Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte

Waraanni Israa’el Hamaas injifachuun booji’amtoota Gaazaa keessatti hafan bilisa baasuu mirkaneessuu irratti kaayyeffachuunhaleellaa cimaa jalqabuu isaa beeksise.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waantota ja'a waa'ee jaalalaafi qarshii beekuu maltan

    Jaalallee ykn haadha warraafi abbaa warraa keessan wajjin waan hunda qooddattu taha, kuni qarshiis dabalataa?

    Jaalalleewwan waliin jiraatanis tahe namoonni gaa'ela keessa jiran baayyeen baasii qooddatanillee herreega baankii mataa ofii qabu.

    Jaalalleewwan sababa maallaqaan hariiroon isaanii karaa irraa akka hin maqneef maal gochuu qabu?

    Looraa Suutar ogeettii faayinaansii dhuunfaa dhaabbata UK, AJ Bell jedhamuuti, Naayijiil Sheepperid ogeessa seeraa maatii, Wiiliyaam Haansan leenjisaa naamusaafi poodkaastariidha.

    Jaalalas tahe maallaqa ofii tiksuuf dhimmoota gochuu qabnu ja'a nutti himu. Odeessa kanarratti bal'inasaa karaa kanaan argachuu dandeessu.

  2. 'Nu gargaaruu dandeessaa? As keessatti du'aa jirra': Ergaa Gaazaa keessaa dhagahamu

    "Hello. Nu gargaaruu dandeessaa? Gaazaa keessa jirra. As keessatti du'aa jirra. Ani, ijoolleen kiyya akkasumas ijoolleen kaan haala baayyee ulfaata ta'e keessa jirra."

    Ergaan WhatsApp kun Aliis Kadii kan Yerusaalem irraa gabaastu nama Ayiman jedhamu kibba Gaazaa Khaan Yuniisirraa maatiisaa waliin buqqa'erraa torban darbe ishee qaqqabedha.

    Israa'el ulaa gargaarsaa akkumma cufteetti jirti waan ta'eef haalli jiru maatii kanaaf waan fooyyaa'e hin qabu. Gaazexeessitoonni idil-addunyaa Gaazee seenuun hin hayyamamuuf. Kanaaf, 'qunnamtiin ani kallattiin namoota chi keessa jiran waliin taasisu karaa bilbbilaafi ergaawwan barreeffamaatiin' jetti Aliis.

    Ergaawwan WhatsApp walitti aananii Ayimanirraa ishee qaqqabaniin, "hanga ibsuun danda'amuun oliidha" jechuun ibsa.

    "Na amani, beela hamaa keessa jirurraa kan ka'een soco'uu hin danda'u, garuu viidiyoo qopheesseen siif erga, yoo Waaqayyo jedhe, jechuun barreesseef.

    Namoota Gaazaa keessa jiraniif ibsaafi interneetiin waan ciccituuf karaa WhatsApp komunikeeshiiniin rakkisaadha.

    Amma ergaan Ayimaniif erge hin qaqqabne jechuun ibsiti gaazexeessituun kun Yerusaalem irraa.

  3. Puutin marii nagaa Yukireen waliin Tarkiitti gaggeeffamu irratti hin argamu jedhame

    Mariin nagaa Raashiyaafi Yukireen gidduutti Kamisa har'aa magaalaa Tarkii, Istaambuul keessatti gaggeeffama. Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu akka iratti hin hirmaanne Raashiyaan beeksifteetti.

    Puutin marii nagaa kanarratti qaamaan akka hirmaataniif Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waamichi taasifamuufilleen maqaa gondaaltoota Kirimiiliin tarreefaman keessaa hin jiran.

    Jilli Raashiyaa bakka Puutin gargaaraa pirezidantiiin Vilaadmiir Mediinskiin akka durfaman ibsi Kiremiliin ni mul'isa.

    Zelensiskiin kanaan dura marii kana irratti qaamaan argamuun, yoo pirezidantiin Raashiyaa kan waliigalan ta'e Puutiin waliin qaamaan akka wal argan kan dubbatan yoo ta'u, walgahiin fuulaa fuulatti akka raawwatuuf kan dandameef hunda akka raawwatan dubbatanii ture.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gamasaanitiin osoo Puutin kan argaman ta'e akka hirmaatan himuusaanii gabaasaaleen miidiyaalee ibsan.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galu dandeessu.

  4. Haleellaa qilleensaa Israa'eliin Gaazaatti namoonni 94 ajjeefaman

    Yeroo ulaan galaanaa cufamee jirutti haleellaa qilleensaa Israa'el raawwatteen namoonni 94 ajjefamuu maddeen Naasir Hospitaal mul'isaniiru.

    Haleellaan qilleensaa kun kibba Gaazaatti bakkeewwan sagal adda baasuun kan irratti xiyyeeffatamee gaggeeffame ture jedhameera.

    Karaa gama Kaabaan ammoo, humnoonni ishee haleellaa gaggeessu jechuun namoonni Magaalaa Gaazaa keessaa akka ba'an ajajjeetti.

    Israa'el haleellaa babal'isaa jiraachun ishee ammoo namoonni baayyeen beelaaf saaxilamu jechuun dhaabbileen gargaarsaa akeekkachiisaa jiru.

  5. Tamsaasa kallattii eegalleera

    Attam jirtu hordoftoonni BBC Afaan Oromoo hundi bakka jirtan irraa.

    Tamsaasa kallattii guyyaa har'aa kan ittiin oduu gaggabaabaa isin biraan geenyu amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan addunyaa mara irraa oduu ijoo gabaabsine isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo Facebook keenya ykn marsariitii keenya, ykn WhatsApp chaanaalii keenya millachuu hin dagatiinaa.

  6. Tiraamp fi Mootumma Kaataar waliin waliigaltee hedduu mallatteessan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Amiira Kuwaater Sheek Tamin Bin Hamad al-Thani waliin marii Doohaatti taasisaniin waliigalteewwan hedduu mallatteessaniiru.

    Kanneen keessa dhimma daldalaa biyyoot lamaanii irraatti Daandiin Qilleensaa beekamaan Kuwatar xiyyaarota Booyingi 160 gara doolaara biiliyoona 200 oliin Ameerikaa irra akka bituuf walii galteen taasisan isa tokko.

    Kana malees dhiyeessii fi bittaan diroonii MQ-9B jedhamu irrattis waliigalteewwan har’a raawwatameera.

    Kana malees, tumsa ittisaa Ameerikaa fi Kuwatar gidduu jiru icimsuu fi dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii barbaadan jedhan irratti walii galtee mallateessaniiru.

    Lamaan isaanii haala addunyaa, waraana Yukireen, fi dhimmaa Iraan irratti mari'achuun isaanii ibsameera.

    Marii isaanii kanas '' hawwataa fi milkaa'u danda'u'' jechuun ibsaniiru. Kanaanis ''Hariiroo Kuwater fi US gidduu jiru sadarkaa guddatti ce'uu'' jhoggantootni kunneen kan ibsan.

  7. Waliigalteen Abrhaam dursaan Sooriyaa akka mallatteessan gaafataman maaliidha?

    Hagayya 2020 keessa, bara aangoo Tiraamp jalqabaaf pirezidaantii turanitti ture kan Waajjira Ovaal Waayit Haawusitti argamu irraa waliigaltee Abrahaam kana beeksisan.

    Waliigalteewwan, kan Tiraamp akka jaarsuummaatti gargaaran jiran kun, hariiroo biyyoota biroo fi Israa'el gidduu jiru idileessuu fi Baha Giddu Galeessaa keessatti nagaa argamsiisuuf kan qophaa'edha.

    Labsichis "rakkoolee furuudhaaf karaa hunda caalaa gaariin tumsaa fi marii ta'uu akkasumas hariiroo michoomaa biyyoota gidduutti uumuudhaan dantaa nagaa waaraa Baha Giddugaleessaa fi addunyaa guutuu tarkaanfachiisadha" jedha.

    Jalqaba irratti Baahireenii fi Yunaayitid Araab Emireetiin kan mallattaa’e yoo ta’u, Sudaanii fi Morookoon booda itti makamuuf waliigalaniiru.

    Hariiroo Israa’elii fi biyyoota Arabaa gidduu jiruuf tarkaanfii guddaa ta’us, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 hordofuun, waraanni Israa’el Gaazaa keessatti geggeessite, biyyoonni biroo akka mallatteessan danqaa guddaa uumeera.

  8. Tiraampi xiyyaara baay'ee qaalii doolara mil.400 baasu akka kennaatti fudhachuu danda'aa?

    Amma qondaalonni olaanoo Ameerikaa kennaa hanga doolaara 480 baasu fudhachuu danda'u.

    Pirezidaantonni duraanii erga soorama bahanii mana kitaabaa fi muuziyeemii dookimentoota adda addaa qabate banuun uummataaf banaa taasisu.

    Tiraampi xiyyaara gatii qaalii hanga doolaara miliyoona 400 baasu Kaataar irraa fudhatan muuziyeemii isaaniif godhu jedhame.

    Dhimmi kun garuu falmii guddaa kaasuun akka qoratamu jedhamee ture.

    Tiraampi garuu kennaa hagas gahu naaf dhiyaatee ''lakki lakki! hin barbaadu'' akka jedhu feetuu?'' jedhe.

    ''Namoonni baay'een maaliif kennaa kana fudhatta na jedhu. Nuyi nama hundaaf kennaa oolla. Yoo akkas tahe sababa maaliifan ani kennaa kana hin fudhadhu? Rakkoon isaa maali?'' jedhe.

    Pirezidaantonni erga muuziyeemii bananii kennaa adda addaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa irraa argataniin sochoosu.

    Tiraampis xiyyaara kana muuziyeemii isaaf oolcha jedhamus, ogeessonni BBC dubbise garuu xiyyaarichi kallattiidhaan pirezidaantiif osoo hin taane, bulchiinsa Ameerikaafiyyuu kennamuu danda'a jedhan.

    Hera biyyattii cabsu hin qabu jedhan. Ministirri Haqaa US, maaliif xiyyaara fudhachuun akka eeyyamamu qabxiilee ibsan baaseera. Garuu uummataaf ifa hin goone.

    Pires Sekireteriin Waayit Haawus, Kaarooliin Leeviit, kennaan kun seera qabeessa tahuuf dhiisuu irratti gaafatamtee, ''seera qabeessummaa isaa ilaalchisee irratti hojjetamaa jira, garuu kennaan mootummaa kanaaf godhamu hunduu akkaataa seeraa fi heera kabajeen tahuu qaba'' jette.

  9. Tiraamp marii nagaa Yukireen fi Raashiyaaf gara Turkiitti imaluuf

    Doonaald Tiraamp Riyaad irraa gara Dohaatti wayita imalaniitti, ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin gitni isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis gara sana yoo imalan, dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti mari'achuuf gara Tarkii deemuuf fedhii akka qaban himan.

    Pirezidaantiin Ameerikaa kun 'yoon ani achii hin jirre' Puutiin hirmaachuu fi dhiisuu isaa hin beeku jedhan.

    Tiraamp "Achitti akkan argamu akka barbaadu nan beeka, kunis ta'uu danda'a. Osoo waraana kana xumuruu dandeenyee jedheen waa'ee isaa yaadaa ture," jechuun dabalaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon marii nagaa Raashiyaafi Yukireen Tarkiitti guyyaa boruu gaggeeffamu irratti ni hirmaatu jedhamee akka eegamu, kanaan dura qondaalli Ameerikaa tokko ibsaniiru.

  10. Gareen mirga namoomaa Sa'uud Arabiyaatti duuti hojjettoota godaantootaa 'dabaluu' akeekkachiisan

    Gareen mirga namoomaa qophii waancaa addunyaa Sa'udiin bara 2034'f taasiftu irratti duuti hojjettoota ijaarsaa kan godaantootaa "dabalaa dhufuu" akeekkachiisaa jiru.

    Akka Humaan Raayitis Wooch fi Feeyir Isquuweer (Human Rights Watch and FairSquare) jedhuutti, hojjettoonni humnaa biyyattii keessatti balaa bakka hojiitti uumamu kan ittifamuu danda'amuun du’aa jiruu jedheera gabaasa isaa har’a baaseen

    Duuti akkasii hedduun sababa uumamaatiin kan mudate jedhamee sobaan gabaafamaa jiras jedhan.

    Maatiin hojjettoota du'aniifis beenyaan omaatuu akka hin kaffalamne gabaasni kun ni mul’isa.

    Gareen mirga namoomaaf falman lamaanuu, humna hojjettoota godaantota biyyattii guddaa ta’eef eegumsi barbaachisaan akka taasifamuu qabu Aangawoota Sa’uudii gaafataniiru.

  11. Israa'el haleellaa kaabaa Gaazaatti raawwatteen yoo xinnaate namoonni 48 ajjeeffamu hospitaalli beeksiise

    Haleellaa qilleensaa Israa’el walitti fufiinsaan kaaba Gaazaatti halkan darbe raawwatteen yoo xiqqaate Filisxeemoonni 48 ajjeefamuu hospitaalli naannoo sanaa beeksise.

    Hospitaalli Indooneezhiyaa, daa’imman 22 fi dubartoonni 15 kanneen haleellaa magaalaa Jabaliyaaa fi kaampii baqattootaa keessatti manneen hedduurratti raawwatameen ajjeeffaman keessatti akka argaman ibseera.

    Viidiyoon toora interneetii irratti qoodame, yoo xiqqaate reeffa namoota kudhan ta'an lafa irratti kufan fakkkaatan agarsiiseera.

    Waraanni Israa’el gabaasawwan kanneen qorataa akka jiru ibseera. Kibxata halkan gareen hidhattoota Filisxeem rookkeettii gara Israa’el erga dhukaasanii booda, jiraattonni Jabaaliiyaa fi naannoo ollaa sanaa akka baqataniif akeekkachiisee turte.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti hogganaan dhimma namoomaa miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Gaazaatti keessatti ''duguuggaa sanyii ittisuuf'' tarkaanfii akka fudhatan yeroo dhaamaniitti kun kan mudate.

    Guyyaa Kibxata walgahii Niiw Yoorkitti taa'ame irratti kan dubbatan Toom Fileechaar, Israa'el ''itti yaaddee fi qaanii malee namoota nagaa irratti haal-duree namummaa hin qabne kaa'uushee'' himataniiru.

    Israa’el uggura torban 10'f Gaazaa irra keesse akka kaaftu gaafachuun, karoora Israa’el fi Ameerikaan raabsa gargaarsa namoomaa naannoo sana keessatti fudhachuuf qaban qeeqaniiru.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddarri Israa’el Daani Daanoon mana marichaatti akka himanitti, gargaarsi biyya alaa tattaaffii waraanaa Hamaas gargaaraa jira.

    Gama biraatiin, ergamtoonni addaa Ameerikaa Isteev Wiitkoof fi Adaam Boohlar marii haaraa dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota gad dhiisisuuf taasifamu irratti hirmaachuuf gara Kaataar akka imalan himaniiru.

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, Hamaas namoota booji'ee 58 gadi lakkisuuf yoo walii hin galle torban kana haleellaa waraanaa Gaazaa keessatti babal’isuuf doorsisaniiru.

  12. Abuuna Maatiyas rakkooleen marii nagaan furmanii biyyi boqonnaa akka argattu gaafatan

    Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas dhimmoonni irratti waliigalan barbaadamanii "rakkooleen karaa nagaatiin akka mariin furaman gochuun biyyi boqonnaa akka argattu akka godhamuuf gaafatan.

    "Sababoota gara garaatiin" qaamoleen Sinoodosii keessaa bahan akka deebii'an gochuun "ergama angafaa" Kora Sinoodosii Bataskaanattii ta'uusaas Paatiriyaarkichi beeksisaniiru.

    Paatiriyaarkiin Bataskaanattii waamicha kana kan dabarsan kora waggaa Sinoodosii Caamsaa 14, 2025 jalqabamerratti haasaa taasisaniinidha.

    Korri kun raawwiiwwan "hojii hafuuraa, hawwasummaa, dingdeefi bulchiinsa bataskaanittii gamaggamudhaan hojii gara fuula duraatiif kallattii kan kaa'u ta'uu Paatiriyaarkichi haasaa baniinsaa isaaniirratti ibsaniiru.

    Yeroo ammaa kana Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa kutaaee addunyaa hundarratti akka argamtu dubbiin Abuune Maatiyaas miidiyaa hawaasaarrati qoodame ni mul'isa.

    Odeeffannoo dabaltaa Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas dubbatan irratti bal'inaan argachuuf asiin galu dandeessu.

  13. Tiraamp dursaan Sooriyaa Israa'el waliin hariiroo akka foyyeeffatan gaafatan

    Amma waa’ee walga’ii Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, pirezidaantii yeroof Sooriyaa Ahmad Al-Sharaa, mootii Sa’udii Mohaammad Bin Salmaan fi Pirezidantii Tarkii Reesep Taayip Erdogaan gidduutti taasifamaa jiru irratti bal’inaan argachaa jirra.

    Pirees Sekireetaarii Waayit Haawus Kaarooliin Leeviit akka jedhanitti, Erdogaanii fi Salmaan Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaa’ame kaasuunsaaniitti galateeffataniiru. Kan lammaffaas "jajjabeessadha" jedheera.

    Bareeffama X irratti barreessiteen, Tiraamp Al-Sharaan ''biyya isaanii keessatti waan seena-qabeessa ta'e hojjechuudhaaf carraa guddaa qaba'' jechuun itti himuu barreessiteetti.

    Akkasumas, Sooriyaan waliigaltee Abrahaam, waliigaltee jalqabbii Ameerikaan durfamu fi biyyoonni Bahaa Giddu-galeessaa hariiroo Israa'el waliin qaban idileessuun akka mallatteessitu jajjabeessaniiru.

    Waa'ee waraana Raashiyaa fi Yukireen, akkasumas waa'ee waraana Gaazaa irrattis mari’atameera jedhan Leeviit dabalataan.

    Al-Sharaan hoggantootaan, Sooriyaan akka walitti dhufeenya daldalaa murteessaa bahaa fi dhihaatti tajaajiluu akka dandeessu abdii akka qaban himusaanii dabaluun barreesiteetti.

  14. Gaaffiiwwan shan Tiraamp Sooriyaaf dhiyeessan maal fa'i?

    Tiraamp pirezidantii ce’umsaa Sooriyaa Ahmed al-Sharaa waliin wayita wal arganiitti, Tiraamp qajeelfama shan hogganaa kanaaf kennaniiru jedha barreessituu pireesii Waayit Haawus Kaaroolin Liiviit. Isaanis:

    • Hariiroo Israa’el waliin qaban idileessuuf jecha waliigalteewwan Abrahaam akka mallatteessan,
    • "Shororkeessitoota biyya alaa" hundi Sooriyaa keessaa akka gadhiisanii bahan itti himuu,
    • Addatti ammoo, Tiraamp "shororkeessitoonni Filisxeem'' akka biyyaa ari'aman adda baasuun gaafatan.
    • Garee Islaamummaa jedhaman deebi’ee akka hin kaane dhaabuuf Ameerikaan akka gargaatu,
    • Akkasumas, toora walfakkaatuun, itti gaafatamummaa wiirtuuwwan tursiisaa garee kaaba baha Sooriyaatti argaman waliin walqabatan akka fudhatan gaafataniiru.
  15. Walgahii Tiraampiifi Al-Saraa irratti suuraalee jalqabaa

    Amma suuraalee walgahii har'a pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi dursaan Sooriyaa Ahmed al-Sharaa gidduutti taasifameen argaa jirra.

    Akkasumas, walgahicharratti mootiin Sa’udii Mohaammad Biin Salmaaniifi Pirezidaantiin Tarkii Reesiip Taayip Erdogaan kan fageenyarraa yaa'icharratti irratti hirmaataniiru.

  16. Walgahii Tiraamp hooggantoota Galoo Galaanaa waliin taasisan suuraan

    Suuraalee Pirezidanti Doonaald Tiraamp yaa'ii Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa Sa'udii Arabiyaatti gaggeeffame irratti ture kana reefu argachuun akka asiin gadiitti qindeessineera.

  17. El Chaappoo fi Itti-aanaa Yesuus - Pirezidantiin Keeniyaa maaliif maqaa masoo baayyee argate

    Pirezidantiin Keeniyaa Waliyaam Ruutoo nama maqaa masoo baayyee qabudha.

    Itti-aanaa Yesuus, El Chaappoo, Hasilar, Daldalaa Lukkuu kanneen jedhan maqaa inni waggoota dhiyoo keessa argatedha.

    Namoonni yeroo baayyee maqaan masoo kan moggaafamuuf, gariif jaalala qaban ittiin ibsuuf, gariif ammoo itti qoosuun aarii nama sanarraa qaban ibsachuuf yaadameeti.

    Seenaan eenyummaa sobaa pirezidantichaa ilaalcha isarratti namni qabu akka jijjiiramuuf karaa kan banedha.

    Ruutoon yaada irra deebiin cuuphamuu jedhuuf beekamtii kan kenne yoo ta'u, dhiheenya kana lammiileen Keeniyaa maqaawwan hedduutiin isa "fixaa" jiru jechuun qoosee jira. Gabaasa kanarratti dabalataan dubbiifachu yoo barbaaddan asiin seenuu dandeessu.

  18. Tiraamp 'miidiyaa sobaa' qeequun hoggantoonni Galoo Galaanaa kofalchiise

    Namoonni kutaa Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp keessatti haasaa taasisaa turan keessa turan hundisaanii xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turan.

    Pirezidanti Tiraamp waa'ee "miidiyaa" fi "oduu sobaa" yeroo dubbatanitti fuula hoggantoonni biyyoota Galoo Galaanaa walitti qabaman irraa kolfatu mul'ata.

    Tiraamp wayita Mootii Sa'udi Arabiyaa waliin wal arguun ''kabaja guddaadha'' jedhanitti, Mohaammaad Bin Salmaan ammoo jecha isaaniitiin waliigaluu agarsiisuuf mataasaanii raasaa turan.

  19. Lammiileen Itoophiyaa Jibuutiidhaa akka ba'aniif yeroon kennameef dhumnaan rakkoo keessa galan

    Lammiileen Itoophiyaa Jibuutii keessa jiranii fi waraqaa jireenyaa seera qabeessa hin qabne akka biyyattii keessaa ba'aniif daangaan yeroo kaa'ameefii ture xumuramnaan rakkoo keessa galan, amma birmannaa gaafataa jiru.

    Baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara daangaa, Dawwallee, geeffamuun, kaan ammoo iddoowwan adda addatti walitti guuramuun dararmaa akka jiran lammiin Itoophiyaa waggoota 20 oliif Jibuutii jiraatan BBctti himaniiru.

    kanaan dura wayita mootummaan Jibuutii murtee kana dabarsuun daangaa yeroo baqattoonni eeyyama jireenyaa hin qabne keessatti ba'uu qaban kaa'u mootummaan Itoophiyaa yeroon akka dheeratu gaafatee ture.

    Haata'u malee mootummaan Jibuutii yaada Imbasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru dhiyeesse hin fudhanne.

    Jiraataan Jibuutiirraa BBCf yaada kennan ''warri seeraan alaa biyya kana gadhiisanii akka ba'an erga mootummaan ajajee as wanti deemaa jiru ulfaataadha,'' jedhan.

    Odeessa kanarratti bal'inasaa argachuuf karaa kana seenaa.

  20. Amma nu gahe, Tiraamp Riyaadiitti Al-Shaaraa waliin wal argan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Sa’ud Arabiyaatti pireezdantii ce’umsaa Sooriyaa Ahmaad Al-Shaaraa waliin wal argan jedha gabaasni magaalaa guddoo biyyattii Riyaad irraa argame.

    Hoggantoonni Ameerikaafi Sooriyaa bara 2000 as yeroo jalqabaatiif wal arganiiru.

    Haata'u malee, wal arguun dureewwan biyyoota lamaanii kanaa, waajjirri Tiraamp kaleessa ''harka fudhanii nagaa dhaamudhaaf qofaaf'' akka ta'u ibse jira.

    Gabaasa biraatiin ammoo hogganaan Tarkiis walgahii Tiraamp fi Al-Shaaraa keessatti argamuu ibsan.

    Pirezdantiin Tarkii, Resiip Taayip Erdogaan walgahii Doonaald Tiraamp, mootii Sa’ud Arabiyaa Mohaammaad Bin Salmaanii fi Ahmad al-Shaaraa gidduutti taasifame irratti kan hirmaatan karaa viidiyoo toora interneetiitiin ta'uu, dhaabbanni oduu Tarkii Anaadolu gabaaseera.