Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte

Waraanni Israa’el Hamaas injifachuun booji’amtoota Gaazaa keessatti hafan bilisa baasuu mirkaneessuu irratti kaayyeffachuunhaleellaa cimaa jalqabuu isaa beeksise.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha

    Hoogganaa Sooriyaafi Pirezidantii Faransaayi Imaanu'eel Maakiroo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha.

    Pirezidantiin haaraan Sooriyaa jihaadistii, Ameerikaan isa hidhuuf badhaasa doolaara miiliyoona 10 akka kennitu itti ibsite ta'urraa, Pirezidantii Tiraampiin harka wal fuudhuutti ce’eera.

    Qoqqobbiin kun kan kaafame gareen al-Sharaa yeroo sana HTS jedhamun beekamu, erga Asaad Dirqiidhaan Sooriyaa keessaa baaseen booda, waadaa inni garee Islaamummaa jedhamuun loluudhaan mootummaa hunda hammate akka ijaaru galan irratti hundaa'uudhaan.

    Ergasii as al-Shaaraa, keessumaa erga daawwannaa Faransaayitiin Pirezidantii Emaanu'eel Maakroon waliin wal arguuf taasisaniin booda, sadarkaa naannicha fi idil-addunyaatti milkaa'ina guddaa akka galmeessetti ilaalama.

    Amma ammoo labsiin Ameerikaan qoqqobbii kaasuunshee diinagdeen biyyattii diigame Sooriyaa daran hammachuu irraa baraaruudhaan akka haaraatti jalqabuu ni gargaara jedhamee amanama.

    Hedduunis, kaka’umsa al-Shaaraa fi deeggarsa naannoo abdachaa jiru. Kunis biyyattii deebisanii ijaaruuf maallaqni gara biyyaa akka galuu, akkasumas baqattootaa fi namoonni biyya keessaa buqqa’an miliyoonaan lakkaa’aman kanneen mannisaanii boombii Asaadiin barbadaa’e akka deebi’anii ijaaran ni hayyama jedhanii abdachaa jiru.

    Haata'u malee, namoonni tokko tokko mootummaan al-Shaaraa amma haala mataasaatiin biyyattii bulchuu irratti hirkachuun, mootummaa hunda hammatuu fi bilisummaa hawaasummaa eeguu irratti waadaa gale dagachuu danda'a jechuun yaaddoo keessa jiru.

    Humnootii mootummaa keessatti finxaalessitoonni tokko tokkoos bilisummaa hawaasaa yaaddoo keessa galchuudhaan, jireenya ummattoota nagaa irratti daangaa akka tasaa kaa'aa jiru.

  2. Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaasan, hogganaa biyyattii waliin wal arguuf

    Namoota gammachuu ibsatan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp walgahii hogganaa Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa waliin akka taasisan eegamaa jiruun dura, Sooriyaa irraa qoqobbii akka kaasan himan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp daawwannaasaanii Baha Giddu-galeessaatti taasisaa jiraniin hogganaa yeroo Sooriyaa ''nagaa gaafachuuf'' waliigaluusaanii Waayit Haawus beeksiseera.

    Qoqqobbii kaaasuu beeksiisuun kun magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti gammachuudhaan kan simatame yoo ta'u, dhukaasni gammachuu, shubbisaa fi ayyaaneefannaan dhaga'ameera.

    Qoqqobbiin kun gargaarsa dabalatee faayinaansii biyya alaa kamiyyuu Sooriyaa akka hin geenye kan uggure yoo ta'u, jalqaba irratti mootummaa abbaa irree Baashaar al-Asaad pirezidantii amma aangoorraa kaafame irratti dhiibbaa uumuuf kan yaadame ture.

    Odeessa kanarratti dabalataan dibbiifachuuf asiin galuu dandeessu.

  3. Israa'el haleellaa hospitaala Gaazaarratti raawwatteen namoonni 28 ajjeeffaman

    Israa'el haleellaa hospitaala Gaazaa irratti raawwatteen namoota 28 ajjeeffaman

    Israa'el haleellaa qilleensaarraan Hospitaala Yuropiiyaan kan Kaahan Yuuniis bakka jedhamuutti argamu irratti raawwatteen namoonni 28 ajjeefamanii, hedduun miidhaan irra gahuu eejjansiin ittisa siiviilii Hamaasiin durfamu beeksiise.

    Xiyyaaroonni waraanaa Israa'el walitti fufiinsaan boombiiwwan jaha dallaa fi naannawa hospitaalicha irratti darbachuusaanii maddeen dubbataniiru.

    Raayyaan ittisa Israa'el ''bakka ajajaa fi to'annoo shororkeessaa Hamaas'' hospitaalicha jalatti argamu irratti ''qiyyeeffachuun'' haleellaa raawwachuu beeksiiseera.

    Gaazexessaan BBC Gaazaatti argamu kanneen haleellaa qilleensaa kanaan miidhaman keessa yoo ta'u, wallaansa irratti argama.

    Haleellaan qilleensichaa hospitaalaa keessatti bolla gadi fagoo kan umee yoo ta'u, atobisoota gurguddaa dabalatee konkolaattoonni hedduun barbadaa'aniiru.

    Namoonni ijaan argan dirooniiwwan Israa'el gamoo hospitaalichaa marsuudhaan hojjattoonni lubbuu baraarsaa gara naannichaa akka hin seenee dhorkaniiru jedhan.

    Dhaabbata gargaarsaaf kan hojjatan Dr Toom Pootokaar haleelichi wayita raawwatameetti hospitaala keessa akka turan dubbatanii, akeekkachiisa tokko malee ''dhohiinsi cimaan jaha walitti fufuun'' kallattiin hospitaalicha haleeluu ibsan.

    ''Gutuummaatti naasuutu ture'' jedhan itti dabaluudhaan.

  4. Namticha yakka ajjeechaatiin waggaa 38f hidhame yakkarraa bilisa jedhame

    Nama waggaa 38f hidhaarra ture bilisa bahe

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhugaa fi ulfi bulee mul'ataa jedhama. Namni maqaansaa Piitar Suulivaan jedhamu erga yakka ajjeechaa raawwachuun himatamee waggoota 38'f hidhaarra tureen booda yakka sana akka hin raawwanne mirkanaa'uun bilisa bahe.

    Piitar Sulivaan waggoota 38 hidhamuun seenaa Biriteen keessatti murtoo haqa dhabame isa guddaadha jedhamee amanama.

    Sulivaan bara 1986 ajjeechaan shamarree ganna 21 Diyaanii Sindaal bakka Birkenheed jedhamu keessatti raawwatamee booda hidhaa buufame.

    Namni ganna 38 hidhame kun ragaan qaccee sanyii (DNA) haaraan argamuun, dubartii kana akka inni hin ajjeefne mirkaneessinaan manni murtii ijibbaataa bilisa isa baase.

    Sulivaan viiidiyoodhaan bakka jirurraa dhiyaatee akka gadhiifamu yeroo itti himamu harkaan afaan isaa qabatee boo'e.

    Oduu kanarratti dabalataa argachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  5. Tiraamp Sa'udii waliin waliigaltee meeshaa waraanaa $142bn mallatteessuun qoqqobbii Sooriyaa kaasuuf waadaa gale

    Doonaald Tiraamp fi mootiin gonfoo Mohaammad Bin Salmaan aangawoota biroo waliin Riyaad keessatti suuraa ka’an

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp imala guddaa biyya alaa jalqabaasaanii irratti Ameerikaan Sa'ud Arabiyaa caalaa ''michuu cimaa hin qabdu'' jedhan, daawwannaan biyyoota Galoo Galaanaa kan caalaa invastimantii cimsuu irratti xiyyeeffate taasiseen.

    Pirezidantiin Ameerikaa Riyaaditti haasawa taasiseen, qoqqobbii Sooriyaarra kaa'ame hunda kaasuuf waadaa galeera. Itti dabalunis, yeroon biyyattiin "carraa guddinaa" qabattee gara fuulduraatti tarkaanfattu amma jedhe.

    Daawwannaa guyyaa jalqabaa kanaan Ameerikaa fi Sa'ud Arabiyaan waliigaltee meeshaa waraanaa doolaara biiliyoona 142 (£107bn), akkasumas invastimantiiwwan biroo kan mootiin biyyattii dhumarratti gara doolaara biiliyoona tokkoo ta'uu danda'u jedhan beeksisaniiru.

    Tiraamp yeroo turtiisaasaa jalqabaatiin, bara 2017 keessa Sa'ud Arabiyaa biyya alaa jalqabaa daawwatan taasifatee ture. Imala isaanii kan hafe Qaataariifi Yunaayitidi Araab Emreetisitti kan taasisu kan dabalatu ta'a.

    Tiraamp Kibxataa wayita Sa'ud Arabiyaa qaqqabanitti simannaa ho'aan kan taasisameef yoo ta'u, nagaa gaafachuuf hafaan halluu siddiisaa diriirfamefii ture.

    Riyaad hafaa diimaa bara 2021 ittiin simattee turte siddisatti jijjiirtee, kunis mallattoo daraaraa bosona gammoojjii mootummaa biyyattiifi arjummaa akka ta'e dubbatteetti.

    Mootiin Mohaammad Biin Salmaan Tiraampiin simachuudhaan, waardiyyaa kabajaa fardeen Arabaa konkoolaataa limooziin pirezidaantummaa isaanii dabaaluun akka deeman taasisaniiru.

    Haasaa walagahii invastimantii isaaniirratti taasisaniinis, Tiraamp hariiroo Ameerikaa fi Sa'udii akka ''kan kana duraa caalaa cimaadha'' jechuun labsan.

  6. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii guyyaa har'aa kan ittiin oduu gaggabaabaa isin biraan geenyu amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan addunyaa mara irraa oduu ijoo gabaabsine isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo Facebook keenya ykn marsariitii keenya, ykn WhatsApp chaanaalii keenya millachuu hin dagatiinaa.

  7. Finfinneetti namoota gabatee konkolaataa hatanii Birrii 4,000tti gurguruun shakkaman

    Finfinneetti gabatee konkolaataa hatamuun ibsame

    Madda suuraa, Addis Ababa Police

    Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti gabatee konkolaataa hatamuun ibsame

    Poolisiin magaalaa Finfinnee toora miidiyaa hawaasa isarraatti akka jedhutti, shakkamtoonni Barakat Maa’iraguu fi Mikiyaas Bayalinyi jedhaman ALI Ebila 26, 2025 halkan kutaa magaalaa Qirqoositti dallaarraa mooraa seenanii konkolaattoota lamarraa gabatee konkolaataa fudhatanii waardiyoota harkaa miliqaniiru jedhe.

    Qaamoleen nageenyaa naannoo sana turan shakkamaan Mikiyaas jedhamu otoo fiiguu qabanii yeroo sakatta'an gabatee konkolaataa walin to’achuu poolisiin ibse.

    Poolisiin guyyaa ittaanuutti isa walin yakkaa kanarratti hirmaachuun kan shakkame Barakat to’achuu ibse.

    Dhimmisaani qoratamaa akka jiru kan eere poolisiin, gabatee konkolaataa tokkoo birrii 4,00tti gurguruu jedha.

    Poolisiin gabatee konkolaataa hatame gargaaramuun yakkoonni biroo akka raawwatamaan akeekkachiisuun hawaasni akka of eeggatu gorse.

  8. Amma nu gahe, US fi Sawud Arabiyaan waliigaltee doolaara biliyoona 142 walii mallatteessan

    US fi Sawud Arabiyaan waliigaltee doolaara biliyoona 142 walii mallatteessan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, US fi Sawud Arabiyaan waliigaltee doolaara biliyoona 142 walii mallatteessan

    Ameerikaa fi Sawud Arabiyaan wlaiigaltee doolara biliyoona 142 mallatteessan.

    Waayit Haawus akka gabaasetti, ''seenaa keessatti waliigaltee bittaa meeshaalee waraanaa guddaa'' jedhame walii mallatteessan.

    Dabalataan waliigaltee kana keessatti Ameerikaan, Sawud Arabiyaaf ''meeshaalee waraanaa ammayyyaa fi dhaabilee ittisaa Ameerikaa irraa tajaajiloota adda addaa'' kenniti.

    Waliigalticha Doonaaldi Tiraampii fi Ilma Mootichaa Mohaammad bin Saalmaan mallatteesse.

    Tiraampi waliigaltichaan booda dhimma investimantii biyyoot alameenii irratti dubbatu jedhamee eegama.

    Tiraampi bara 2017 erga jalqaba daawwannaa isaanii sawud Arabiyaa taasisatanii ammas akka michuu dhiyootti garasuma deeman.

    Bin Saalmaan yeroo arganis ''michuukoo'' jedhanii yeroo dubbatan dhagahamaniiru.

  9. Hakimoonni Aarbaamiincitti hidhamanii turan gadhiifamuu maatiin BBC’tti himan

    Hakiimonni Aarbaa Minchi hidhamanii turan sadii gadhiifamuu maatiin himan

    Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Hakiimonni Aarbaa Minchi hidhamanii turan sadii gadhiifamuu maatiin himan

    Yeroo hakiimonni Itoophiyaa kutaalee adda addaa keessa jiran daballii miindaa fi faayidaalee adda addaa irratti mormii gaggeessaa jiranitti hakiimoonni Aarbaa Minchi sadii kana dura hidhamanii turan gadhiifamuu maatiin BBCtti hime.

    Hakiimonni maqaansaanii Dr. Barnaabaas Saamu'eel, Dr. Malaakuu Aalmaaw fi Dr. Habtaamuu Geetaachoo jedhaman, Jimaata Caamsaa 9, 2025 erga ogeeyyii fayyaa biroo waliin ta'uun gareedhaan suura ka'anii miidiyaalee hawaasaarratti qoodanii poolisii godina Gaamootiin hidhamuu BBC’n maatii waabeffatee gabaasee ture.

    Hakiimoonni kunneen sadan turtii guyyaa afuriin booda Wixata Caamsaa 12 tokkoo tokkoon isaanii wabii qarshii 10,000 kafalanii, yeroo barbaadamanitti akka dhiyaatan waadaa seenuun gadhiifamuu maatiin BBC’tti himan.

    “Gaafa himannaan isin irratti baname dhuftu” jedhamuun akka gadhiifaman kan kaasan miseensi maatii BBC’n dubbise kun eenyu akka isaan himatuu fi maaliin akka himatamuuf jedhan garuu ifatti akka hin beeknes ibsu.

    Hakiimoonni lama barsiisota Yunivarsiitii Aarbaamiinci yoo ta'an, tokko ammoo hakiima Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinci ta'uus miseensi maatii himanii turan. Kanaan dura dhimmicha irratti yaada kan kennan hoji-gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinc Dr. Ambaachaw Dumaa “namni hidhame tokkollee” akka hin jirre dubbatanii turan.

    Sochii ogeessonni fayyaa tibba kana taasisaniif deeggarsa qabu kan ibse pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw Dilbata gaafa Caamsaa 11, 2025 hidhamuu pirezidantiin itti-aanaa Waldichaa Obbo Mallas Baataa BBC’tti himanii turan.

    Amanestii Intarnaashinaal pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan hatattamaan akka gadhiisu mootummaa Itoophiyaa gaafateera.

    Sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran hordofee naannolee akka Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Itoophiyaa, magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaatti ogeeyyiin fayyaa bakka hojjatanirraa jijjiramuu, akkasumas doorsisnii fi hidhaan mudachuun gabaafamaa jira.

    Wixata Caamsaa 12 sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran keessatti hirmaachuu isaaniitiin naannoo Amaaraa Walloottis, ogeeyyiin hospitaala waliigalaa Booruu Meedaa poolisootaadhaan hidhamuu BBC’n odeeffateera.

    Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa sochii tibbana taasisaaniin mootummaan yoo gaaffilee ijoo kaasaniif deebii hin kennine lagannaa hojii akka godhan miidiyaalee hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa ture. Kibxata Caamsaa 13, 2025 ammoo guyyaa itti kutaalee akka tajaajila waldhaansa hatattamaa, dahumsaa fi kutaa kunuunsa addaa [ICU] irraa kan hafe tajaajilli kaan itti dhaabatu akka ta’e himamaa ture.

  10. Tiraamp dargaggoo Gaazaa iddoo itti butameerraa gadhiifame dubbisan

    Edan Aleksaandar  bilbilaan Pirezedantii Ameerikaa Dooonaald TIraamp  waliin haasa’e.

    Madda suuraa, X/@SE_MiddleEast

    Ibsa waa'ee suuraa, Edan Aleksaandar bilbilaan Pirezedantii Ameerikaa Dooonaald TIraamp waliin haasa’e.

    Baha Giddigaleessaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Witkoof, dargaggoo lammii Ameerikaa fi Israa’el Edan Aleksaandar kallattiin dubbisuun ‘gara biyyaatti bagaa nagaan deebite’’ jedhaniin.

    Dargaggoon kun Onkoloolessa 7 bara 2023 yeroo Hamaasiin butamu loltuu Israa’el ta’uun daangaa Gaazaarratti bobbaafamee ture.

    Dagaggoon kun ji’oota 19’f erga butamee Hamaas harka ture booda kaleessa gadhiifame.

    Edan Aleksaandar bilbilaan Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin haasa’e.

    Witkoof bulchiinsi Tiraamp namoota butamanii Gaaazaa jiran hunda gadhiisisuu fi dhukaasaa Gaazaatti dhaaabuuf kutannoo qaba jedhan.

  11. Tiraamp Sa'ud Arabiyaa wayita daawwatan suuradhaan

    Tiraamp wayita buufata xiyyaaraa mootii Khalid ga'an Mootiin  Sa’uudii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaanin wayita simataman

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp wayita buufata xiyyaaraa mootii Kaalid ga'an Mootiin Sa’uudii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaaniin wayita simataman
    Tiraamp sirna simannaa Riyaaditti geggeeffamerratti Bin Salmaan waliin wayitadhaabbatan

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp fi Mohaammad Bin Salmaan marii jalqabaa wayita taasisan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp fi Mohaammad Bin Salmaan marii jalqabaa wayita taasisan
    Namoota fardaan Konkolaataan Tiraamp miiltessan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoota fardaan Konkolaataan Tiraamp miiltessan
    Sagantaa yeroo Bunaa

    Madda suuraa, Reuters

    Elon Maskii fi Tiraamp wayita qondaaltota Saa'udii waliin dubbatan

    Madda suuraa, re

    Ibsa waa'ee suuraa, Eloon Maskii fi Tiraamp wayita qondaaltota Saa'udii waliin dubbatan
    Tiraamp wayita qondaaltota Saa'udii waliin dubbatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp wayita qondaaltota Sa'udii waliin dubbatan
    Tiraamp wayita qondaaltota Saa'udii waliin dubbatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp wayita qondaaltota Sa'udii waliin dubbatan
  12. ''Shororkeessummaa fi daldalli waliin deemuu hin danda'u'' - Naareendiraa Moodii

    Nareendiraa Moodiin Wixata galgala wayita haasawa taasisan mallatoo nagaa gaafachuu loltootaa agarsiisan.

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Nareendiraa Moodiin Wixata galgala wayita haasawa taasisan mallatoo nagaa gaafachuu loltootaa agarsiisan.

    Ministirri mummeen Indiyaa Naareendiraa Moodiin erga waldhabdee Indiyaa fi Paakistaan ​​gidduutti yeroo dhiyoo asitti eegalee yeroo jalqabaaf hasawaa taasisaniin, ''kun bara waraanaa miti'' jedhan.

    Garuu 'haleellaa shororkeessummaa'' ta'uu danda'u kamiifuu deebii cimaa akka kennan dhaadataniiru.

    Waldhabdee Indiyaa fi Paakistaan ​​gidduutti kan ka'e, Kaashimiir bulchiinsa Indiyaan bulfamtu keessatti haleellaan namoota 26 galaafate booda. Hindiin garee Paakistaan ​​keessa teessoo godhate komatte, himannaa kana garuu Islaamaabaad cimsitee haalte.

    Waldhabdeen itti fufee jiraatus, dhukaasa dhaabuun jaarsummaa Ameerikaatiin itti fufeera. Garuu biyyootni lachuu waraanni isaanii yeroo hunda of eeggannoon akka turan ajjajniiru.

    Moodiin haasawa isaanii keessatti ''shororkeessummaa fi daldalli waliin deemuu hin danda'u'' jechuun cimsanii dubbataniiru, kunis ibsa prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp bulchiinsi isaanii hanga waldhabdeen isaan gidduu jiru xumuramutti Indiyaa fi Paakistaan ​​waliin hin daldalu jedhaniif deebii kennuufi.

  13. Gurgurtaan meeshaa waraanaa dolaara bln 100 baasu waliigaltee Sa'udiifi Ameerikaa keessaa tokkodha

    Alaabaa US fi Sa'udii

    Madda suuraa, Reuters

    Sa'ud Arabiyaa meeshaa waraanaa dolaara biliyoona 100 baasu Ameerikaarraa akka bittu kan jedhu waliigaltee biyyoota lamaanii Tiraamp yeroo Sa'udii daawwachaa jirutti beeksisu jedhamee eegamaa jira.

    Misaa'eloota, raadaariifi xiyyaarota geejjibaa qaama paakejii waliigaltee kanaa akka ta'es gabaafamaa jira.

    Ameerikaan yeroo dheeraatiif meeshaa waraanaa Sa'ud Arabiyaatiif dhiyeessaa turteetti. Haata'u malee, hariiroon biyyoota lamaanii bara 2021 bara bulchiinsa Baayiden keessa yaaddoo gahee Sa'udiin waraana biyya ollaa taate Yaman keessatti qabdurraa kan ka'een meeshaa waraanaa itti gurguruu dhaabdee turte.

    Ajjeechaan gaazexeessaa Sa'udii US jiraatu Jamaal Kashogjee bara 2018 ture kan mootii Mohaammd Bin Salmaan harka keessaa qabaachuun himamee sababa biraa ture.

  14. Hamaas Ameerikaan Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf Israa’el irratti dhiibbaa akka gootu eega

    Loltoota Israa'el Kibba Gaazaa kaaeessatti

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas lammii Ameerikaa-Israa’el Gaazaa keessatti butee ugguree ture gadhiisee jira. Kunis marii murteessaa Ameerikaa waliin taasifame tarkaanfii gaarii qabaachuu kan agarsiisedha.

    Dubbi-himaan Hamaas Waliid Kilaniin tarkaanfiin kun Ameerikaan Israa’el haala dhukaasa dhaabuu akka fudhattu kan taasisu akka ta'u eeguu himan.

    Hamas hanga ammaatti waligalteen cimaan gara dhukaasa hunda-galeessa taasisuutti geessu akka hin taasifamne amana.

    Hamaas loltuu lammii Israa’el-Ameerikaa Edaan Aleeksaandar namoota Gaazaatti ugguramnii jiran keessaa erga US waliin kallattiin mari'atee gadidhiiseera.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gadhiifamuu Aleeksaandar “tarkaanfii amanamummaa gaariin Ameerikaa fi tattaaffii jaarsoliin Kuwatari fi Masrii waraana hamaa kana xumuruu fi namoota ugguramanii lubbuun jiran hunda gadhiisuuf taasifamedha,'' jedhan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa yeroof taasifamu marii qondaaltota Ameerikaa fi Hamaas Kuwatar keessatti taasisaniin xumuramuutti dhihaateera. Waliigaltichi waraana dhaabuun, namoota ugguraman gad dhiisuu fi gargaarsi gara naannoo sanaatti deebi’ee akka eegalu kan taasisu ta’as jedhameera.

  15. Tiraamp daawwannaasaa Sa'ud Arabiyaatiin beeksisa "lafa raasuti" jira jedhe

    Pirezidantiin US Donald Tiraamp daawwannaa Sa'ud Arabiyaatti taasisaa jiruun beeksisa "lafa raasu" jira jechuun dubbate. Maal ilalchisuun akka kana dubbate garuu ammatti ifa miti.

    Tarii waliigaltee investimentii dinagdee US akkaan gurguddoo sadii dolaara tiriiliyoona tokkoo ol baasan ta'uu mala jedhamaas jira.

    Yeroo Pirezidanti Tiraamp Sa'ud Arabiyaa qaqqabe akkaataa itti simatame daawwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo Pirezidant Tiraamp Sa'ud Arabiyaa qaqqabe akkaataa itti simatame daawwadhaa.
  16. Kiim Kaardaashiyaan saamtota kutaashee cabsanii ishee saaman yeroo ibsitu

    Kiim Kaardaashiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Erga bara 2016 isheerratti raawwatamee, Kiim Kaardaashiyaan waa'ee hattoota hidhannoo qaban ishee saamanii si'a baayyee dubbatteetti. Yeroo jalqabaaf, agarsiisa TV maatiisheerratti kan dubbatte yoo ta'u, maatiishee gidduutti dhoksitee qabdee waggaa tokkoon booda ifa goote.

    "Darbii ol jirurraa yeroo namni ejjetun dhaga'e," jechuun obboleettiishee agarsiisa TV dhiyeessituuf, karaa cufaa manasheetiin diida ilaalaa ibsitiif.

    "Namoonni yunifoormii poolisii uffatan lama balbala kutaa sireekootiitti nama tokko yeroo gadi qabanin arge."

    Yeroo sanatti, eegdonnishee obbolaan ishee durbaa lama Jener fi Koortenii waliin mana shubbisaa (kilaba) tokko deemanii ture.

    Jarri [saamtonni] kunneen kutaa ciisichaa Kiim Kaardaashiyaan seenuu kan danda'an keessummeessituu (receptionsit) gargaaramuun ture.

    Jalqaba namni tokko seenee sireerratti akka ishee darbate ibsite.

    Gaaffiifi deebii booda qopheessaa US Chaat Showu Daaid Leetermaanitti akka himtetti, namoonni [saamtonni] kunneen meeshaa faayaa ishee kenni jedhanii itti iyyaa turan. Isheenis isaanitti kennitee gara namoota sana keessaa isa tokkootti siqxe.

    Erga taateen rifaasisaa sun ishee mudatee, qophaa ta'uun akka baayyee ishee sodaachisu irra deddeebiin dubbatteetti.

  17. Kiim Kaardaashiyaan Paarisitti saamamuusheerratti ragaa kennuuf mana-murtiitti dhiyaachuuf

    Kiim Kaardaashiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Kiim Kaardaashiyaan himata namoota kudha Paarisitti ishee saaman ilaalchisee ragaashee dhiyeeffachuuf dhaddacharratti dhiyaachuuf.

    Dubartiin agarsiisa TV irratti bekamtuufi haadha qabeenyaa taate Kiim Kardaashiyaan Onkoloolessa bara 2016 ture hoteela guddaafi qananii ta'e keessatti saamtonni ishee hidhanii rasaasa itti nyaachufachuun doorsisanii kan saamamte.

    Qubeelaa diyaamandii (qumbii) abbaa warraashee duraanii Keeniyee Weest dolaara miliyoona afur baasu biteef dabalatee meeshaalee faayaa gati-jabeessa ta'an dolaara miliyoona hedduu baasan saamamte.

    Namoota lamarraa kan hafe shakkamtoonni hunduu saamicha kana keessatti hirmaachuusaanii wakkataniiru.

  18. Mariin jalqabaa hoggantoota Ameerikaafi Sa’uudii gidduutti taasifamuu eegale

    Marii hoggantoota Ameerikaa fi Saawudii

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp akkuma karoorfatan ganamaa gara sa'ud Arabiyyatti qajeeluun Xiyyaarri Air Force One sa'aa muraasa dura Sa'udii qubatteetti.

    Daawwannaa guddaa idil-addunyaa pirezidaantiin Ameerikaa marsaa lammaffaa kanaaf Sa'udiinis qophii guddaa taasisaa kan turte yoo ta'u, mootii Mohaammad Bin Salmaan buufata xiyyaaraa mootii Khalid Riyaad keessatti Tiraamp simachuun marii isaanii jalqabaa taasisaniiru.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Piit Heegseeti fi Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo dabalatee qondaaltota olaanoo Ameerikaa biroo Tiraamp waliin walgahii kana irratti argamu.

  19. Tiraamp bara bulchiinsasaa marsaa lammaffaatti daawwannaa guddaa jalqabaa ta'een Sa'ud Arabiyaa gale

    Doonaald Tiraamp mootii Mohaammad bin Salmaan waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp bara bulchiinsasaa marsaa lamaffaatti daawwannaa dippilomaasii guddaa jalqabaa ta'ee Saa'ud Arabiyaa galera.

    Turtii isaa guyyaa afurii Sa'ud Arabiyaa, Qaataariifi UAE'tti taasisuun investimentii haaraa US'f hawwatu jedhamee abdatama.

    Moohaamman bin Salmaaniifi aanga'oonni Sa'ud Arabiyaa biroon Pirezidant Donaald Tiraamp fi aanga'oota US biroo meessa jila isaa ta'aniifi simannaa ho'aa taasisaniiru.

  20. Phaaphaasiin Kaatolikii haaraa Gaazexeessitoonni hidhaman akka hiikkaman waamicha dhiyeessan

    Phaaphaasichi miidiyaaleen warra "sagalee hin qabne akka sagalee ta'an" waamicha dhiyeessan

    Madda suuraa, Reuters

    Phaaphaasiin haaraan Waldaa Kaatolikii Liyoon 14ffaan Vaatikaanitti gaazexeessitoota waliin yeroo jalqabaaf wayita wal argan gaazexeessitoonni hidhaman akka hiikaman gaafataniiru.

    Phaaphaasichi gaazexeessitoota ''dhugaa barbaadanii gabaasuutti'' hidhamaf saaxilaman jechuun deeggarsa qaban ibsaniiru.Gidiraan isaan mudachaa jiru ''qalbii biyyootaa fi hawaasa addunyaa kan qoru'' jedhan.

    Phaaphaasiin Liyoo 14ffaan bilisummaan pireesii aakk eegamuuf, miidiyaaleen "kennaa gatii guddaa qabu" bilisummaa dubbii akka eegamu mirkaneessuu qabu jedhan.

    Akka Koreen mirga Gaazexeessitootaaf falmu jedhutti bara darbe gaazexeessitoonni 361 mana hidhaatti darbamaniiru.

    Kamisa darbe itti gaafatamaa Waldaa Kaatolikii ta’uun kan filataman Phaaphaasichi, gaazexeessitoonni haqni dhabamuu fi hiyyummaa addunyaa irratti xiyyeeffannaa akka argatan gahee isaanii akka ba’anis waamicha dhiyeessaniiru. Kana malees walwaraaansa mormuun nagaan akka bu'u tumsuun akka barbaachisullee hubachiisan