Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha
Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha.
Pirezidantiin haaraan Sooriyaa jihaadistii, Ameerikaan isa hidhuuf badhaasa doolaara miiliyoona 10 akka kennitu itti ibsite ta'urraa, Pirezidantii Tiraampiin harka wal fuudhuutti ce’eera.
Qoqqobbiin kun kan kaafame gareen al-Sharaa yeroo sana HTS jedhamun beekamu, erga Asaad Dirqiidhaan Sooriyaa keessaa baaseen booda, waadaa inni garee Islaamummaa jedhamuun loluudhaan mootummaa hunda hammate akka ijaaru galan irratti hundaa'uudhaan.
Ergasii as al-Shaaraa, keessumaa erga daawwannaa Faransaayitiin Pirezidantii Emaanu'eel Maakroon waliin wal arguuf taasisaniin booda, sadarkaa naannicha fi idil-addunyaatti milkaa'ina guddaa akka galmeessetti ilaalama.
Amma ammoo labsiin Ameerikaan qoqqobbii kaasuunshee diinagdeen biyyattii diigame Sooriyaa daran hammachuu irraa baraaruudhaan akka haaraatti jalqabuu ni gargaara jedhamee amanama.
Hedduunis, kaka’umsa al-Shaaraa fi deeggarsa naannoo abdachaa jiru. Kunis biyyattii deebisanii ijaaruuf maallaqni gara biyyaa akka galuu, akkasumas baqattootaa fi namoonni biyya keessaa buqqa’an miliyoonaan lakkaa’aman kanneen mannisaanii boombii Asaadiin barbadaa’e akka deebi’anii ijaaran ni hayyama jedhanii abdachaa jiru.
Haata'u malee, namoonni tokko tokko mootummaan al-Shaaraa amma haala mataasaatiin biyyattii bulchuu irratti hirkachuun, mootummaa hunda hammatuu fi bilisummaa hawaasummaa eeguu irratti waadaa gale dagachuu danda'a jechuun yaaddoo keessa jiru.
Humnootii mootummaa keessatti finxaalessitoonni tokko tokkoos bilisummaa hawaasaa yaaddoo keessa galchuudhaan, jireenya ummattoota nagaa irratti daangaa akka tasaa kaa'aa jiru.