Namni siyaasaa gameessi, Obbo Bulchaa Dammaqsaa, du'aan boqatan

Obbo Bulchaa Dammaqasaa fi MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Abiy

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Bulchaa Dammaqasaa fi MM Abiy Ahimad
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Namni siyaasaa buleessi yeroo jalqabaatiif paarlaamaa Itoophiyaa keessatti Afaan Oromootiin dubbatan, Bulchaa Dammaqsaa, du'aan boqotan.

Paartii mormituu bakka bu'uun bara bulchiinsa ADWUI keessa Paarlaamaa Itoophiyaa keessatti qeeqaafi yaada bulchaataa dhiyeessuun kan yaadataman Obbbo Bulchaa Dammaqsaa du'aan boqochuusaanii Ministerri Muummee Abiy Ahimad beeksisaniiru.

Obbo Bulchaan yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee Itti-aanaa Ministeera Maallaqaa, bara bulchiinsa Obbo Mallas Zeenaawwii ammoo miseensa paarlaamaa ta'uun tajaajilaniiru.

Kana males, jaarmiyaalee idil-addunyaa gurguddoo keessas ogummaa isaaniin hojjechuun muuxannoo dheeraa kan qaban Obbo Bulchaan, guddina industirii baankii Itoophiyaa keessattis gahee guddaa hayyuu gumaachanidha.

Hayyuu diinagdee beekamaa kan ta'an Obbo Bulchaa Dammaqsaa erga bara Hayilasillaaseetii kaasee buleeyyii Oromoo siyaasa Itoophiyaa haalaan hubatan keessa tokko turan.

Siyaasicha alaa taajjabu qofa osoo hin taane keessatti hirmaachaas turaniiru. Haala siyaasaa biyyattii ilaalchisees yaada yeroo garaa garaa waltajjiiwwan irratti ibsaniin alattis kitaaboota illeen barreessuun seenaa beekan dhaloota dhuufuuf akka darbu taasisaa jiru.

Kitaaba amma dura afaanota Ingilizii fi Amaaraatiin barreessanii turan bara 2019tti ammoo irra deebiin Afaan Oromootiinis maxxansanii ture.

Seenaa jireenyaa gabaabaa hayyuu kanaa ilaalchisuun BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisanii turan akkasiin irra deebiin isiniif dhiyeessineerra.

Obbo Bulchaa Dammaqsaa
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Bulchaa Dammaqsaa

Obbo Bulchaan eenyu turan?

Maqaankoo Bulchaa Dammaqsaan jedhama. Yunvarsiitii biyya Ameerikaa keessa jiruufi Sirekiyuuz Yunvarsiitiidhaa eebbifameen gara Itoophiyaa dhufee Ministeera maallaqaa keessattin qacarame.

Kunis bara mootummaa Hayilasillaasee ta'usaati. Yeroosanattis gara waggaa 10 itti aanaa ministiraa ta'een hojjedhe.

Sana booda gara biyya alaattiin deebi'ee deeme. Sanii asitti baayyee Itoophiyaa keessa hin hojjenne. Erga ADWUI aangoo qabateen deebii'ee dhufee marsaa tokkoof paarlaamaa seeneen ture. Isaan alatti biyya kanatti hojii mootummaa hin hojjenne.

Waa'ee Paarlaamaa Itoophiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paarlaamaan Itoophiyaa ilaalumaafiin seene malee dhugaatti paarlaamaa dhugaa hin jedhamu ture. Maalifi yoo jette akka biyya biraatti, ummanni adda addaa akka lakkoofsa isaaniitti kan filataman hinturre.

Fakkeenyaaf ani Wallaggarraan filatame. Osoo dhugaa ta'ee aanaan ani irraa dhuferraa namni sadii bakka bu'uu qaba ture. Ani garuu aanaa Guddaa keessaan filatamee dhufe ture. Eenyu eessaa akka filatamu ammoo warri ADWUI murteessaniiru. Kanaaf yaannikoo ummata nafilateef afaan ta'ee dubbachuu, abjuu duwwaa ta'ee hafe.

Maaliifi yoo jette, ani waa'ee rakkina Itoophiyaan dubbachu barbaada ture. Oboo Mallas immoo waa'ee biyya xinnoo bakka irraa filatamee dhufee sanaa qofa akkan dubbadhu barbaada ture.

Ani lammii biyyattii ergan ta'eetti, paarlaamaa keessatti waa'ee Itoophiyaa guutuun dubbadha malee waa'ee iddoo xinnoo ani irraa filatame, Boojii Dirmajjii fi Laaloo Asaabii qofaadha kanin dubbachuu qabu?

Fakkeenyaas, wayitan ani maaliif biyya Somaaliyaa waraanuuf deemta jedhee gaafadhu, 'maaltu sigalche kana keessa' naan jedha. Kanaaf egaa kanan akka paarlaamaa biyya biraa miti kan keenya jedheef. Akka isaan yaadanitti paarlaamaan kanuma isaanii duwwaa ture.

Isaanis kan nuuf dubbatu fi nuuf filatu isaan qofa ta'u waan yaadaniif, kanaan ala namni dubbatu isaanii diina. Kanaaf yeroo sana paarlaamaatu jira malee dimokiraasii wanti jedhamu hinturre.

Paarlaamaan abbaa barbaadan filachiisanii waan isaan barbaadan qofa akka dubbatamu barbaadu.

Animmoo waan isaan barbaadan duwwaa hin dubbadhu, waan Itoophiyaaf barbaachisu malee. Rakkoo dinagdee biyyattii, dhimma al-ergiifi qonnaa akkasumas dhimma mana barumsaa babal'isuun dubbachaa ture.

Boodarra mana barumsaa baayisaniiru; kanaafis galateefachuun gaariidha.

Waliigalatti garuu mootummaan suni mootummaa biyya guddisu miti, mootummaa biyya xinneessuudha malee.

Paarlaamaa fi Afaan Oromoo dubbachuu

Paarlaamaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ani gaafan filatamee paarlaamaa seenu Afaan Oromootiinan dubbadha jedheen ummatattis hime. Akkuman jedhetti dubbachuu jalqabeen ta'uu dide. Warri achi keessatti afaan hiikan waanin ani afaan Oromootiin dubbadhu afaan Amaariffaatti hiikuu dadhaban.

Ajajni kennameef osoo hintaane teeknikaaliima dadhaban. Kanaaf warri achi keessatti hojjatan 'maaloo Obbo Bulchaa Afaan Oromoo dubbattan nutimmoo hiiku dadhabne maaloo nu dhiisaa,' jedhanii na kadhatan.

Kanaafuu, ergan waaniin dubbadhu hin hubatamu ta'ee maaliifan dubbadharee jedheetiin, Afaan Oromootin dubbachuu hir'isaa deeme.

Sababiin ani Afaan Oromootiin dubbachuu itti barbaadeefis, Oromoon yoo afaan isaatiin hin dubbatamu ta'e waan mootummaarraa dhufu sirnii hin hubatu. Oduu namarraa dhagaha jechuudha.

Biyya biraatti ummanni waan mootummaan jedhu afaanuma ofiitiin dhagahee hubata. Biyya kanatti garuu kuni hin taane. Afaan keenyaa fi afaan isaanii tokko miti. Baayyinaan osoo hunda caalluu, kun ta'uun sirrii miti.

Jijjiirama siyaasaa dhuferratti maal jettu?

Jijjiiramni kuni hammanatti ni dhufa jedhee hin yaanne ture. Maalifi yoo jette mootummaan amma duraa suni ganaa waggoota 25 oliifaa ni turu jedheen yaadaa ture garaakootti. Malee Waaqayyo hammanatti ibsaa nuuf baasa jedhee hin yaanne ture. Ergan biyya kana dhufee waan haaraa baayyeen arge.

Tokkosaas isan amma Afaan kiyyaan BBC'tti dubbachaa jiru. Ammaan dura carraa akkanaa hin qabnu ture. Ani waggaa 20 dura BBC'f si'a lama xalayaa barreessuun' akka ummanni Oromoo lakkoofsaan guddaa, afaan keenyaan miidiyaa akka eegalaniif' gaafadheen ture. Xalayaan ani barreesseef suni tarii galmee isaanii keessaa argamuu mala.

Amma kunoo BBC'n Afaan keenyaan hojii jalqabeera, kanaaf baayyeen galateefadha. Waaqayyo nugargaaraa jira. Garuu Ammayyuu taanaan Afaan Oromoo Afaan Itoophiyaa ta'ee hin dubbatamne. Miidiyaan biyya kanaas afaan Oromootiin baayyinaan hojjechaa hin jiran kuni fooyya'uu qaba.

Ammayyuu afaan keenya afaan biyya kanaa ta'uu qaba. Kuni nan gammachiisne. Dr Abiyyis kanaratti hojjechuu qabu. Wanti maddii maddii jedhan, akka qusachuu fi dhoowwachuu ni mul'ata. Nutimmoo haa bal'atu, Oromoon biyyasaa keessatti afaansaatiin waan hunda haa dhagahu jenna.

Oromoon Amaariiffa qofa miti kan dhagahuu qabu, afaan Oromootiin gurrasaatiin dhagahuuf mirga qaba.

Itoophiyummaa fi Oromummaa akkamitti ilaaltu?

Oromoodhaan alatti Itoophiyaan hin jiru. Kana qofa miti Amaarris, guraageenis saboonni biroos Itoophiyaaf ni barbaachisu. Ani yaada Oromoo Guddisee Itoophiyaammoo xiqqeessuu hin qabu. Oromoon akka baay'inaa fi bal'ina isaatti yoo ilaalle, Itoophiyaadhaaf mucaa hangafaati.

Waan Oromoon biyya kanaaf gumaachu gama qonnaa, nama barateen fi waan hundumaan yoo ilaalle, biyyuma Oromootii dhufa. Kan Finfinnee sooraa jiru Oromoodha, Finfinnee duwwaas miti biyya biraatiifuu ni taha Oromoon. Kuni waan xiqqoo miti waan guddaadha.

Ummanni kana biyyaaf godhu gadi qabamee ilaalamuu hin qabu. Akka mucaa hangafaatti ilaalamuu qaba malee. Magaala Finfinnee kanatti miidiyaan garri caalu Afaanuma amaariffaa qofaan hojjetu; kan afaan Oromoo baayyee xiqqaadha.

Erga lakkoofsaan caallee, dinagdeenis guddaa taanee jirruu maaf gadi qabamnan jedha ammas.

Oromoon akka durii gadi qabamuun, tuffatamuun amma tasuma hin danda'amu. Waliigalatti, jijjiramani amma dhufe kuni abdachiisaadha. Garuu mootummaa kana humnaa oldhiibuu hin qabnu.

Mootummichi ofumaaf waan ta'uu malu dafee yoo raawwate malee nutis karuma hundaan dhiibbaa itti baay'isnee kufuu dandaha.

Kufaatiinsaa ammoo numiidha malee nun hinfayyadu. Amma abdii malee waan arganne hin qabnu. Waggaa torba saddeet guutuu abdii qofa taanaan garuu ummanni nuffee aaree lola kaasa.

Paartii jalqaba hundeessan

'Sochiin Dimokiraasummaa Federalistii Oromo' kaayyoonsa waan Oromoon dhabe hunda argachiisuuf ture kan hundeessine. Yeroos Oromoon hundi balbala cufateetuma taa'aa ture. Kanaaf nutis 'Oromoon jira!' jechuun agarsiisuuf yeroos kan kaane.

Ammas warri akka Pirofeesar Mararaa, obbo Baqqalaa fi obbo Mulaatuu Gammachuufaa itti cimsaatuma jiru.

Waa'ee baankii dhuunfaa jalqabaa hundeessuu

Gamoo Baankii Awaash

Madda suuraa, AWASH BANK

Ani biyya Ameerikaa fi UN keessan hojjechaa ture. Umriinkoo 60 keessa yeroo ta'un gara biyyaatti deebiinaan biyya kana baankii mootummaa malee kan dhuunfaa hin jiru.

Bakka baankiin dhuunfaa hin jirreetti qonnaan bulaan Oromoo, daldalaan Oromoo eenyurraa liqeeffata? Mootummaan ammo abbaa barbaaduuf qofa kenna.

Kanaaf baankiin dhuunfaa dhaabbachuu qaba jedheen hiriyootakoo waliin Baankii Awaash hundeesse.

Baankiin Awaashis yeroosuma baayyee guddate. Maqaan kiyya 'Bulchaa' ta'uu qofa dhagahanii 'baankii Oromoo, baankii Oromoo' jechaa turan. Nuti garuu baankii Awaash jenne malee baankii Oromoo hin jenne.

Har'a baankiin Awaash baankilee hunda caalee argamaa jira. Baankii kana hundeessuu koottis baayyeen ofitti boona, ittan gammadas.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook gubbaa hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.