Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Balaa abiddaa Los Anjalasiin lakkoofsi namoota du'anii 16 ga'e

Bubbee hamaan balaa abiddaa to'achuurratti hojjettoota balaa abiddaa akkaan danqeera, lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii ammoo 16 ga'e.

Guduunfaa

  • Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Hamaas Israa'eloota butee fudhate 34 dhukaasa dhabuurratti yoo waliigalame gadhiisu tarreesse
  • Raashiyaan gaazexessaan ishee diroonii Yukireeniin ajjeeffamuu himte
  • US bakkeewwan garagaraa sababii cabbii cimaatiin labsiin yeroo muddamaa labsame
  • Yukireen Kurisk keessatti haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwataa jirti
  • Cabbiin hamaa US rukkute
  • Magaalonni US cabbiin bu'ee 'daaraa uffatan'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaggeessan Burkiinaa Faasoo shgguxiin mundhiirraa hin buune hidhannodhumasaa waliin Gaanaa deemun dubbii kaase

    Ibraahim Tiraawuree gaggeessaa Burkiinaa Faasoo yoo ta'u, yeroo hunda huccuu waraanaa uffatee mul'ata. Shugguxiinis mudhiisaarraa hin dhabamtu.

    Sirna muudama pirezidaantii Gaanaa Joon Mahaamaa Kibxata darbe gaggeeffame irratti akka argamuuf affeeramee, Ibraahim Tiraawureen huccuu waraanaa uffatee, shugguxiisaa hidhatee deeme.

    Kuni ammoo pirotokoolii nageenyaa kan cabseedha jechuun kan komii kaasan jiru. Kaan ammoo humna nageenyaa Gaanaa irraa amantaa waan dhabeef akkuma shukkuguxiisaa hidhatetti sirna muudama pirezidaantii Gaanaa irratti argame jedhu.

    Ibraahim Tiraawuree hidhaannoo qabatee Gaanaa akka seenu mootummaa Gaanaa irraa hayyama argachuufi dhiisuu waanti adda bahe hin jiru.

    Tiraawureen gaggeessitoota biyyoota 17 sirna muudama pirezidaantii Gaanaa irratti argaman keessaa tokkoodha.

    Xinxaalaa nageenyaa kan ta'e Vilaadmir Antwi Danso akka jedhutti gaggeessitoonni biyyaa hidhannoo qabatanii biyya biraa deemun waan baratamaa miti. Adeemsa pirotokoolii nageenyas kan faalleessuudha.

  2. Ajajaan waraanaa Libaanos pireezidantii biyyattii tahuun filaman

    Paarlaamaan Libaanos ajajaa waraaanaa pirezidantii biyyattii godhee filachuun teessoo aangoo waggaa lamaa oliif qullaa ture raawwii itti tolcheera

    Kaadhimamtummaan Jooseef Awoon paartilee siyaasaa danuu fi biyyoota alaa kan akka Ameerikaa, Firaans akkasumas Saa'udii Arabiyaan deeggaramaa ture.

    Garee mormiituu milishaa Hezboollaan deeggaramu Roobii darbe gadhiisuun koomaandarichaaf deeggarsa agarsiiseera.

    Pirezidantummaan kun aangoo kabajaa yoo tahu, sirna qoodinsa aangoo keessatti garee warra Kiristaanaaf kennama.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin galuu dandeessu.

  3. Suuraaleen miidhaa ibiddi Loos Anjalas mul'isu

    Yoo xiqqaate ibiddi bosona adda addaa shan ammallee naannoo kaaba dhiha Loos Anjeeleesitti boba'aa kan jiru yoo ta’u, inni haaraan ammoo tulluuwwan beekamaa Hooliwuud kan marseedha.

    Namoonni shan du'uunsaanii mirkanaa'eera, seenaa Loos Anjalas keessatti ibidda bosona baay'ee cimaa ta'e kanaan namoonni 130,000 ol baqataniiru.

    Hogganaan balaa ibiddaa Kaalifoorniyaa Deeviid Akunaa, sababa qilleensa cimaa fi haala gogiinsaatiin wal qabatee ibidda kana to'achuu irratti ''fooyya'insa zeeroo'' ta'e akka jiru dubbatan.

    Namoonni ibidda dhaamsan ibidda jalqaba Kibxata darbe ka’e to’achuuf hojiisaanii itti fufanii bakkuma jiranitti, suuraalee guutuu magaalattii keessaa kaafaman hanga badii qaqabee hanga tokko kan agarsiisuu muraasa kunooti.

  4. Lammiin Siwiizarlaand basaasaan shakkkamuun hidhame mana hidhaa Iraan keessatti du'e

    Lammiin Siwiizarlaand Iraan keessatti to'atamuun basaasaan himatame tokko mana hidhaa keessatti du'uusaa miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasan.

    Namichi kunis hidhamaa gara biraa waliin mana hidhaa baha magaalaa Semnaan keessatti bakka hidhamee jiruuttiidha kan Kamisa har'a ''of ajjeese'' jechuun Dhaabbanni Oduu Tasnim Iraan kan beeksise.

    Dhaabbanni Oduu Miizaan qaamolee haqaatiin geggeeffamu akka jedhetti, qondaaltonni mana hidhaa battalumatti lubbuu lammii Siwiizarlaand kanaa baraaruuf tarkaanfii fudhatanis, tattaaffiin isaanii garuu hin milkoofne.

    Miizaan waa'ee eenyummaa nama kanaa gadi fageenyaan hin dubbanne.

    ''Har'a ganama lammiin Siwiizarlaand tokko mana hidhaa Semnaan keessatti of ajjeese,'' jedha ibsi abbaa murtii olaanaa Semnaan Mohammad Sadegh Akbaari'f kennamuun marsariitii Mizaan irratti ba'e.

    Ibsichi itti dabaluudhaan, ''basaasaan shakkamuun humnoota nageenyaa Iraan to'annoo jala oolfamuun dhimmisaa qorannoo jala ture'' jedheera.

    Waggoota dhiyoo asitti, Eegdonni Warraaqsaa Iraan lammiilee lammuubbaa biyya biraa qabaniif kanneen lammiilee biyya alaa ta’an hedduu to’annaa jala oolchaniiru. Irra caalaan isaaniis himannaa basaasaa fi nageenya waliin walqabateen himataman.

    Siwiizarlaand dantaa Ameerikaan Iraan keessatti qabdu bakka bu’uu fi biyyoota lamaan gidduutti ergaa qoodduudhaan Waashingitan fi Tehraan gidduutti gahee jaarsummaa guddaa taphatti.

  5. Loos Anjalasiif guyyaa gaddaati jedhan dura teessuun kaawuntii

    Dura teessuun Boordii To'attoota Kaawuntii Loos Anjalas, Kaatriin Baarger balaa ibiddaa mudate ilaalchisuun yeroo jalqabaatiif haasaa taasisan.

    Har'ii US keessatti du'a prezidantii duraanii Jiimii Kaartan kan sirni awwaalcha isaanii Waashingitan DCtti raawwatamaa jiruuf guyyaa gaddaa ta'uun kan murtaa'e yoo ta'u, amma warra LoosAnjalas keessatti lubbuu fi qabeenya dhabaniif guyyaa gaddaa ta'uu dubbatti.

    Baarger itti fuftee, ibidda bosonaa itti fufee jiruun "dambalii ni garagalaa jira" jettee abdii akka qabdu himte.

    Cophi qilleensaa fi xiyyaarrii qilleensarraa ibidda dhaamsu deebi'uu dubbachuun, kunis "mallattoo simatamaa" jetteetti.

    Magaalaan Loos Anjalasii fi Kaawuntiin harka wal qabatanii qabeenyaa barbaachisu hunda dhiyeessuun cimanii hojjechaa jiru jette.

    Namoota baqatanii fi kanneen firoonnisaanii jalaa miidhameef dahoon dabalataa banameeera. Akkasumas arjummaa taasifamaa jirus ni faarsite.

    Akkasumas Baarger waa'ee saamicha manneen keessaa baqatame irratti raawwatamu kaasuudhan, gochaan akkasii kunis osoo kunis osoo ibiddi boba'aa jiruu kan raawwatamaa jiradha jetti.

    "Kun gonkumaa fudhatama hin qabu, waadaan siniif gala, ni gaafatamu" jetti.

    "Warreen yeroo rakkoo kanatti jiraattota keenya adamsaa jiraniif salphina," jechuun, itti dabaluudhaanis hanga ammaattis namoonni 20 to'annoo jala oolfamusaanii himteetti.

  6. Jiraattonni Loos Anjalas gara 180,000 ta'an ajaja baqachuu jalatti  argamu- qondaaltota

    Waajjirri Bulchiinsa Balaa Tasaa Kaawuntii Loos Anjalas akka jedheetti, jiraattonni Kaawuntii Loos Anjalas gara 179,700 ta’an amma ajaja baqachuu jala kan jiran yoo ta'u, kanneen gara 200,000 ta'an ammoo hanga Kamisa ganamaatti akeekkachiisa baqachuu itti himameera.

    Lakkoofsi dhuma kanarra naanna'aa ture akka agarsiisutti, namoonni naanawa kuma 130 ta'an akka baqatan ajajamamiiru. Kunis lakkoofsa dabale guddaadha.

    Ibiddi bosonaa kaawuniticha keessatti ka'es tilmaamaan iskuweer maayilii 45 (iskuweer kiiloo meetira 117) kan uwwise yoo ta'u, namoonni shan sababiidhuma ibidda kanaatiin du'aniiru jedhu qondaaltonni.

    Gama biraatiin ammoo gamoowwan 1,300 ol ta’an hanga ammaatti kan gubatan yoo ta’u, naannoo namoonni baay’inaan jiraatanitti caasaaleen ijaarsaa 60,000 ol balaadhaaf saaxilamaniiru.

  7. Balaan abiddaa manneen barnootaa cufsiise, manneen kuma 300 caalanirraa ibsaa kute

    ''Balaa akkanaa argee hin beeku,'' jedhe dursaan hojjettoota balaa abiddaa Los Anjalas.

    Bubbee hamaa amma mudatee jirurraa kan ka'e balaa abiddaa magaalattii weerare dhaamsuun akka isaan qoraa jiru ibse qondaalli balaa abidaa kun.

    Adam Vabgerpen haala amma mudatee jiru kun ''waggaa 25 keessatti waanan argee hin beeknedha,'' jedhe.

    Balaan kun manneen barnootaa hedduu cufsiiseera. Manneen barnootaa 15 ammallee cufamanii turu jedhe waajjirri barnootaa Los Anjalas.

    Balaa abiddaa kanaan manneen fi gamoowwan (ijaarsonni) kuma 300 caalan ibsaa malee hafaniiru.

    Gamoowwan ibsaan irraa cite kunneen hedduunsaanii giddugala daldalaa fa'i.

  8. Tiraamp abiddi Kaalifoorniyaa to'atamuu dhabuutti aanga'oota Dimokiraatotaa qeeqe

    Pirezidantiin US kakuu seenee hojii eegaluuf jedhu Doonaald Tiraamp Los Anjalas balaa abiddaa ishee weerareen barbadoofteetti jedhe.

    Miidiyaasaa Truth jedhamurratti Pirezidantii yeroon aangoosaa xumuramaa jiru Joo Baayidan, bulchaa Kaalifoorniyaa fi kantiibaa Los Anjalas guddisee qeeqe.

    Aanga'oonni kunneen hunduu miseensota paartii Dimokiraat. Balaa abiddaa kana to'achuuf hojiin isaan hojjetan akkaan gadi bu'aadha jedheen Tiraamp.

    Balaan abiddaa kun erga eegalee guyyaa sadaffaasaa ta'uu kan eere Tiraamp tokkollee hin to'atamne jechuun kun qaanii guddaa ta'uu ibse.

    ''US keessatti kufaatii akkasii namu argee hin beeku.''

    Sababa kanatti imala gara Firaansi kan haqe Baayidan ''balaa kana to'achuuf waan danda'an hunda akka hojjetan,'' Roobii kaleessaa ibseera.

  9. Namicha buufata xiyyaaraatti buqqee mataa naachaa waliin qabame

    Angawooti Hindii buufata xiyyaaraa Deelhiitti shaanxaa lammii Kanaadaa keessaa buqqee mataa naachaa qabannee jedhan.

    Lammiin Kanaadaa ganna 32 Wiixata darbe gara Kanaadaatti deebi'uuf yeroo buufata xiyyaaraatti argame ture jalqaba sakatta'amuuf kan dhaabsifame.

    ''Yeroo sakatta'amus buqqee mataa naachaa ilkaan qaraa qabu, kan mangaagaa naacha daa'imaa fakkaatuufi giraama 777 ulfaatu huccuu halluu diimadii qabuun maramee argame,'' jedhan aangawooti Deelihii ibsa Kamisa baasaniin.

    Kanaan booda namni kuni to'annoo jala kan oole yoo tahu buqqeen mataa naachichaa Waajira Bosonaafi Bineensotaatti deebifameera.

    Aangawooti biyyattii namni buqqee mataa naachaa qabatee argame seera eegumsa bineensota bosonaa sarba jedhan.

    Lammiin Kanaadaa kuni eeyyama miyoota bineensota bosonaa qabachuuf isa dandeessisu hin qabu tures jedhaniiru aanga'aan Waajira Bosonaafi Bineensotaa Raajeesh Taandoon.

    Namichi garuu buqqee naachaa kana hin adamsinee, hin ajjeesnes jechuun miidiyaa Hindiittii himeera.

  10. 'Guyyaa dhalli namaa lafarraa badu waan ga'e fakkaata'- jiraattota Los Anjalas

    Haalli balaan abiddaa itti babal'ataa jiru jiraattota Los Anjalasitti yaaddoo guddaa ta'eera.

    Jiraataan magaalaa kanaa waan naannawa manasaatti mudataa jiru wayita ibsu, ''Burjaajii, wareeruu... miira akkasiitu jira. Guyyaa hammeenyi fi gaarummaan walitti bu'an, guyyaa dhalli namaa lafarraa badu waan ga'e fakkaata,'' jedhe.

    Isaan haala kanaan Armageddon jedhanii ibsan.

    Namoonni Pasedena keessaa akka ba'an akeekkachiisi darbus Teyilar Biriij fi jaalalleensaa garuu qe'eesaanii turuu filatan.

    Balaan kun jalqaba bubbee hamaa sa'atii tokkotti hanga kiilomeetira 137 fiiguun eegale jedha. Damee mukeenii caccabsee manneen fi konkolaatota irratti kukuffisuun eegale.

    ''Duuba abiddi eegale,'' jedhe. ''Haala kana keessatti balaa abiddaa kana dhaabsisuun hin danda'amne. Bubbee hamaan kun abidda akka saffisaan babal'atu taasise.''

    ''Labooba abiddaa fi daaraatu samiirraa rooba. Yoo ala baate daaraan fuulakee, ijakee, afaan kee keessa guuta. Harganuun ulfaataadha, baayyee si qufaasisa,'' jechuun balaan abiddaa kun jireenya yaaddessaa gochuu ibsa.

    Ammoo akka jiraataan kun jedhutti wanti baayyee nama yaaddessu, akkuma abidda kanatti dhiyaataniin baayyee dukkanaa'aa deema.

    ''Ni guraacha'a. Baayyee dukkanaa'a. Halkan darbefaa uummata Pasadena'f guuyyaa rifannaa fi sodaa ture,'' jedhe jiraataan kun.

  11. Itoophiyaatti daballiin gatii boba'aa jireenya nama dhuunfaa akkamiin huba?

  12. Balaa abiddaa Los Anjalas akkaan babal'ataa jiru irratti qabxiiwwan ijoo

    Naannawa magaalaa Los Anjalas balaan abiddaa kallattiiwwan gurguddoo shanirraa hammaataa jira.

    Palisades: Balaa abiddaa jalqaba Kibxata mudatee fi isa guddaadha. Lafa iskuweer kiilomeetirii 70 ta'u uwwiseera.

    Eaton: Balaan ibiddaa kun kaaba Los Anjalas irraan kan hammaatee jirudha. Laboobni isaa magaalaa Altadenattis babal'ateera. Balaan kun guddinaan lammaffaarra jira. Lafa iskuweer kiilomeetirii 43 ta'u haguugee jira.

    Hurst: Balaan kun ammoo Kaaba Sand Fernando irraa ka'a. Kibxata galgala eegale, lafa iskuweer kiilomeetirii 3.4 qabatee gubaa jira.

    Lidia: Roobii waaree booda gaarreen kaaba Los Anjalas irratti qabatee achirraa babal'ataa jira. Lafa iskuweer kiilomeetirii 1.4 qabateera. Dhibbeentaa 40 kan ta'u to'ateemra jedhu qondaalonni naanna sanaa.

    Sunset: Roobii halkan keessa naannawa Tulluuwan Holiiwuuditti qabate. Sa'atii tokkoo gaditti lafa iskuweer kiilomeetirii 0.08 waliin ga'e. Amma lafa iskuweer killomtirii walakkaa ta'u waliin ga'eera.

    Abiddi Woodley fi Olivas amma to'atamee akka jiru aanga'oonni balaa abiddaa naannawa sanaa ibsaniiru.

    Kallattiiwwan shanan gubbaatti ibsamaniin garuu ammallee abiddi cimee itti fufeera.

    Balaan kun hanga ammaa namoota 137,000 caalan qe'eerraa buqqiseera. Balaa kanaan hanga ammaatti du'uunsaanii kan barame namoota shan, hedduun miidhamaniiru.

    Manneen fi ijaarsaawwan adda addaa 2,000 ta'an barbadaa'aniiru. Hedduun qabeenya warra dureeyyiiti.

    Balaan abiddaa kun mootummaa Ameerikaatti yaaddoo guddaa ta'eera. Pirezidant Joo Baayidan sababa kanatti gara Xaaliyaanii imaluu hafan.

    Kanneen qe'eesaaniirraa baqatan manneen isaanii balaa kanarraa hafee ni deebi'umoo, akkam akka ta'an ala taa'anii eeggataa jiru.

    Balaan abiddaa kun gara tulluuwwan Hollywood wayita babal'atu viidiyoo mul'isu kana daawwadhaa!

  13. Labsiin daldaltoota boba’aa gatii ba’een olitti gurguran hanga birri kuma 500tti adabsiisu ragga’e

    Daldaltoonni boba’aa gatii gurgurtaa mootummaan baaseen olitti osoo gurguranii argaman hanga birria kuma 500 labsiin adabsiisu paarlamaadhan ragga’e.

    Akka labsii kanaatti, gatii gurgurtaa kaa’ameen olitti gurguruudhaan yakki jalqabaa raawwatamu hanga birria kuma 300 hanga kuma 500 adabsiisa.

    Gochi kun irra deddeebiin yoo raawwatame adabbii maallaqarratti adabbii hidhaa wagga sadiitii hanga wagga shanii gahu akka jiraatu labsiin kun eereera.

    Labsiin adabbii kana qabateefi “sirna gabaa boba’aa qajeelchuuf” bahe, walga’ii mana-maree Kamis Amajji 09, 2025 gaggeeffamerratti sagalee caalmaan raggaasifameera.

    Labsiin kun miseensota mana-maree lamaarraa mormiin, miseensa mana-mree tokkorraa ammoo sagalee kennuu dhiisuun mudateera.

    Akka labsii kanaatti, “boba’aa bakka hayyamameefiin alatti kan kuuse, nama, bakkaafi sirna gugurtaa hayyamameen ala osoo gurguruu namni argame” kamiyyu hidhaa wagga sadii hanga wagga shanii, akkasumas birrii kuma 300 hanga kuma 500 adabama. Kana malees, boba’aan qabames akka fudhatamu eera labsiin kun.

    Omishaalee boba’aa “ta’e jedhee” wantota biro waliin walitti makuun gabaaf dhiyeessun hidhaa wagga shanii hanga wagga torbaa, akkasumas birria kuma 350 hanga kuma 500 akka adabsiisu labsii karra jira.

  14. Joo Baayiden Doonaald Tiraampiin injifachuu nan danda'a ture jedhan

    Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan osoo filannoo Sadaasa darbeerratti itti fufee dorgomeera ta'ee irra deebiin filatamuun Doonaald Tiraampiin nan injifadha ture jedhanii akka yaadan dubbatan.

    Gaaffiifi deebii addaa USA Today waliin taasisaniin Baayidan garuu, marsaa waggaa afuriif dabalataaf dandeettii qabaachuufi dhiisuu isaa mirkanaa'aa akka hin taane itti dabaluun dubbatan.

    ''Hanga ammaatti, gaariidha,'' jedhan maanguddoo ganna 82 kun. "Garuu yeroo umuriinkoo waggaa 86 ta'u maal akkan ta'u eenyutu beeka?"

    Gaaffiifi deebii bal’aa Suuzaan Peejii waliin taasisaniin, Baayidan ammallee miseensa Kongiresii Rippabilikaan duraanii Liiz Cheenii fi qondaala olaanaa fayyaa duraanii Dr Antoonii Faa'us dabalatee diinota Doonaald Tiraamp'f dursanii dhiifama gochuuf yaadaa akka jiran dubbatan.

    Gaaffiifi deebii guyyaa Roobii maxxane kana keessatti, Baayidan filannoo Sadaasaatiin as yeroo muraasa booda walgahii isaanii Waajjira Ovaal irratti dhiifama argachuu danda'u irratti ''Tiraampiin baay'ee ifaa'' akka turan dubbataniiru.

    ''Booddeetti deebi'uun deebii kennuuf yaaluunsaa barbaachisaa akka hin taanee ifa gochuuf yaaleera, innis fedhii isaatiin waan faallaa ture,'' kan jedhan Baayidan, Tiraamp ofiirraa hin dhiibine ture, garuu ''sirrumatti dhaggeeffataa ture'' jedhan.

    Baayidan murteen isaanii inni dhumaa Tiraamp miseensoota kaabinee isaaniif eenyu akka filatu irratti kan hundaa’udha jedhan.

  15. Abiddi Gaarreen Holiiwuud yeroo mancaasu daawwadhaa

    Abiddi saafaa Ameerikaa, Loos Aanjalas keessatti mudate namoota kuma dhibbaan buqqaase, bu’uuraa misoomaa mancaasaa jira.

    Abiddi Hollywood Hills [Gaarreen Holiiwuud] irratti qabate ammoo daran hammaataadha.

    Daawwadhaa!

  16. Manni sagadaa Indiyaa du'a namoota jahaa walirra dhaabbachuun mudateetti dhiifama gafate

    Manneen amantaa Indiyaa dureeyyii ta'an keessaa tokko, feesitivaala waggaa waggaan namoonni miliyoonaan lakkaa'aman irratti hirmaataniif namoota tikkeettii seensaa argachuuf osoo hiriiranu wal dhiibuu uumameen namoonni jaha du'anii fi hedduun erga madaa'anii booda dhiifama gaafateera.

    Taatee kunis kan raawwatame gaafa Roobii halkan erga namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mana qulqullummaa Tiruupaatii kan kibba bulchiinsa Andhraa Praadesh keessatti walitti qabamanii booda ture.

    Warrabbiin viidiyoo akka agarsiisutti, yeroo tikkeettiin aanga'oonni mana qulqullummaatiin raabsamuu eegalleetti ture kan namoonni baay'inaan wal-dhabuun balaan kun mudate.

    Qondaaltonni bulchiinsa kanaa ammoo, hojjettoota mana qulqullummaa balaa kanaaf itti gaafatamummaa qaban irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu himaniiru.

    Dura taa'aan mana qulqullummaa kanaa BR. Naayidu akka jedhanitti, miidhaan walii dhiibuun mudate kun ''ummanni garmalee walitti baayyachurraan'' kan ka'e ta'uu dubbataniiru.

    Roobii kaleessaa miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, ''Taatee nama gaddisiisaatu mudate,'' jedhan.

    Miseensi boordii mana sagada kanaa Bhaanu Praakaash Redii, taatee kanaaf dhiifama gaafateera.

    "Seenaa mana sagadaa kanaa keessatti kun ta'ee hin beeku. Waaqeffattoota irraa dhiifama garaa irraa ta'en gaafadha."

  17. Sochii qaamaa torbanitti sa'aatii lama jireenya namaa jijjiiruu danda'u

    Torban keessa saa'aatii hedduutu jiru, garuu saa'aatiin lama jireenya namaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa qabaa jedhu qorattootni. Namoonni hedduun torbanitti sochii qaamaa hamma gorfamu raawwachuuf rakkatu. Garuu sochiin qaamaa hammi xiqqaanillee fayyaa namaaf bu'aa cimaa qaba.

    Sochii qaamaa onneef gaarii ta'uun isaa gaaffii hin qabu. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun dhiibbaa dhiigaa fi kolestroolii gadi buusuun carraa dhukkuba onnee ykn dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu hir'isa.

    Garuu yeroo tokko tokko yeroo ykn ammoo kaka'uumsa sochii qaamaa hojjachuu dhabuu dandeenya ta'a. Garuu hubannoon faayidaa sochiin xiqqoon illee hangama fayyaa namaaf akka murteessa ta'e argannuu himma kanaaf xiyyeeffannoo akka kenninu taasisuu danda'a.

  18. Abiddi Loos Anjalas kaleessa ka'ee haalaan babal'ataa jira

    Ibiddi bosona Loos Anjalas tibbana ka'e ammaan kana haalaan babalachuun qabeenyaa barbadeessaa jiraachuusaatiin alatti, hanga amaatti namoonni shan lubbuu dhabunsaanii mirkanaa'un ibsameera.

    Haala ibiddichaa maal akka fakkaatu viidiyoo gabaabdu kana dowwadhaa.

  19. Ibidda saafaa Ameerikaa Loos Anjalasiitti mudate suuraadhaan

    Kaalifoorniyaatti sa'aatii muraasa darban keessa ibiddi bosona haaraan waan ka'eef, suuraalee haaraa nutti qaqaban muraasa isiniif dhiyeessineera.

    Sababii bubbee cimaa, haala gogiinsaa fi dhiibbaa bishaanii gadaanaa ta’eetiin walqabatee, ibiddi cimaa ka'e kana ittisuun rakkisaa ta’eera.

    Suuraaleen armaan gadii rakkoo namoonni ibidda dhaamsuuf yaalaa jiran mudatan ilaalchisee yaada isiniif kenna ta'a.

  20. Sababoota 7 kirkira lafaa hamaa taasisan kenneen beektuu?

    Tibbana Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa kaan keessattis kirkirri lafaa mudachuun dhagahameera.

    Balaa kirkira lafaa Kibxata daebe bulchiinsa Chaayinaa Tibeet keessatti mudateen lubbuun namoota hedduu baduun gabaafameera.

    Kirkirri lafaa Tibeet mudatees rektar iskeelii 7.1 yoo ta'u, haalli walfakkaataan kunis bara 2019tti bulchiinsa Ameerikaa Kaalifoorniyaa keessatti mudatee ture.

    Haata'u malee, Ameerikaatti sababii kirkira lafaa mudateen namni du'ees ta'e miidhaan bu'uuraalee misoonaa cimaan mudate hin turre.

    Dhimmoonni kirkirri lafaa balaa du'a namootaa fi badii qabeenyaarra qaqqabsiisuu danda'u murteessan ijoo torba mee waliin haa ilaallu.

    Dhimmoota torban kanneeni dubbifachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.