Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaafi Yukireen boojuu waraanaa 206 walii hiikan

Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji'amtoota waraanaa 206 walii hiikan. UAE kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.

Guduunfaa

  • Ameerikaan miidiyaa mootummaa Raashiyaa irra dhorkaa haaraa keesse
  • Raashaan dippilomaatota Biritishi basaasaan himatte
  • Humni addaa Israa'el Siiriyaa keessatti buufata misaa'elii haleele
  • Tiraamp Kaamalaa Haariis waliin falmii biraa hin fedhu jedhan
  • Abbaafii ilmi billacha hatuuf yaalan $200,000 adabaman
  • Biyyi waraana gara Somaaliyaa fide hin jiru- MM Somaaliyaa
  • Miseensonni raayyaa 178 Izii Kaabaarratti haleellaa raawwataniif duuti itti murtaa’e gadhiifaman
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 40 ajjeefaman - Hamaas
  • Gareen Itoophiyaa Kongootiin 2-0 mo'ame
  • Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoome
  • Itoophiyaan 'doorsisa irra deddeebii Masriitti' akka xiyyeeffannoo kennu UN gaafatte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaa fi Masrii kan walitti diinomse Abbayya, Itoophiyaa hanga Meediteraaniyaanitti maal keessa darba?

  2. Tamsaasa keenya eegalleerra!

    Ashammaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundatti.

    Gabaasa keenya kallattiin isin biraan geenyu kan Jimaata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee addunyaafi biyya keessaa ijoo ta'an jalaa buunee isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  3. Jaared Isaakmaan dureessa jalqaba hawaarra bahe ta’uun seenaa hojjete

    Jaared Isaakmaan Daldalaa biliyeenara addunyaa beekamaadha. Amma osoo ogeessa hawaa (astronaut) hin ta’iin nama hawaarra bahee Dacheetti deebi’uun milkaa’e jalqabaa ta’eera.

    Jaared Isaakmaan kan hojjechuun seenaa haaraa galmeesseera.

    Imala dhaqaa galaa viidiyoon daawwadhaa

  4. Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden Masirii waliin hariiroo qabaacuu haale

    Duraan qabsoo hidhannoo keessa kan ture Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) Masirii waliin hariiroo qabaachuu haale.

    Addichi “dubbi qoccolloo” Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Itisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa Masiriin garee hidhattootaa mootummaa waliin wal lolan baayyeesaanii gargaaraa turte jechuun dubbatan “cimseen balaaleffada” jedheera.

    ONLF kana kan jedhe yeroo mootummaan Itoophiyaafi qondaalonni waraanaa biyyattii karoora Masiriin loltootashee kumaan lakkaa’aman gara biyya ollaa taate Somaaliyaatti erguuf karoorfachuu gabaafame hordofee yaada Kaayiroo kana mormaa jiranittidha.

    Dhimma Hidhaa Haarromsa Abbayyaarratti Itoophiyaa waliin wal dhibdee keessa kan jirtu Masiriin loltootashee Somaaliyaatti bobbaasuun fedhiishee guuttachuuf kan abbalaa jirtudha.

    Dubbiin Fiild Maarshaal Biraanuun dubbatan jedhame sagalee miidiyaa biyya keessaarratti Fulbaana 9 baherraa dhabahame. Mootummaas ta’e raayyaan dhugummaa sagalee kanaa hin mirkanneessines, hin waakkannes.

    ONLF ibsa fuula X isaarratti Fulbaana 11 baaseen, hariiroo Masirii waliin qabaachuu haaluun dubbiin maqaa balleessuu kun “dhugaa kan hin taaneefi akkasumaan maqaafi seera-qabeessummaa paartii siyaasaa beekamtii qabu ONLF balleessuudha” jedhe.

    Waggoota baayyeef naannoo Somaalee Itoophiyaa keessatti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu gonfachuuf waraana gaggeessaa kan ture ONLF, Onkloolessa 2018 Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin waliigaltee mallatteessuun erga sanarraa kaasee akka paartii siyaasaa tokkootti seeraan galmaa’eera.

    “Himannaan dhiyaate kallattiin yaadaafi xalayaa waliigaltee nagaa sanaafi qabiyyee isaa kan faallessan yoo ta’u, dubbii barbaacha hamaa adeemsa nagaa yeroo ammaa itti jiramu gatii kan dhowwatudha,” jedheera.

  5. Roonaaldoon, Erik Ten Haag qeequun Maanchister Yuunaayitid irra deebiin ijaaramuu qaba jedhe

  6. UN hojjattoonnisaa jaha haleellaan Israa'eliin Gaazaatti ajjeeffaman jedhe

    Jaarmiyaan UN Dhimma baqattoota Filsxeemotaa akka jedhutti, haleellaa qilleensaa Israa’el manneen barnootaa giddugala Gaazaa keessatti raawwateen hojjettoonni isaa jaha ajjeefamuu hime.

    Dubbii himaan Ittisa Siiviilii Gaazaa, Maahmud Bassaal akka jedhanitti, haleellaa mana barumsaa al-Jaouni kaampii baqattootaa Nuseirat, bakka lammiileen Filisxeem buqqa’an kumaatamaan keessa dahatan irratti raawwatameen namoonni 18 ajjeefaman.

    Waraanni Israa'el ammoo ''shororkeessitoota'' mana burmsaa irraa haleellaa raawwachuudhaaf karoorsaa turan irratti “kallattii sirrii ta'een” raawwachuu isaafi namoota nagaa irratti miidhaan akka hin geessineef tarkaanfii fudhachuu dubbate.

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Antooniyoo Gutareez haleellaan kun ''seera namoomaa idil-addunyaa haalaan kan cabsuudha'' jechuun maxxansa toora X isaanii irratti barreessan.

    Dhaabbatichi dabaluudhaan, haleellaan kun erga waraanni Israa'elii fi Hamaas jiddutti Onkoloolessa 2023 keessa jalqabamee asitti ''taatee tokkoon hojjettoota keenya keessaa namoonni du'an olaanaa ta'uu ibsaniiru.

    Akkasumas, ji'oota 11 darban keessatti manni barumsichaa yeroo 5ffaaf rukutamuun isaa ibse.

  7. Dr Ashabbir dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii nama daddabarsuun himataman

  8. Itoophiyaatti sagaleen qawwee akka hin dhaga’amne ni deeggarra- Maayik Haamar

    Itoophiyaatti biyya sagaleen qawwee itti hin dhagahamneef biyyasaanii gargaaruu kutannoo qabaachuu, Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaada Maayik Haamar himan.

    Ambaasaadar Haamar guyyaa kaleessaa Fulbaana 11, 2024 itti aanaa pireezdaantii yeroo naannoo Tigraay Tsaadqaan Gabratansaa'i waliin wal arguun marii’atan.

    Daawwannan Ergamaa Addaa Ameerikaa kunis wayita waldhabdeen qondaaltota Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi qondaaltoota TPLF giddutti uumametti kan taasifamedha.

    Waldhabdeen gidduu isaanitti uumame kun hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa irrratti dhiibbaa uuma jechuun sodaa uumera.

    Tigraay keessatti nagaa waaraa buusuu fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu Piriitooriyaa guutummaatti haala ariifachiisaa ta'een hojiirra oolchuu irratti Maayik Haamar fi Tsaadqaan waliigaluu odeffannoon Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamu irraa argame ni mul’isa.

    Ameerikaan mootummaa Itoophiyaa fi Bulchiinsa Yeroo Tigraay deeggaruun mariidhaan biyya sagaleen qawwee itti hin dhaga’amne akka taatuuf kutannoo qabaachuu himan.

  9. Suuraan Charchiil Kanaadaatii hatame attamiin Xaaliyaaniitti argame?

    Suuraan jalqabaa Wiinistan Charchiil, erga Kaanaadaa hoteela Otaawaa keessaa baduun suuraa itti fakkeeffamee hojjatameen bakka buufamee booda, Xaaliyaanii keessatti argame.

    Charchil ''Leenca baroodu'' jedhamuun kan beekamu yoo tahu, oggeessaa suuraa Yuusuf Kaarshaatiin bara 1941 yeroo Charchiil paarlaamaa Kaanadaatiif haasaa taasisan kaase.

    Roobii kaleessaa poolisiin Otaawaa akka jedheetti, suuriichi Xaaliyaanii, Jeenoya keessatti nama dhuunfaa bitateef suurichi kan hatame ta'usaa hin beekne harkatti argamu hime.

    Qondaaltonni hannaa fi gurgurtaa seeraan alaa kanaan walqabatees nama tokko Powaassaan, Ontaariyo irraa to'annoo jala ooluu beeksisaniiru.

  10. Filannoo US 2024 karaa baayyee salphaa ta’e ittiin hubattan

  11. Qondaallii CIA duraanii Chaayinaaf basaasuun hidhaa waggaa 10n adabame

    Qondaalli CIA duraanii mootummaa Chaayinaatiif basaasuudhaan himatamee hidhaan waggaa 10 itti murtaa'e.

    Aleeksaandar Yuuk Chiing Maa kan umuriin waggaa 71 erga icciitiiwwan Ameerikaa dabarsee Chaayinaatti gurguruu qondaala FBItti himeen booda Hagayya 2020 keessa to'atame ture.

    Maan, lammii Ameerikaa uumamaa garuu kan Hoong Koong keessatti dhalate yoo ta'u, bara 1982 hanga 1989tti CIA keessa hojjete.

    Itti fufuunis haaluma qaama waliigaltee kutaan waliigaltee himannaa isaatti, "dhaabbilee mootummaa Ameerikaatiin ibsa kennuu dabalatee, jireenya isaa guutuu" abbootii alangaa waliin tumsuu akka qabu ibseera.

    Akka dhaabbanni oduu Asoosheetid Prees ibseera, waliigalteen himannaa isaa kunis yeroo ibsawaaniitti, qorannoo poligiraafii akka dhiyaatu gaafatama.

    Dhaddacha murtii Roobii darberratti, abukaatoon mootummaa Ameerikaa mana murtiitti akka himanitti, kanaan duras tumsa kan taasisaa ture ta'uufi ''walgahii af-gaaffii dachaa ergamtoota mootummaa waliin taasise'' irratti hirmaateera jedhe.

    Qondaaltonni akka jedhanitti, Maan firasaa, kan ergamaa CIA ta'e waliin ta'uudhaan, qondaaltota basaasaa Biiroo Nageenyaa Naannoo Shaangaayitti qacaramaniif iccitii kennuun tumseera.

    Walgahiin Hong Kong keessatti gaggeeffame tokko viidiyoodhaan kan waraabame yoo ta'u, Maan iccitii qoodaniif doolaara 50,000 (£38,000) lakkaa'aa akka ture agarsiisa jedhan abbootiin alangaa federaalaa.

    Bara 2004 Hawaayi keessa osoo jiraachaa waajjira FBI Honolulu keessatti ogeessa turjumaana afaanii ta'uudhaan kontiraataan mindeeffame.

    FBIn sochii biyya ganuusaa durumaanuu osoo beekuu,''Maa akka qaama mala sochii fi qunnamtii isaa hordofuuf qacare'' jechuun abbootiin alangaa Roobii darbe himan.

    Akka AP'n jedhutti, tumsaan maqaansaa hin ibsamneefi obboleessa Maa yoo ta'u, osoo hin himatamniin dura du'aan boqateera.

  12. Misaa'elli Iraan gara Raashiyaatti ergitu lola Yukireen jijjiiruu mala- UK

    Iraan misaa’eloota gara Raashiyaatti erguun ishee falmii waa'ee waraana Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa fugugfaman kanneen biyyoota dhihaa irraa argattu Raashiyaa keessatti kiyyeeffannaawwan irratti fayyadamuu jijjiiruu Ministira Dhimma Alaa UK, Deeviid Laamiin daawwannaa Kiivitti taasisaniin booda BBCtti himaniiru.

    Lamiin Ministira dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken waliin Landanitti erga mari’ataniin booda ture kan daawwannaaf gara magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti kan imalan.

    Pirezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskiin irra deddeebiin injifannoon waraanasaa itti fayyadama meeshaa waraanaa biyyoota dhihaa irratti akka hundaa’uu gaafataa turan.

    US fi UK’n Yukireen misaa’ela daangaa Raashiyaa keessa fageenya dheeraa seenee miidhaa qaqqabsiisu Yuukireeniif hayyamuu irratti rincicaa turan.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken Kiivitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden tibbana Waayit Haawusitti Ministira Muummee UK Keeyir Istaarmar waliin waa’ee itti fayyadama misaa’ela fageenya dheeraa irratti mari’achuu hin oolan jedhan.

    "Amma tarkaanfii Raashiyaan misaa'ela balistikii Iraan irraa argachuu ishee argineerra, kunis weerara isaanii Yukireen keessatti daran humneessa" jedhan Bilinken.

    Yukireen gabaasni Iraan misaa'ela balistikii gara Raashiyaatti erguu akka danandeessu erga dhaga’amee booda eyyamni misaa'ela fageenya dheeraa akka kennamuuf US fi UK’tti iyyachaa jirti.

    Daaviid Lamiin gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin Iraan Raashiyaadhaaf misaa'ela balistikii kennuun ishee humnoonni Moskoo ''Yekireen keessa caalaatti seenuun akka olaantummaa argatanii fi falmiisaani ifatti jijjira jedhan. Kanaafis Yukireen akka injifattu deeggaruuf caalaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeran.

  13. Buufata Taajuraa Jibuutiin Itoophiyaaf dhiheessite irratti gaaffiiwwan ijoo ka'an

  14. Tamsaasa keenya kallattii eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jiran maratti.

    Tamsaasa keenya kan guyyaa Kamiisaa kunoo amma eegalleerra.

    Yoo itti dhiheenyaan nu hordoftan, odeessaalee ijoo ta'an addunyaafi biyya keessaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  15. Dabratsiyon Gabramikaa'el TPLF aanga'oota Ertiraa waliin dubbachaa akka ture ibsan

  16. Deeggartoota miliyoona hedduu kan qabdu weellistuu Teeyilar Siwiift sagalee ''Kaamlaa Haarisiifan kenna'' jette

    Weellistuun Ameerikaa beekamtuu hordoftoota miliyoona hedduu qabdu Teeyilar Siwift filannoo biyyattii Sadaasa keessa gaggeeffamurratti sagaleesheee kan kennitu Kaamlaa Haarisiif akka ta’e beeksifte.

    Pirezidantii Itti-aantuu Kaamlaa Haaris pirezidantii duraanii Doonaald Tiraamp waliin falmiin filannoo taasisan erga xumurameen booda ture weellistuun kun kan kana dubbatte.

    Siwift Kaamlaa Haaris “hoggantuu cimtuu kennaa qabdudha” jechuun dinqisiifatteetti.

    “Akka amantaa kiyyaatti ‘wakabaan’ osoo hin taane tasgabbiidhaan kan gaggeeffamun taanaan biyya keenyatti waan hedduu milkeessuu dandeenya,” jette itti dabaluun.

    Siwft ergaa Instagraamasheerratti dabarsite kana suura adurreeshee waliin kaate waliin yoo ta’u, kun ammoo yaada kaadhimamaa itti-aanaa pirezidantii Tiraamp filate Jeedii Vaans kaasee ture qeequudhaaf.

    Senaatara Ohaayoo kan ta'e kadhimamaan itti-aanaa pirezidant Jeedii Vaans bara 2021 Kaamlaa Haaris dabalatee dimokiraatonni baayyeen “jireenyi isaanii warra ‘laamsha’e’, dubatoota dhala hin qabne adurree guddisanidha,” jechuun qeequu hordofee mormiin jabaan isa mudatee ture.

  17. Tiraamp fi Haaris yaadannoo guyyaa 9/11 irratti kokkolfaa harka wal fuudhan

    Yaadannoo guyyaa 9/11- Fulbaana 11, 2001 kan Amerikaanonni miseensota maatii isaanii itti dhaban Maanhataan, Ameerikiaatti kabajaa jirurratti namoota balaa uumameen lubbuu dhaban maqaa isaanii kaasanii isaan yaadachaa jiru.

    Kaadhimamtoonni pirezidantummaa filannoo 2024 lamaan qophii yaadannoo kanarratti argamaniiru.

    Falmii yeroo jalqabaatiif yeroo wal argan akkuma goote Kaamlaa Haaris gara bakka Donaald Tiraamp jirutti deemtee yeroo fuula ifaan sesseeqaa wayita harka fuutu kaameraan argeera.

    Yeroo Kaamlaan morkataashee kana harka fuutu Pirezidant Joo Baayidanis jiru.

    Namoonni saganticha hirmaataa jiranis kabajaan dhaabbatanii qalbiin ilaalaa turan. Hariis bakka Tiraamp dhaabatee jirurraa namoota lamaan adda baatee dhaabbatti.