Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan haleellaa Yukireen daangaashee keessa seentee gaggeessaa jirtuuf deebii akka kennitu dhaadatte

Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskiin waraanni isaanii naannoo lixa Raashiyaa Kursk keessatti haleelaa akka jiru yeroo jalqabaaf amanan.

Guduunfaa

  • Waraana Yukireen daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessaa jirtu waraanicha qe'ee 'weerartuutti' deebiseera-Zeleniskii
  • Raashiyaan tarkaanfii Yukireen dhaabuuf bakka rakkachaa jirtutti namoonni jumlaan baqachaa jiru
  • Kaamlaa Haaris lammileen nagaa Gaazaatti du'an 'baay'eedha' jetti
  • Reeffii namoota 62 balaa xiyyaaraa Biraazilitti qaqqabeen du’anii argame
  • Taphatoota lama Jarman irraa kan mallatteessise Maan Yunaayitid jifataa Biraayitanis fudhachuu danda’a

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qananiisaafi Kipchogeen waggaa 21 booda Paarisitti walitti deebi'u

    Dorgommiin Maaraatoonii Olompikii Paaris atileetota maqaa guddaa biyyoota ollaa lamaanii, Itoophiyaa fi Keeniyaa walitti fida. Qananiisaa Baqqalaa fi Eliiyuud Kipchoogee Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Paaris bara 2003 irratti dargaggeeyyii humna guddaa ta'anii waldorgomanii lachuu medaaliyaa warqeesaanii isa jalqaba ainjifatan.

    Bara sana Kipchoogeen dargaggeessa waggaa 18 ture.

    Kipchoogeen fageenya 5000m warqee injifate. Qananiisaan ammoo sadarkaa sadaffaan xumuree Nahaasa argate. Dorgommii 10,000m ammoo Qananiisaan warqee injifateera.

    Dorgommiin atileetota jajjaboo lamaanii waggoota 21 dura eegale achuma Paaristti xumura waan argatu fakkaata.

    Kipchoogeefi Qananiisaan Olompikiin Paaris xumura dorgommiisaanii isa xumuraa ta'uufi dhiisuu ifatti hin beeksifne.

    ''Olompiikni kun kanaaf adda, Paaris jireenyi koo Ispoortii bakka itti eegaledha'' jedhe.

    Sadarakaa idila addunyaatti milkaahinnisaa kan eegale achii ta'uusaatiin dhiibbaa Paaris jireenyasa keessatti qabdu yaadachuu, dorgommii maaraatoonii kanaaf qophii qabu ibseera.

    ''Olompiika walitti aanan sadii warqee injifachuun nama jalqabaa ta'uun seenaa hojjechuun barbaada'' jedhe.

    Qananiisaa Baqqalaa kan Kipchoogee waggaa lamaan caalus qophii jabaa gochuu dubbatee, ''qabxiin dorgommii kana maalis ta'u maal harka bal'iseen simadha'' jedheera.

  2. Obbo Getaachew Reddaa yaa'ii TPLF falmii kaase irratti akka hin hirmaanne beeksisan

    Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachew Reddaa yaa'ii 14ffaa isa falmisiisaa dhaaba TPLF(Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay) irratti akka hin hirmaanne beeksisan.

    Dura taa'aa ittaanaa dhaabichaa kan ta'an Obbo Getaachew yaa'iin waliigalaa dhaaba isanii ''garee tokkoon butamee seeraan ala gaggeeffamaa jira'' jedhan.

    Obbo Getaachew ejjennoosaanii kan kan beeksisan xalayaa banaa dura taa'aa dhabichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliifi dura taa'aa komishinii to'annoo gidduugalaa kana ta'an Tekileebirihaan Arayaaf ergan keessatti.

    Maddeen waajira pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaas xalayaan kun Obbo Getaachew irraa ergamuu BBC'f mirkaneessan.

    Obbo Getaacheew yaa'ii waliigalaa kanarraa akka qooda hin qabaanne kan beeksisan yaa'icha ilaalchisee aanga'oota dhaabichaa olaanoo gidduu adda addumaan yaadaa dhalachuun wayita gabaafamaa jiruttidha.

    Dhaabichi Boordii Filannoo Itoophiyaatti seera qabeessummaasaa haala haaromsurratti dhibdeen dhalateera.

    Dhaabichi akka haaraatti akka galmaahu gaafatamus, ejjennoon dhaabichaa ammoo beekamtiinsa akka haaromuuf gaafata.

    Dhimmi seeraa kun osoo hin raawwatiin yaa'ii waliigalaa gaggeessuun sirrii akka hin taane MM Abiy Ahimadis dubbataniiru.

    Obbo Getaachew torbee darbe yaada Dimtsii Wayyaaneef kennaniin yaa'icha amma gaggeesuun sirrii akka hin taane akeekanii turan.

  3. Yoomiif dorgommii 10,000m warqii itti dhaban maal jedhe?

    Fiigicha 10,000m Olompikii Paarisitti dorgomame irratti kan hirmaate Atileet Yoomif Qajeelchaa tooftaan hordofan akka isaan miidhe BBC'tti hime.

    Yeroo himannaan garagaraa garee atileetiksii Itoophiyaa raasaa jiru kanatti, waan keessa turan, miira garee keessa jiru akkasumas yaaddoo qabxii biyyattii dubbate.

    Waa'ee Koree Olompikii, qeeqa irratti ka'uufi kaanirratti BBC waliin turtii taasise.

    GUUTUU: Asii dubbisaa.

  4. Yukireen buufata xayyaara waraana Raashiyaa haleeluu beeksifte

    Yukireen buufata xayyaara waraana Raashiyaa irratti haleellaa gaggeessuu beeksifte.

    Humni Waraana Yukireen akka beeksisetti buufanni xayyaara waraanaa haleelame kun daangaa Raashiyaa kessatti kan argamu yoo ta'u, mankuusawwan boombii Raashiyaa.

    Yukireen Raashiyaa irratti haleellaa kana kan gaggeessite halkan edaa yoo ta'u, aangawoonni Raashiyaa bulchiinsa Lippestik naannichatti labsii yeroo muddamaa labsanii jiru.

    Jiraattonni bakka haleellan itti mudate irraa ka'uun bakka biraa akka qubsiifaman godhamuu himan qondaalonni Raashiyaa.

    Gama biraan ammoo Kibxata darberraa kaasee Yukireen humna lafoon daangaa Raashiyaa cabsitee seenun loltoota Raashiyaa wajjin wal-hadhuu erga eegaltee har'i guyyaa arfaffaadha.

    Loltoonni Yukireen 1,000 ta'an taankifi konkolaattota waraanaa garaa garaa qabatanii karaa bulchiinsa Kursk daangaa Raashiyaa cabsuun seenanii hanga 10km akka fulla'antu ibsame.

    Pirezidaantin Yukireen Zeleniskiin daanga Raashiyaa seenuu ifatti dubbachuu baatanis, "balaa waraanaa Raashiyaanis dhandhamuu qabdi" jechuun dubbatan.

    "Raashiyaan qe'ee keenya dhuftee nu waraante, amma isheenis waraanni maal akka ta'e haa dhandhamtu.

    "Yukireenonni akkamitti akka kaayyoosaanii galmaan gahan beeku. Waraanaan kaayyoo keenya galmaan gahuun filannoo keenya hin turre," jechuun Raashiyaa komatan.

  5. Pirezidaantin duraanii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Isaa Hayaatuu du'aan boqotan

    Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF)waggaa dheeraaf dursaa kan turan Isaa Hayaatuu ganna 77tti du'an.

    Lammii Kameerun kan ta'an Isaa Hayaatuu waggaa 29 pirezidaantii Konfedereeshichaa ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u, bara 1988-2017tti kan gaggeessan.

    Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa qofa osoo hin taane Federeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) keessas aangoo garaa garaa qabachuun tajaajilaa nama turaniidha.

    Bara 1990 hanga 2017tti miseensa koree hoji raawwachiiftuu FIFA ta'uun tajaajilaniiru.

    Pirezidaantii FIFA kan turan Seef Pilaatar erga hari'amanii booda bara 2016-2017tti waggaa tokkoof pirezidaantii FIFA ta'uunis Isaa Hayaatuu tajaajilaniiru.

    Dua pirezidaantii duraanii CAF ilaalchisee pirezidaantiI FIFA kan ta'an Giyaanii Infaantiinoo gadda itti dhagahame ibsaniiru.

    "Pirezidaantii duraanii CAF, pirezidaantii duraanii FIFA, pirezidaantii ittaanaa duraanii FIFA, miseensa koree hoji raawwachiiftuu duraanii FIFA kan turan Isaa Hayaatuu du'uusaanitti baay'en gadda," jedhan

  6. Israa’elii fi Hamaas marii akka itti fufan Ameerikaa, Masrii fi Kataar gaafatan

    Ameerikaa, Masrii fi Qaxar ibsa waloo baasaniin Israa’elii fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi namoota butaman gadhiisuu irratti marii akka jalqaban gaafatan.

    Israa’el marii Hagayya 15 Dohaa ykn Kaayirootti geggeefamuuf yaadame kana irratti bakka bu'oota akka ergitu ibsiteetti.

    Hamaas deebii hin kennine.

    Dhiibbaan dippilomaasii haaromfame kun torban darbe hogganaan Hamaas Ismaa’il Haaniyee erga ajjeefamee booda, waldhabdeen gara naannoo akka hin ceene to’achuu fakkaata.

    Ajjeechaa isaaf Iraan Israa'el komachuun deebii akka kennitu dhaadatteetti – waa’ee du’a Haaniyaarratti Israa’el hanga amma homaa dubbachuu baatus.

    "Akka Araarsitootaa yoo barbaachisaa ta'e yaada dhimmoota hafan haala qaamota hunda irraa eegamu guutuun furu dhiyeessuuf qophiidha," jedheera ibsichi.

    Ibsa kana kan mallatteessan Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden, Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Siisii ​​fi Amiirri Kataar Sheek Tamiim Bin Hamad Al Taaniidha.

    Mariin marsaa hedduu taasifamus, hanga ammaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu fi namoota butaman gadhiisuu irra ga’uu hin argamne.

    Har’as Israa’el naannoo Gaazaa irratti boombii darbuu itti fufteetti.

    Raayyaan ittisa siiviilii Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti boombiin manneen barnootaa lama rukutee lubbuun namoota 18 ol darbeera.

    Waraanni Israa’el wiirtuuwwan ajaja Hamaas rukuteera jedheera.

    Mariin yaadame kamiyyuu Yaahiyaa Sinwaar Haaniyee bakka bu’uun hogganaa haaraa Hamaas ta’uun filatamuun daran rakkisaa gochuu danda’a.

    Karoora fi raawwii haleellaa Onkoloolessa 7 irratti, Israa’el itti gaafatamummaa fudhachuu qaba kan jettu Sinwaar.

    Akkasumas namoota garee kana keessatti gara jabeeyyii ta’an keessaa tokko ta’ee ilaalama.

  7. Tiraampi kan durii isaanii malee ija miidiyaa keessa galuuf dhama'aa jiru

    Kamisa kaleessaa Doonaald Tiraampi gara kutaa gaazexeesitootaa bakka mana jireenyaa isaanii Mar-a-Lagootti ofumaan deemanii galan.

    Waan gammadan hin fakkaatan ture.

    Kaamalaa harisii fi kaadhimamaan itti aanaa pirezidaantii isheen filatte Tiim Waalzi torban darberra xiyyeefffannoo miiidiyaa guddaa argataniiru.

    Doolaara miliyoonota walitti qabataniiru. Sagalee filannoon dura uummanni kennuunis caalmaa argataniiru.

    Tiraampi kan gaazexeesitoota waamaniif waan haaraa wayii himan qabaatanii osoo hin taane xiyyeeffannaa miidiyaa argachuu barbaadanii fakkaata.

    Osoo Tiraampi gara waltajjiitti hin bahiin daqiiqaa muraasa dura gorsaa isaa keessaa tokko ergaa gabaabaadhaan gaazexeesituu BBC tokkoof '' Tiraampi gonkumaa nama of jibbu miti!! [mallattoo raajeffannoo ofumaa itti dabaluun] barreesseef.

    Tiraampi ol bahuun falmii karaa foddaa TV Fulbaana 10 Kamaalaa Haris waliin godhaniif qophii tahuu himan.

    Falmicha kan keessummeessu ABC News Kamaalanis falmii kanaaf qophii tahuu mirkaneesseera.

  8. Ittisni Poorchugaal Peeppeen ganna 41tti kubbaa miilaarra soorama bahe

    Taphataan sarara ittisaa Poorchugaal seenaa kubbaa miilaa injifannoowwan hedduun midhage dabarse, Peeppee, kubbaa miilaa dhaabuu beeksise.

    Torbanoota dura Waancaa Awurooppaa gaggeeffamerrattti Peeppeen taphataa umrii guddaan dorgomicharratti hirmaate ta'uun seenaa dalageera.

    Biyyasaa Poorchugaaliif yeroo 141 taphateera, Kiristiyaanoo Ronaaldoofi Ji'oo Motiinhoo malee waancaa argachuun kan isa caalu hin jiru.

    Porchugaal waliin bara 2016tti waancaa Awurooppaa injifateera. Turtiisaa waggaa 10 Maadriid keessattis yeroo sadii shaampiyoonaa kilaboota Awurooppaa ta'eera. Yeroo sadii ammoo Laa Liigaa Ispeen injifate.

    Kilaboota akka Riyaal Maadriifi Poortoo keessatti maqaa guddaa kan horate taphataan kun viidiyoo daqiiqaa 33 miidiyaa hawaasaasaa gubbaatti gadhiiseen kubbaa miilaatti nagaa dhaammachuu hime.

    Kilaboota isa qacaraniifi qaamolee isa waliin hojjetan mara galateeffate.

  9. Lammeechaan 'dandamataa jira' - Koree Olompikii Idil-addunyaa

    Atileetiin Itoophiyaa guyyaa Roobii galgala dorgommii irratti miidhame yeroo ammaa dandamataa akka jiru Koreen Olompikii Idil-Addunyaa beeksise.

    Lammeechaa Girmaa dorgommii xumuraa 3000m gufachiisaa Olompikii Paaris irratti osoo eegamuu miidhame.

    Eegasiis hospitaala geeffamee qorannoonis taasifamuu ibsameera.

    ‘’Haala gaarirra jira, bayyanataa jira,’’ jedhee Koreen Olompikii Idil-addunyaa ibsuu Rooyitars gabaaseera.

    Fageenyichaan abbaan riikardii addunyaa kan ta’e Lammeechaan dorgommiin xumuramuuf 200m yeroo hafu gufachiisaatti gufatee kufe.

    Miidhamni isaas yaaddoo uumeera. Haa ta’u malee, bu’aan qorannoo miilli fi mataan isaa akka hin miidhamne akka agarsiise gareen Itoophiyaa achi jiru hime.

    Leenjisaan isaas haala gaarirra akka jiru miidiyaatti dubbachuun isaaniis gabaafameera.

    Dorgommiiwwan Olompikii waggaa afuriin takka taasifamu Koree Olompikii Idil-addunyaan akka qophaa'an ni beekama.

    Dabalataan:waa'ee Lammeechaa asii dubbisaa.

  10. Daandiin qilleensaa Itoophiyaa badhaasa umrii guutuu Pirezedantii Ameerikaa argate

    Daandiin Qilleensaa Itoophiya hawaasa Ameerikaa tajaajilurratti ‘kutannoo jabduu agarsiiseef’’jedhame badhaafamusaa marsariitii isaarratti ibseera.

    Dhaabbatichi waraqaa ragaa Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden irratti mallatteessuun dhaabbatichaaf kenname jedhu qoode.

    Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa keessatti gama aviyeeshinii balaliin sadarkaa jalqabaarra kan jiru yoo ta’u, sadarkaa addunyaattis dorgomaadha.

    Dhaabbatichi waggaa 25 Ameerikaatti tajaajila kennuu yeroo eegalee kabajaa wayita jirutti badhaasicha argachuu eere.

    Hoji gaggeessaan daandii qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasow, ''badhaasichi cichoominaa hojjattoonni, michoonni waliin hojjannuu fi warreen qooda qabanii mirkaneessa'' jedhanii jajan.

  11. Bara dhufu kilabni Siitii waancaarraa dhaabuu danda'u kami?

    Piriimiyeer Liigiin Ingiliz bara dorgommii 2024-25 torban tokko booda gaafa Hagayya 16/2024 eegala.

    Waancaa liigiichaa injifachuuf hunda caala ammas Siitiin tilmaama olaanaa argateera. Kunis baroota walitti aanan sagalaffaaf ta'uu isaati.

    Baroota torba darban keessa gareen Gaardiyoolaa yeroo jaha injifateera. Baroota ittaanaan afuriif walitti aansee injifachuun seenaa liigichaa haaraa galmeesseera.

    Ofii Siitii waancaarraa kilabni dhaabuu danda'u jiraa?

    Rippoortarri Olaanaan BBC Sport Aleksi Hoowel Siitiin waancaaf carraa guddaa qabaachuu ibse. Arsenaal kan baroota lamaan darban morkataa jabaa ta'e amallee morkataa ta'uu akka malu hima.

    Liivarpuul kan leenjisaa haaraa wajjin dorgommicha eegalus hiree waancaa guddaa hinqabu jedha.

    Astonviilaa kan bara darbe arfaffaa ta'ee xumures waancaa bira gahuuf waan hanqatu qaba jedha. Taphattootasaa jajjaboo lama jijjiirraan dhabeera.

    Isin Cheelsii, Maanchistar Yunaatiid, Tootenhaam, Niiwkaasil moo eenyu jettu?

  12. Baankiin biyyaalessaa biiroo sharafa alaa banuu warra fedhurraa iyyata simachuu eegale

    Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa sirna sharafa alaa biyyattiirratti jijjiirame wayita godhu baankilee daldalaa amma jiranitti dabalataan dhaabbileen dhuunfaa baankii hin taane hojii sharafa alaa akka hojjetan hayyama akka kennu beeksisee ture.

    Bu'uuruma kanaan baankichi dhaabbilee dhuunfaa waajira sharafa alaa banachuu fedhaniif hayyama hojii kennuuf iyyata simachuu eegaluu beeksise.

    Hayyama hojii kanaaf iyyachuu kan danda'an lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan, akkasumas dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya alaa qaban ta'uu ibsi baankichaa Hagayya 8/2024 bahe hubachiiseera.

    Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Mihiratuu Maammoo yaada kennaniin hojiin sharafa alaa dhaabbilee dhuunfaan akka hojjetamu hayyamamuun damee faayinaansii inveestimineetii biyya alaaf banuuf kaka'umsa jiru agarsiisa jedhan.

    Damee Faayinaansii hojimaata idila addunyaa keessa galchuufis karoora qabatan galmaan gahuuf akka gargaarus himan.

    Ulaagaalee hayyama waajira sharafa alaa banachuuf barbaachisu keessaa tokko kaappilaa birrii miliyoona 15 qabaachuudha. Dabalataan ammoo herrega baankii hin sochoonerraa birii miliyoona 30 akka wabiitti qabaachuun barbaachisaadha.

  13. Filannoo dhufturratti Tiraamp injifatamnaan nageenyaan aangoo walitti dabarsuun yaaddessa ta'uu Baayidan dubbatan

    Pirezidantiin US Joo Baayidan filannoo Sadaasa dhufu gaggeefamu irratti Doonaald Tiraamp ni injifatamu yoo ta'e nageenyaan aangoo walitti dabarsuun yaaddessaa ta'uu dubbatan.

    Umrii wajjin walqabatee dhiibbaa irra gaheen filannoo keessa bahuun ittaantuu isaanii dorgommichaaf kan kaadhiman Joo Baayidan, sodaa qabaachuu yoo dubbatan, ''Tiraamp waan jedhe godha'' jedhan.

    Tiraamp waanuma dubbate raawwata kan jedhan Baayidan, ''yoo injifatamne dhiigaatu dhangala'a'' inni jedhe dhugaa ta'a yaaddoo jedhuun nageenyaan aangoo walitti dabarsuun ''amansiisaa miti'' jechuun CBS News'tti dubbatan.

    Tiraamp yoo injifataman dhangala'uun dhiigaa akka dhalatu dubbachuun isaanii qeeqa jabaa irratti kaaseera.

    Dimookraatotni yaada Tiramap kana qabatanii irratti duula bananiiru. Morkataan pireezidantii kun ''demookarsiitti yaaddoo ta'eera'' yoo jedhan kaan ammoo ''jeequmsa siyaasaa kakaasaa jira'' jedhaniiru.

    Gareen filannoo Tiraamp garuu yaadni isaanii kun akka malee hubatamee jedheera.

    Yaadnisaanii dhiibbaa filatamuu dhabuunsaanii damee indaastirii konkolaataarratti qabu ibsuufi akka ta'e ibse.

  14. Somaalilaand dhimma waliigaltee ulaa galaanaarratti yaada Masriin kennite balaaleffatte

    Aanga'oonni Masriifi Turk wal'arganii erga mariyatanii booda ibsa waloo wayita kennan yaadni gama aang'aa Masriin kenname mufachiisaa ta'uu Ministirri Haajaa Alaa Somaalilaand beeksise.

    Ministeerichi ibsa baaseen, waliigaltee walhubannoo Somaalilaandiifi Itoophiyaa gidduutti mallatteeffame ilaalchisee yaadni kenname ''dhugaa kan hin taane, dogoggorsaa fi walabummaa fedha biyyoota lameenii boodatti kan jedheedha'' jechuun balaaleffate.

    Qaama Somaaliyaa mitii kan jedhu ibsi Somaalilaand, ''Masriin walabummaa Somaalilaand kabajuu qabdi'' jedheera.

    Mootummaan Somaalilaand waliigaltee Itoophiyaa waliin gale akka raawwatu, nageenyaa fi misooma nananichafis akka oolchu beeksise.

    Mufannaa Somaalilaandiif sababa kan ta'e Ministirri Haajaa Alaa Masrii, Baadir Abdellaatii ''gochaa walabummaafii tokkummaa daangaa Somaaliyaa miidhu kamuu jabeessinee ni mormina'' jechuusaaniiti.

    Somaalilaand ibsa baaste keessatti Masriin humnaafi tattaaffiiwwan dippiloomasii gootu rakkoo naannoo daangaashee akka Liibiyaa, Sudaanfii Libaanosirra jirutti'' akka xiyyeeffachuu qabu dhaamte.

  15. Badhaafaman Noobelii Mohaammad Yunus mootummaa ce’umsaa Baangilaadesh hogganuuf biyyatti deebi’an

    Maanguddoo ganna 84 Mohaammad Yunus Faransaayiirraa Kamisa har’aa akkuma magaalaa Daakaa qaqqabiniin‘’Baangilaadeshitti waa danutu hojjatamuuf jira’’ jedhanii labsan.

    ''Namoonni baayyee gammadaniiru'' jechuun BBCtti kan himan maanguddoon kun gara booda kakatanii biyyatti bulchuuf jiru.

    Ministirri Muummee biyyattii ganna 15 bulchan Sheek Hasinaan Hindiitti erga baqatanii guyyoota muraasa booda Mohaammad Yunus xiyyaaraan biyyatti deebi’an.

    Pirofesar Mohaammad Yunus gorsaa mootummaa ce’umsaa ta’uun kan filataman walgahii Pirezedantii biyyattii Mohaammad Shahabuddiin, qondalaa waraanaafi hoggantoota barattootaa waliin ta’aame hordofeeti.

    Mormiin barattoota hammaachuun lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’amanii galaafate hordofuun MM Sheek Hasinaan aaangoo gadhiisaanii biyyaa baqatan.

  16. Baha Giddu Galeessatti humna nutti dhufu kamuu qolachuufis ta'ee haleeluuf qophiidha- Israa'el

    Qondaalli olaanan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa Iraan keessatti Adoolessa 31, 2024 ajjeeffamuu hordofee Israa'eltu ajjeese jechuun Iraan haaloo akka baatu irra deddeebin dhaadataa turte.

    Iraan akka kana dura duraa misaa'elaafi diroonidhaan kallattiin Israa'el haleeltifi karaa hidhattoota Baha Giddu Galeessatti deeggartuu kanneen akka Hezbollaa fa'aan Israa'el irratti haaloo akka baatu garuu ifa miti.

    Gama Libaanosiiyyis Israa'el wajjin ji'a 9 oliif kan walitti dhukaasaa jiru Hezbollaan gumaa Ismaa'el Haniyyaa akka baasu Israa'elitti dhaadateera.

    Haa ta'u garuu Israa'el Iaraanis ta'ee Hezbollaan haleellaa banuu malan qolachuufis ta'ee deebistee haleeluf qophii xumuruu beeksifte.

    Humni Waraana Israa'el (IDF) fuula X gubbaatti akka ibsetti humni waraana lafoofi qilleensaa biyyattii haleellaa kamuu fashalsuufi deebisee haleeluf qophii ta'uu beeksise.

    Ajajaa Walii Galaa Humna Waraana Israa'el kan ta'an Leetinaant Jeneraal Herzii Haleevii buufata humna qilleensaa Teel Noofitti argamuun haasaa taasisaniin, "Halleellaa qolachuufis ta'ee haleellaa gaggeessuf qophii guddaa argeen jira. Libaanos, Gaazaa, fi Baha Giduu Galeessaa Bakka kamittuu qilleensarraafi lafoon akkamitti saffisaan haleellaa akka gaggeessinu beekna" jedhan.

    Gaazexaan Israa'el Haretz jedhamu akka gabaasetti Hezbollaan Iraan dursee Israa'el irratti haleellaa gaggeessuu danda'a.

    Gama biraan ammoo Israa'el halkan edaa buufataalee Hezbollaa irratti haleellaa gaggeessaa buluus gabaase.

  17. Sigiga lafaa aanaa Anfillootiin maatiin 8 yemmuu buqqa’an 200 yaaddoo qabu

    Balaan sigiga lafaa kun Wiixata ALI Adoolessa 29, 2016 Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo magaalaa Ashii bakka addaa Baha Maaramii jedhamutti qaqqabe.

    Itti Gaafatamaa Waajjira Buusaa Gonofaa Aanaa Anfilloo kan ta’an Obbo Gammachuu Ittaanaa, “Yeroo gabaabaatti lafti babbaqaquu jalqabe. Odeeffannoo sana dhageenyee yemmuu deemnu manni namaa lafa baqaqe sana keessa yoo xiqqaate meetira 2 fi 3 lixuu jalqabe” jedhan. Balaa guyyaa Wiixataa kanaan kan buqqa’an abbootiin warraa saddeet, kan miseensota maatii 45 qaban mana barumsaa dhiyeenyatti argamutti akka qubatan taasifamuus Obbo Gammachuun himaniiru.

    “Deeggarsaan walqabatee ammatti naannoon sun geejibsiisuuf daandii konkolaataarra miti waan ta’eef koreen kan murteesse qarshii gargaarra jenneeti” jedhan. Haaluma kanaanis birrii 40,000 ta’u kanneen buqqa’aniif garagaaruuf imalarra akka jiranis himaniiru.

    Gama biraatiin iddoo balaan kun itti qaqqabetti kan argamu omishni boqqoolloo hektaara lama irratti argamus manca’uu dubbatan.

    Naannoo balaan sigiga lafaa itti mudate kanatti lafti hektaarri 10 balaa sigigaaf saaxilamaa ta’uusaa adda baafachuu kan himan Obbo Gammachuun, lafa kanarrammoo maatiin 200 ta’an jiraachuusaanii eeraniiru.

    “Hektaara 10 kanarra manneen 200’tu jira. Abbootiin warraa 200 kun sadarkaa sodaa keessa galanii jiru” jedhan. Gama biraatiin maatii sababa balichaan buqqa’an magaalaa Ashii keessatti qubachiisuuf yaadni akka jiru himaniiru.

  18. Maariyyeen jaldeessaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaatti maaliif saffisaan babal'achaa jira?

    Bahaa fi giddu galeessa afrikaatti tamsa’inni maariyyee jaldeessaa dabaluu isaatiin tarkaanfiiwwan hatattamaa fudhatamuutti geesseera.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman fi du’an irra caalaan isaanii Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti argamu. Bara kana qofa namoonni 8000 ol vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota 300 ol darbeera.

    Yugaandaanis namoota lama vaayirasichaan qabamuu mirkaneesseera, akkasumas Keeniyaa, Ruwaandaa fi Burundiin maariyyeen jaldeessa naannoo isaanii keessatti babal'achuu ibsaniiru.

    Afrikaan Kibbaattis lubbuun namoota sadii vaayirasichaan darbuun gabafameera.

    Maariyyeen jaldeessaa, dhukkuba vaayirasiin dhufudha. Mallattoon isaas ho’a qaamaa, dhukkubbii mataa, dhukkubbii maashaalee fi cittoon fuula irraa gara kutaalee qaama birootti babal’achudha.

    Dhukkubni kun tuttuqaa qaamaa fi saal-qunnamtiitiin kan babal’atu yoo ta’u, namoonni tokko tokko mallattoo waan hin agarsiifneef ilaaluun adda baafamuu hin danda’u.

    Ammaa ogeeyyiin fayyaa addunyaa duulli talaallii akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaa jiru.

    DRC fi Afrikaa Kibbaa talaallii gaafachuu eegalaniiru, hanga ammaatti garuu talaalliin hin dhufne.

    Ameerikaa fi Jaappaan talaallii akka kennan waadaa seenanis hanga ammaatti hin geenye.

  19. Saroonni osoo meeshaa xuxxuqanii mana ibiddaan qabsiisan

    Waan kuni Ameerikaatti mudate.

    Kaameraan mana keessa waraabaa ture akka mul'isutti, sareen tokko jalqaba paawar baankii humna bilbilaa itti kuufatan osoo alanfatu ibiddi ka’e.

    Ibidda battaluma babal’ate. Saroonni rifatanii yoo bir'atan ni argama.

    Viidiyoo Waajjirri Ittisa Balaa Ibiddaa Tulsaa qoode akka agarsiisutti, viidiyoo keessa saroonni lamaafi adurreen tokko ni mul’atu.

    Ibiddi erga mana qabatee booda saroonniifi adurreen karaatti sareen seentuufi baatun miliqan. Silaa hundi isaanii du’u ture jedhameera.

    Maatiinis osoo hin miidhamani nagaan baafamuutu gabaafame.

  20. Viidiyoon gudeeddii mul'isu fakkaatu gadhiifame mufii jabaa uume

    Poolisiin Taanzaaniyaa namoota shan viidiyoo akkaan qoodamaa jiru keessatti yeroo dubartii gudeedan fakkaatu keessa mul’atan qorataa jira.

    Erga vidiyoon kuni namoota hedduu bira walin gahe booda ummata biyyattii keessa mufii jabaan uumameera.

    Ammoo kanneen kanaan shakkaman loltoota jechuun himama. Ta’us, himannaan kuni hin mirkanoofne, humnoonni nageenyaas dhimma kanarratti hin dubbanne.

    Poolisiin qorannoon itti fufuu malee shakkamtoonni hidhamuu hin mirkaneessine.

    Dubartiittiin eegasii booda duute himannaa jedhu garuu ‘’soba’’ jedheera poolisiin. ‘’Dubartiin kuni fayyaa qabdi,’’ jedhe.

    Maatiifi miidhamtuu kanaaf jecha poolisiin hawaasni viidiyoo kana akka hin qoodne akeekkachiiseera.

    Poolisiin gaafa qorannoo xumure akka ifa godhu dubbate.