Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte

Waraanni Israa’el Hamaas injifachuun booji’amtoota Gaazaa keessatti hafan bilisa baasuu mirkaneessuu irratti kaayyeffachuunhaleellaa cimaa jalqabuu isaa beeksise.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. TPLF haqamuusaarratti Gamtaan Afrikaa akka gidduu galu gaafate

    Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa beekkamtii paartii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) haquusaa hordofee, murtichi kan ''waliigaltee Piritooriyaa cabsudha'' jedhan dura taa'aa ittaanaan paartichaa Obb Amaanu'el Asaffaa.

    Obbo Amaanu'el gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin osoo boordichi paarticha hin haqiin durayyuu, waraqaa eenyuummaa galmee kennameef akka hin fudhannee irra deeddeebiin ibsaa turuu kaasaniiru.

    Murteen boordichaa kun waliigaltee Piriitooriyaa bara 2022tti mallataa'eefi waraana gaaga'aa waggoota lamaaf ture goolabetti ''yaaddoo guddaa uuma'' jedhan Obbo Amaanu'eel.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf karaa jeessituu kanaa seenaa.

  2. Zeleniskiin marichaan dhukaasa dhaabuun yoo walii hin galamne deebii cimaa akka kennan gaafatan

    Zeleniskiin marichaan dhukaasa dhaabuun yoo walii hin galamne deebii cimaa akka kennan gaafatan

    Mee amma yeroo gabaabaaf gara Albaaniyaa, bakka Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin Walgahii Hawaasa Siyaasaa Awurooppaa kan Tiranaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachaa jiranitti haa qajeellu.

    Zeleniskiin haasaa gabaabaa Kiir Istaarmar fi Imaanu'el Maakroon dabalatee, hoggantoota Awurooppaatiif taasiisaniin, dhimmi dursaa Yukireen lakkoofsa tokkoffaan, ''dhukaasa dhaabuu haalduree tokko malee'' ta'uu irra deebi'anii mirkaneessaniiru.

    Zeleniskiin yoo jilli Raashiyaa waan tokko irratti walii galuu dadhabe, kana jechuun ''Puutiin waraana kana xumuruu akka hin barbaanne ifaadha jechuudha'' jedha.

    Pirezidantiin Yukireen yoo mariin Istaanbul keessatti taasifamu hin milkoofne ta'e hoggantoonni addunyaa irraa deebiin deebii cimaa akka kennan gaafataniiru. Itti dabaluunis, Ameerikaan ''hanga danda'ametti qindoominaan'' turuu qabdi jedhan.

    Dubbiin Zeleniskii kunis kan dubbatan Tarkii magaalaa Ankaaraatti Pirezidantii Riisiip Taayiip Erdogaan erga daawwatanii guyyaa tokko boodadha.

  3. Qondaalonni Raashiyaa fi Yuukireen, Tarkitti fuulaa fuulatti mari'achuu jalqaban

    Waggaa sadii booda qondaalonni Raashiyaa fi Yuukireen, Tarki magaalaa Istaanbulitti wal arguun fuulaa fuulatti mari'achuu jalqaban.

    Bakka bu'oonni biyyoota lameenii kutaa tokko keessatti wal arguun marii jalqabanis yeroo qaamaan wal argan waliyyuu hin dubbisne jedhe ogeessi Kaameeraa BBC achi jiru.

    Garuu ammayyuu marii jalqabaaf wal haa argan malee ejjennoon isaanii walirraa fagoo fakkaata.

    Zeleniskiin xiyyeeffannoo guddaan jila isaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuu yoo tahu, Raashiyaan ammoo kaleessa xiyyeeffannoo guddaa kan kennan nagaa waaraa buusuu fi ''madda rakkoo isaanii bu'uuraa kan tahe balleessuu'' akka tahe himaniiru.

    Dubbii Raashiyaa akka hiikametti taanaan, isaan amma waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuuf fedha hin qaban.

    Isaan akka ilaalacha isaaniitti sababa bu'uuraa gara waraana kanaatti isaan galche irratti xiyyeefachuu barbaadu.

    Kun walabummaa Yuukireen kan miidhu akka tahe himama. Dursaan jila Raashiyaa kaleessa akka dubbatanitti gara waliigaltee tokkootti dhufuuf ejjennoo duraan qabatan irraa waan dhiisan akka jiru himan.

    Kun garuu maal jechuu akka tahe ifatti hin baramne. Abdiin jiru garu Raashiyan hanga tokko mariif fedha qabaachuu agarsiisa kan jedhudha.

    Qondaalli marii kanaaf Raashiyaan wantoota dhiistu qabdi jedhee kan ibse isa qofa. Warri kaan hunduu sababa bu'uuraa waraanatti isaan galche irratti akka xiyyeeffatan ibsaa turan.

    Kun ammoo Yuukireen miseensa NATO tahuu hin dandeessu kan jedhuu fi yoo xiqqaate Raashiyaan naannolee Yuukireen shan jalaa akak fudhattu kan ibsudha.

    Kun hundi ammoo Zeleniskiif fudhatama hin qabu.

  4. Gaambiyaan madda qabeenya pirezdantii duraanii biyyattii qorataa jirti

    Mootummaan Gaambiyaa yaaddoo ummata bal'inaa irraa ka'aa jiru hordofee, gurgurtaa qabeenya pirezdantii duraanii biyyattii, Yaahyaa Jaameeh qabame ture irratti qorannoo gaggeessuuf ta'u beeksise.

    Qabeenyi akka beeyladaa fi konkolaattota qananii, muraasni Yaayya Jaameeh kan bara aangoosaa waggoota 22tti horatan qoratama jiruu gurguramaniiru.

    Qorannoon gama miidiyaan taasifame tokkos, wayita qabeenyaawwan gurguramantti hanqinni iftoominaa fi haalli wal fakkaatuu akka hin turre saaxiluun mormii dargaggootaan qindaa'e kaasee ture.

    Pirezidanti biyyattii Adamaa Baaroow,haasawa Roobii galgala karaa televijiiniin taasisaniin, qorannoo kanarratti ''iftoomina guutuu'' taasisuuf waadaa galuudhaan, qabeenyi deebi'ee hundi ''kan ummataati'' jedhan.

  5. Diippifeekiiwwan Ibraahim Tiraaworeerratti hojjetamuun burjaajii uuman, kaaniif madda maallaqaa ta'an

    Biyoonsee viidiyoo muziiqaa irratti meeshaa waraanaa uffattee, konkolaataa hidhannoo qabu irra yeroo yaabbattu gamoo keessaa aarri ni mul'ata. Hogganaan waraanaa Burkinaa Faasoo, Kaapteen Ibraahim Tiraaworeenis viidiyoo muuziqaa kana keessatti qawwee dhukaasaa mul'ata.

    Yeedaloon muziqichaas, "Ibraahim Tiraaworee lola ummataaf taasisuu, cancala impaayera cabsaa yoo jiru Waaqayyo isa haa eegu," jedha.

    Viidiyoon sun dhuguma kan Biyoonsee ykn kan Ibraahim Tiraaworee miti. Viidiyoon diipfeek fi qabiyyee hubannoo namtolchee (AI)n dhugaa fakkeeffamuun hojjatameedha.

    Viidiyoowwan Ibraahim Tiraaworee goota paan-Afrikaa fakkeessan, garuu odeffannoo sobaa qabatan, dhibbaan lakkaa'aman kanneen AIn hojjataman erga dhuma baatii Eblaa irraa eegalee waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti guutuu Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti baayye qoodamaa turan.

  6. Gaazexessitoota waraana balaafamaa keessatti lubbuun hafan

    Haleellaa Israa'el Kamisa darbe Gaazaarratti raawwatteen gaazexeessitoonni lama kan ajjeefaman yoo ta'u, erga waraanni kun jalqabee as baay'inni gaazexeessitoota ajjeefaman 217 akka gahe aanga'oonni naannichaa Hamaasiin geggeeffamu himan.

    Waraanni Gaazaa keessatti mudateen yoo xiqqaate ji'a ji'aan gaazexeessaan tokko ajjeefamuun, walitti bu'iinsa isa hamaa hanga ammaatti hojjettoonni miidiyaa hedduun lubbuusaanii itti dhaban keessaa tokko ta'ee jira.

    Kana malees gazexeessitoonni hedduun ammallee Gaazaa keessa jiran, haleellaa Israa'el guyyaa guyyaan raawwaatuu gabaasaa jiru.

    Israa'el ammoo kanneen BBC'f hojjatan dabalatee, gaazexeessitoonni idil-addunyaa Gaazaa akka seenan hin hayyamtu. Kanaaf, dhaabbileen miidiyaa hedduun amma gaazexeessitoota naannicha keessaa irratti hirkatu.

    Gaazexeessaan walabaa, Shu'aab Yuusef, kan ammallee Gaazaa irraa gabaasaa jiru BBCtti akka himeetti, gaazexeessitoonni achitti argaman kana booda nageenyi akka itti hin dhagahamne hime.

    ''Kooffeeyyaa kaawwachuu fi konkolaataa mallattoo 'Press' jedhu afaanota hedduudhaan maxxansinullee, xiyyeeffannaan nu irratti godhamaa jira,'' jedhan.

    Shu'aab dhaabbileen mirgaaf falman aangawoota Israa'el waliin ta'uun haleellaa hojjettoota miidiyaarratti raawwatamu dhaabuuf akka hojjatan dhaamaniiru.

    Israa'eel ammoo ta'e jedhamee gaazexeessitoota irratti xiyyeeffachuu himannaa jedhu haaltee, namoota nagaa miidhuurraa of qusachuuf yaalii taasisuu himti.

  7. 'Sabboontuu' addunyaa waliin dhoofte, filmiin hojjetameef eenyu?

    ''Kun seenaa dhugaa sobarratti hundaa'edha.'' Kun akkaataa fiilmiin haaraa waa'ee 'Sabboontuu' dalagame itti eegaludha.

    Maqaan addunyaa ishee itti beeku Beel Giibsanidha. Hawaasi Oromoo garuu maqaa Sabboontuu naaf moggaase jechuun dubbattee turte.

    Jalqaba akka leellifamteefi raajjeffamte miti. Bakka duriis hin jirtu. Bakki isheen jirtu ammatti hin beekamu. Mootummaan Awustiraaliyaas barbaachatti jira.

    Yeroo xumuraaf miidiyaatti as baatee ummatatti kan mul'atte mataatti shaarpii marattee waa'ee qabsoo ummata Oromoo, waa'ee MM Abiy, waa'ee Jawaar yeroo dubbattedha.

    Kunis bara 2020 keessa. ''Ija tokko banadhaa rafaa,'' jetteellee gorsitee turte haala siyaasaa Itoophiyaa keessa yeroos ture gaafa dubbattu. Dabalataan waa'ee dubartii tanaa dubbiisuuf asiin seenaa.

  8. Kiriis Biraawun mana shubbisaa keessatti nama reebuun to'annoo jala oole

    Weellisaan lammii US kiriis Biraawun bara 2023 keessa UK magaalaa Landan keessatti mana shubbisaa keessatti nama reebee miidhuu isaatiin himatamee Kamisa kaleessaa to'annoo jala oolfame.

    Weellisaan ganna 36 kun magaalaa Maanchister keessatti hoteela keessaa qabame. Jimaata har'aa mana murtii dhiyaata jedhamee eegama.

    Haati alangee Kaaba Landan labsii mirga nama dhuunfaa eeguuf bahe cabsuun namarratti iidhaa qaamaa geessisuun himatni akka banamu qajeelchuu dubbataniiru.

    Kiriis Biraawun Roobii galgala ture xiyyaara dhuunfaan gara Maanchistar kan imale. Kaayoonsaa ammoo koonsartii muuziqa kutaalee UK keessatti ji'oota dhufan keessa qopheesserratti argamuu ture.

  9. 'Ogeeyyii hojii idileerratti hin argamnerratti... tarkaanfiin seeraa ni fudhatama' - Ministeera Fayyaa

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa sochii lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa tibbana bakka garaa garaatti taasisaa jiran ilaalchisee ibsa baaseen, ogeeyyii muraasa hojii idileerra hin jirre jedheratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksise.

    Duulli lagannaa hojii kun ''maatii ofii, fira, aanteefi hawaasa mara kan miidhuu ta'un alatti, gama naamusa ogummaa fi namoomaatiinis fudhatama kan hin qabneedha'' jechuun balaaleeffateera.

    Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa (EHPM) ammoo ibsa Ministeerichaa kanaan ''deebii sochiicha gatii dhabsiisu'' jechuudhaan balaaleeffatee gaaffiisaanii deebiisuuf tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamuuf gaafateera.

    Ministeerichi ibsa Caamsa 15, 2025 baaseen, ''ogeeyyiin lagannaa hojiirra jiran garri caalu odeeffannoo sobaan kan burjaaja'an, muraasni ammoo badiisa kaayyoo kan godhataniidha" jechuun ibseera.

    Odeessa kanarratti deebii boordii sochii ogeeyyii fayyyaa argachuuf asiin galu dandeessu.

  10. Tiraamp 'saffisa danda'ameen' Puutiin waliin wal arguun barbaada jedhan

    Amma Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irraa dhimma Yukireeniifi Raashiyaatti dhaga'aa jirra.

    Marii nagaa Raashiyaa fi Yukireen irratti "yeroon nuti itti hojjennu ammadha. Hojiirra oolchuudhaf deemaa jirra" jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, ''akkuma dandeenyeetti'' Puutiin waliin walgahii marii gochuu akka barbaadan dubbatan.

    Tiraamp kaleessa, hanga innii fi Puutiin qaamaan wal arganitti marii nagaarratti jijjiramni guddaan akka hin mul'anne yaada kennan.

    Akka yaadachiisaatti, pirezidaantiin Ameerikaa imala isaanii gara Baha Giddugaleessaatti taasisaniin guyyaa dhumaarra kan jiran yoo ta'u, qophii Mana Maree Bizinesii Yunaayitid Arab Emireets keessatti gaggeeffame irratti haasaa taasisaniiru.

  11. Raashiyaa fi Yukireen sa’aatii itti aanan muraasa keessatti Istaanbuliitti mariif taa'uufi jette Tarkiin

    Gabaasne Tarkii irraa bahe akka agarsiisutti, mariin Yukireen fi Raashiyaa gidduutti ganama har’aa Istaanbul keessatti akka gaggeeffamuu eegama.

    Ministeerri Dhimma Alaa Tarkii waa’ee walgahii kanaa ilaalchiisuun odeeffannoo dabalataa muraasa qoodaniiru.

    Haaluma kanaanis, sa'aatii ijoon hanga ammaatti beeknu kunooti:

    • Walgahiin qoondaaltoota biyyoota sadii, kan Yukireen, Tarkii fi Ameerikaa gidduutti Istaanbul keessatti sa’aatii akka biyyaatti 10:45 (08:45 BST) irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis ministeera dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo dabalata.
    • Akkasumas Istaanbul keessatti jilli Raashiyaa fi Yukireen qondaaltota Tarkii fi Ameerikaa cinatti akka sa'aatii biyya keessaa sa'aatii sa'aatii 12:30tti (10:30 BST)tti wal gahu jedhamee eegama.
  12. TPLF haqamuun paartichaaf hiikaa attaamii qaba? Furmaanni maali?

    Siyaasa Itoophiyaa keessatti wallakaa jaarraatiif paartii ijoo ta'ee kan ture Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) yeroo lammaffaaf boordii filannoo biyyaalessaatiin haqame.

    Ibsa boordiin filannoo guyyaa Roobii Caamsaa 14, 2025 baaseen, haaluma akeekkachiisa baatii sadiin dura kennee tureen seera qabeessummaa paartiichaa haquu beeksiise.

    Waraana Tigraay hordofee seera qabeessummaasaa kan dhabe TPLF, ammas dhimma galmeerraa kan haqame waan filmaatawwan akka furmaataatti kaa'ame irratti waliigaltee irra gahuu dadhabeefidha.

    Boordiin filannoo yeroo jalqabaatiif bara 2023tti paarticha kan haqe waraanni Tigraay eegalu hordofee TPLF ''gochaa fincilaa'' keessatti hirmaachusaa ibsuun ture.

    Odeessa kanarratti dabalataan karaa kanaan seenuu ni dandeessu.

  13. US haala namoomaa Gaazaatiin ''yaaddofteetti'' jechuun Ruubiyooon BBCtti himan

    Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo gaaga'ama namoomaa Gaazaaa jiruun US akkaan yaaddahuu beeksisan.

    Yaadni aanga'aa US kun kan dhagaahame haleellaa Isra'eel Kamisa dabe raawwatteen Filisxeemonni 114 ta'an ajjeefamuun gabaafamuu booda.

    Tarkaanfii amma Israa'el fudhachaa jirtuun walqabatee US ammallee ejjennoo waraanaa Israa'el ni deeggartii jedhamanii isa gaafatamaniif yoo deebisan, Hamaas harka kennachuu qaba, namoota bute lakkisuu qaba jedhan. Dabaluunis hamma gareen kun jirutti nagaan hin jiru jedhan.

    ''Kun akkasitti osoo jiruu garuu dararaan uummata Gaazaa nutti dhagaahamuu hin oolu, isaaniif hireen itti deeggarsa dhiyeessinu ni jira'' jedhan.

    Israa'el torbanota 10f Gaazaa deeggarsa nyaataafi kaan irraa ugguruun bu'uuraalee Hamaas macaasaa akka jirtu ibsiti.

    Doonaald Tiramap naannicha daawwachuuf qophaa'aa jiru. Al kallattiinis waliigalteen dhukaasa dhaabuu haaraan akka jiraatuufi namotni butaman akka gadhiifaman yaalaa jiru.

    Hamaas gama isaan Ministirri Muummee Benjamiin Netaaniyaahuu waraana hammeessuun jaarsummaan faara akka hin qabaannee gochaa jiruu jedha.

    Dubbii himana mootummaa Israa'el ammoo mariin namoota butaman gadhiisuurratti godhamu duulli waraanaa osoo gaggeeffamu akka itti fufu akka barbaadan dubbataniiru.

  14. Nageenyi Yukireen Tiraamp fi Puutiin irratti hundaa'a jetti US

    Dippilomaatiin olaanaan Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon marii nagaa Yukireen fi Raashiyaa Turkii keessatti gaggeeffama jedhamee eegamurraa abdii guddaa akka hin qabne dubbataniiru.

    Tarkaanfii bu'a qabeessi fudhatamuuf Doonaald Tiraampiifi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin wal arguu akka qaban ibsu.

    Walgahii ministeerota haajaa alaa NATO kibba Turkiitti gaggeessan booda, “Hanga Pirezidaanti Tiraamp fi Puutiin dhimma kana irratti kallattiin haasa’anitti jijjiirama tokkollee waan agarsiifnu natti hin fakkaatu” jedhan.

    Pireezidaantiin Yuuukireen Volodymiir Zelenskii marii Istaanbulitti gaggeeffamu irratti Yukireen jila akka ergitu mirkaneessaniiru, garuu qondaalota ''sadarkaa gadi aanaa'' Moskootiin ergamaan irratti qeeqa dhiyeessaniiru.

    Haa ta'u malee gargaaraan pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Mediinskii gareen Kiremlin ''dandeettii barbaachisaa hunda'' qaba jechuun cimsanii dubbataniiru.

    Tiraamp kan Baha Giddu Galeessaa daawwachaa jiran kaleessa hanga inniifi Puutiin qaamaan wal arganitti marii nagaa irratti bu'aa qabatamaa fiduunn rakkisaa ta'uu dubbataniiru.

    Mariin Istaanbul kun bara 2022 booda marii kallattiin Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifamu isa jalqabaati.

    Lolli Yukireen keessatti itti fufee kan jiru yoo ta’u, Raashiyaan humnoonni ishee naannoo baha Donetsk keessatti gandoota dabalataa lama Kamisa darbe qabachuu fi naannoo Yuukireen dhibbentaa 20 ta'u to'achuu ishee isaanii ibsiteetti.

  15. 'Koottu qaamaan wal haa arginu' jechuun Zeleniskiin, Putiniif dhaaman

    Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskiin haal-duree tokko malee mariif qophii taanaan ''koottu qaamaan wal haa arginu'' jechuun Putiniif dhaaman.

    Zeleniskiin marii ''gaarii'' ta'e gaggeessuu waan barbaanneef jila humna ittisaa keenyaan durfamu ergine jedhan.

    Dabalataan, Zeleniksiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra hin geenyu taanaan waraanni dhaabbatu hin jiraatu jedhan.

    Ibs amiidyaaleef Tarkiitti kennaniin, Raashiyaan fedha waraanicha dhaabuu hin qabdu jedhan.

    Biyyoonni guddataa jiranii fi michoonni Yuukireen Raashiyaan marii kana akka fudhattuuf dhiibbaa guddaa gochuu akka qabanis himan.

    Waraana kana xumuruuf qoqqobbiin adda addaa Raashiyaa irra kaa'uun akka waliigalticha fudhattu gochuun barbaachisaadha jedhan.

  16. Mariin Raashiyaa fi Yukireen karoorfame hanga ammatti hin jalqabne

    Guyyaa har'aa bakka bu’oonni Yukireen, Raashiyaa fi Ameerikaa irraa dhufan waraana Yukireen dhaabuu irratti mari’atu jedhamee eegamaa ture. Marichi erga bara 2022 booda marii fuula fuulatti taasifame isa jalqabaa ta'a.

    Garuu hanga ammaatti, hin jalqabne. Pirezidaantiin Yukireen Volodimyr Zeleniskii ammallee Ankaaraa keessa kan jiran yoo ta'u, pirezidaantiin Turkii Erdogaan waliin wal arganii jiru .

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu mirkaneessuuf "hanga anii fi Puutiin walitti dhufnutti wanti ta'u hin jiru" jechuu isaanii amma dhaga'ameera.

    Marii kana ilaalchisee karoorri itti aanu ykn guyyaan biraa taasifamu hin ibsamne.

    Turkii fi Yukireen marii 'sadarkaa olaanaa' taasisaniiru jedhan Zelenskiin .

    Zelenskiin kanaan dura Puutiin akka irratti hirmaatu waamicha dhiyeessee ture - yoo hogganaan Raashiyaa irratti hirmaate malee akka hin deemne ibsee ture.

    Putiin garuu marii kanarra hafuun jila sadarkaa gadaanaa ergee jedhamuun qeeqamaa jiru. Tiraamp ammoo yoo anii fi Putiin jiraanne malee wanti ta'u hin jiru jechuutti jiru. Maaltu itti aana? waanti ibsame hin jiru.

  17. Israa'el Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii akka bahan ajajje

    Israa'eel haala erga waraannii eegalee argamee hin beekamneen Filisxeemonni hedduun Gaazaa gadhiisanii akka bahaniif ajaja dabarsite.

    Raayyaan Ittisa Israa'el, magaalaa Gaazaa haleellaadhaan barbadaa'ee kan nageenyisaa hin mirkannoofne jechuun kan adda baase yoo ta'u, jiraattonni magaalicha keessa jiraatan ''haleellaa cimaa'' raawwatamuuf karoorfameen dura nageenyasaanitiif jecha naannicha gadhiisuun akka bahaniif itti himameera.

    Gamoowwan Israa'eliin adda baafaman keessaa gamoowwan Yunivarsitii Islaamummaa, Hospitaalli Al-Shiifaa fi manneen barnootaa duraanii sadii keessatti argamu.

    Israa'el Hamaas gamoowwan kanneen akka ''jidduugala ajajaa fi to'annootti'' itti fayyadamaa akka jiru eeruudhaan himatti.

    Aanga'oonni naannichaafi dhaabbileen gargaarsaa gamasaanitiin eddoowwan kanneen keessa namoota nagaa kumaatamaan lakkaa'amanitu dahatee jiraata jedhu.

    Namoonni eddoowwan kanneenii gadhiisisuuf yeroon akka barbaachisuu kan ibsan yoo ta'u, murteen kun namoota hedduurraan miidhaa qaqqabsiisuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

    Tarkaanfiin kun Israa'el Gaazaa keessatti duula waraanaa cimaa babal'isuuf akka jirtu mallattoo yaaddeessaadha.

    Ministirri Dhimma Alaa duraanii Israa'el, Ehuud Olmeert lammiilee Israa'eel maqaa gaarii kanneen yaada Gaazaa keessatti duula waraanaa babal'isuu morman muraasa keessatti argamu.

    Olmeert gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, ''Irra caalaan Israa'elootaa waan amma ta'aa jiru kana ni mormu. Ajajoonni waraanaa baayyeenis duula babal'isuu ni mormu, waraanichi amma akka dhaabbatu barbaadu'' jedhaniiru.

    Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irratti qeequmsa cimaa fi irra deddebiin kan dhiyeessan Olmeert, ilaalcha waraanni baatiiwwan 20f gaggeeffame dhiibbaa haamlee, diinagdee biyyattiifi ejjannoo idil-addunyaa irratti qabaatu irratti yaaddoo akka qaban kan agarsiisudha.

    Aanga'aan duraanii Israa'el kun, waraanichi dhiibbaa jiraattoota Gaazaa irraan gahe dubbachuun beekamu.

  18. TikTokarii beekamtuun 'Live' irra osoo jirtuu rasaasaan ajjeefamte

    Shamarreen Meksiikoo umuriin ishee waggaa 23 taate miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuun beekamtu tokko osoo TokTok irratti tamsaasa kallattiirra (Live) irra jirtuu rasaasni itti dhukaafamee ajjeefamuu abbaan alangaa kuta abulchiinsaa isheen keessa jiraattuu beeksise.

    Akka ibsa waajira abbaa alangaatti, shamarreen Maaleeriyaa Maarkeez kan ajjeefamte namni tokko gola miidhaginaa TikTookara tanaa erga seenee shugguxii itti dhukaaseen boodadha.

    Sababa ajjeechaan kun itti raawwatamerratti hanga ammaatti wanti beekamu bira gahamuu baatus ajjeechaa dubartii (femicide) keessatti makamee qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu abbaan alangaa ibseera.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuuf asiin seenuu dandeessu.

  19. Ministirri dhimma alaa UK Puutin jila 'sadarkaa gadaanaa' mariif erguusaaf qeeqan

    Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin marii NATO hirmaachuuf Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin Antaliyaatti argamu.

    Aanga'aan kun marii nagaa Yukireen har'a Istaanbul keessatti gaggeeffamuuf jiruuf jila "sadarkaa gadi aanaa" erguu isaatiif Vilaadmiir Puutin qeeqaniiru.

    "Yukireen cinaa dhaabbachuu fi nagaa fi haqa akka mirkanneessuuf ergaa tokkicha qabannee dhufna," jedhan Laamiin.

    "Pirezidant Zeleniskiin as Tarkii keessatti argamuun nagaa sanaaf qophii ta'uu kan mul'isudha."

    "Dhugaadha, namoota dhuunfaa sadarkaa gadi aanaa Raashiyaa bakka bu'uuf dhufan hubannee gara marii kanaatti yeroo deemnu itti dhiyeenyaan kan ilaallu ta'a."

  20. Dursaan waraana Maalii paartilee siyaasa biyyattii dhorkan

    Waraanni Maalii erga aangoo qabatee booda paartiileen mormituu irratti tarkaanfii fudhataa jiruun bulchiinsi waraana biyyattii paartiilee siyaasaa biyyattii keessa jiran hunda dhorkan.

    ''Walitti qabaan miseensoota paartiileen siyaasaa guutuu biyyattiitti argamaniifi dhaabbileen bifa siyaasaa qaban hundi sochiin ala'' akka ta'aniif ibsi waajjira pirezidantiin baafame TV mootummaatiin beeksifameera.

    Ibsichi dursaa waraanaa fonqolcha mootummaa Maaliitti bara 2020 fi 2021tti taasifameen aangoo kan qabatan, Asiimii Gooyitaan kan mallatteeffame yoo ta'u, dursaan waraanaa kun filannoon gaggeeffamee aangoo akka dabarsan waadaa seenanii ture.

    Haata'u malee, yoo xinnaate waggaa shanan itti aanuuf aangoorra ni turu jedhamee yaadama.

    Murteen garee waraanaa biyyattii kun paartiilee mormiitootaa biyyattiin akka gara sirna dimokiraasiitti seentuuf gaafachuun sochii taasisaa turan akka hir'isu eegama.

    Bara darbee irraa kaasee aanga'oonni mootummaa waraanaa sochiilee siyaasaa biyyattii keessatti gaggeeffamu irratti tarkaanfii fudhataa jiru.