Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan haleellaa Yukireen daangaashee keessa seentee gaggeessaa jirtuuf deebii akka kennitu dhaadatte

Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.

Guduunfaa

  • Waraana Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessaa jirtu waraanicha qe'ee 'weerartuutti' deebiseera-Zeleniskii
  • Raashiyaan tarkaanfii Yukireen dhaabuuf bakka rakkachaa jirtutti namoonni jumlaan baqachaa jiru
  • Kaamlaa Haaris lammileen nagaa Gaazaatti du'an 'baay'eedha' jetti
  • Reeffii namoota 62 balaa xiyyaaraa Biraazilitti qaqqabeen du’anii argame
  • Taphatoota lama Jarman irraa kan mallatteessise Maan Yunaayitid jifataa Biraayitanis fudhachuu danda’a

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa’eli fi Hezbollaan walitti dhukaasan

    Israa’el 'iddoowwaan gareen hidhattoota Hezboollaa kibba Libaanos keessatti waraanaaf itti gargaaraman xiyyaaraan haleelu beeksifte.

    Ministirri Fayyaa Libaanos haleellaa sanaan magaalaa daangaa Israa’el irraa km 30 fagaattu Mayifadum jedhamutti namoonni afur ajjeefamuu ibse.

    Maddeen qaamolee nageenyaa AFP tti akka himanitti, dhiroonni afran ajjeefaman loltoota Hezbollaati.

    Hezboollaan haleellaa sana hordofuun diroonii magaalaa kaaba Israa’elitti dhukaaseen namoota lama madeesse.

    Haleellaan kun wayita Hezbollaa fi Israa’el gidduutti akkasuma Israa’el fi Iraan gidduutti muddamni hammaatetti dhagahame.

    Torban darbe Israa’el xiyyaarota waraanaatiin haleellaa raawwatteen gaggeessaa Hezbollaa Fu’aad Shukir kibba magaalaa Libaanositti ajjeesuun muddama qaamolee lamaanii hammaateef sababa ta'e.

  2. Juliyaan Alvareez gatii riikardii Siitii ta'en gara Atileetikoo Maadriid jijjiiramuuf

    Atileetikoo Maadriid jifataa Maanchistar Siitii Juliyaan Alvareeziin fudhachuuf £81.5 kaffaluuf waliigale.

    Gatiin jijjiirraa jalqabaa £64.4m yoo ta'u, daballiiwwan yeroo keessa dhufan £17.1m of keessaa qaba.

    Siitiin bara 2022tti Rahiim Isterliingiin Chelsiitti £50m wayita gurguru gatii riikardii kilabichaa ture. Jijjiirraan Alvareez kun gatii riikardii kilabichaa haaraa ta'eera. Siitiin Alvareezirraa yoo xiqqaate £50m buufata.

    Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa jifataa ganna 24 lammii Arjentiinaa kana of biratti hambisuu akka barbaadu ibsee ture.

    ''Murteen kan isaati'' kan jedhe Gaariyoolaan, Siitii turuuf akka murteessu abdii irraa qabaachuu himee ture.

    Alvareez dorgommii Olompikii garee biyyaalessaarratti hirmaannaan qabu erg raawwatee booda egereesaarratti akka murteessu beeksisee ture.

    Alvareez bara 2022tti kilaba Arjentiinaa Liiver Pileet jedhamurraa £14.1m gara Maanchister Siitii dabalame.

    Filannoo jalqabaa garee Gaardiyoolaa kan hin taane Alvareez tapha 106 irratti hirmaatee goolii 36 galche.

    Alvareez taphoota hedduurratti hiriiree taphachuuf fedha akka qabu irra deddeebiin ibsaa ture.

  3. Gudaaf fi Dirribeen gulaallii 1500m ga'umsaan darban

    Gulaallii fiigicha 1500m dubartootaa ganama kana taasifameen Gudaaf Tsaggaay fi Dirribee Waltajjii ramaddii isaaniirraa tokkoffaa ta’un darbani.

    Atileet Birqee Hayyaloom dorgommii gulaallii dabalataa fiiguu qabdi.

    Fiigicha 5000m kalee galgala taasifameen Gudaaf osoo eegamtuu saglaffaan xumurte.

    Kunis, dorgommiin xumuramuuf marsaan lama yoo hafu atileetii Keeniyaa Feeyiz Kipyegoon waliin walitti erga buute booda gatantaraa, mufiis mul’isaa turte.

    Yoo miidhamte jiraatte hin beekamu ture. Har’a garuu ga’umsaan gulaallii ishee dabarte.

    Feeyiz sababa Gudaaf dhiibdeef qabxiin irraa erga mulqame booda gareen Keeniyaa iyyatee medaaliyaa meetii gonfatte.

    Dorgommii har'aa irratti Feeyiz ramaddii Dirribeen keessa jirturraa afraffaan xumurte.

    Feeyiz Kipyegoon 1500m dubartootaan Olompikii Riyoofi Tookiyootti warqii injifachuun yeroo sadaffaaf barana shaampiyoonaa Olompikii ta'u karoorsite.

  4. Haleellaa Hamaas keessa qooda qabaachuun hojjettoonni UN sagal ari'aman

    Hojjettoonni sagal eejansii UN dhimma baqattoota Filisxeem keessa dalagan haleellaa Hamaas Onk. 7 Israa’elirratti raawwateen walqabatee keessatti qooda fudhachuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

    Sababa kanaaf waliigalteen isaan dhaabbaticha waliin qaban adda cituu Dubbii Himaan I/Aaanaa dhaabbatichaa Farhaan Haaq beeksisaniiru.

    UN himannaa Israa’el hordofee ture qorannoo gaggeessuun erga xumure booda waan kana ifa godhe.

    Haleellaa Hamaas hin eegamneen namoonni 1,200 yoo ajjeefaman, namoonni 251 ta’animmoo butamanii Gaazaatti geeffaman.

    Haleellaa sana booda Israa’el Gaazaatti lola banuun Filisxeemonni 38,400 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasin hogganamu ibseera.

  5. Qabxiin Paarisitti galmaa'u maalis ta'u fudhachuuf qophiidha - Qananiisaa

    Atileetiin Olompikii Paaris irratti maaraatooniin biyya bakka bu’u Qananiisaan, qophii Itoophiyaatti taasisu xumuruu isaa beeksiseera.

    Dorgommiin maaraatoonii xumura torban kanaa taasifama.

    ‘’Qabxiin Paarisitti galmaa’u maalis ta’u, harka bal’isee simachuuf qophiidha,’’ jechuun katabe.

    Garee isaa waliin qophii jabaa taasisuu kan hime Qananiisaan leenjisaa isaa Getaamasaay Mollaa, maatii, garee isaa, hiriyyaafi kanneen isa deeggaran mara galateeffate.

    Gareen Itoophiyaa maaraatooniin dorgomu Qananiisaan ala Dheeressaa Galataafi Taammiraat Tolaan ni jiru.

    Yeroo saffisaa kan qabu atileet Sisaay Lammaa sababa miidhamaan dorgommiin ala ta’u BBC’tti himeera.

    Qananiisaan Olompikiitti waggoota 12 booda deebi’e. Waltajjii guddaa kanarratti maaraatoonii yoo fiigu garuu kan jalqabaati.

    Kana dura Olompikii gubbaa 5000m fi 10,000m warqii Olompikii sadii injifachuun isaa ani yaadatama.

    Yoo Qananiisaan Paarisitti umrii 43'n mo'ate Itoophiyaaf seenaa haaraa ta'a.

  6. Attam jirtu?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kibataa eegale.

    Odeeffannoo biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Amma ammas nu mil'achuu hin dagatiinaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  7. Tamsaasi kallattii xumurame.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata galgalaa xumurame.

    Kibxata ganama walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  8. 'Biyyi keenya deebitee bilisoomte' jedhan lammiileen Baangilaadesh gammachuu ibsan

    Magaalaa guddoo Baangilaadesh Daakaatti namoonni danuun walitti qabamuun MM Sheek Hasinaan gara Hinditti baqachuu ayyaaneffataa jiru.

    ‘’Biyyikoo deebitee bilisa baatetti, anis bilisummaakoo ibsuufan as jira,’’jette barattuun ganna 17 Faatimaa jedhamtu BBCtti gammachuu ishee wayita himtu.

    ‘’Anii fi obboloonnikoo bilisummaa kana arguuf falmaa turre, xumurarratti bilisoomne'' jette.

    ''Waan feenu raawwachuu dandeenya, waanta akka raawwannu nutti himamu miti,’’jette Faatimaan.

    ''Torbanoota muraasa darban nu dhiphisaa turan …Mirga dubbachuu dhabnee turre'' jette daldatuun biraa Rasoova jedhamtu.

  9. Waajjirri muummee poolisii Daakaatti argamu mormitootaan haleelame

    Namoonni dhibbaan lakkaa’aman waajira muummee poolisii Baangilaadesh Daakaatti argamu haleelaniiru.

    Hiriirtonni har’a karra cabsanii seenan gamoo waajjirichaa hanga tokko mancaasaniiru.

    Haleellaa kanan namni miidhame kan hin jirre yoo ta’u, qondaalonni poolisii yero sana gamoo sana keessa turan.

    Haleellaan wal fakkaataa danuun guutuu Baangilaadeshitti waajjira pooliisiirra qaqqabuun gabaafameera.

  10. Daawwadhaa! Battala mormitoonni Baangilaadesh masaraa mootummaa cabsanii seenan

    Mormiitonni Baangilaadesh mootummaarratti ka’an mana jireenyaa ministira muummee biyyattii cabsanii seenaniiru.

    Eegasii Ministirri Muummee biyyattii Sheek Hasiinaa aangoo gadhiisan.

    Namni siyaasaa umrii 76 kuni osoo mormitoonni qe’ee isaanii hin gahiin dura ‘’bakka nagaa’’ barbaacha biyyaa akka bahan gorsaa isaanii keessaa tokko himaniiru.

    Mormii kanaan yoo xiqqaate namoonni 90 ajjeefamuufi dhibbaan kan lakkaa’aman immoo madaa’aniiru.

  11. Mootummaan bajata dabalataa birrii walakkaa tiriliyoona paarlaamaaf dhiyeessuuf

    Deetaan Ministira Maallaqaa Dr Iyyoob Takkaalinyi akka himanitti, mootummaan federaalaa baajata dabalataa birrii biiliyoona 551 paarlaamaaf dhiheessa.

    Maallaqa kana keessaa birriin biliyoona 240 ''deeggarsa hawaasummaaf oola'' jedhan Dr Iyyoob.

    Ministirichi rifoormii dinagdee biyyattii ilaalchisuun af-gaaffii FBC waliin godhanirratti kana kan dubbatan.

    Af-gaaffii Dilbata darbe dhiyaaterratti "Baajata dabalataa Paarlaamaa dhiyeessina" jedhanii turan.

    Haaluma walfakkaatuun, Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee mootummaan baajata dabalataa paarlaamaaf akka dhiyeessu torban darbe dubbatanii turan.

    Torban darbe paarlaamaan Itoophiyaa waliigaltee liqii fi deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.5 dhaabbilee faayinaansii idil addunyaarraa argame raggaasiseera.

  12. 'Garmalee mufannaan' biyya baqatte - Ilma MM Baangilaadesh

    Ilmi Sheek Hasinaa haati isaa siyaasni deebituuf akka hin jirre BBC’tti hime.

    “Hojii cimaa dhamaatee hojjatte booda, namoonni muraasni ishee irratti ka’uu isaaniif baay’ee mufatte” jedhe.

    Hanga guyyaa har’aattii gorsaa haadhasaatii ta'ee kan hojjataa ture Sajeeb Wazed Jooyi akka BBCtti himetti, haatisaa kaleessarraa eegalee aangoo gadhiisuuf yaadaa erga turtee booda nageenya isheef yaaddoftee biyyaa baqatte.

    Haati isaa aangoorra yeroo turanitt “ Baangilaadeesh jijjirteetti’’ jechuun falmeef.

    ''Yeroo Sheek Hasinaan aangoo qabattu Baangilaadeesh akka biyya diigamtettii ilaalamaa turte.

    ''Biyya hiyyeettii turte. Hanga har'aatti akka biyyoota Eeshiyaa keessaa guddataa jirtuutti ilaalamaa turte. Hasinaan baay’ee mufatteetti” jedhe.

    Himannaa mootummaan mormitoota irratti tarkaanfii humnaa olii fudhate jedhu ilmi Seek Hasiinaa kan ta'e Jooyi fudhachuu dide:

    “Poolisoonni 13 hanga kaleessaatti reebamanii ajjeefaman. Kanaafuu, yeroo tuuti namoota poolisoota reebanii ajjeesan poolisiin maal godhuu qabu jettee eegda?” jedhe Jooyi.

    Mormii hanga ammaatti geggeeffameen namoonni dhibbaan lakkaa'aman kan du'an yoo ta'u, harki caalaan isaanii mormitootadha.

  13. Mormii Baangilaadeshitti hammaate duuba maaltu jira?

    Ji’a darbe mormiin barattootaa hamaan, lubbuun namootaa irratti darbe Baangilaadeshitti eegalame.

    Barattoonni sirna kootaa, kan hojii mootummaa harka sadii keessaa tokko kutaalee hawaasaa muraasaaf addatti hambisu akka dhaabbatu gaafatan.

    Namoonni carraan hojii kun hafuuf firoota loltoota Baangilaadeesh waraana bara 1971 Baangilaadesh Paakistaan i​rraa walabummaa yeroo argatturratti hirmaatanii dabalata.

    Deebii kanaaf Manni Murtii Olaanaa Baangilaadeesh lakkoofsa hojiiwwan hambifamanii gara dhibbeentaa shanitti hir’isuun mormitoonni Ministirri Muummee biyyattii Sheek Hasinaan waggoota kurnan lamaa oliif aangoo turte akka aangoo gadhiistu gaafachuutti ce’e.

  14. Wayita hiriirtonni mana jireenyaa MM Baangilaadesh weeraran viidiyoodhaan

    Hiriirtonni iddoo jireenyaa Ministira Muummee Baangilaadesh Sheek Hasiinaa kan magaalaa Dhakaa keessatti argamu weeraran.

    Rooyitarsi wayita hiriirtonni mana jireenyaa MM kanatti seenuun weeraran viidiyoo waraabeera, TVn Baangilaadesh Bengali TV jedhamu viidiyoo kana dabarseera.

    Hookkara kana keessa Ministirri Muummee Sheek Hasiinaa biyyaa baqachuun Indiyaa galan.

    Haalli kun Baangilaadesh keessatti kan dhalate hiriira ji'aaf deemaa turee fi namoota 90 caalan galaafate hordofeeti.

  15. Mormii ummataa MM Sheek Hasinaa wagoota dheeraaf bulchite biyyaa ari'e viidiyoodhaan

    Mormii Baangilaadesh keessatti mudateen ministirri muummee biyyattii waggoota 15 bulchite biyyaa baqachuuf dirqamte.

    Yeroo mormitoonni masaraa mootummaa cabsanii seenan viidiyoon daawwadhaa!

  16. Laayilsi fageenya meetira 100 sekondii 0.005 caalee mo'ate.

    Yeroo muraasaaf eenyu akka mo'ateyyuu beekuun hin danda'amne ture. Atileetiin Ameerikaa Laayilsi fageenya kana sekondii 9.79 keessatti xumuruun warqee argate.

    Atileetiin US biraa Fireed Keerlee kan shaampiyoonaa duraanii adunyaa tahe sekondii 9.81 keessatti galuun lammaffaa bahe.

    Atileetiin Afrikaa Kibbaa Akaanii Simbiinee sadaffaa xumure. Eenyu akka mo'ate adda baasuuf eegamaa ture. Atileetonni saddet sa'a Laayilsi itti gale irraa sekendii 0.12 keessatti galan.

    Kana dura warqee sadii Shaampiyoonaa Atileetiksii Adunyaa irratti kan mo'ate laayilsi ammas warqee Olompikii Paaris irratti argate.

  17. UKn hookkara 'farra baqattootaa' irratti ka'e hordofee atakaaroo keessa jirti

    Mormiin farra-baqattootaa irratti dhuma torban darbee ka'e kun tasgabbaa'uu waan hin dandeenyeef Ministirri Muummee UK Keeyir Istaarmar kaabineesaanii walgahii atattamaa waamaniiru.

    Jeequmsi farra Muslimootaa fi farra baqattootaa ta'uun mirkanaa'e kun babal'achuun namaa fi qabeenyarraan miidhaa geessiseera.

    Poolisiin biyyattii leelliistoota jeequmsa kana hammeessan 150 ta'an to'annaa jala oolcheera jedha.

    Magaalaa Rootaraam jedhamtu keessatti leellistoonni farra baqattootaa hoteela baqattoonni keessa qubataniiru jedhame irratti haleellaa raawwataniiru.

    Taatee kana booda Sar Keeyir Istaarmar gocha kana balaaleffataniiru.

    Ministirri muummee kun namoota kunneen seeraan akka gaafatan ibsaniiru.

    walga'ii minitirri muummee UK har'a ganamatti kaabineesaanii waaman keessatti qaamoleen tikaa fi poolisiinis ni hirmaatu.

    Ministirri Muummee Sar Keeyir Istaarmar Dilbata kaleessaa wayita karaa TV ibsa kennan, kanneen hookkara farra-baqattootaa keessatti gaabbuusaanii dura osoo harka kennatanii wayya jechuun akeekkachiisan.

    Ministeerri dhimma biyya keessaa ammoo Masjiidotaaf eegumsa addaa akka taasifamu ajajeera.

    Hordoftoonni amantii Islaamaa Masjiida seenuu dhorkaman atattamaan gara Masjiidaa akka deebi'an hojjetamaa jira jedhan ministirri muummee Sar Keeyir Istaarmar.

    Ka'umsi hookkara UK kun taatee torban har'aa mudaterraati. Wiixata darbe magaalaa Saawuzpoort keessatti gurbaan umrii waggaa 17 haleellaa meeshaa qara qabuun raawwateen dubartoota sadi erga ajjeesee dubbiin kun ka'e.

    Mormii kaleessa magaalaa Rootaraam keessatti gaggeeffamerratti hiriirtonni ''baqattoonni biyya keenya gadhiisanii haa ba'an,'' dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.

    Jeequmsa kanarratti yoo xiqqaate poolisoonni 10 miidhamaniiru.

    Hiriirtonni hoteela baqattoonni keessa jiraachuun himamu- Holiday Inn Express Hotel jedhamutti seenuun foddaa irraa caccabsanii abidda itti qabsiisan.

    Magaalaa Booltan keessattis hiriira mormii leellistoonni farra Muslimootaa fi farra baqattootaa gaggeessaniin hordoftoonni amantii Islaamaa kanneen hijaabaa fi uffata naamusa amantichaa uffatan miidhamaniiru.

    Mormii walfakkaataan Beelfaast, Saawuzpoort, Liivarpuul, Nootingihaam, Sandarlaand, Tamwoorzi, Miidilbooroo fi magaalota Uk kaan keessatti gaggeeffameera.

  18. Yuukireen xiyyaara waraanaa F-16 yeroo jalqabaaf harka galfatte

    Yuukireen yeroo jalqabaaf xiyyaara waraanaa Ameerikaan hojjette F-16 jedhamu harka galafachuu pirezidaantiin biyyattii Volodmor Zeleniskiin himan.

    ''Xiyyaarri waraanaa F-16 amma Yuukireen jira. Harka galfanneerra,'' jedhan Zeleniskiin.

    Michoonni isaa xiyyaara waraanaa yeroo tokko kennuufiif shakkii godhan akka waadaa galaniti dhaqabsiisuu isaaniif galafateeffataniiru.

    Xiyyaara waraanaa F-16 argachuun humna qilleensaa Yuukireen kan cimsu yoo tahu, Yuukireen kana dura xiyyaarota waraanaa durii bara Sooviyeet turan irratti hirkattee Raashiyaa waraanaa turte.

    Paayileetota xiyyaara F-16 balaliisan gahaa qabaachuu baattus ji'oota dhufan keessatti xiyyaarota dabalataa akka simattus himteetti.

    Amma meeqa akka isaan dhaqabe hin ibsine. Akkasumas Poolaandi, Nezerlaandis moo US irraa akka dhufaniif hin ibsine.

    Hagayya bara 2023 keessa pirezidaanti Joo Baayiden biyyoonni xiyyaarota F-16 qaban akka Yuukireeniif kennanniif erga eeyyamanii biyyyoonni miseensa NATO tahan xiyyaarota 65 kennuufif waadaa galanii ture.

    Xiyyaarri waraanaa ammayyaa F-16 bara 1978 hojiirra oole.

    Biyyoonni lixaa hedduun isaanii xiyyaarota waraanaa F-16 soorama baasuun kan bara 2015 hojjetame F-35 jedhamuun bakka buusaa jiru.

    UK inumaayyuu humna qilleensaa ishee keessaa xiyyaarota kanneen baasteetti.

  19. Israa'el fi Hizboollaan guutummaatti waraanatti yoo seenan maaltu mudachuu danda'a?

    Ajjeechaa walitti fufiinsaan qondaalota olaanoo Hizboollaa fi Hamaas irratti raawwatame hordofee Israa'el, Hizboollaa akkasumas deeggartuu Hizboollaa kan taate Iraan gidduutti dhiphinni kan yeroo kamiiyyuu caalaa hammaateera.

    Olaantummaan teeknooloojii fi humna waraanaa Israa'el kan Hamaasiin qorame Hizboollaadhaanis daran qoramaa jira.

    Kanaafuu itti aanee waan mudachuu malu hubachuuf dandeettii Israa'el fi Hizboollaa hubachuu feesisa.

    Hizboollaa fi Israa'el bara 2006 walwaraananii turan. Waggaa 18 booda ammas wal kajeelaa jiru.

    Ji'oota darban keessa karaa dhokataa ta'een wal haleelaa erga turanii booda haalli waraana guutuutti isaan galchu uumameera.

    Haala kana keessatti olaantummaan humna qilleensaa fi tajaajila tikaa Israa'el ni ka'a, gama biraan kuufamni misaa'elaa fi rookeetii akkasumas dirooniiwwan waraanaa Hizboollaa sodaa uumaniiru.

    Sodaa kanarraa kan ka'edha biyyoonni addunyaa lammiileensaanii iddoo buufata Hizboollaa kan taate Libaanus keessaa akka ba'an ajajaa kan jiran.

    Hanga ammaa US, UK, Siwiidin, Faransaay, Kanaadaafi Yordaanos fa’i lammiileen isaanii hanga danda’ameen atattamaan akka bahan jedhaniiru.

    Haa ta’u malee, balaliin baay’ee buufata xiyyaaraa Beerutii ka’u haqameera yookiin adda citeera.

  20. Akkam jirtu hordoftoota keenya

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Atakaaroo Israa'el fi Hizboollaa akkasumas dorgommii Olompikii Paaris 2024 irratti odeeffannoo wayitaawaa ta'an isin biraan geenya.

    Yoo nu hordoftan taateewwan addunyaa mara bakka kanatti ni argattu.

    Odeeffannolee gurguddoo kaan asii banuun dubbisaa.