Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaafi Yukireen boojuu waraanaa 206 walii hiikan

Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji'amtoota waraanaa 206 walii hiikan. UAE kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.

Guduunfaa

  • Ameerikaan miidiyaa mootummaa Raashiyaa irra dhorkaa haaraa keesse
  • Raashaan dippilomaatota Biritishi basaasaan himatte
  • Humni addaa Israa'el Siiriyaa keessatti buufata misaa'elii haleele
  • Tiraamp Kaamalaa Haariis waliin falmii biraa hin fedhu jedhan
  • Abbaafii ilmi billacha hatuuf yaalan $200,000 adabaman
  • Biyyi waraana gara Somaaliyaa fide hin jiru- MM Somaaliyaa
  • Miseensonni raayyaa 178 Izii Kaabaarratti haleellaa raawwataniif duuti itti murtaa’e gadhiifaman
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 40 ajjeefaman - Hamaas
  • Gareen Itoophiyaa Kongootiin 2-0 mo'ame
  • Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoome
  • Itoophiyaan 'doorsisa irra deddeebii Masriitti' akka xiyyeeffannoo kennu UN gaafatte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp godaantonni 'saree fi adurree nyaatu' jedhan. BBC'n qorateera.

    Duula Filannoo Pirezidantummaa Ameerikaa Donaald Tiraamp fi Kaamlaa Haaris falmii jalqabaa taasisanirratti Tiraamp dhimma godaantotaa irratti dubbii dubbataniin qeeqni jabaan mudate.

    Tiraamp falmii isaanii keessatti godaantoonni bineeldota nyaatu jechuun dubbatan.

    DABALATA: ASII DUBBISA.

  2. Israa'el Weest Baankitti dargaggoota Filisxeem shan ajjeeste

    Filisxeemoonni shan haleellaa xiyyaaraa Kaaba Weest Baank, bakka Isra’ael to’attu keessatti ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

    Waldaan Baatii Diimaa Filisxeem akka ibsetti, dirooniin Israa’el Roobii barii barraaqaan dargaggoota shan masjida magaalaa Tubaas bira turanirratti qiyyaafate.

    Konkolaachisaan ambulaansii reeffa dargaggoota kanaa hospitaala mootummaa naannichatti argamu geessaniiru.

    Waraanni Israa’el haleellaa xiyyaaraa sanaan ‘’seelii shoroorkeessitoota hidhataniirrattiin qiyyaafadhe’’ jedhe.

    Qondaalli Waraana Israa’el tarkaanfii waraanaa fudhatamaa jiruun walqabatee uggurri sochii magaalaa Tubaasitti labsamuu ibsan.

  3. Puutin 'abbaa irree waan taheef laaqana isaa si godhata'- Haaris

    Falmii jalqabaa Kaamlaa Haarisii fi Tiraamp taasisan irratti kaadhimamtuun pirezidantii Dimokiraatotaa Kaamlaa Haaris pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin ‘’abbaa irree waan taheef laaqana isaa godhatee si nyaachuu danda’a’’ jedhan.

    Ibsi kun Raashiyaa keessatti beekamuu baatus jechama waan hundaan si caalee akka barbaade si godha jedhudha.

    Kanas tahe sana Raashiyaan filannoo Ameerikaa kana jala buutee hordofti.

    Kireemliin deebii Tiraampi waa’ee waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti kennaniin gammaduu hin hafne.

    Tiraampi Yuukireen akka mo’attuuf deeggaruu irra ‘’waraanicha akka dhaabatun barbaada’’ jechuun deebisanii bira darban.

    Kaamlaa Haaris ammoo faallaa isaa Yuukireen ‘’mirga ofirraa ittisuu qabdi’’ jechuun akka Yuukireen cina dhaabbatu himte.

    Puutin ‘’ija isaa biyyoota Awurooppaa kaan irras godhateera’’ jette.

    Dubbii himtuun Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa falmiin kaadhimamtoota lameenii isaaniif [Raashiyaaf] faayidaa hin qabu jette.

    ‘’Ispoorteessitoonni buunyaa beekamoo lama akka waan Taayitaanik keessatti wal lolaniiti,’’ jette.

    ‘’Dhuma lola sanaa irratti uummanni eenyu mo’a jedhee gaafata. Barbaachisaadhaa? Sababni isaa fiilmii Taayitaanikiiti. Daqiiqaa 15 keessatti lameenuu ni dhidhimu.’’

    Torban darbe Puutin akka Kaamlaa deeggaru ibseera. Kolfa ishee akka jaalatu ibseera.

  4. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii Naayiroobii addaan kute

    Daandiin qilleensaa Itoophiyaa lagannaa hojii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Joomoo Keeniyaataa adeemaa jiruun balaaliin gara Naayiroobii fi Naayiboorraa ka’u addaan kutuu beeksise.

    Daandiin qilleensaa Itoophiyaa balalii xiyyaaraa sababii lagannaa kanaan addaan citeef dhiifama gaafateera.

    Daandiin qilleensaa Itoophiyaa taatee Naayiroobiitti mudate kana hordofaa akka jiruu fi dhiibba imaltootarra qaqqabu xiqqeessuuf akka hojjatu beeksise.

    Buufata xiyyaaraa guddicha Keeniyaa, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Joomoo Keeniyaattaa (JKIA) keessatti, erga waldaan hojjettoota aviyeeshinii guddichi karoora mootummaan buufata xiyyaaraa kana dhaabbata HindiiAdani Group'fkireeffachuuf jechuusaa mormuun hojiin addaan cite booda, hojii dhaabe.

  5. Sirba 'Kun jaalala mitii maraachaadha' jedhuun kan beekamtu Sittiinaan maalitti jirti?

  6. Sababa mormii hojjattootaan imaltoonni buufata xiyyaaraa Keeniyaatti danqaman

    Buufata xiyyaaraa guddicha Keeniyaa, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Joomoo Keeniyaattaa (JKIA) keessatti, erga waldaan hojjettoota aviyeeshinii guddichi karoora mootummaan buufata xiyyaaraa kana dhaabbata Hindii Adani Group'f kireeffachuuf jechuusaa mormuun hojiin addaan cite booda, hojii dhaabe.

    Gaazexaan Daily Nation jedhamu, erga lagannaa hojii Gamtaa Hojjetoota Buufata Xiyyaaraa Keeniyaa (Kawu)n halkan walakkaa hojiirra ooleen booda, imaltoonni dhibbaan lakkaa’aman JKIA keessatti danqamuusaanii gabaaseera.

    Barreessaan olaanaa waldichaa Kaawu Moos Nidiyeemaa akka jedhanitti, waliigalteen dhaabbata Hindii waliin taasifame keessatti namoonni baayyee hojii dhabuu danda’u jedhamee sodaa ture irratti mootummaan odeeffannoo waldichi barbaade kennuu didee jechuun himatan.

    Fuulbaana 9 Manni Murtii Olaanaa Naayiroobii iyyannoo Waldaan Seeraa Keeniyaa (LSK) fi Komishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa (KHRC), dhimma waliigaltee JKIA Adanif waggoota 30'f kireessuuf yaadame irratti dhiyeessan addaan kuteera.

    Mootummaan baatii Adoolessaa keessa erga lammiileen Keeniyaa mormii guddaa - #OccupyJKIA jedhamuun moggaafame gaggeessanii booda, waliigalteen dhaabbata Adaanii waliin raawwatame hin jiru jechuun haalee ture.

    Dhaabbati Hindii kun gochawwan malaammaltummaa keessatti hirmaata jedhamuun himatama.

    Sababii JKIAn wiirtuu aviyeeshinii naannichaa guddaa ta’eefu, mormiin buufatichatti gaggeeffamu kunis Baha Afrikaatti jeequmsa imala guddaa fiduu akka hin oollee yaadama.

    Buufati Xiyyaaraa Joomoo Keeniyaattaa ibsa baasen ganama sa'aatii 1:00 eegalee 'sadarkaa xiqqoon' hojiin eegaluu beeksiseera.

  7. Raayis kaardii diimaan dirreetii baafamuun murtee sirriidha - Boordii murteessitootaa

  8. Manni murtii Gamtaa Awurooppaa Google €2.4bn adabe

    Manni murtii Awurooppaa olaanaan Google tajaajila isaa wal madaalchiisuutiin bittaa (shopping comparison) iirratti ol’aantummaa gabaa seeraan ala fayyadamuu isaatiin adabbii Yuuroo biiliyoona 2.4 (£2bn) akka kaffaluuf murteesse.

    Dhaabbanni teeknooloojii guddaan kuni, adabbiin jalqaba bara 2017tti Komishinii Awurooppaatiin akka kaffalu itti murtaa'ee tureerratti ol'iyyannoo dhiheessee ture.

    Yeroo sanatti hanga ammaatti adabbii guddaadha jedhame Komishinichi murteesse ture.

    Ergasii ammoo adabbiin Yuuroo biiliyoona 4.3n bakka bu'us, kunis Google irratti murtaa'e.

    Google murtii kanaan ''mufadheera'' jedhe.

    Murteen kunis dhimma yeroo dheeraaf ture, kan jalqaba kan yeroo UKn qaama Gamtaa Awurooppaa turtetti dhaabbata Biriiteen Foundem jedhamu bara 2009tti dhiyaateetti xumura godhe.

    Himattoota keessaa tokko kan ta'e, marsariitiin wal madaalchisanii daldaluu, Kelkoo, murtii kana "dorgommii haqa qabeessaa fi filannoo fayyadamtootaaf injifannoodha" jechuun maxxansa toora X irratti barreesse.

    Manni Murtii Haqaa Awurooppaa (ECJ) Komishiniichi murtii kennee keessatti Google gochaa ''loogii'' akka raawwatee fi ol'iyyannoon isaas ''guutummaatti kufaa ta'uu qaba'' jedheera.

    Google fi abbaan qabeenyaa Alphabet baasii mataa isaanii akka of danda'anii fi baasii Komishiniin Awurooppaa baase akka kaffalanis dabaluun ajajeera.

  9. ‘Waraanarraa kanan oole sababiidhaaf’-Barattoota qabxii olaanaa galmeessan Helenii fi Yonaas

  10. Tiraampiifi Kaamalaa: Harka wal fuchuurraa hanga jechaan wal reebuutti

    Falmiin pirezidaantii jalqabaa fi tarii tokkicha kan ta'u dana'u, Doonaald Tiraamp fi Kaamalaa Haaris gidduutti taasifamee ture xumurameera.

    Falmichis daqiiqaa 90f kan gochaan guutamee fi filannoo irratti dhiibbaa uumuu danda'u ture. Waa'ee falmii kanaarratti hanga ammaatti wanti beekuu qabdan kunooti.

    • Kaadhimamaa lamaan wal dorgomanis falmiichi eegaluun saatiin dura harka wal fudhuun nagaa wal gaafatan. Kaamalaa Haaris waltajjii irra hiixattee Tiraampiitti of beeksiste (kun yoo wal argan kan yeroo jalqabaa ture).
    • Falmiichis imaammata irratti xiyyeeffachuun kan eegale yoo ta’u, Haaris waa’ee qophii na filadhaa Tiraamp irratti, waan nuffisiisaa fi dadhabbii tureef namoonni ka’e dafanii ba’an, jechuun yaada cimaa erga kenniteen booda haalliisaa cimaa dhufe. Tiraamp's hirmaattoota qophicha irratti argamuuniif jechoota ittisaa dheeraa kennuu jalqabe. Yeroos ture kan sagalee falmii jijjiirame kaadhimamaa lamaan, garuu keessumaa Tiraamp sana booda caalaatti ho’aa dhufaa turan.
    • Tiraamp dhimmoota immigireeshinii fi daangaa irratti Haariisiin dubbiin qocale. Akkasumas, akka qaama bulchiinsa Baayideniitti maaliif galmawwan imaammataa dabalataan galmaan hin geenye jechuun gaaffii kaasaniiru.
    • Haaris guutuu biyyattii keessatti “uggura ulfa baasuu Tiraamp” raawwate jechuun pirezidaantii duraanii komatte. Akkasumas aangoodhaaf ga’umsa isaanii qeeqxe. Haleellaa Amajjii 6, 2021 Kaappitoolii Ameerikaa irratti raawwatameef Tiraamp komatte akkas jechuun, Tiraamp “nageenya biyyaa fi imaammata alaa irratti dadhabaa fi dogoggoraadha.”
    • Falmiin akkuma xumurameen battaluma sanatti, Poopii beekamtuun Taaylor Swiift barreeffama toora Instagram irratti Kaamalaa Haarisin deeggartee. Isheenis Haaris akka “hoggantuu cimtuu fi kennaa qabuutti” akka ilaaltu barreessiteetti.
  11. Baayidan dhorkaa misaa'ela fageenya dheeraa Yukireen irra kaa'an kaasuf akeekan

  12. Jarman eegumsa daangaa cimsuushee biyyoonni ollaa qeeqan

    Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Task, Jarman godaansa seeraan ala taasifamuuf deebii kennuun gaarii ta’uus, daangaa lafa ishee hunda irratti eegumsa yeroof turu murteessu ishee “fudhatama hin qabu” jechuun balaaleffatan.

    To’annoon daangaa Jarman biyyoota Faransaay, Beeljiyeem, Nezerlaandi, Luxembargi fi Deenmaarki waliin qabdu irratti kaa’amu torban dhuftu hojiirra oola jedhame

    Hogganaan gamtaa hawaasa daangaa Nezerlaandii fi Jarmanii tarkaanfiin kun murtee rifaasisaa ta'uu ibsuun, ministirri biyya keessaa Oostiriyaa baqataa Jarman deebiste kamiyyuu akka hin fudhannee cimsanii dubbataniiru.

    Jarman erga haleellaa waraansa meeshaa qara qabuun magaalaa Solingen keessatti raawwatamuu lubbuun namoota sadii darbee booda sakatta’iinsa fi eegumsa daanga ishee kana cimsuuf kan murteessite.

    Namni haleellaa kana raawwate jedhamee shakkame lammii Sooriyaa amma to’annoo jala jiru yoo ta'u, gaaffiin koolugaltummaa isaa fudhatama dhabnaan gochicha kan raawwate.

    Jarmanii fi ollaan ishee hundi qaama naannoo ittisa daangaa irraa bilisaa Sheengen yoo ta'an, seera Gamtaa Awurooppaa jalatti to'annoo yeroof "akka tarkaanfii dhumaatti, haala addaa keessatti" hanga baatii 6tti hayyamameefi jira.

    Ministirri Biyya Keessaa Jarman Naansii Faayizar to'annoo fi eegumsi taasifamuuf deemu kun ''balaa cimaa gareen shororkeessitootaa taasisanii fi yakka cimaa ga’uu danda’u '' irraa akka eegu ibsan.

    Sababa waraana Raashiyaa naannawa daangaa Beelaaruusin wal qabatee Poolaandi bara 2021 irraa eegalee daangaa Beelaaruus waliin qabdu irratti lakkoofsi godaantotni seeraan alaa gara Jarman deeman keessa qaxxaamuran dabaleera.

    Dubbii himtuun Komishinii Awurooppaa Anitta Hipper akka jedhanitti, sakatta'iinsi daangaa kamiyyuu seera Sheengen waliin walsimuun raawwatamuu qaba.

  13. 'Kan mootummaati naan jedhu, ani garuu kan ummataafi kan biyyaati' - Artist Geetaachoo H/Maariyaam

  14. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo hundi bakka jirtaniitti baga ALI bara 2017n isin gahe jechaan, tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo addunyaa kanaa isin biraan geenyu amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan biyya keessaafi addunyaa mara irraa odeessaalee haaraa karaa kanaan ni argattu.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  15. Jala-bultii Ayyaana Waggaa Haaraa Itoophiyaa 2017 suuraan

  16. Michoonnishee yeroo Iraan irratti qoqqobbii cimsaa jiranitti UKnis balaliin biyyattii karaasheerra akka hin darbine dhorkite

    UK, Faransaay fi Jarmaniin misaa’eloota waraana Yukireen keessatti itti gargaaramtu Raashiyaaf dhiyeessiti jechuun Iraan irra qoqqobbii haaraa kaa’an.

    Qoqqobbiin kun xiyyaarri Iraan gara UK fi Awurooppaatti akka hin balaliine dhorka.

    Tarkaanfiiwwan haaraa wayita ministirri dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Londan daawwachaa jiranitti beeksifaman kunneen keessaa dhorkaa imalaa qondaaltota waraanaa Iraan baayyeerra kaa’ame tokkodha.

    Bilinkan akka jedhanitti, Raashiyaanonni akkaataa misaa’eloota fageenya gaggabaaboo ta’an irratti humnoota Iraaniin waan leenji’aniif torbanoota keessatti duula Yukireen irratti gaggeeffamuuf bobbaafamuu danda’u.

    Ministirri dhimma alaa UK Daavid ammoo wanti Iraan dhiyeessitu kun “weerara seeraan alaa [Raashiyaan] Yukireen irratti gaochaa jirtu daran waan hammeessuuf” kun dubbii “akka malee hammeessa jedhan.

  17. Miseensonni raayyaa 178 Izii Kaabaarratti haleellaa raawwataniif duuti itti murtaa’e gadhiifaman

    Waggaa afur dura Raayyaa Ittisa Biyyaa Izii Kaabaa naannoo Tigraay keessa turerratti “miira gantummaatiin haleellaa” bananiiru jechuun murtiin hanga du’aa itti murtaa’ee kan ture miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dhalattoota Tigraay ta’an dhiifamaan gadhiifaman.

    Miseensonni raayyaa hidhaarra turan kunneen dhiifamni kan isaaniif taasifameef waggaa haaraa ilaalchisuun akka ta’e Raayyaan Ittisa Biyyaa har’a ibsa baaseen beeksiseera.

    Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalattoota Tigraay ta’an kunneen gochi yakkaa raawwatan kun A L I Onkoloolessa 24, 2013 ture.

    Kaampii Izii Kaabaa magaalaa guddoo Tigraay, Maqaleetti dhiyoo jirurratti haleellaan raawwatame kun muddama duraan mootummaa Federaalaafi naannoo Tigraay gidduu ture gara waraanaatti akka jijjiiramu taasiseera.

    Haleellaa kana hordofee waraanni waliiniin baname A L I Onkoloolessa 2015 hanga waliigalteen Piritooriyaa mallatteeffamutti waggoota lamaaf tureera.

    Raayyaan ittisa biyyaa ibsa har’a baaseen, “humnoonni TPLF hidhatan” Izii Kaabaarratti “miira gantummaatiin haleellaa banuu isaanii hordofee miseensonni raayyaa ittisaa tokko tokko ergama heera mootummaa itti kenname dagachuun raayyaafi faayidaa ummataarratti yakka raawwachuusaanii yaadateera.

    Miseensonni raayyaa ittisaa gocha kana keessatti hirmaatan mana-murtii loltuutiin himatamanii “yakka kana raawwwachuu” ibsicharratti eerameera.

    Manni-murtii loltuu dhimmicha ilaale himatamtootarratti murtiin dabarse hanga du’aatti akka ta’e kan eere ibsi kun, yakkamtoonni kunneen mana hidhaa keessa turuu isaanii ibseera.

    Akka ibsi raayyaa ittisaa agarsiisutti, miseensonni raayyaa hidhaarra turan dhiifamni taasifameefiif akka gadhiifaman gaafateera.

  18. Biyyi waraana gara Somaaliyaa fide hin jiru- MM Somaaliyaa

    Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamza Abdii Baaree yeroo dheeraa booda waa’ee muddama Gaanfa Afrikaa irratti wayita dubbatan, waa’ee hariiroo waraanaa biyyasaanii fi Masrii falmisiisaa ta’erratti xiyyeeffatan.

    Ministirri Muummee kun mootummaan biyya biraa loltoota gara Somaaliyaa fide hin jiru, yoo jiraates mirga Somaaliyaati jedhan.

    ''Biyyi loltuu gara Somaaliyaa fidaa jiru hin jiru. Mootummaan kana nu gaafate hin jiru. Ammoo akka Somaaliyaatti nuti mirga kana gochuus qabna, nuti biyya of dandeenyedha.''

    Biyya tokkorraa gargaarsa argachuu jechuun biyya biraarraan miidhaa geessisna jechuu miti kan jedhan qondaalli Somaaliyaa kun, biyya ollaasaanii kan waliin muddama keessa galanii jiran, Itoophiyaa, dabalatee biyya gargaarsa isaaniif godhu kamuu akka simatan ibsan.

    ''Yoo biyya Arabaa gargaarsa gaafannee tole nuun jedhe, biyya biraa irraan miidhaan geessifna jechuu miti. Loltootasaanii gara Somaaliyaa galchaa jirra jechuu miti. Isaanis fiduuf nu hin gaafanne, nutis hin gaafanne. Nuti qaamolee gargaarsa nuuf gochuu danda’an kamirraayyuu gargaarsa ni barbaanna, ni simanna. Itoophiyaarraallee yoo ta’e gargaarsa nuuf taasifamu ni simanna. Kanaan duras hariiroo akkanaa waliin raawwannee beekna, ammas akkas gochuuf qophiidha.''

    Dhiheenya kana erga dhimma ulaa galaanaarratti waliigalteen walhubannoo Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallattaa’ee hariiroon Finfinnee fi Moqadishoo gidduu jiru laafeera.

    Keessattuu erga Masrii fi Somaaliyaan waliigaltee waraanaa mallatteessanii muddamni Gaanfa Afrikaatti daran hammaateera.

  19. Tujaarri adunyaa Biil Geet waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?

  20. Rakkoo nageenyaan raafamaa kan jiru Shawaa Kaabaarraa tajaajilli bilbilaa adda cite