Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan haleellaa Yukireen daangaashee keessa seentee gaggeessaa jirtuuf deebii akka kennitu dhaadatte

Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.

Guduunfaa

  • Waraana Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessaa jirtu waraanicha qe'ee 'weerartuutti' deebiseera-Zeleniskii
  • Raashiyaan tarkaanfii Yukireen dhaabuuf bakka rakkachaa jirtutti namoonni jumlaan baqachaa jiru
  • Kaamlaa Haaris lammileen nagaa Gaazaatti du'an 'baay'eedha' jetti
  • Reeffii namoota 62 balaa xiyyaaraa Biraazilitti qaqqabeen du’anii argame
  • Taphatoota lama Jarman irraa kan mallatteessise Maan Yunaayitid jifataa Biraayitanis fudhachuu danda’a

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Moraataafi Roodriin dubbii siyaasaa dhageessisaniin adabaman

    Dursaan taphattoota Ispeen Alvaaroo Moraataa fi michuun garee isaa Roodriin dubbii siyaasaa dhageessisaniin tapha tokko tokko adabamaniiru.

    Taphattoonni kuni Waancaa Awurooppaa injifatanii yeroo Maadiriiditti kabajataa turan ‘’Jiblaaritaar kan Ispeenidha’’ jechuun waan sirbaniif qoratamaa turani.

    Kan gaaffii irratti kaasemoo Waldaa Kubbaa Miilaa Jiblaartaaridha. Kanaanis naamusa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa cabsuun qoratamaa turan.

    Kibba Ispeenitti kan argamtu Jiblaaritaar eRga jaarraa 18ffaati bulchiinsa Biriitish jala jirti.

    Ispeen immoo akka isheetti deebi’u yeroo dheeraaf gaafataa jirti.

    Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa murtee dabarseen tapha Ispeen Fulbaana keessa Sarbiyaa waliin qabduurratti akka taphattoonni kuni lamaan hin hiriirre dhorkeera.

  2. Icciitiin Lammeechaan warqii Olompikii ittiin injifatuu danda'u maali?

    Atileet Lammeechaa Girmaa galgala har’aa Olompikii Paarisitti fiigicha gufachiisaa 3000m fiiguun biyyaaf medaaliyaatu eegama.

    Gaaffiin guddaan medaaliyaan kuni kan akkamiiti kan jedhu. Olompikii Tookiyoorratti akkasumas shaampiyoonaa sadiirratti lammaffaan xumure.

    Ga'umsa warqii injifatummoo ni qaba jedhu xiinxaltoonni. Kanaaf maal gochuutu irra jira? Morkataan isaa maaliin isa caala? Maal irraa baratuu qaba?

    Dhimma kana irratti atileetii Itoophiyaa yeroo jalqabaaf fageenyichaan Olompikiirratti waggoota 44 dura medaaliyaa injifatan BBC'n dubbiseera.

    Icciitii ittiin atileetii Morookoo injifatuu danda'u gorsu.

    DABALATA: Asii dubbisaa.

  3. Biiniyaam Girmaay injifannoo seena qabeessa booda biyyasaa Eertiraatti simannaa ho'aa argate

    Lammiin Eertiraa Biiniyaam Girmaay dorgommii biskileetii guddicha Tour de France irratti nama Afrikaa jalqabaa 'Green Jersey' injifateefi gulantaawwan dorgommichaa sadi injifate ta'uun seenaa hojjate.

    Biiniyaam injifannoosaa kana booda yeroo biyyatti deebi'u magaalaa Asmaraatti simannaa guddaa namootni kumoota hedduun irratti hirmaatan qophaa'ef.

    Biiniyaam injifannoo isaa booda biyya isaa boonsuutti gammaduu himee, galateeffateee ture.

    Dorgommiin 'Tour de France' addunyaarratti isa maqaa guddaa yoo ta'u, namni Afrikaa amma dura 'Green Jersey' injifate hin jiru.

  4. Hogganaan waliigalaa Hezbollaa yeroon Israa'el haaloo itti bahan dhiyaachuu dubbate

    Israa'eel Beruut keessatti ajaajoota waraanaa Hezbollaa keessa tokko kan ta'e Fu'aad Shukir erga ajjeeftee torban tokko ta'eera.

    Garee hidhataa Libaanoos Iraaniin deeggaramuu kana kan hoogganu Hasan Nasrallaa ajjeechaa Shukir torban tokkoffaasaatti ergaa viidiyoo sa'aatii tokkofi walakkaa ta'uu gadhiiseen, yeroon itti Israa'eliin haaloo bahan dhiyaachuu dubbate.

    Nasrallaan tarkaanfiin haaloo bahuu fudhatan ''jabaa fi kan dhugoomu'' ta'uu hime. Dabaluunis ajjeechaan Shukir ajjeechaa ''salphaa godhamee hin fudhatmne'' ta'uu hime.

    Haaloon bahan kun qofaa fi gareelee biroo waliin qindaa'uun ta'uu akka danda'us dubbate.

    Ajjeechaa ajajaa waraanaa kana booda Israa'eliifi Hezbollaan kan walitti dhukaasan yoo ta'u, biyyootni hedduun muddamni kun hammaachuu mala jedhanii sodaachuun lammiileen isaanii Libaanosii akka bahan akeekkachiisaa jiru.

    Pireezidantiin US Joo Baayidan ammoo qaamolee nageenyaa biyyasaanii olaanoo waliin dhaadannoo Israa'el irratti gamaafi gamanaa dhagahamu irratti mariyachuun biyyatt balaarraa qolachuuf qophaa'uu himaniiru.

  5. Baqataan lammiin Poolaand machaa’ee Ministira Muummee Deenmaark bunyaan haleele adabame

    Baqataan lammii Pooland MM Deenmaark Mettee Firederiksen bunyaan(booksiin) haleele ji'a afur adabame.

    Mannii murtii magaalaa guddoo Deenmaark, Kooppanhagen baqataa umrii ganna 39 kana hidhaa ji’a afurii itti muruun, Deenmaarkii akka baafamu fi waggoota shaniif biyyattii deebi'e akka hin seenne itti murteesse.

    Baqataan kun mana murtiitti Kibxata dhiyaachuun ‘’yeroo sanatti garmalee machaa’een ture, haala ture hin yaadadhu'' jedhe.

    Taateen kun Adoleessa darbe raawwate.

    Baqataan kun dirree magaalaa Koppanhagenitti akka tasaa MM Deenmaark Mettee Firederiksen argee gateettirra buunyaan haleelutu himame.

    MM Deenmaark Mettee Firederiksen irraa garuu miidhaa salphaatu gahe.

    Hojjattuu mootummaa[Firederiksen] qoccoluu dabalatee yakka burjaajii uumuu fi taate biraatiin ammoo yakka raawwate jedhamuun balleessaan itti murame.

    Baqataan kun erga adabbii hidhaasaa goolabee booda Deenmaark keessaa akka baafamu itti murtaa’era.

    Kana malees gatii galmeen yakkaa ittin isarratti baname akka kaffalu itti murtaa’era.

    Namni kun hin rukunne jechuun waakkatullee, himannaa irratti dhiyaate biraatiin ammoo balleessaan itti murame.

  6. Baankileen Itoophiyaa doolaara tokko gidduugalaan birrii 107.9 bituuf gaafatan- Baankii Biyyaalessaa

    Baankiin Biyyaalessaa doolaara caalbaasiif akka dhiyeessu beeksisuu hordofee baankileen Itoophiyaa 27 caalbasii kanarratti hirmaachuu baankichi hime.

    Baankiiwwan hirmaatan kunniin doolaara Ameerikaa tokko gidduugalaan birrii 107.9 bituuf gaafataniiru jedhe.

    Caalbaasiin kun yeroo duraaf gaggeefame. Baankiiwwan guyyaa har'aa doolaara tokko naannoo birrii 95niin bitanii birrii 1001'n gurguraa jiru.

    Gatiin amma caalbaasii kanarratti doolaara ittiin bitan kan gabaa idileen bituuf baasan birrii 13tti dhiyaatuun caala, kana jechuun ammoo gatiin ittiin gurguran guyyoota dhufan keessa dabaluu danda'a jechuudha.

    Bulchaan Baankichaa gatiin dhiyaate kun wayita jijjiirama sirna sharafa alaa baasuuf qophaa'an kan yaadaniin wal simuu himanii, sochiin sharafa alaa baankiileetti akka naanna'u gochuuf gahee qaba jedhaniiru.

    Bulchaan baankichaa Obbo Mihiratuu Maammoo baankilen namoota alaa miya galchaniifi kaan ulaga agaaffachaa jijiiirraa sharafa alaa hojjachaa jiraachuu isanaiitti gammaduus himaniiru.

    Torbanoota dhufan keessatti sharafni alaa baayyatee sochiin sharafa alaa baankilee kan ammaa caala akka bal'aatu akka eeganis himaniiru.

  7. Waraanni Tigraay hirmaannaa Olompikii atileetota naannichaa hangam miidhe?

    Waraanni gaaga'aan naannoo Tigraay bara 2020 eegalee akka gabaasaaleen jedhanitti namoota 600,000 galaafatee, miliyoonatti kan siiqan ammoo qe'eerraa buqqiseera.

    Redaa'ii Gebreyyesuusiifi Balaayineesh Yaayaa atileetota abdii biyyaa waraanni kun galaafate keessaatti eeramu.

    Olompikii Paaris amma gaggeefamaa jirurratti atileetota Itoophiyaa bakka bu'anii hirmaataa jiran keessaa tokko sadaffaan atileetota naannoo Tigraay irraa argamani.

    Leenjisaa atileetii fageenya giddugaleessaa Redaa'ii kan ta'e Getiyyee Makuriyaa, atileetichi Olompikii Paaris irratti biyya bakka bu'uu kan danda'u qofa osoo hin taane medaaliyaaf abdatama turee jedha.

    ''Redaa'iin shakkii malee ni filatama ture, isa qofa osoo hin taane medaaliyaa fiduu danda'a ture'' jedha.

    Redaa'iin Maacew bakka Hagoos Gabrihiwootiifi Letesenbet Giday fa'aa itti leenji'anitti leenji'aa bahe.

    Achuma Maacewitti leenji'aa akka Masarat Daffaar ta'uuf abdataa kan turte Belaayineshis waraana tasa eegale keessa loltummaatti galtee lubbuu dhabde.

    Hogganaan Federeeshinii atileetiksii naannoo Tigraay Kidaanee Teklehaayimaanoot waraana kana keessa atileetotni, leenjistootni fi hojjettootni bulchiinsaa walumatti 100 ta'an waraana kana keessa ajjeefamaniiru jechuun BBCtti himan.

    ''Hedduun isaanii dorgommii intarnaashinaalaaf gahuu kan malana turan. Maatiifi biyya isaaniif madda galii guddaa ta'uu maluu turan'' jedhan.

  8. Yukireen daangaa Raashiyaa seentee jechuun Puutin himatan

    Loltoonni Yukireen 300tti siqan naannoo Raashiyaa Kurisk jedhamtu Kibxata seenan jechuun Qondaalii waraanaa Raaashiyaa himachuu hordofee, Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen haleellaa dubbi barbaacha ''guddaa'' bante jechuun himatan.

    Naannichatti lolli ittifufuun gabaafameera.

    Raashiyaan akka ibisitetti, loltoonni Yukireen taankota 11 fi konkolaattoota waraana 20’n deeggaraman magaalaa Sudzaa jedhamu biraan gara daangaa Raashiyaatti ce’an.

    Namoonni kumaataman lakkaa’aman naannicha keessaa baqachuu qondaalonni Raashiyaa himan.

    Yukireen himannaa Raashiyaan dhiyeessite kanarratti amma yoonaatti yaada hin kennine.

    Puutin humnoonni Yuukireen ''jumlaan gamoowwan manneen jireenyaa siviliitti dhukaasa turan' jechuun Yaa'i Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii taa'amuuf jiru dursanii himatan.

    Raashiyaan humnaan kutaalee Yukireen dhunfachuu hordofee biyyoonni lamaan wal waraanutti jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

  9. Atileetonni Itoophiyaa sadi fiigicha xumuraa meetira kuma shaniif gulaallii darban

    Dorgommii Olompikii Faransaayi Paarisitti gaggeeffamaa jiruun atileetoonni Itoophiyaa sadi dorgommii xumuraa meetira kuma shaniif gulaalii darbaniiru.

    Atileet Hagoos Gabra Hiwoot, Biiniyaam Mahaariifi Yihunee Addisuu warreen gahuumsa dorgommii xumuraa meetira kuma shaniif darbaniidha.

    Gama biroon ammoo dorgommiin fiigicha meetira 3000 gufaachiisaa har'a galgala ni gaggeeffama.

    Fiigicha kanarratti atileet Lammeechaa Girmaa kanneen medaaliyaaf eegaman keessayi. Atileet Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa kanaan daqiiqaa 07፡52፡11 galmeessun abbaa rikardii ta'uunsaa ni beekama.

    Dorgommiin kun har'a halkan sa'aatii 4:40tti kan eegalu yoo ta'u, atileetonni Itoophiyaa biroo Geetinnat Waalafi Saamu'eel Firewu ni fiigu.

    Dorgommii kanaan atileetin Morookoo El Baklii sufee, akkasumas atileetonni Keeniyaa Saaram Amoosifi Ko'ech Kiproop medaaliyaaf kanneen Lammeechaa Girmaa fa'aa falmataniidha.

  10. Biyyoota atileetin tokko qofti olompikii irratti hirmaatan

    Biyyoota gariirraa atileetoonni dhibbaan lakkaa'aman olompikii irratti hirmaatanis, gariin ammoo atileetii tokko qofa erganiiru.

    Ameerikaan Olimpikii bara kanaa walumaa galatti atileetota 592 qabachuun kan seenan yoo ta’u, kunis biyyoota addunyaa kamiyyuu caaluu koreen Olompikii Idil-addunyaa ni mul’isa.

    Haata'u malee biyyoonni atileetiin tokko qofti isaan bakka bu'u jiru.

    Somaaliyaan, biyyi waggoota kurnaniif waraana biyya keessaatiin rakkachaa turte bakka bu'aa tokko qofa qabdi.

    Atileet ganna 26 Alii Idoowu Hasan, Olimpikii Paaris irratti qofasaa ergamaa biyyasaa ta'uu isaatti ''baay'ee gammadeera'' jechuun BBCtti himeera, garuu ''Yeroon kophaa ta'u baay'een gadda." Jedha.

    Hasan garuu atileetota biyyoota Afrikaa biroo waliin michummaa uumeera.

    Kanaaf, kophummaan cimaan itti dhagaʼamne ganda atileetotaa keessatti.

    Tapha Istaadiyeemii Faransaay irratti gara poodiyaamii meedaaliyaatti darbuu akka danda'u abdii qaba.

    Hasan Roobii dorgommii dhiiraa meetira 800 irratti saffisa gahaa yoo qabaate gara walakkaa xumuraatti darba.

    Ta’u baannan garuu, abdiin meedaaliyaa Olompikii biyya baha Afrikaa kanaaf sekondii 100 keessatti xumurama.

    Olompikiin booda Hasan shaakaluuf Itoophiyaatti deebi'a. Gaaf tokko garuu magaalaa dhaloota isaa Moqaadishoo keessa deebi'ee akka jiraatu abdii qaba.

    Jala bultii dorgommii dhiirotaa meetira 800 irratti kan dubbate Aliin, haalli nageenyaa Somaaliyaa keessatti yoo fooyya’e bakka bu’oonni hedduun Olompikii gara fuula duraatti ergamuu akka danda’an hima.

    Somaaliyaan ummataa miliyoona 17 kan qabdu yoo ta'u, sababa walitti bu'iinsaan buqqa'uun itti fufee jira.

    Biyyoonni biroon olompikii Paaris irratti atileetii tokko qofa qaban Beeliiz, Leektanistaayin fi Naawuruudha.

    Roomaanoo Puuntener, biyya xiqqoo Oostiriyaa fi Siwiizarlaand gidduu jirtu, kan baay'ina ummataa namoota 38,000 qabdu Leektanistaayin bakka bu'e.

    Atileetiin ganna 20 yeroo jalqabaaf Olompikii irratti hirmaate kun fiigicha torbee darbeetiin sadarkaa 28ffaa bahe.

    Garuu meedaaliyaa injifata jedhamee waan hin eegamneef, bashannanuu danda'eera, akkasumas muummicha ministeeraa biyyattii dabalatee deeggarsa lammiilee biyyasaa 20 ykn 30 isa jajjabeessuuf dhufan argatteera.

    Garuu bara dijitaalaa kana keessatti deeggarsii guddaan yaada atileetoota biyyoota isaanii bakka bu’an hihhiruu danda'a.

    ''Nama Leektanistaayin jiraatu hunda irraa ergaa akkan argadhe natti dhaga'ame,'' jedha Puuntener.

    Atileetii biyya tokko qofa bakka bu'u ta'uun itti gaafatamummaa boonsaa fidudha - akkasumas yaaddoo dabalataa qaba.

    Winzar Kakiouea fiigicha dhiirotaa meetira 100 irratti odola Paasifikii keessatti argamtuu fi addunyaa irratti rippabiliika xiqqaa taatee Naawuruuf dorgome.

    Gaazexaa Niwu Yoork Taayimsitti akka himanitti, namoonni hedduun Olimpikii irratti wal argan waa'ee biyya isaa kan ummata kuma 11,000, qabdu hin dhageenye turan.

    Yeroo Taphoonni xumuraman fi xiyyeeffannaan gara waan biraatti ce'u, dorgomtoonni kun jireenya kanneen atileetoota addunyaa jiraatan irraa baayyee adda ta’eetti deebi'u.

    Beeliiz kan bakka bu’e Shoon Giil, dorgommiiwwan gurguddoo irraa soorama bahuu kan filate yoo ta'u, dhaloota itti aanu Beeliiz keessatti leenjisuu, akkasumas hojii mataa isaa gara fuula duraa injinarii ta'uu irratti xiyyeeffata.

  11. Afrikaa kibbaatti ijoolleen mana barumsaa waldaa guban

    Lallabaan Afrikaa Kibbaa falmisiisaa ta'e, ilmaan ilmaan isaa humnaan fudhachuuf goraadee qabatee mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa seenuu hordofee waldaansaa gubame.

    Waldaan Paastar Imboroo Kibxata ijoollee mana barumsaa aarii guddaa qabaniin gubamuu gabaasni ni mul'isa.

    Angawoonni naannoo akka jedhanitti ijoolleen xixiqqoo lamaan inni fudhate kun erga haati isaanii du'aan boqottee booda guddifachaa irratti waldhibdeen maatiin gidduuti uumame.

    Taatee mana barumsichaa keessatti mudate hordofuun namoonni shan to'annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera.

    Namoonni sun ''barattootaa fi barsiisota rakkisuu'' akkasumas doorsisuun himataniiru.

    Viidiyoon toora interneetii irratti maxxanfame waldaan Paastar Mboroo abiddaan gubachuu agarsiisa.

    Barattoonni uffata mana barumsaa uffatan waldicha keessaa fiigaa akka turan fi, waldhichi saamamuu isaa News 24 gabaaseera.

    Angawoonni akka jedhanitti "taatee kaleessaa hordofuun Imboroon erga hin hidhamneen booda aariin ka'ee, waldichi akka gubatu taasiseera."

    Paastar Imboroon kan raajii ofiin jedhu, guutuu Afrikaa Kibbaatti hordoftoota kumaatamaan lakkaa'aman qaba.

    Dinqiiwwan akka nama fayyisuu fi gadameessa dubartii ulfaa keessaa qurxummii da'eessuu akka raawwatu himachaa tureera.

  12. Israa'el haleellaa dhufuu maluuf jecha lafa jalatti hospitaala qopheeffatte

  13. Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa Itoophiyaa kaffaltii tajaajilaa dachaan dabale

    Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa Itoophiyaa kaffaltii tajaajilaarratti daballii taasisuu beeksise.

    Tajaajilawwan immigireeshiniifi lammummaan wal-qabatan namootaf kennu ilaalchisee kaffaltii tajaajilaarratti daballlii taasisuuf sababni mootummaan gatii sharafaarratti jijjiirama taasisuu ta'uu ibse.

    "Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Kaffaltii tajaajilaa bu’uura labsii mana maree ministeerotaa dambii 550/2024tiin kan fooyya’e," jechuun waajirichi fuula Feesbuukii isaarratti barreessera.

    Tajaajili mmmigireeshiniifi Lammummaa Itoophiyaa kaffaltii tajaajilaarratti daballiin taasise kan kanaan duraa irra dachaan ta'uusaa fuula miidiyaa hawaasaarraa hubachuun ni danda'ama.

    Daballiin kaffaltii taasifame kun gosoota tajaajilaa lammummaafi immigireshiinii kennamu irratti kan hundaa'u yoo ta'u kan durii caalaa tajaajilli hanga Birrii 20,000 daballiin irratti taasifame jira.

    Kanaan dura paaspoortii ariitidhaan guyyaa 2-5 keesatti haareffachuuf kaffaltii hanga birrii 6500 kan kaffalchiisu hareffama gatii amma taasiseen waajjirichi birrii 20,000 hanga 25,000 akka kaffalchiisu beeksise.

    Paaspoortii bade ykn manca'e yeroo idileedhan sirreessifachuuf birrii birrii 13,000 yoo gaafatu guyyaa lama keessatti kan sirratu birrii 33,000 yoo ta'u, guyyaa shan keessatti kan qaqqabu birrii 28,000 akka kaffalchiisu beeksise.

    Daballii kaffaltii tajaajilaa taasifame irratti daballiin guddaan kan mul'ate tajaajila immigireeshiniifi lammummaa guyyoota muraasa keessatti kennamu irrattiidha.

  14. Hamaas Yayhaa Sinwaar gaggeessaa waliigalaa gochuun filate

    Hamaas gaggeessaa damee siyaasaa isaa Teheraanitti torban darbe ajjeefame Ismaa’el Haniyaa gaggeessaa Gaazaa Yayhaa Sinwaariin bakka buusuu Kibxata har'aa beeksise.

    Sinwaar haleellaa waggoota kurna keessatti hamaadha jedhame Hamaas Onkolooleessa 7, 2023 Israa'elirratti raawwate olaantummaan qindeessuun himatte.

    Gaazaatti kan dhokate gaggeessaan Hamaas kun erga waraanni Gaazaatti banamee qondaalota Hamaas akka jabaatti Israa'el adamsitu keessaa tokko.

    Sinwaar nama ganna 61yoo ta'u, maqaa Abu Ibraahim jedhamuun beekamu ture.

    Kaampii baqattootaa Kaan Yunis, kan fiixee kibba Gaazaatti argamutti dhalate.

    Warrisaa Ashikloon yoo ta'an, bara Filisxeemonni "al-Naqba" ykn bara balaa jedhanii waaman qe’eerraa baqatan.

    Qondaalli Hamaas kun eenyu akka ta'ee bal'inaan asii argattu.

  15. Atileeriin Bahireen gufachiisa 3000m dubartootaa riikardii cabsuun mo'atte

    Dhalattuun Keeniyaa Bahireeniif figduu Yaavi Winfireedis gufachiisa 3000m injifatte.

    Atileetotni Itoophiyaa lamaan meedaaliyaa keessa galuu hin dandeenye.

    Yaavi Winfireedis 8:52.67 fiiguun riikardii Olompikii haaraa galmeessite.

    Atileetotni Ugaandaa fi Keeniyaa lamaffaafi sadaffaa bahan.

  16. Chepteegeen dorgommii 5000m akka hin fiigne beeksise

    Atileetiin Ugaandaa Jooshuwa Chepteegee Olompikii Paaris adeemaa jiruun fiigicha 5000m keessa akka hin hirmaanne ifoomse.

    Murtee kana ofi isaa beeksisuun dura gabaasoti adda addaa akka hin hirmaanne ibsaa turan.

    ‘‘[Fiigicha] 10,000m irratti warqii Olompikii injifachuukoon baay’een boona,‘‘ jechuun ergaa Inistaagiraama gubbaa kaa’en ibse.

    Haa ta’u malee, ‘‘Ergan garee kiyya waliin mari’adhee booda 5000m keessaa of baase,‘‘ jedhe.

    Ergaa Inistaagiraama isaa gubbaa kaa’en injifannoowwan hanga ammaa galmeesse tarreesse.

    Ammoo sababa hin dorgomneef hin ibsine. Koreen Olompikii Ugaandaa garuu, Jaakob Kiplimoo dabalatee fiigicha 10,000m irratti dadhabbii isaan qunnameen wal qabatee akka hin fiigne ibse.

    Fageenya 5000m fi 10,000’n abbaa rikardii addunyaa kan ta’e Chepteegeen, keessumaa 10,000m‘n si’a sadii shaampiyoonaa addunyaa ta’e.

    Olompikii gubbaammoo Tookiyootti 10,000m’n warqii dhabuus 5000m’n warqii mo’atee ture.

    Chepteegeen barana fageenya 10,000m’n Olompikii gubbaatti injifachuu barbaadu atileetota Itoophiyaa mo’achuun milkeeffateera.

    Gulaalliin fiigicha 5000m dhiirotaa Roobii borii dorgomama, xumurri immoo Sambatadha.

    Itoophiyaarraa Hagoos G/Hiywat, Biiniyaam Mahaariifi Addisuu Yihunee kan dorgoman ta’a.

  17. Baankiin biyyaalessaa doolaraa caalbaasiif dhiyeesse

    Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa Roobii Hagayya 7, 2024 doolaara Ameerikaa caalbaasiin baankileef akka gurguru beeksise.

    Itoophiyaan sirna sharaf alaa akka biyyatti hojiirra oolaa ture erga jijjiirtee booda, dhaabbilee idila addunyaarraa liqaa fi deeggarsa adda addaan doolaara biiliyoona hedduun lakkaa'amu argachuu beeksifteetti.

    Jijjiiramni sirna sharafa alaa hojiirra ooluu eegalus, baankileen sharafa alaa gahaa waan hin qabneef fayyadamtootni baankiirraa doolaaras ta'e maallaqa biyya alaa biroo argachuuf rakkachaa jiru.

    Baankiin Biyyaalessaa hanqa sharafa alaa caalbaasiif dhiyeessee ifa osoo hin godhiin baankileen biyyattii doolaara hanga bitaniifi hanga birrii doolaara tokko ittiin bitanii ifa gochuun akka dorgoman waamicha dhiyeesse.

    Injifatana caalbaasichaa kaffaltii atattamaan akka raawwatu, sharafni alaa injifataaf kennamu ammoo isa caalbaasiif dhiyaate keessaa dhibbeentaa 20 akka ta'e beeksise.

    Caalbaasiin sharafa alaa kan jalqabaa kun haala gabaa ilaaluun torbanoota dhufan keessas gaggeeffamuu akka ittifufu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.

  18. Fiigicha 3000m gufachiisaa dubartootaan eenyutu eegama?

    Galgala har’aa sa’aatii 4:15 irratti atileetonni Itoophiyaa lama morkatu. Kunneenis Simboo Alamaayyoofi Loomii Mul’ataadha.

    Atileetiin keeniyaa fageenyichaan abbaa riikardii addunyaa kan taate Biyaatiris Chepkoweech ni eegamti.

    Atileetiin Keeniyaa yeroo ammaa Baahireenif fiigdu Yaavi Winfireedis morkattuu cimtuudha.

    Atileetiin Yugaandaa Peeriz Chemutaay, US fi kaanis ni eegamu.

    Itoophiyaan yeroo xumuraaf fiigicha gufachiisa dubartootaan olompikii gubbaa medaaliyaa kan argatte waggoota 12 duradha.

    Atileet Soofiyaa Asaffaa Olompikii Landan bara 2012 irratti lammaffaa bahuun meetii argatte.

    Dorgommii har'aa irratti walumaagala atileetonni biyyoota garagaraa 15 ni hirmaatu.

  19. 'Fudhatamni marii Komishiniin marii Biyyalessaa sirreeffama malee gaggeessuu na yaadessa'-CARD

    Gidduugalli Guddina Mirgaafi Dimokirasii(CARD) Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsi itti jiru ''hunda hammataa miti, hanqina iftoominaas qaba'' jedhe.

    Dhaabbatni miti mootummaa biyya keessaa kun qorannoo gaggeesseen, dhaabbatichi qajeeltoowwan hojii kaawwate 11 keessaa kanneen ijoo jedhaman jalqabarra jiran lama kabajaa hin jiruu jedha.

    ''Qajeeltoowwan jalqabarra kaawwate lama sarbaa jira'' jedha qorannichi.

    Dhaabbatichi komishinichi jalqabarraa eegalee adeemsi isaa ''hanqinoota gurguddo qaba'' jechuun adeemsa isaarratti jijjiiramni akka godhamu mallattoo walitti qabaa jiraachuu ibse.

    Torban darbe marsariitii Change.org irratti waamichi yaada walitti qabu eegale, komishinichi komii ka'aa jiran osoo hin furiin yoo marichi raawwatame bu'aansaa fudhatama dhaba yaaddoo jedhu qabaachuu beeksise.

    Hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa Dr Mangistuu Asaffaa, Komishinichi adeemsa ifa ta'e hordofaa akka hin jirree fi hunda hammataa akka hin taane BBCtti himan.

    Komishinichi dhaabilee siyaasaa 40 ta'an waliin hojjechaa akka jiru beeksisuus, tokkummaa paartillee biroo hedduu waliin hojjeechaa akka hin jirre akka yaaddootti kaasan. Kimishinichi ejjennoo paarilee isa waliin hojjechaa hin jirre ''callisee halaalaa ilaalaa jira'' jedhan.

    Adeemsa kanaan mariin gaggeefamu fudhatama qabaachuurratti waan yaaddahaniif dhaabbilee kaan waliin ta'un Komishinichi sirreeffama akka godhu gaafachuuf akka kaayyeffatan Dr Mangistuun ibsaniiru.

  20. Kaamlaa Heriis bulchaa Minisootaa, Tiim Woolz Pireezidantii itti aanaaf kaadhiman

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti kaadhimamtuun pireezidantii dhaaba Dimookraatikii Kaamlaa Heriis, bulchaa isteeta Minisootaa kan ta'an Tiim Woolz pireezidantii itti aanaaf kaadhiman.

    Kaamlaan nama itti aanaasaanii ta'u ifatti labsuurraa yeroo barfatanitti miidiyaaleen Ameerikaa filatamuu bulchaa Minisootaa kanaa gabaasan.

    Tiim Woolz bulchaa Minisootaa kan ta'an bara 2018tti yoo ta'u sana dura waggoota 18f bakka bu'aa dhaaba dimookraatotaa ta'uun miseensa Kongireesii Ameerikaa turan.

    Beekamtiin nama kanaa kan dabale Doonaald Tiraampiifi wahila isaa ''Wiird''(waan hin baratamne) jechuun erga ibsaniiti.

    Namni ganna 60 kun ajjeefamuu nama gurraacha Joorji Filooyiid booda wayita hokkorri jabaan Miniyaapoliis mudate bulchaa isteetichaa turan. Hokkara san to'achuufis ''National guard''( qaama nageenyaa yeroo balaa guddaa duulu) bobbaasaniiru. Waalz waggoota 20f miseensa ''National Guard'' turan.Leenjisaa kubbaa miilaafi barsiisaa brnoota sadarkaa lammaffaas turan.