Balaa abiddaa Los Anjalasiin lakkoofsi namoota du'anii 16 ga'e

Bubbee hamaan balaa abiddaa to'achuurratti hojjettoota balaa abiddaa akkaan danqeera, lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii ammoo 16 ga'e.

Guduunfaa

  • Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Hamaas Israa'eloota butee fudhate 34 dhukaasa dhabuurratti yoo waliigalame gadhiisu tarreesse
  • Raashiyaan gaazexessaan ishee diroonii Yukireeniin ajjeeffamuu himte
  • US bakkeewwan garagaraa sababii cabbii cimaatiin labsiin yeroo muddamaa labsame
  • Yukireen Kurisk keessatti haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwataa jirti
  • Cabbiin hamaa US rukkute
  • Magaalonni US cabbiin bu'ee 'daaraa uffatan'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qaro-dhabeessa waggaa digdamaa daqiiqaa digdama keessatti seenaan dukkanaa ifeef

    Kiftuu fi Dr Kumee

    Madda suuraa, SM Dr Kume

    Kifluu Caalaa jedhama. Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assabiitti dhalatee guddate. Maatiisaaf ilma hangafa yoo ta'u, obbolaan jaha of duubaa qaba.

    Daa'imummaa isaatti rakkoo fayyaa kan hin qabne yoo ta'u, kubbaa miilaa taphaachuu jaalata. Dhalatee ganna saddetiin booda garuu ijjisaa arguu hin dandeenye.

    "Dhalladhee waggaa saddetitti ijjikoo badee ture" kan jedhu Kifluun, kutaa tokkoo hanga kudha lamaa Mana Barumsaa Qaro-dhabeeyyii Sabbataatti barate. Yunivarsiitii Hawaasaatti ammoo ganna sadiif barnoota Soshoolojii [Sociology] hordofee ALI'tti bara 2013 eebbifame.

    Waa'ee seenaa wallaansa fayyaa ijaa Kifluu dukkana waggaa 20 keessaa ifatti baasee kana guutummaan dubbiisuudhaaf asiin galu dandeessu.

  2. Raashiyaan gaazexessaan ishee diroonii Yukireeniin ajjeeffamuu himte

    Raashiyaan gaazexessaanshee diroonii Yukireenii jalaa ajjeeffamu himte

    Madda suuraa, Izvestia/Telegram

    Gaazeexaan mootummaa Raashiyaa Izvestia'n rippoortarri isaa haleellaa Yukireeniin ajjeeffamu Raashiyaan beeksiifte.

    Gaazexessaan kun bulchiinsa bahaa Donetskii kan Raashiyaan to'attee jirtu keessattidha.

    Raashiyaan waraanni Yukireen gaazexessaa Alekseendar Maarteemyaanoov irratti xiyyeeffatee ajjeessee jechuun himatte.

    Yukireen haleellicha ilaalchisee hanga ammaatti yaadni kennite hin jiru.

    Konkolaataan siviilii rippoortara kana fe'ee jirurratti haleellaan diroonii raawwatamuu gaazeexaan Izvestia beeksiiseera.

    Haleellaa kanaan hojjattoonni midiyichaa biroo afuris ajjeeffamaniiru.

    ''Waraanni Yukireen konkolaataa siviilii gaazeexessaa Izvestia kan Aleeksaandar Maartamyaanoov fa'i fe'ee ture irratti haleellaa diroonii raawwattee jirti'' jechuun gaazexessichi Chaanaalii Telegraamiirratti gabaaseera.

    Yeroo haleellaa konkolaaticharratti taawwatametti, gaazexessaan kun waraana bulchiinsa Yukireen Raashiyaan to'atte kan biraa Horlivaskaa keessa ture gabaasee deebi'aa akka ture tajaajilli oduu mootummaa Raashiyaa Riiyaan gabaaseera.

    Gabaastoonni Riiyaa lamaafi gaazexeesitoonni madda oduu Biloknot Doneetisk jedhamuu lamas konkolaataa keessa kan turan yoo ta'u, isaaniis haleellichaan miidhaan irra gahuun wallaanamaa jiraachuun gabaafameera.

  3. Namni siyaasaa fi oggeessi diinagdee Bulchaa Dammaqsaa du'aan boqatan

    Obbo KUmaa Dammaqsaa

    Namni siyaasaa buleessi yeroo jalqabaatiif paarlaamaa Itoophiyaa keessatti Afaan Oromootiin dubbatan, Bulchaa Dammaqsaa, du'aan boqotan.

    Paartii mormituu Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) bakka bu'uun bara bulchiinsa ADWUI keessa Paarlaamaa Itoophiyaa keessatti qeeqaafi yaada bulchaataa dhiyeessuun kan yaadataman Obbbo Bulchaa Dammaqsaa du'aan boqochuusaanii Ministerri Muummee Abiy Ahimad beeksisaniiru.

    Obbo Bulchaan yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee Itti-aanaa Ministeera Maallaqaa, bara bulchiinsa Obbo Mallas Zeenaawwii ammoo miseensa paarlaamaa ta'uun tajaajilaniiru.

    Kana males, jaarmiyaalee idil-addunyaa gurguddoo keessas ogummaa isaaniin hojjechuun muuxannoo dheeraa kan qaban Obbo Bulchaan, guddina industirii baankii Itoophiyaa keessattis gahee guddaa hayyuu gumaachanidha.

    Dabalataan waa'ee seenaasaanii gabaabaa dubbiisuudhaaf karaa kanaan galuu dandeessu.

  4. US bakkeewwan garagaraa sababii cabbii cimaatiin labsiin yeroo muddamaa labsame

    Waashingitan cabbiin dhokatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Qarqarri Bahaa Ameerikaa amma cabbii uffatanii jiru.

    Gabaasaan BBC Ameerikaa Kaabaa Waashingitan DC irraa gabaase, Rowaan Birij, cabbiin ammallee hin jalqabne garuu haalli jiru halkan keessa "baay'ee, baay'ee hammaachaa jira" jedha.

    “Magaalonni gurguddoon biroo qarqara Baha Ameerikaatti argaman kanneen akka Baaltimoor irraa kan qarqara galaanaatti argamanii, sa’aatii 24 hanga 48 ittaanan ykn sanaa ol dhufan keessattis haalaan miidhamuu hin ooluu,” jechuun dabalataan himeera.

    Akkasumas, kutaalee akka Kaansas keessatti ammoo obomboleettii hamaan rukutuuf kan jiru yoo ta’u, rippoortarri keenya haalli achi jiru “hamaa” ta’uu dubbata.

    Jidduugala lixaa keessatti ammoo cabbii cimaa fi bubbee hamaan walitti makamuun haala bokkaa cimaa uumuu danda’a jedhameera.

    Waashingitan DC silaa boru sirna muudama pirezidaantii filatamaa mirkaneessuu raawwachuuf qophii xumurtee jirti.

    Qondaaltonni haala qilleensaa hamaa eegamu kamiyyuu osoo hin daaggeeffamiin sirnicha akka itti fufu dhaadatan.

  5. Qaro-dhabeessa waggaa digdamaa daqiiqaa digdama keessatti seenaan dukkanaa ifeef

    Kifluu fi Dr Kume

    Madda suuraa, Dr Kume

    Kifluu Caalaa jedhama. Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assabiitti dhalatee guddate. Maatiisaaf ilma hangafa yoo ta'u, obbolaan jaha of duubaa qaba.

    Daa'imummaa isaatti rakkoo fayyaa kan hin qabne yoo ta'u, kubbaa miilaa taphaachuu jaalata. Dhalatee ganna saddetiin booda garuu ijjisaa arguu hin dandeenye.

    "Dhalladhee waggaa saddetitti ijjikoo badee ture" kan jedhu Kifluun, kutaa tokkoo hanga kudha lamaa Mana Barumsaa Qaro-dhabeeyyii Sabbataatti barate. Yunivarsiitii Hawaasaatti ammoo ganna sadiif barnoota Soshoolojii [Sociology] hordofee ALI'tti bara 2013 eebbifame.

    ''Guutummaa barnootasaa kan hordofe b]Bireelii [meeshaa namoonni qaro-dhabeeyyii ittiin barreessaniifi dubbisaniidhaani. Mudannoon tokko garuu dukkana ganna digdamaa seenaa taasise.

    Odeessa kanarratti bal'inaan dubbiifachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  6. Yukireen Kurisk keessatti haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwataa jirti

    Yukireen haleellaa qolannaa raawwataa jirti

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen naannoo Kurisk jedhamu keessatti haleellaa qolannaa Raashiyaarratti raawwachuushee ministeerri ittisa Raashiyaa beeksise.

    Qondaaltonni Yukireen oppareshiniin taasifamaa akka jiru yaada dhiyeessan, Mooskoon ammoo haleellaa kana meeshaa waraanaa fi humna qilleensaatiin akka deebii kennite ibsiteetti.

    Humnoonni Yukireen baatii Hagayyaa keessa ture kan naannoo Kurisk seenuun eddoowwan muraasa kan qabatan. Humnoonni Raashiyaa ammoo guutummaatti ari'uu waan hin dandeenyeef bakkeewwan muraasaan duubatti dhiibanii ture.

    Prezdaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin, wabiiwwan nageenyaa waraanni kun akka xumuramu gochuun bu'a qabeessa kan ta'u yoo, Ameerikaan bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalatti isaaniif dhiyeessite qofaadha jedhan.

    Gaaffiifi deebii podcast Lex Fridman waliin taasisaniin, Zeleniskiin dhiibbaa pirezidaantii Ameerikaa dhufu faarsuun, Tiraamp yoo xiqqaate weerara Raashiyaa itti fufee jiru dhaabuuf humna akka qaban yaada dhiyeessan.

    Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti bal'inaan osoo hin ibsin garuu waraana kana saffisaan xumuruuf waadaa galanii ture.

    Zeleniskiin "Aniifi Tiraamp waliigalteerra ni geenya... wabii nageenyaa cimaa ni kennina, Awurooppaa waliin ta'uun, sana booda Raashiyaa waliin haasa'uu dandeenya" jedhan.

    Akka ministeerri ittisa Raashiyaa jedhutti, gareen haleellaa Yukireen kan taankii lama, konkolaataa injinariingii waraanaa tokkoo fi konkolaattota lolaa hidhannoo qaban (AFV) 12 of keessaa qabu guyyaa Dilbataa naannoo sa'aatii 09:00 (06:00 GMT) naannawa ganda Berdiinitti haleellaa raawwataniiru.

    Humnoonni Raashiyaa haleellaa deebisee raawwateen taankii lamaan, konkolaataa injinariingii waraanaa fi konkolaattota lolaa hidhannoo qaban torba barbadeessuu isaa ibseera. Lolli itti fufeeras jedheera.

    Viidiyoon qilleensarraan ifti dhukaasa meeshaa waraanaa baadiyyaa cabbiin uwwifame keessa dhukaafamu, konkolaatonni yoo haleelaman agarsiisuu, dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa Riyaan maxxanfameera.

    Haata'u malee, BBCn waraabbii viidiyoo kanas ta'e himannaawwan kanneen battalatti mirkanneeffachuu hin dandeenye.

  7. Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Kunoo tamsaasa kallattii kan guyyaa Wiixataa amma eegalleerra.

    Innis yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa kanaa asiin ni argattu.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii https://bbc.in/3PaWIJo, Facebook https://bbc.in/3PhNYRL akkasumasWhatsApp Chaanaalii https://bbc.in/41TfkFh keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa!

  8. US cabbiin bu'ee daaraa uffatte: Viidyoon daawwadhaa

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Snow blankets parts of New York and Nebraska
  9. Magaalonni US cabbiin bu'ee 'daaraa uffatan'

    US keessatti cabbiin cimaan bu'uu hordofee balaliin xiyyaaraa hedduun harkifatan ykn haqaniiru. Magaalaa guddoo biyyattii Waashingiten keessatti ammoo labsiin yeroo muddamaa labsameera.

    Suuraan daawwadhaa

    Cabbii haramaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Daandii cabbii uffate

    Madda suuraa, Getty Images

    Maatii cabbii keessa deemaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataa cabbii haru

    Madda suuraa, Reuters

  10. US'tti sababa cabbii hamaatiif balaliin xiyyaaraa hedduun haqame

    Cabbii

    Madda suuraa, AP

    Ameerikaatti cabbaan baayyee cimaa ta'e bu'uu isaatiin sagantaawwan balalii xiyyaaraa hedduun haqamaniiru.

    Cabbiin kn kan bu'e haala qilleensaa hamaa Storm Blair jedhamu biyyattiitti mudachuu hordofee yoo ta'u, hanga ammaatti sababa cabbii kanaatiin balaliin xiyyaaraa 3,300 ol boodatti harkifatani, 1,700 ol kan ta'an ammoo haqamaniiru.

  11. Cabbiin US rukkute

    Cabbii Ustti bu'e

    Madda suuraa, Reuters

    Yunaayitid Isteet keessatti waqtii gannaa kanatti cabbiin baayyee hamaa ta’e bu’ee, haalli qilleensaa wagga kudhan keessatti baayyee qorraa ta’e lammilee Ameerikaa qoraa jira.

    Cabbiin bu’uu hordofee magaalaa guddoo US Waashingiten keessatti labsiin yeroo muddamaa kan labsame yoo ta’u, sagantaawwan balalii xiyyaaraa kumaan lakkaa’aman boodatti harkifataniiru ykn haqamaniiru.

  12. Akkam jirtu? Toora tamsaasa kallattii haaraa jalqabneerra.

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isiniif dhiyeessinu haaraa jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!