Biyyoota gariirraa atileetoonni
dhibbaan lakkaa'aman olompikii irratti hirmaatanis, gariin ammoo atileetii tokko
qofa erganiiru.
Ameerikaan Olimpikii bara kanaa
walumaa galatti atileetota 592 qabachuun kan seenan yoo ta’u, kunis biyyoota
addunyaa kamiyyuu caaluu koreen Olompikii Idil-addunyaa ni mul’isa.
Haata'u malee biyyoonni
atileetiin tokko qofti isaan bakka bu'u jiru.
Somaaliyaan, biyyi waggoota kurnaniif
waraana biyya keessaatiin rakkachaa turte bakka bu'aa tokko qofa qabdi.
Atileet ganna 26 Alii Idoowu Hasan, Olimpikii
Paaris irratti qofasaa ergamaa biyyasaa ta'uu isaatti ''baay'ee gammadeera''
jechuun BBCtti himeera, garuu ''Yeroon kophaa ta'u baay'een gadda." Jedha.
Hasan
garuu atileetota biyyoota Afrikaa biroo waliin michummaa uumeera.
Kanaaf,
kophummaan cimaan itti dhagaʼamne ganda atileetotaa keessatti.
Tapha Istaadiyeemii Faransaay irratti
gara poodiyaamii meedaaliyaatti darbuu akka danda'u abdii qaba.
Hasan Roobii dorgommii
dhiiraa meetira 800 irratti saffisa gahaa yoo qabaate gara walakkaa xumuraatti
darba.
Ta’u
baannan garuu, abdiin meedaaliyaa Olompikii biyya baha Afrikaa kanaaf sekondii
100 keessatti xumurama.
Olompikiin
booda Hasan shaakaluuf Itoophiyaatti deebi'a. Gaaf tokko garuu magaalaa
dhaloota isaa Moqaadishoo keessa deebi'ee akka jiraatu abdii qaba.
Jala
bultii dorgommii dhiirotaa meetira 800 irratti kan dubbate Aliin, haalli
nageenyaa Somaaliyaa keessatti yoo fooyya’e bakka bu’oonni hedduun Olompikii
gara fuula duraatti ergamuu akka danda’an hima.
Somaaliyaan ummataa miliyoona 17 kan qabdu yoo ta'u,
sababa walitti bu'iinsaan buqqa'uun itti fufee jira.
Biyyoonni biroon olompikii Paaris
irratti atileetii tokko qofa qaban Beeliiz, Leektanistaayin fi Naawuruudha.
Roomaanoo Puuntener, biyya xiqqoo
Oostiriyaa fi Siwiizarlaand gidduu jirtu, kan baay'ina ummataa namoota 38,000
qabdu Leektanistaayin bakka bu'e.
Atileetiin ganna 20 yeroo jalqabaaf
Olompikii irratti hirmaate kun fiigicha torbee darbeetiin sadarkaa 28ffaa bahe.
Garuu meedaaliyaa injifata jedhamee
waan hin eegamneef, bashannanuu danda'eera, akkasumas muummicha ministeeraa
biyyattii dabalatee deeggarsa lammiilee biyyasaa 20 ykn 30 isa jajjabeessuuf
dhufan argatteera.
Garuu bara dijitaalaa kana keessatti deeggarsii
guddaan yaada atileetoota biyyoota isaanii bakka bu’an hihhiruu danda'a.
''Nama
Leektanistaayin jiraatu hunda irraa ergaa akkan argadhe natti
dhaga'ame,'' jedha Puuntener.
Atileetii biyya tokko qofa bakka
bu'u ta'uun itti gaafatamummaa boonsaa fidudha - akkasumas yaaddoo dabalataa qaba.
Winzar
Kakiouea fiigicha dhiirotaa meetira 100 irratti odola Paasifikii keessatti
argamtuu fi addunyaa irratti rippabiliika xiqqaa taatee Naawuruuf
dorgome.
Gaazexaa
Niwu Yoork Taayimsitti akka himanitti, namoonni hedduun Olimpikii irratti wal
argan waa'ee biyya isaa kan ummata kuma 11,000, qabdu hin dhageenye turan.
Yeroo
Taphoonni xumuraman fi xiyyeeffannaan gara waan biraatti ce'u, dorgomtoonni kun
jireenya kanneen atileetoota addunyaa jiraatan irraa baayyee adda ta’eetti deebi'u.
Beeliiz kan bakka bu’e Shoon
Giil, dorgommiiwwan
gurguddoo irraa soorama bahuu kan filate yoo ta'u, dhaloota itti aanu Beeliiz
keessatti leenjisuu, akkasumas hojii mataa isaa gara fuula duraa injinarii
ta'uu irratti xiyyeeffata.