Yukireen naannoo Kurisk jedhamu keessatti haleellaa qolannaa Raashiyaarratti raawwachuushee ministeerri ittisa Raashiyaa beeksise.
Qondaaltonni Yukireen oppareshiniin taasifamaa akka jiru yaada dhiyeessan, Mooskoon ammoo haleellaa kana meeshaa waraanaa fi humna qilleensaatiin akka deebii kennite ibsiteetti.
Humnoonni Yukireen baatii Hagayyaa keessa ture kan naannoo Kurisk seenuun eddoowwan muraasa kan qabatan. Humnoonni Raashiyaa ammoo guutummaatti ari'uu waan hin dandeenyeef bakkeewwan muraasaan duubatti dhiibanii ture.
Prezdaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin, wabiiwwan nageenyaa waraanni kun akka xumuramu gochuun bu'a qabeessa kan ta'u yoo, Ameerikaan bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalatti isaaniif dhiyeessite qofaadha jedhan.
Gaaffiifi deebii podcast Lex Fridman waliin taasisaniin, Zeleniskiin dhiibbaa pirezidaantii Ameerikaa dhufu faarsuun, Tiraamp yoo xiqqaate weerara Raashiyaa itti fufee jiru dhaabuuf humna akka qaban yaada dhiyeessan.
Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti bal'inaan osoo hin ibsin garuu waraana kana saffisaan xumuruuf waadaa galanii ture.
Zeleniskiin "Aniifi Tiraamp waliigalteerra ni geenya... wabii nageenyaa cimaa ni kennina, Awurooppaa waliin ta'uun, sana booda Raashiyaa waliin haasa'uu dandeenya" jedhan.
Akka ministeerri ittisa Raashiyaa jedhutti, gareen haleellaa Yukireen kan taankii lama, konkolaataa injinariingii waraanaa tokkoo fi konkolaattota lolaa hidhannoo qaban (AFV) 12 of keessaa qabu guyyaa Dilbataa naannoo sa'aatii 09:00 (06:00 GMT) naannawa ganda Berdiinitti haleellaa raawwataniiru.
Humnoonni Raashiyaa haleellaa deebisee raawwateen taankii lamaan, konkolaataa injinariingii waraanaa fi konkolaattota lolaa hidhannoo qaban torba barbadeessuu isaa ibseera. Lolli itti fufeeras jedheera.
Viidiyoon qilleensarraan ifti dhukaasa meeshaa waraanaa baadiyyaa cabbiin uwwifame keessa dhukaafamu, konkolaatonni yoo haleelaman agarsiisuu, dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa Riyaan maxxanfameera.
Haata'u malee, BBCn waraabbii viidiyoo kanas ta'e himannaawwan kanneen battalatti mirkanneeffachuu hin dandeenye.