Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Task, Jarman godaansa seeraan ala
taasifamuuf deebii kennuun gaarii ta’uus,
daangaa lafa ishee hunda irratti eegumsa yeroof turu murteessu ishee “fudhatama hin qabu” jechuun balaaleffatan.
To’annoon daangaa Jarman biyyoota Faransaay, Beeljiyeem, Nezerlaandi, Luxembargi
fi Deenmaarki waliin qabdu irratti kaa’amu torban dhuftu hojiirra oola jedhame
Hogganaan gamtaa hawaasa daangaa Nezerlaandii fi Jarmanii tarkaanfiin kun murtee rifaasisaa ta'uu
ibsuun, ministirri biyya keessaa Oostiriyaa baqataa Jarman deebiste kamiyyuu akka hin fudhannee
cimsanii dubbataniiru.
Jarman erga haleellaa waraansa meeshaa qara qabuun
magaalaa Solingen keessatti raawwatamuu lubbuun namoota sadii darbee booda
sakatta’iinsa fi eegumsa daanga ishee kana cimsuuf kan murteessite.
Namni haleellaa kana raawwate
jedhamee shakkame lammii Sooriyaa amma to’annoo jala jiru yoo ta'u, gaaffiin
koolugaltummaa isaa fudhatama dhabnaan
gochicha kan raawwate.
Jarmanii fi ollaan ishee hundi qaama naannoo ittisa
daangaa irraa bilisaa Sheengen yoo ta'an, seera Gamtaa Awurooppaa jalatti
to'annoo yeroof "akka tarkaanfii dhumaatti, haala addaa
keessatti" hanga baatii 6tti hayyamameefi jira.
Ministirri Biyya
Keessaa Jarman Naansii Faayizar to'annoo fi eegumsi taasifamuuf deemu kun ''balaa
cimaa gareen shororkeessitootaa taasisanii fi yakka cimaa ga’uu danda’u ''
irraa akka eegu ibsan.
Sababa waraana Raashiyaa
naannawa daangaa Beelaaruusin wal
qabatee Poolaandi bara 2021 irraa eegalee daangaa Beelaaruus waliin qabdu
irratti lakkoofsi godaantotni seeraan alaa gara Jarman deeman keessa qaxxaamuran
dabaleera.
Dubbii himtuun
Komishinii Awurooppaa Anitta Hipper akka jedhanitti, sakatta'iinsi daangaa kamiyyuu
seera Sheengen waliin walsimuun raawwatamuu qaba.