Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Balaa abiddaa Los Anjalasiin lakkoofsi namoota du'anii 16 ga'e

Bubbee hamaan balaa abiddaa to'achuurratti hojjettoota balaa abiddaa akkaan danqeera, lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii ammoo 16 ga'e.

Guduunfaa

  • Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Hamaas Israa'eloota butee fudhate 34 dhukaasa dhabuurratti yoo waliigalame gadhiisu tarreesse
  • Raashiyaan gaazexessaan ishee diroonii Yukireeniin ajjeeffamuu himte
  • US bakkeewwan garagaraa sababii cabbii cimaatiin labsiin yeroo muddamaa labsame
  • Yukireen Kurisk keessatti haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwataa jirti
  • Cabbiin hamaa US rukkute
  • Magaalonni US cabbiin bu'ee 'daaraa uffatan'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Doonii godaantootaa Afrikaarraa gara Ispeen imalaa ture irratti daa'imti dhalatte

    Doonii godaantootaan guutamtee Afrikaa irraa gara Ispeeniitti imalaa turte tokko keessatti daa'imti dhalachuu eegdoonni qarqara galaana Ispeen ibsan.

    Daa'ima dhalate dabalatee haadhaafi godaantoota kaanis eegdoonni lubbuun baraaruusaanii ibsan.

    Dooniin godaantootaan guuttamte sunis yeroo jalqabaatiif guyyaa sadiin dura Oddola Laanzaarootee biratti mul'attee turte.

    Daa'imti sun akkuma dhalateen qarqara galaanichaa qaqabuunsaanii ibsame.

    Namni doonii godaantoota baraare oofaa ture Domiingoo Tiruujiiloo akka jedhaniitti, godaantoota keessaa dubartiin ulfaa tokko ta'u nan beeka ture.

    ''Garuu dhalattuu erga dhalatee daqiiqaa 15-20 jidduu ta'e wayita agarruu garuu baayyee dinqiisiifanne'' jedheera.

    Yeroo doonicha bira gahaniittis haatii doonii namootaan guutame keessa lafarra ciiftee ture, mucaashee ammoo godaantuun gara biraa hammatteeti argan.

    Haatiifi mucaanis boodarra gara hospitaala Laanzaarooteetti argamuutti hilikoptaraan geeffamaniiru. Daa'ima dhalaterras miidhaan omaatu akka hin qaqabiin hubatameera.

  2. Tiraamp Giriinlaand humnaan UStti dabaluuf dhaadachuunsaa Jarmaniifi Faransaay dheekkamsiise

    Doonald Tiraamp Giriinlaand UStti dabalamuu qabdi jedhee dubbachuu hordofee biyyoonni Gamtaa Awurooppaa Tiraamp sodaachisa akka dhaabu akeekkachiisan.

    Jarmaniifi Faransaayi kanneen dubbiin Tiraamp kun isaan mufachiise keessayi. Chaansilariin Jarman OIaaf Shooz "sirni walabummaa daangaa biyya kamirrattuu kan hojiirra ooludha...baay'ee xiqqoo ykn baay'ee kan humna qabdu yoo taates" jedhan.

    Ministiirri Dhimma Alaa Faransaayi Jiin Noel Baarot ammoo "Gamtaan Awurooppaa biyyi tokko dhuftee walabummaa daangaa kan biraa yoo sarbitu hayyamuu akka hin dandeenye ifaadha" jedhan.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbifachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  3. Qilleensi xiyyaaroonni Loos Anjalas akka hin qubannee dhorkaa jira

    Gabaasaan BBC Ameerikaa Kaabaa, Been Deeriikoon qillensi naannichaa xiyyaaroota Loos Anjalas keessatti qubachuuf rakkiisaa jiraachu gabaase.

    Sababii kanaatiin bakka silaa qubachuuf turan Loos Anjalas irraa darbuun Laas Veegaasitti qubbachu dubbate.

    Balaliin xiyyara Been gara buufata xiyyaaraa Loos Angajas Burbank ittiin imalaa ture silaa sa’aatii 18:55tti akka qubatu kan karoorfamee ture.

    Haata'u malee, erga qubachuudhaaf yaalii taasisaa tureen booda dadhabee gara biraatti darbuuf dirqame.

    Balali'uuf bubbeensaa garmalee cimaa akka ta'e isaanitti himuu dubbata.

    Magaalattiirra deebi'ee yeroo naanna'uttis, ibidda Hooliwuud Hiils kan sa'aatii muraasaan dura itti qabate jennee shakkinu gubbaa gadi arguu dandeenyeerra jedha

  4. Waa'ee vaayirasii haaraa Chaayinaatti mudatee maal beekna?

    Torbanoota muraasa darban keessaa Chaayinaatti suuraan namoonni hedduun maaskii kaawwatan miidiyaa hawaasaa irratti hospitaaloota keessatti mul'achuunsaanii weerara gara biraatuu ka'ee laata yaaddoo jedhu uumeera.

    Vaayirasiin qufaa waliin wal fakkaatu 'Human Metapneumovirus (HMPV) keessattuu daa'imman irratti bal'inaan mudachuu Beejiing amantee jirti. Kan mudates jijjirama waqtii waliin wal qabate ta'uu himte.

    HMPV akka COVID-19 miti jechuun ibsan ogeessoonni fayyaa hawaasaa. Vaayirasiin kun kan waggoota kudhaniif ture ta'uu kaasuudhaan, vaayirasichis daa'imman hunda haala jechisiisuun dhalatanii hanga umurii waggaa shaniitti kan miidhu ta'uu dubbatan.

    Vaayirasichi daa'immaniifi namoota dandeettiin dhukkuba dandamachusaanii gadaanaa ta'an tokko tokkorratti dhukkubbii cimaa hordofsiisuu danda'a. Dabalataaf asiin cuqaasuu dandeessu.

  5. Affaaritti jiraattoonni sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an maal keessa jiru?

    Kirkira lafaa Naannoo Affaarii fi gaara Fantaalleetti mudatee fi hammeentaa fi irra deddeebiin isaa dabalaa dhufuun qabenyaarra miidhaa geessisuun gabaafamaa ture.

    Keessumaa naannoo Affaar Godina Gabi Raasuu aanaa Dullachaa jedhamuun beekamutti taateen kirikira lafaa kun dabaluudhaan lafti dhoohee manneen jiraattotaa fi bu'uuraalee misoomaa hawaasaa irrattis miidhaa geessisse.

    Kirkira lafaa kana hordofuun bishaan danfaan lafa keessaa burqus yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan deemeef lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee irraa akka buqqa'aniif sababa ta'eera.

    Aanaa Dullachaa ganda Sageentoo jedhamurraa buqqa'uun maatiisaa waliin aanaa Ollaa Amibaaraa jedhamu qubatanii jiraachuu kan himan Obbo Mohaammaad Se'id, erga qe'ee isaaniirraa buqqa'anii amma torbee tokkotti dhihaachuu himu.

    Waa'ee jiraattoonni kunneen keessa jiran irratti kan BBCtti himan bal'insaa asiin galuundubbiifachuu dandeessu.

  6. Hudeessaan hubannoo nam-tolchee 'ChatGPT' himannaa gudeeddii obboleettisaa waakkate

    Obboleettiin hundeessaa sooftweerii hubannoo nam-tolchee ChatGPT Saam Altmaan, Aan Altimaan yeroo ijoollummaa(bara 1997-2006) miidhaa saalaa narraan gahaa ture jechuun himata irratti bante.

    Himannaan Amajji 6 bulchiinsa Ameerikaa Naannoo Baha Mizuuriitti baname, miidhaan kuni yeroo isheen ganna sadiifi Saam ammoo ganna 12 ture jalqabe jedha.

    Saam hogganaa olaanaa OpenAI, sooftweerii hubannaa nam-tolchee ChatGPT duuba jiruuti. Himannaa obboleettiisaa kanas ibsa miidiyaa hawaasaa X irratti haadhasaafi obbolootasaa dhiiraa lama wajjin baaseen waakkateera.

    ''Himannaan kuni hundi tasumaa dhugaa miti,'' jedha ibsichi. ''Miseensa maatii dhibee sammuu qabu kunuunsuun akka-malee ulfaataa dhas,'' jedha.

    Saam obboleettisaaf deeggarsa maallaqaa ji'aa akka kennu, kiraa manaafi baasiiwwan kaan akka danda'u akkasumas mana isheef bituuf akka gaafate himuun, garuu isheen ''maallaqa dabalataa nurraa gaafachuu itti fufte.'' jedhe.

    Haa tahu malee obboleettiinsaa kuni, ishee ''gowwomsuun gudeeddii dabalatee gochaawwan saal-quunnamtii'' irratti raawwachuun isa haimchuu sanadni mana murtii BBC'n mirkaneesse agarsiisa.

    Aan sababa kanaa ''miidhaa qaamaa, dhiphinaafi miidhama miiraa jabaa,'' akka agarte dubbatti.

    Miidhama ishee kanaafis baasii wal'aansaa baayyeef akka saaxilamaa turtes himti..

  7. Balaan abiddaa Loos Anjelesitti mudate

    Balaa abidda saafaa Ameerikaa, Loos Anjelesitti mudateen labsiin yeroo muddamaa labsame.

    Sababa abidda kanaatiin namoonni 30,000 ta’an akka baqataniifis ajaji darbeera. Abiddi kun gamoowwan 13,000 ta’aniif ammoo yaaddoo uumeera jedhameera.

    Abiddi kun bakka xiqqoorraa ka'ee saffisaan babal'ataa waan jiruuf, pirezidant Joo Baayiden balaa kana hordofanii ummataaf ibsa kennaa jiru.

  8. Akkam jirtu?

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Odeeffannoo tamsaasa kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabaneerra.

    Nu hordofaa.

  9. Saantimni meetii 321 jaarraa 11ffaatti qusannoof ol kaa'ame argame

    Saantiimni jaarraa 11ffaa IngIlaand keessa lafa amma buufata humna niwukilaaraa tahuuf jiru Sizewell C keessa argame.

    Arkiyoolojistiin Oksifoord Koostiwoold saantima 321 huccuudhaan maramee taa'e yeroo lafti qotamu naannoo Saafoolk jedhamutti argame jedhe.

    Tuutni saantima kana argate qusannoo nama beekamaa naannichaa mootummaan jijjiirama jedhee sodaachuun bara 1042 hin qusatiin hin oolu jedhe.

    Arkiyoolojistiin Andiruu Peeg yeroo saantima kana argadhu harki koo hollachaa ture jedhe.

    ''Yeroo jalqaba lafa jalatti saantima tokko arge harki hoollachaa ture.

    Odeeffannoon saantima kanarraa barachuuf jennu waan ajaa'ibaa taha, seenaa irratti waan ofii koo xiqqoo gumaachuutti nan boona,'' jedhe

  10. Iraan bara 2024 keessa namoota 901 irratti adabbii du'aa raawwachuu malti - UN

    Waggaa darbe Iraan keessatti yoo xiqqaate namoonni 901 tahan du'aan adabamuu akka hin oolle hogganaan olaanaa mirga namoomaa UN ibsan. Kunneen keessaa 40 kan tahan torbee tokko keessa baatii Mudde keessa adabbiin kuni irratti raawwate.

    ''Dhimma akka malee nama jeequ tahus Iraan keessatti waggaa tokkotti lakkoofsi namoota adabbiin du'aa irratti raawwatu dabalaa jira,'' jedhan Vuuker Tuurk.

    Waggaa sagal keessatti adabbiin du'aa bara darbe(2024) keessa raawwate isa olaanaa yoo tahu kan bara 2023 irraa harka 6'n dabaleera, bara sana namoota 853 irratti ture adabbiin du'aa kan raawwate.

    Adabbiin du'aa baayyeensaa yakka qoricha sammuu si'eessu qabaachuun waliin kan hidhata qabu dha.

    Haa tahu malee, qeeqxotaafi namoonni hiriira mormii bara 2022 irratti hirmaatanillee adabbiin du'aa kuni irratti raawwateera jedha UN. Lakkoofsi dubartoota adabbiin du'aa irratti raawwates dabalaa jira jedhe.

    Vuuker aangawooti Iraan kana booda adabbii du'aa raawwachuu yeroof addaan kutuun, boodarra adabbii kana raawwachuu haquu qabu jechuun gorse.

    ''Adabbiin du'aa mirga lubbuun jiraachuu kan sarbu tahuun dabalataan namoota yakka raawwachuun isaanii hin mirkanoofne du'aaf saaxila.Gochaa ykn amala seera mirga namoomaa addunyaan eegamu irratti ammoo adabbiin raawwachuu hin qabus,'' jechuun akeekkachiisan.

  11. Raashiyaan magaalaa Yukireen tibbana adda waraanaa turte to'achu himte

    Raashiyaan humnoonni ishee magaalaa adda waraanaa kan taate magaala Yukireen Kuraakhove kan naannoo baha Donetsk keessatti argamtu to'achuu beeksiifte.

    Magaalattiin ji'oota darban keessatti kan haleellaa Raashiyaan cimaan itti gaggeeffame yoo ta'u, magaalattiinis gara wiirtuu loojistikii ijoo Pokrovsk'tti darbuudhaaf murteessoodha.

    Yukireen ammoo magaalaan tun harka humnoota Raashiyaatti kufuu ilaalchisee omaa kan hin jennee. Bakkichis magaalaa Pokrovsk irraa gara kibbaatti kiloometira 35 (21 miles) qofaa kan fagaatti.

    Yukireen erga guyyaa Dilbataa haleellaa ofirraa qollachuu eegalteen booda, guyyoota darban keessa naannoo Kursk bulchiinsa Raashiyaa keessattis lola cimaan geggeeffamaa jira.

    Suuraan miidiyaa hawaasaa irraa fudhatamee fi dhaabbata oduu Rooyitarsiin dhiyaate, yoo loltuun tokko Kurakhove keessatti alaabaa Raashiyaa ol qabate dhaabbatu agarsiisa. Haata'u malee suuraan kana BBC'n hin mirkanoofne.

    Dubbi himaan garee humnoota Yukireen kan Khortytsiyaa keessaa, Viktar Trehubov, dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himanitti, Wiixata darbe ganama irraa eegalee humnoonni Yukireen ammallee loltoota Raashiyaa Kurakhove keessaa waliin wal lolaa jiru.

    Kurakhove daandiiwwan qaama bu'uuraalee misoomaa kan ittiin loltoonnii fi dhiyeessii adda waraanaatiif ittiin geeffamu, Pokrovsk waliin kan walqabattudha.

  12. Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa saffisa guddaan imalu dhukaaste

    Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa saffisa guddaan imalu dhukaasuu beeksifte. Misaa'elli kun kan fageenya giddu-galeessaa yoo ta'u, hayipparsoonikii ykn saffisa sagalee dachaa hedduun kan caaludha.

    Piyoongyaang misaa'elicha erga dhukaastee booda, "morkattoota koo naannoo Paasifikii jiran dhaabuu kan danda'uudha" jette.

    Kooriyaan Kaabaa ji'a lama duras misaa'ela dhukaastee turte; amma immoo misaa'ela haaraa jette kan dhukaaste ministiirri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan daawwannaaf Kooriyaa Kibbaa yeroo jiranitti.

    Misaa'elli hayipparsoonikii yeroo heddu rukutanii kuffisuuf baay'ee raakkisaadha; sababni ammoo saffisa sagalee dachaa shanii oliin kan imaluudha. Dabalataaf karaakana seenaa.

  13. Ameerikattii qorraa hamaa bu'een namoonni shan du'an

    Ameerikaa keessatti qorraa fi cabbii hamaan bu'uun manneen barnootaa cufsisiisuu, balallii haqsiisuufi bu'uraalee akka ibsaa adda kutuurra darbee lubbuu namoota shanii galaafateera.

    Kutaaleen Ameerikaa torbas yeroo muddamaa labsaniiru. Balaliiwwaan xiyyaaraa 2,300 ol kan haqame yoo ta’u, kanneen gara 9,000 ta’u ammoo saatiin isaa akka jijjiramu(harkifatu) ta'eera.

    Akka Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa (NWS) raagetti, kutaaleen Ameerikaa irra caalaan gara kaaba baha ammallee qorraa fi obonboleettii roobaan rukutamuu malu.

    Roobni fi Obonboleettin xixiqqaatus qorri Arkitiik torbanoota hedduudhaaf kutaa biyyattii hedduu keessatti akka itti fufutu eegama.

    Kutaalee biyyattii balaa guddaa irra gahe keessaa tokko kan taate Kansas keessatti, yeroo balaan qilleensa qorraa akka obomboleettii muudatetti balaa konkolaataa muudachuun namoonni lama du’aniiru.

    Kutaalee Ameerikaa garaagaraa keessattis balaan tiraafikaa muudachuu fi sababa kanaan namootni hedduun du'uun gabaafameera. Bakka tokko tokkotti Manneen barnoota adda citaaniiru tajaajilli akka ibsaafaas manca'aniiru.

  14. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra

    Ashamaa hordoftootaa BBC Afaan Oromoo.

    Warra guyyaa har'aa kabajanniif baga Guyyaa Dhaloota Kiristoosiin isin gahe!

    Tamsaasa kallattii keenya kan har'aa kunoo amma eegalleerra. Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii https://bbc.in/3PaWIJo, Facebook https://bbc.in/3PhNYRL akkasumas WhatsApp Chaanaalii https://bbc.in/41TfkFh keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  15. Tiruudoo aangoo gadhiisuunsaanii haala tasgabbeessuu danda'a jedhan

    Tiruudoon akka hogganaa Paartti Libaraalaatti haala siyaasaa akkamii nama isaaniitti aanee dhufuuf dhiisanii darbu jedhamuun gaafatamaniiru.

    Lammiilee Kanaadaafi miseensoti paarlaamaa immoo tajaajila kennan irratti 'amantii guddaan qaba' jedhan.

    "Falmii" naannawa hoggansa isaa jiru kaasuun ammoo haalaa falmii (ho'a) gadi buusuudhaan, mootummaan dhimmoota walxaxaa ji'oota dhufan keessatti lammiilee Kanaadaa mudatan irratti akka xiyyeeffatuuf carraa ta'ee akka itti dhaga'amu dubbatan.

    Tiruudoo akka jedhanitti, michuu isaanii yeroo dheeraa Kiriistiya Firiilaand ministeera maallaqaa fi ittaanaa ministira muummichaa ta'uun akka itti fuftu dhuguma abdachaa turuufi garuu ishee ''faallaa isaa filatte'' jedha waa'ee ministira maallaqaa tibbana aangoo gadhiifte irratti deebii yoo kennan.

  16. Tiruudoon bara aangoosaaniitti kan itti gaabaniifi ittiin boonan kaasan

    Ministira Mummee Kaanaadaa ta'un tataajilaa kan turaniifi amma aangoosaanii gadhiisuu kan labsan Jastiin Tiruudoon dhimoota bara aangoosaaniitti itti gaabbanii fi ittiin milkaa'eera jedhan kaasan.

    Tibba haasaa taasisaniitti gaaffii gaazexeessitootaaf deebii kennaniitti, Tiruudoon ministira muummichaa ta’uu isaaniitti kan isaan gaddisiise tokko riiformii filannoo taasisuu hafuusaatti jedhan.

    Keessattuu, lammiileen Kaanaadaa filannoo irratti filmaata lammaffaa fi sadaffaa filachuu akka danda’an akka barbaadu dubbatan.

    Kunis hawaasa keessatti fiixee qabachuun wal dhiibuu hir'isuu fi paartilee siyaasaa gidduutti ''lafa waloo'' mirkaneessuuf gargaara ture jedhan.

    Gama milkaa'ina aangoosaanitiin ammoo Tiruudoon bara 2015 yeroo minstira mummee ta’uun aangoo qabatan caalaa har’a Kanaadaan biyya fooyyeeftuu ta’uu dubbatan.

    Itti dabalunis, mootummaan isaanii diinagdeen namoota muraasaaf osoo hin taane kan nama hundaatiif akka hojjetu taasiseera jedha.

    Kanaanis, hiyyummaa hir'isuun namoota hedduu gara humna hojiitti galche jedha.

  17. Amma nu gahe, Jastiin Tiruudoo aangoo ministira mummee Kaanaadaa gadhiisan

    Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo aangoo isaanii gadhiisuu beeksiisan.

    Jastiin Tiruudoo erga paartiin hogganaa isaa ittaanu filatee booda hogganaa paartichaa fi aangoo ministira mummee biyyattii ta’uun gadhiisuuf akka murteessan dubbatu.

    Tiruudoon haasaa ummataaf taasisaniin, ganama hunda akka ministira mummeetti hirribaa itti ka’an hundatti, dandamachuu fi arjummaa lammiilee Kanaadaatiin kaka’umsa argachuu isaa dubbachuun jalqaba.

    Itti dabalunis erga bara 2015tti ministira mummee biyyattii itti ta'anii kaasee, Kanaadaa fi ummatasheetiif akkasumas sadarkaa giddu galeessaa cimsuu fi guddisuuf qabsaa’uu isaanii kan himu, yeroo weeraraattis biyyattiin wal deeggaruuf hiriiruusaanii hubachuu kaasuun, ardicha keessatti daldala bilisaa eegsisuufis hojjeteera jedhan.

    Tiruudoo aangoo gadhiisuuf murteerra kan gahanis erga maatiisaanii waliin yeroo dheeraaf irratti mari'atanii boosa akka ta'es dubbataniiru. Milkaa'inni isaa kana duraas deeggarsa maatiisaanii irraa kan ka'e ta'uu dubbata.

    Waa'ee murtoo angoo gadhiisuu isaa kanas kaleessa galgala irbaata irratti ijoollee isaaniitti himan.

    Itti dabalunis ''Biiyyattiin filannoo ittaanuutti filmaata dhugaa qabaachu qabdi'' jedhan.

  18. Diraamaan seenaa mootittii qarooma Aksuum Yoodit Gudiit uummataaf dhiyaate

    Diraamaan sagalee taatoowwan Hooliiwuud hirmaachisee fi The Abyssinians (Warra Abiisiiniyotaa) jedhu dowwattootaaf dhiyaachu eegale.

    Diraamichi qaroomina Aksuum durii keessaa isa tokko irratti kan xiyyeeffatudha.

    Barreessituun diraamaa kanaa Bannaa Dastaa, qarooma Afrikaa durii kana gara diraamaa sagalee (audio drama)tti jijjiruun lubbuu itti hortee jirti.

    Seenaa Itoophiyaa keessatti mootittii abbaa irree fi falmisiistuu kan taate Yoodit akkasumas seenaan ijoolleeshee lamaa wiirtuu barreefamasheeti.

    ''Diraamichi hawwataa fi bashannansiisaa yoo tahu, dhaggeeffattoonni akka bashannannan barbaaduu irraan, akkasumas waa'ee Afrikaa ilaalcha qaban irratti hubannoo kennuufidha,'' jetti Bannaan.

    Dabalataan dubbiifachuudhaa karaa kana cuqaasu dandeessu.

  19. MM Kanaadaa dhiheenyatti aangoo gadhiisuu danda'u - Gabaasa

    Akka gabaasa miidiyaaleetti Ministirri Muummee Jastin Tiruudoo guyyoota keessatti aangoo gadhiisuu isaanii ibsuu danda'u.

    Ministirri Muummee kun hooggana paartii isaanii- Liberal Party irraa ka'uuf fedhii agarsiisaniiru, kana goonaan ammoo aangoo ministira muummee waggoota sagaliif irra turanitti nagaa dhaamuu isaaniiti.

    Pirezidantii US aangoo qabachuuf jiru, Doonaald Tiraamp, taarifa haaraa meeshaalee Kanaadaarra kaa'uuf doorsisuu hordofee, doorsisa kanaaf deebii kennuu kan sodaatan ministirri maallaqaa biyyattii ji'a darbe aangoo gadhiisaniiru.

    Filattoota biratti fudhatamummaan Jastin Tiruudoo akkaan hir'ateera. Filannoo dura yaadonni walitti qabaman akka mul'isanitti paartiinsaanii filannoo waliigalaa irratti injifatamuun isa mudachuu mala.

    Gabaasaaleen Globe fi Mail ministirri muummee kun kora paartilee, kan paartiinsaanii miseensa itti ta'an, Roobii dhufu gaggeeffamuuf jiru dursuun fedhii aangoo gadhiisuu akka qaban akka ibsan mul'isan.

    Otoo miseensonni paarlaamaa isaanii aangoorraa isaan hin kaasin ofii aangoo gadhiisuu yaada jedhuun deemaa akka jiraniidha gabaasaaleen kan mul'isan.

    Maddeen miidiyaalee kunneen Jastin Tiruudoo battaluma ibsa kennan aangoo gadhiisumoo hanga namni haaraan filatamutti aangoorra turu kan jedhu adda hin baasne.

    Filannoon Onkoloolessa dhufu dursee gaggeeffamuu qaba, garuu jijjiiramni hooggansaa paartii Liberaal keessatti gaggeeffamnaan filannoo saffisaan gaggeessuuf ni dirqamu.

    Bara 2015 aangootti kan dhufan Ministirri Muummee 23ffaa Kanaadaa Jastin Tiruudoo aangootti nagaa dhaamuunsaanii siyaasaa Kaanaadaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fida jedhamee eegama.

  20. Hamaas Israa'eloota butee fudhate 34 dhukaasa dhabuurratti yoo waliigalame gadhiisu tarreesse

    Qondaalli olaanaa Hamaas tokko tarree Israa'eloota 34 butamanii fudhataman yoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el waliin taasifamuu milkaa'e sadarkaa jalqabaarratti gadhiisuuf fedhiin qaba jedhe BBC’f qoodaniiru.

    Namoonni maqaasaanii dhahaman kanneen keessaa meeqatu lubbuun akka jiran garuu ammatti ifa miti.

    Isaan keessaa dubartoota 10 fi dhiirota umuriin isaanii waggaa 11 irraa kaasee kan hanga umuriinsaanii waggaa 50 hanga 85 gidduutti argamu kan butan yoo ta'u, daa’imman xixiqqoon kan kana dura Hamaas haleellaa qilleensaa Israa’eliin ajjeefaman jedhe keessatti argamu.

    Namoonni butaman Hamaas dhukkubsattootadha jedhe hedduunis tarree kana keessatti hammatamaniiru.

    Gabaasni ministeera Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin hoogganamu akka jedhutti, haleellaan qilleensaa Israa’el dhuma torban darbee raawwatameen namoota 100 ol ajjeesuu himan.

    Waajjirri ministeera muummee Israa'el gabaasa Hamaas tarree namoota butamanii Israa'eliif dhiyeesseera jedhu haaleera.

    ''Tarree namoota butamanii miidiyaarratti maxxanfame Hamaasiin gara Israa'elitti kan hin dabarre yoo ta'u, garuu ammoo jalqaba Adooleessa bara 2024 irratti Israa'elirraa gara qaamoolee jaarsummaaf ta'aniitti darbeera,'' jedheera.

    ''Hanga har'aatti, Israa'el haala namoonni butamuun tarreefamanii kanneen ilaalchisee Hamaas irraa waan mirkaneessu ykn odeeffannoo omaatu hin arganne."

    Murteen Hamaas maqaa namootabutamanii gadhiisuuf murteesse kun namoonni tokko tokkos akka dhiibbaa ummataa mootummaa Israa'elirratti dabaluuf yaaluun akka ta'etti fudhatan.

    Mariin dhukaasa dhaabuu dhuma torbee darbeerraa Kaataar- Dohaatti deebi’ee kan eegale yoo ta’u, mariichis hanga ammaatti jijjirama guddaa kan argisiise hin fakkaatu.