Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Wayita Israa'el buufata xiyyaarichaa haleeltuutti Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom achi turuu himan

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Injifannootti deebi'uuf fala barbaaduu qabna' - Peep

    Maanchistar Siitiin rakkoo keessa jira.

    Guyyaa Sambataa dirreen ala Astoon Viilaa morkatee 2fi 1’m mo’ameera.

    Taphoota 12 booda kana taphatan keessaa kuni si’a saglaffaaf mo’amanidha.

    Taphoota saddeet booda kana taphatan keessaammoo tokkoyyuu mo’uu hin dandeenye.

    Cimina duriitti deebi’a osoo jedhamee yaadamuu injifannoon itti cimeera.

    Sadarkaan isaan liigicha keessa qabanis jahaffaatti gad bu'eera.

    ‘’Waggaa darbe Pirimeer Liigii mo’anne, asitti garuu dhufnee mo’amne…karaatti [injifannoo duraanitti] deebinu barbaaduu qabna,’’ jedhan Peep Gaardiyoolaa.

    Leenjisaan Maan Siitii taphattoota isaaniitti abdii akka qabaniifi taphattonnis fedhii mo’uu akka qaban himan.

    Leenjisaan Astoon Viilaa Unaayi Emireenis dadhabina Siitii hin dhoksine.

    ‘’Maanchistar Siitiin [Taphattoonni] ofitti amanamummaa duriirra hin jiran,’’ jedhan.

    Jifataan Siitii Erliing Halaand garee keessa ofitti amanamummaan duraanii akka hin jirre mirkanesseera.

    Halaand erga Siitii seenee taphoota liigichaa 83 irratti taphatee 76 galcheera.

    Haa ta’u malee, tapha Viilaa waliin taphatan irratti keessuma karra Viilaa biratti takka qofa rukute.

    Taphoota saddeet Siitiin rakkatee keessatti lama galcheera. Peep Gaardiyoolaanis isa hin qeeqne.

    ‘’Isa malee ittuu waan hamaa seenna,’’ jedhan Peep.

  2. Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Galaana Diimaarratti rukutame

    Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Galaana Diimaa gubbaarratti rukutamuu isaa waraanni Ameerikaa beeksise.

    Balalistonni xiyyaara humna galaanaa Ameerikaa F/A-18 Hornet jedhamuu lama nagaadhaan xiyyaaricha keessaa bahaniiru.

  3. Erga daa'imni ajjeefamee booda Albaniyaan TikTookii ugguruuf

    Mootummaan Albaaniyaa TikTookii waggaa tokkoof ugguruu akka karoorse ministeerri muummee biyyattii beeksisan.

    Kunis, ji'a darbe barataan tokko waraanamee ajjeefamuu hordofee dhiibbaa miidiyaan hawaasummaa daa'immanirratti qabu irratti fidu sodaachuuni.

    Edi Raamaan Sambata darbe akka himanitti, uggurri TikTookii kun baatii Amajjiirraa eegala.

    TikTookiin waa’ee uggura yaadame kana ilaalchisee mootummaa Albaaniyaairraa ibsa atattamaan barbaada jedhe.

    Namichi ganna 14 waraane jedhames ta’ee, barataan du'e kun akkaawuntii TikTookii qabaachuu ragaan agarsiisu tokkollee hin jiru jechuun TikTok BBCtti hime.

    Ministirri Muummee biyyatti barsiisota, maatiifi ogeeyyii xiinsammuu waliin mari'atan irratti TikTok cimsanii qeeqaniiru.

    ‘’Waggaa tokkoof TikTok ni cufna,’’ jechuunis dubbatan.

    Lola mana barnootaa biratti ka’en barataan tokko yoo ajjeefamu kan biraammoo miidhameera.

    Lolli kuni dura miidiyaa Hawaasummaa TikTok irratti eegale jedhameera.

    TikTokiin Hindii, Iraan, Neppaal, Afgaanistaan fi Somaaliyaattis dhorkameera.

    ‘’Chaayinaatti TikTokiin barumsa, eegumsa naannoofi aadaa tiksuuf oola. TikTokiin Chaayinaan ala jiru garuu rakasaafi dogongorsisaadha. Kana maaliif barbaannaree?’’ jedhan.

  4. Dubartiin narsii of fakkeessuun wal'aanaa turtee hidhaa waggaa torbaan adabamte

    Dubartiin Kaanaadaa narsii of fakkeesuun Biritiish Kolombiyaatti dhukkubsattoota dhibbaan lakkaa’aman kunuunsaa turte hidhaan adabamte.

    Dubartiin kun Birigitii Kilooru jedhamti.

    Adoolessa darbe wal’aanamaa lilmoon waraantee otoo narsii fakkaachuuf yaaltuu miidhaa irraan gahuu amanteetti.

    Birigitii Kilooru akka ogummaa fayyaa leenjitetti hojjachuun ishee kun kan jalqabaa miti.

    Waggoota kudhanitti dhiyaatuuf kana raawwatte.

    Dubartiin kun US fi Kaanaadaa keessatti yakka waliin dhahuu dalaguun hidhaan waggaa torbaa itti murameera.

  5. Abiy Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el waliin maal mariyatan?

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon Itoophiyaan mariidhaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii taasistu akka deeggaran dubbatan.

    Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaa tokko booda dhihoo jaarsummaa Turkiin waliigaltee mallatteessan. Waliigaltee kana Maakroon jajaniiru. Bal'inaan asii argattu.

  6. Misaa'elli Huutii Israa'el magaalaa Teel Aviivitti namoota kudhan ol madeesse

    Waraanni Israa’el misaa’ela Yamanirraa dhukaafame kuffisuuf yaalee, otoo hin milkaa'in hafuu eeruun, misaa'ilichi Sambata ganama paarkii keessatti bu’e.

    Dubbi himaan waraana Huutii garuu misaa'ela baalistikii haaypersoonikiin maadhee waraanaa rukunne jedhe.

    Gareen finciltootaa Huutii Iraaniin deeggaraman kaaba dhiha Yaman kan to’atu yoo ta’u, waraanni Gaazaatti banamuu hordofuun Filisxeemoota cinaa hiriirra jechuun dooniiwwan Israa’el fi biyyoota biroos haleelu eegale.

    Tajaajilli wal'aansa atattamaa Israa'el Magen David Adoom, gamoowwan dhiyoo jiranirraa foddaa caccabeen namoota mada'aan 16 yaaluu ibse.

    Namoonni 14 biroo ammoo gara naannoo paarkiichaa osoo deemaa jiranii miidhaan salphaan irra gahes yaalamuu beeksise.

    Dubbi-himaan Huutii garuu misaa'ela baalistikii haaypersoonikii fayyadamuun maadhee waraanaa rukutuu ibse.

    Waraanni Israa’el akka ibsetti, erga waraanni Gaazaatti banamee Huutiin misaa’iloota 400 fi dirooniwwan gara Israa’elitti dhukaasaa ture, irra caalan isaanii Israa’el ofirraa qolatte. Haleellaa kana hordofuun Ameerikaan maadhee finciltoota Huuti haleelte.

    Xiyyaarrii waraana Ameerikaa akkatti tibbana rukutamee kufes asii dubbisaa.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  8. Haleellaa konkolaataa Jarman gabaa ayyaanaa irratti raawwateen namoonni du'an

    Baha Jarman, magaalaa Magdeburgi keessatti gabaa ayyaana Gannaa(Christmas) irratti konkolaataan namoota hedduu walitti qabame keessa bahuun daa'ima dabalatee namoonni lama du'uu fi hedduun miidhamuu qondaaltonni himaniiru.

    Qondaaltonni akka jedhanitti namoonni 68 madaa'uu isaanii fi isaan keessaa 15 haala hamaadhaan kan miidhaman ta'uu himaniiru.

    Ministeerri kutaa biyyaa Saxony-Anhalt, Rainer Haselof bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamuun akka gaazexeessitootaaf ibsanitti, shakkamaan qabame kun lammii Sa'udii ganna 50 yoo ta'u, bara 2006 gara Jarman dhaquun doktora ta'ee hojjechaa ture.

    Qorannoo duraatiin namni haleellicha raawwate garee kam waliinuu hidhata kan hin qabne kan agarsiisu yoo ta'u, baay'ina namoota miidhamaniin lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'ullee dubbataniiru.

    Odeessaalee kanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf asiin galaa: Haleellaa konkolaataa Jarman gabaa ayyaanaa irratti raawwateen namoonni du'an.

  9. Agarsiisa bashannana Ayyaana Gannoorratti daa'imman 35 du'an

    Kibba Lixa Naayijeeriyaa, magaalaa Ibaadaan keessatti agarsiisa bashannana Ayyaana Gannoorratti daa’imman 35 du'anii, namoonni 6 ammoo hospitaala seenuu poolisiin biyyattii hime.

    Qindeessitoonni qophichaa hirmaattootaaf maallaqaafi nyaata akka kennan beeksisanii kan turan yoo ta'u, garuu namoonni baay'een sababii dhaqaniif wayita seenuuf jedhaniitti wal dhiibuun uumameeen miidhaan qaqqabe.

    Jiraattonni akka jedhanitti, daa’imman 5,000 ol bakka sanatti walitti qabamanii kan ture yoo ta'u, miidhaan kun kan uumame yeroo qindeessitoonni gurguddoon saganticha jalqabuuf bakkicha qaqqabanittidha.

    Wanti balaa waliirra dhaabbannaatti geessee ifatti hin ibsamne.

    Polisiin biyyatti qopheessaa muummee, Naa'omii Silekunolaa, magaalichatti nama maqaa guddaa qabuufi beekamu dabalatee, namoonni saddeet qophii sana duuba turan to'achuu hime.

    Pirezidantiin biyyatti Bolaa Tinuubuu maatiiwwan ijoolleesaanii taatee kanaan jalaa du'aniif ergaa jajjabinaa erguudhaan qorannoon akka gaggeeffamu ajajan.

    Mootummaa bulchiinsa Oyoo, erga balaan walirra dhaabbachuu Mana Barnootaa Sadarkaa Olaanaa Islaamaatti mudateen booda miidhamtoota wallaansaaf hospitaaloota Ibaadaan guutuutti geessuu himan.

    Aanga'oonni maatiiwwan bakka buutee ijoolleesaanii yaadda'an akka hospitaalota magaalattii keessa barbaadan gaafatan.

    Hojjataan hospitaala tokko BBCn dubbise, daa'imman hospitaala isaanii keessatti wallaansaaf fidaman keessaa lama qofaatu lubbuun hafe jedhan.

    Doktarri hospitaala gara biraa keessa hojjattuufi maqaa himachuu hin barbaadnes reeffa daa'ima sadii lakkaa'u hime.

    Maatiiwwan gaazexeessitoonni dubbisan muraasni 'Qophii Dhuma Baraafi Gannoo' kanarratti akka argamaniif gaafa Roobii ijoolleesaanii waliin barii sa'aatii 11 irratti bakkichatti argamu dubbatan.

    Kunis sa'aatii qophiichi itti eegaluun sa'aa shan dura jechuudha.

    Isaaniis haaluma qopheessitoonni qophii sanaa beeksisaniitti ijoollee 5,000f maallaqa (nama tokkoof neeraa 5,000) fi nyaataa argachuuf abdatanii akka turan dubbatu.

    Naayijeeriyaan rakkoo dinagdee dhaloota keessatti isa hamaa jedhameen wal’aansoo qabaa kan jirtu yoo ta'u, sababii kanaatiif jecha sagantaa kanarratti namoonni kuma 10 ol argamuun balaan kun akka mudate ibsame.

  10. Obbolaan buufata xiyyaaraatti poolisiin wal lolan himataman

    UK'tti buufata Xiyyaaraa Maanchistar keessatti waldhabdee poolisii waliin uumameen wal qabatee namoonni lama himataman.

    Waldhabdeen kunis osoo qondaalli poolisii tokko mataa shakkamaa irratti ejjetuu dura namoota achi turaniin waraabame.

    Obboleeyyan maqaansaanii Mohaammad Amaaz kan umuriin ganna 20 fi Muhaammad Amaad kan ganna 25, poolisoota reebuudhaan himatamuusaanii Tajaajilli Abbaa Alangaa Gonfoo (CPS) beeksise.

    Haata'u malee, miseensi poolisootaa taatee Adoolessa 23, 2024 mudate keessatti hirmaatan kamiyyuu irratti himannaan hin banamne jechuun dabalee ibseera.

    Obboleeyyan lamaan, Amaaz fi Amaad, kan magaalaa Rochidel jiraatan, Guraandhala 16 mana murtii Liivarpuulitti dhiyaatu.

    Miidiyaa hawaasaa irratti qondaalli poolisiin tokko nama lafarra ciisee tokko mataasaa wayita rukutuu agarsiise.

    Boodarra warraabbiin CCTV irraa argame, gaazexaa Manchester Evening News dhiyaatee ammoo, taatee kanaan dursee raawwatames mul'iseera.

    Qondaaltonni Poolisii Greater Manchester sadii osoo waldhabdeen hin uumamin dura maashinii tikkeettii buufata konkolaataa irratti nama tokko osoo to'atuu mul'ata.

    Waraabbiin kunis rukuttaa yoo raawwatamuu fi poolisiin tokko nama tokko maashinaan yoo hadoochu (tasering) fi qondaalli biraa ammoo mataa namichaa irratti miilaan yoo rukutu agarsiisa.

    Xiinxalli BBC Verify viidiyoo miidiyaa hawaasaa wal dhabdee shan mul'isan keessaa viidiyoo tokko irratti taasise, viidiyoon kun qondaalli mataa namichaa irratti erga dhaabbateen booda, nama gara biraatti dhiyaatee, qoma isaa irratti rukutuu fi meeshaa hadoochuun (Taser) mataasaa yoo rukutu kan agarsiisu fakkaata.

    Qondaalli gara biraa ammoo namoota taatee kana waraabaa turan irratti mimmixa ija gubu yoo biifuu mul'ata.

  11. Harargeetti kanneen gocha 'shororkeessummaa' raawwatan hanga waggaa 23 adabaman

    Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaafi naannawa sanitti namoonni shororkeessummaa raawwachuun yakkamaa ta’an hidhaan adabaman.

    Kunneen yeroo gochaa kana raawwatan oppireeshinii humnoota nageenyaa mootummaan to’atamuu Biiroon Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ibseera.

    Yakkamtoota 27 irratti kan murteesse Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Dirree Dhawaatti argamudha.

    Hidhaan cimaa waggaa 23 yoo ta’u hidhaan xiqqaa irratti murame immoo waggaa tokkoofi baatii jahaadha.

    Ibsi poolisii federaalaa shororkeessummaa yoo raawwatan to’achuu malee addatti wanti isaan raawwatan ibsi bahe keessatti hin ibsine.

    Maqaa yakkamtoota kanaa Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa tarreesseera.

    Kana dura Naannoo Somaaleetti hidhattoota gartuu al-Shabaab waliin hariiroo qabuun yakkamaa ta’an hidhaa dheeraan adabamuun isaanii ni yaadatama.

    Parlaamaan Itoophiyaa hidhattoota WBO kan Shanee jedhee waamu tarree shororkeessitoota jala galcheera.

    Biyya alaa keessammoo kanneen akka al-Shabaab fi al-Qaayidaa fa'i tarree shororkeessummaa jala seensisuun ni beekama.

  12. Loltoota Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa keessaa hin tuffatiinaa- loltuu duraanii

    Hanehul, loltuun duraanii BBCn dubbise, wantoota yeroo waraana Kooriyaa Kaabaa keessa ture keessaa yaadatu keessaa tokko waa'ee yaaddoo cimaa beela itti fufiinsa qabuti.

    Sababii nyaata caccabaa boqqolloo fi raafuu dhiyaachaa tureetiin, ji'a jalqaba tajaajila isaa itti eegale keessatti ulfaatina qaamasaa kg 10 hir'ise.

    Ji'a sadiif leenjii erga fudhatee booda ammoo, haala kutaan waraana guutuu jechichiisuun hanqina nyaataa cimaaf waan saaxilameef akka bayyanatuuf gara giddugala itti fooyya'uutti ergamuusa dubbata.

    Boodarra ammoo waardiyyoota adda waraanaa ta'uun gara daangaa Kooriyaa Kibbaatti yeroo bobbaafamaniitti, ruuziin boqqolloo bakka bu'e.

    Haata'u malee, yeroo inniyyu isaan bira gahuutti, baay'een isaa kan hatamee, kan hafe immoo cirrachaaf biyyen makaa ture jedha.

    Hanehul akka jedhutti, kutaansaa kanneen nyaata gaarii argatan keessaa tokko ture, kunis tooftaa loltoonni gara Kooriyaa Kibbaatti akka hin baane ittiin dhorkuudha.

    Haata'u malee Hanehul kana danda'ee itti fufu hin dandeenye. Bara 2012tti, Zoonii Waraana Hin Qabne (DMZ), bakka lafa Kooriyaa Kaabaa- Kaabaa Kibba irraa adda baasuun qaxxaamuree fiigicha du’aaf nama saaxilu taasise.

    Muuxannoon isaa fi kan namoota waraana irraa baqatan biroo haala loltoonni Kooriyaa Kaabaa kumaatamaan lakkaa’aman waraana Raashiyaan Yukireen irratti geggeessite keessatti adda waraanaa irratti bobbaafaman irratti ifa baasuuf ni gargaara.

    Piyoongiyaang humnoonni Raashiyaan naannoo Kursk kan Yukireen haleellaa ajaa’ibaa ta'en qabatte akka deebifattu gargaaruuf, loltoota gara kuma 11 ergiteefiirti jedhame

    Jalqaba torban kanaa Saa'ol, Waashingtan fi Kiiv akka jedhanitti, loltoonni kunneen amma “lakkoofsa guddaadhaan” lola kanatti makkamaniiru.

    Akkasumas qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa marsaa jalqabaa keessaa 100 ol kan ta’an du’uu fi kanneen biroo madaa’uu isaaniitu tilmaamama. Ta'us, lakkoofsi kun hanga ammaatti hin mirkanoofne.

    Haa ta'u malee waraanni baqataa fi ogeeyyiin waraanaa biroon loltoonni kun tuffatamu akka hin qabaane BBC'tti himan.

    Akka odeeffannoon basaasa Kooriyaa Kibbaa jedhutti, irra caalaan isaanii kutaa elite Storm Corps keessaa kan ta'an yoo ta'u, ''hamilee olaanaa'' kan qabaniidha.

    Garuu ammoo, ''hubannoo waraana yeroo ammaa kan isaan hanqatuudha''.

    Dhiiroota dheedheeroofi kanneen ispoortii hojjatan qofatu garee Storm Corps jedhamu kanaaf filatama jedha, Lee Hyun Seung, osoo bara 2014tti biyyaa hin baqatiin dura kan jalqaba bara 2000moota keessa humna addaa Kooriyaa Kaabaa leenjisee.

  13. Dippilomaatoonni US aanga'oota haaraa Sooriyaan wal arguuf

    Dippilomaatonni Ameerikaa magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti bakka bu’oota Haayaat Tahriir al-Shaam (HTS), garee amma itti gaafatamaa biyyaa ta’e garuu kan Waashingitan ammallee dhaabbata shororkeessummaa jettee moggaafte waliin, wal arguuf karoorfatan.

    Daawwannaan kunis daawwannaa guyyoota darban keessa jilli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, UK, Faransaay fi Jarman dabalatee, biyyoota biroo irraa taasisan hordofeeti.

    Kunis yoo dippilomaatotni Ameerikaan Damaasqootti mul’atan waggoota kudhanii oliif kan yeroo jalqabaati.

    Torban tokkoo dura buulchiinsi Pirezidaantii Bashaar al-Asaad erga kufee booda jijjiirama guddaan Sooriyaa keessatti mul’achaa kan jiruu yoo ta'u, Ameerikaa fi Awurooppaan kanneen duraan biyyoota Arabaa irrattis hirkatan, bulchiinsa dhufaa jiru irratti dhiibbaa uumuu yaaliiwwan saffiisaa taasisaa jiru.

    Jilli kunis qondaaltota olaanoo dhimmaa alaa fi gorsitoota olaanoo pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan fi baha giddu galeessaa of keessatti qabata.

    “Isaanis kallatiidhaan miseensota waldaalee siivikii, aktiivistoota, miseensota hawaasa adda addaa fi sagalee Sooriyaa biroo dabalatee ummata Sooriyaa waliin, mul’atasaanii egeree biyya isaaniif qabaniifi Ameerikaan akkamitti isaan deeggaruu akka dandeessu irratti mari'atu,” jechuun ministeerri dhimma alaa kan eere.

    Akkasumas bakka bu’oota HTS waliin wal arguuf karoorfataniiru, kunis garee US ammallee akka dhaabbata shororkeessummaatti waamtu waliin haasa'uudhaaf qophii ta’uu kan agarsiisuudhaan. Garuu ammoo, gara mootummaa hunda hammate, garee kutaa hin taaneetti akka ce’uuf dhiibbaa uumuudhaaf jedha ibsichi.

  14. Qonnaan bulaa Itoophiyaa muuxxannoo qooduuf biyya Seeraaliyoonitti affeeraman

    Qonnaan bulaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee kun waggoota 30 ol biyyoota Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessa jiraatan.

    Maqaan isaanii Wandasan Kaasee jedhamu; dhalatanii kan guddatan Godina Arsii Magaalaa Abboomsaatti yemmuu ta'u, yeroo ammaa magaalaa Bishooftuu keessa jiraatu.

    "Waggoota 31'f biyya alaa jiraadheen dhufe. Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessatti dameewwan bashannanaafii ijaarsaarratti baay'ee hojjedheera" jedhu.

    Dabalataan odeessa kana dubbiisuudhaaf kunooti: Qonnaan bulaa aanaa Loomee muxannoo hiruuf Siiraaliyooniitti affeeraman

  15. PuutinYukireen duraan weerarun qaba ture jedhe

    Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, Raashiyaan Yukireen irratti dursitee weerara guutuu raawwachuu fi kana caalaa haala fooyya'een waraanaafi qophaa'uu qabdi turte jedhan.

    Puutin ibsa dhuma bara 2024 ilaalchisuun Kamisa kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaniin, weerara bara 2022 Yukireen irratti raawwatan duubatti deebi'anii yaadachuudhaan, kan ''oppareshinii waraana addaa'' jechuun waamaniif ''qophiin sirnaa'' jiraachuu qaba ture jedhan.

    Raashiyaan bara 2014tti Kiriimiyaa Yukireen jalaa kan qabatte yoo ta'u, humnoonni Raashiyaa deeggeran ammoo baha Yukireen keessatti waraan jalqaban, haa ta'u malee Puutin Kiiv qabachuuf kan yaale waggaa saddeet booda ture.

    Dabalata dubbiisuuf asiin galaa'Yukireen duraan weeraruu qabna ture'

  16. Tamsaasni kallattii amma eegaleera.

    Ashamaa hordoftootaa!

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa gaggabaabsinee isin biraan geenyu amma eegalleera.

    Fuula Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii!

  17. Huumaan Raayitis Wooch Israa’el ''gocha duguuggaa sanyii raawwatte'' jechuun himate

    Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Huumaan Raayitis Wooch Israa’el Gaazaatti namoonni nagaa tajaajila bishaan dhugaatii gahaa akka hin arganne itti yaaddee dhorkuun gocha duguuggaa raawwatee jedhee himate.

    Israa’el itti yaaddee bu’uuralee misoomaa bishaanii fi qulqullina naannoon walqabatan mancaastetti jedha.

    Gartuun dhimma kanarratti duula gaggeess, gochi Israa’el tarii lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’amanii galaafateera jedha.

    Gareen kun Israa’el ''yakka farra namoomatiin walgitu raawwatte’’ jechuun himata.

    Israa’el himannaa jaarmiyaan mirga namoomaa Hiyumaan Raayits Wooch irratti dhiyeesse’’holola’’ jechuun haaltetti.

    Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Israa’el toora X gubbaatti ‘’maqa-balleessi cimaa tamsaasa jira, dhugaan isaa kanarraa fagoodha’’ jechuun barreessan.

  18. 'Leenjisummaan kubbaa miilaa hojii Ministira Muummee caala ulfaatu'- Postekoogluu

    Leenjisaan Tootenhaam Hootispeer Aanj Poostekoogluu leenjisummaan kubbaa miilaa hojii Ministira Muummee caala hojii ulfaatu jedhe.

    ''Ministira Muummee dabalatee hojii kamuu caala ulfaata'' jedhe leenjisaa Postekoogluu.

    Taphoota Piriimiyeer Liigii walitti aanan shan irratti injifachuu hanqatee Dilbata darbe Saawuzhaampitaniin kan injifate leenjisaan kun, ''torban torbaniin filannootu gaggeefama'' jedhe.

    ''Jiruu namaa mara keessaa ulfaataan kana. Siyaasa jechuu dandeessa, hojiin kun garuu hunda caala ulfaata.''

    Turtiin yeroo hojii kanaa dheerachuun salphaatti akka itti galtu godhaa kan jedhu Postekoogluu, ''godaannisa malee kan keessaa bahan muraasa'' jedhe.

    Deeggartootni qabxii torban torbaniin argamu irratti hundaa'uun fudhatama si dhabsiisuu jedha. Filannoon Ministira Muummee yeroo tokko jechuun isaan garuu tapha torban torbaniin gaggeessan irraa qabxii argatan irratti hundaa'uun filannoof akka dhiyaatan hime.

    Dabaluunis osoo leenjisaan kontiraatarra jiruu nama biraa isa bakka bu'utu filatamaa oola jedhe.

  19. Magaalaan Jaappaan namaa fi dhaabbata balfa seera malee gate maqaa baasuuf

    Jaappaan addunyaarratti biyya balfa dhabamsiisuurratti biyyoota seeraa cimaa qaban keessaa adda dureedha. Lammileenshees qulqullinaan beekamu.

    Ammoo magaalaan Fukushiimaa akkaataa balfi itti gatamu ilaalchisee seera amma dura bahe warra hin eegne maqaa saaxiluun gocha isaaniitti akka saalfatan gochuuf seera haaraa baasuuf jetti.

    Bulchiinsi magaalichaa qabeen balfi keessa naqamu seeraan kaa'amuu fi dhiisuu, akkasumas hanqa qabachuu qabaniin ol ta'uuf dhiisuu adda baasuun maqaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa seera cabsan ifa baasuu ji'oota sadii booda akka eegaltu beeksise.

    Manni maree magaalichaa seera kana Kibxata darbe raggaase.

    ''Balfi akki itti dhabamsiifamaa jiru bakki jireenyaa uummataa mijataa akka hin taane gochuun yaaddoo uumeera'' jechuun sababa seerri kun baheef ibse.

    Fukushimaan magaalota Jaappaan seera maqaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa adeemsa balfa dhabamsiisuu cabsan saaxilu hojiirra oolchite ishee jalqabaa taati.

  20. Vilaadmiir Puutin Tiraamp wajjin ‘’wal arguuf qophiidha’’ jedhan.

    Vilaadmiir Puutin waggoota afran darban Pirezedantii Ameerikaa haaraa filataman Tiraampitti hin dubbanne. Yoom akka Tiraamp wajjin haasa’an ykn dubbatanis ammaaf ifa miti.

    ‘’Yeroo inni na dubbisuu barbaadetti Tiraamp dubbisuuf anis qophiidha’’ jedhan.

    Puutini fi Tiraamp walgahii garee biyyoota 20 Jaappaanitti taa’amerratti bara 2019 wal argan.

    Tiraamp ji’a darbe filannoo Ameerikaa erga inijifatanii asitti, Pirezedantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waliin haasa’aniiru.

    Fulbaana darbe wayita Zeleniskiin Niwuyork daawwatanitti waraanni Raashiyaa waliin gaggeffamaa jiru ‘’amma ykn balttala Tiraamp aangoo qabate goolabama’’ jedhan.