sadarkaa qabataniiru

    Kaalorii hangamiitu Appilii keessa jira, Faasikaan yoomi, guyyaan hadholii yoomi fi sa'aan meeqa kanneen jedhan illee bara kana keessa warra baay'inaan barbaadamaniidha.

  11. Amma nu gahe, Raashiyaan nama ajjeechaa jeneraal Moskootti raawwatameen shakkite to'atte

    Tajaajilli basaasa Raashiyaa akka jedheetti, lammiin Uzbeekistaan kan umuriin waggaa 29 tokko ajjeechaa Janaraal Igoor Kiriiloov fi gargaaraa isaa Mooskoo keessatti raawwatameen shakkamee to'atamu beeksiise.

    Leetanaant Janaraal Igoor Kiriiloov, dursaa Niikulaara, Baayiloojii, Keemimaala Humna Ittisaa (NBC), Kibxata wayita dhootuu alaala irraa to'atamuun ajjeeffamutti mana jireenyaa isaati ba'aa ture.

    Tajaajjilli basaaasa Raashiyaa shakkamaan kunis tika Yukireeniin kan mindeeffame ta'u ejjansiin miidiyaa mootummaa gabaaseera.

    Maddeen Yukireen Kibxata BBCtti akka himaniitti, ajjeechaan janaraalichaa tajaajila basaasaa Yukireeniin kan qindaa'eedha.

    Maddi kun akka jedhetti, Kiriiloov qondaalli Raashiyaa keessatti hogganaa meeshaa keemikaalaa turan, ''xiyyeeffannoo seera qabeessa'' ta'uu fi yakka waraanaa raawwachuu isaa himate.

    Wiixata kaleessaa, guyyaa ajjeechaa isaatiin dura, Yukireen Kiriiloov, gaheessa ganna 54, bakka inni hin jirretti himannaa irratti dhiheessiteen, ''meeshaa keemikaalaa dhorkame fayyadamuun himattee turte.

    Giddu-galli sabaa-himaa hawaasaa, Tajaajila Nageenya Federaalaa Raashiyaa (FSB) Roobii har'aa akka jedhetti, dargaggeessi ganna 29 to'annoo jala oole kun ''haleellaa shororkeessummaa raawwachuun shakkamuudhaan'' jedheera.

    Ibsichi dabaluudhaan shakkamaan kunis wayita qoratamuutti ''ergama tajaajila addaa Yukireeniif akka qacarame ibseera."

    Itti dabaluudhaanis, qajeelfama Yukireen Moskoo gahuudhaan mana jireenyaa Kiriiloov irratti hrdofii gochuuf konkolaataa kireeffatee jechuun ibse.

    Achiinis meeshaa dhoo'uu kana iskootara elektirikii irra kan kaa'e yoo ta'u, iskootara kanas seensa gamoo mana jireenyaa Kiriiloov jiraatu irra kaa'e jedha FSBn.

    FSBn shakkamaan kun badhaasa doolaara kuma 100 fi gara biyya Awurooppaatti akka imaluuf ''wabii'' akka qabu ibseera.

  12. Jeneraalli Raashiyaa Mooskootti ajjeefamuun biyyattiitti sodaa uume

    Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti geggeessaa turte gara waggoota sadiif Moskoo keessatti dhiibbaan cimaan geessise hin turre.

    Namootni akkuma yeroo nagaatti jireenya idilee isaanii gaggeeffataa turan. Amma garuu Raashiyaa keessa haalli jireenya idilee sun hin jiru.

    Aajjeechaa Jeneraalichaa booda ykn Yukireen ittisa qilleensaa Moskoo keessa seenuun haleellaa geessisuun rifaatu uumuun qilleensa idilee san jeeqera.

    Janaraalli Raashiyaa hogganaa humnoota eegumsa niiwukilara biyyattii ta'e Lt Gen Igor Kirillov fi gargaaraa isaa Ilya Polikarpov Kibxata dhohinsa magaalaa Mooskoo keessatti mudateen ajjeefame.

    Taatee kun Yukireen raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuu akka dandeessu aangawoota Raashiyaaf akka dammaqiinsaatti tajaajila. Kana haaloo ba'uuf Moskoon waraana kana cimsuuf carraan ishee baayyee guddaadha.

    Odeessa kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf asiin galaa: Ajjeechaan janaraala waraana Raashiyaa

  13. Kaanaadaan doorsisa taarifa Tiraamp hordofuun seera daangaa haaraa labsite

    Kanaadaan hordoffii cimaa fi "humna ittisa" waloo yakka gurmaa'e biyyoota ollaa irratti xiyyeeffate dabalatee, tarkaanfiiwwan nageenyaa haaraa bal'aa daangaa Ameerikaa irratti hojiirra oolchuuf waadaa galteetti.

    Waadaan kun kan seename, pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp, baatii Amajjii dhufaa wayita aangoo qabanitti, yoo biyyattiin daangaa waliin qabdu godaantota seeraan alaa fi qoricha seeraan alaa karaa daangaan seenan irratti tarkaanfii kan hin fudhannee yoo ta'e, meeshaalee Kaanaadaa irratti taarifa %25 akka kaa’an doorsisuu hordofeetidha.

    Ogeeyyiin diinagdee akka jedhanitti, taarifnii akkanaa kunis dinagdee Kaanaadaa irratti dhiibbaa olaanaa geessisuu danda'a.

    Karoora kana ilaalchisee, ministirri faayinaansii fi dhimmoota mootummoota Kaanaadaa ibsa kenneen, mootummaan federaalaa karoora kanaaf doolaara Kaanaadaa biiliyoona 1.3 (Doolaara US miiliyoona 900 ykn Paawundii biiliyoona 700) akka kennu himaniiru.

  14. Kabajamni mirga namoomaa yeroo itti akka waan 'qananiitti' ilaalamu jiraa?

    Dhaloota Kiriistoosiin dura bara 539 loltoonni mootii jalqabaa Parshiyaa(Iraaq ammaa) Saayiras Jabaa(Cyrus the Great) magaalaa Baabiloon to'ate. Bara kana dalagaa dhala namaa fuulduratti tarkaanfachiisu raawwate.

    Garboota bilisa baasuun namni hundi amantiisaa filachuu danda'a jedhe, wal-qixxummaa sabootaas mirkaneesse.

    Labsiiwwan kunneeniifi kaan gabatee boca sillindarii supheerraa hojjetamerratti barreefaman. Kunis qajeelfama mirga namoomaa isa jalqabaa waggaa 2,500 dura galmaa'e tahe.

    Bara 1215 Mootiin Ingilaand Joon sanada barreeffamaa Maagnaa Kaartaa qajeelfama namoonni seera fuulduratti qixxee dha jedhuufi warreen abbaan warraa jalaa du'e mirga deebisanii heerumuu dhiisu qabu jedhu fudhate.

    Dabalataan dubbiifachuuf asiin galaa: Kabaja mirga namoomaa

  15. Tamsaasa kallatii eegalleera!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa Roobii amma eegalleerra.

    Isinis akkuma barame karaa Facebook keenyahttps://bbc.in/3DjRkRs, karaa marsariitii keenyaa https://bbc.in/3DhvFJM fi karaa Chaanaalii WhatsApp https://bbc.in/3BMd0oK keenyaan nu hordofuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  16. Namtichi daa'ima ukkaamsee Buraayyuu fiduun birrii mil. afur gaafate akkamiin qabame?

    Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa aanaa Ansaarroo jedhamurraa namtichi daa’ima ganna 11 butuun gadhiisuuf birrii miliyoona afur maatii daa'imaa gaafachuun shakkame Abarraa Alayyuu jedhama.

    Abarraan jiraataa magaalaa Shaggar yoo ta’u, obbolessaa isaa waliin Naannoo Amaaraa aanaa Ansaarroo dhaquun, mana nama dhuunfaa cabsee erga seene booda qawwee dhukaase maatii daa’imaa sodaachise.

    Sana booda daa'ima erga fudhate deeme booda guyyoota sadiif holqa keessa tursiisee gara magaalaa Fiichee erga geesse jedheera Poolisiin Federaalaa.

    Obboleessi isaa isa gargaaruun himatame naannoo Amaaraatti yoo deebi’u, Abarraan daa’ima akka dhukkubsataatti uffata qorraa itti haguuguun magaalaa Burraayyuu geesse.

    Sana booda abbaa daa’imatti bilbilee ‘’birrii miliyoona afur yoo fiddan malee daa’ima keessan hin argattan’’ jedhee dorsiisuu Poolisiin Federaal toora miidiyaa hawaasummaarratti ibse.

    Maallaqicha yoo maatiin hin kaffalle garuu daa’imasaanii akka deebi'anii hin argine doorsiisaa erga ture boodaa poolisiin dhaamsa barreeffamaan argate booda, ''teekinolojii ammayyaatti gargaaramuun'' mana Burraayyuutti kireeffate keessatti hordofee to’achuun daa’ima baraaruu ibse.

    Erga waggaa muraasa dura eegalee bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti namoota ugguranii qarshii gaafachuun yaaddoo guddaa uumeera.

    Dhimmoota akkanaaf hidhattooti Oromiyaafi Naannoo Amaaraa keessa sosso'an bal'inaan himatamu.

    Hidhattooti kuni garuu ni waakkatu.

  17. 'Hanga yoonaa waraana halaalarraa dhageenya ture'

    Liiz magaalaa Mooskoo, gamoo iddoo dho’iinsi Jeneraal Igoor Kiriillow irra ajjeesetti dhiyaatu keessa jiraatti.

    Ajjeechaan Kiriillow ''taatee rifaasisaadha'' jetti Liiz.

    ‘’Yeroo akka oduutti gaazexaarraa dubbisan fagoo fakkaata, garuu ollaattii wayita mudatu garuu guutummaatti adda, rifaasidha’’ jetti Liiz.

    ‘’Amma yoonatti waraanni fageenyarraa dhagahama ture, namni wayii si biratti yeroo du’u firii waraanaa hubbatta’’ jette.

    Liiz baayyee dhiphachuu gabaasaa BBC Istiiv Roozenbergitti himteetti.

  18. Kiriilov dhuguma hoogganaa meeshaa waraanaa keemikaalaati?

    Letenaal Jeneraal Igoor Kiriillov, hogganaa meeshaa waraanaa keemikaalaa Raaashiyaati jedhamanii amanamu.

    Raashiyaan garuu ni waakkatti.

    Raashiyaan kuusaa meeshaa waraanaa keemikaalaa isa xumuraa Fulbaana bara 2017 dhabamsiisuu beeksiste.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin wayita meeshaan waraanaa kun dhabamsiifamu ilaalanii ‘’taatee seena-qabeessa’’ jedhanii turan.

    Ebla 2024 ammoo Raashiyaan seera idila-addunyaa sarbuun, meeshaalee waraanaa keemikaalaa ‘’akka tooftaa waraaanatti '' Yuukireenitti ergite jechuun Ameerikaan himatte.

    Ji’oota muraasa booda UK’n Jeneraal Kiriillov’’ meeshaan kun Yukireenitti akka ergamu qooda qaba’’ jechuun qondaala kana qoqqobde.

    Mootummaan Ameerikaa duuti isaanii nama hin gaddisiisu jedheera.

  19. Baankiileen alaa Itoophiyaa seenanii akka dalagan labsiin eeyyamu ragga'e

    Baankiileen alaa Itoophiyaa seenanii akka dalagan labsiin eeyyamu guyyaa har’aa Paarlaamaan Itoophiyaa ragaasise.

    Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, Labsii Hojii Baankii qophaa’e sagalee caalmaan ragga'e.

    MM Abiy Ahimad bara 2018 gara aangootti yoggaa dhufan, dhaabbileen mootummaa gara guutummaatti yookaan gariin gurgurtaaf akka dhiyaatan akeekanii turan.

    Mootummaan kana kan murteesse; invastimantii biyya alaa biyyatti galchuun, diinagdee qonnarratti hirkate ammayyoomsuuf akka tahe hima.

    Akkasumas dhiyeessii sharafa biyya alaa fiduun, kalaqa hojiifi dorgommii idil-addunyaa cimsuun, guddina diinagdee fiduuf akka gargaaru ibsa.

  20. Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen keessatti Raashiyaaf lolaa turan 'ajjeefaman'

    Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen naannoo daangaa Raashiyaa bakka Kurisk jedhamutti humnoota Yukireen waliin wal lolaa turan ajjeefamuu US beeksiste.

    Oduun kunis erga Onkololeessa keessa Kooriyaan Kaabaa tattaaffii waraanaa Raashiyaa cimsuuf loltoota kumaatama ergite jedhameen booda kun jalqabaa ta’a.

    Dhaabbanni basaasa waraanaa Yukireen GUR jedhamus dhuma torban darbee lola gaggeeffameen yoo xiqqaate loltoonni Kooriyaa Kaabaa 30 ajjeefamuu ykn madaa’uusaanii ibseera.

    Haata'u malee, BBC'n addatti himannaa kana hin mirkaneessine.