Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaafi Yukireen boojuu waraanaa 206 walii hiikan

Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji'amtoota waraanaa 206 walii hiikan. UAE kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.

Guduunfaa

  • Ameerikaan miidiyaa mootummaa Raashiyaa irra dhorkaa haaraa keesse
  • Raashaan dippilomaatota Biritishi basaasaan himatte
  • Humni addaa Israa'el Siiriyaa keessatti buufata misaa'elii haleele
  • Tiraamp Kaamalaa Haariis waliin falmii biraa hin fedhu jedhan
  • Abbaafii ilmi billacha hatuuf yaalan $200,000 adabaman
  • Biyyi waraana gara Somaaliyaa fide hin jiru- MM Somaaliyaa
  • Miseensonni raayyaa 178 Izii Kaabaarratti haleellaa raawwataniif duuti itti murtaa’e gadhiifaman
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 40 ajjeefaman - Hamaas
  • Gareen Itoophiyaa Kongootiin 2-0 mo'ame
  • Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoome
  • Itoophiyaan 'doorsisa irra deddeebii Masriitti' akka xiyyeeffannoo kennu UN gaafatte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo ashamaa bakka jirtan hundatti.

    Tamsaasa kallattii kan guyyaa Sambataa isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan dhimma muddama Ameerikaafi Raashiyaa akkasumas odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  2. Joonsan Raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuun akka hayyamamuuf gaafatan

    Ministirri Muummichi duraanii Biriteen Booris Joonsan Pireezidaantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waliin Kiiv keessatti wal argan.

    Konfiraansii magaalaa guddoo biyyattii keessatti gaggeeffame cinaatti erga wal arganii mar'ataniin booda ibsa kennaniin, Yukireen misaa'ela fageenya dheeraa fayyadamuun daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa akka raawwattuuf hayyamamuu akka qabdu ''ifaadha'' jedhan Joonsan.

    ''Yukireen haleellaa suukaneessaa Raashiyaa boombii fi amma ammoo misaa'ela Iraaniin raawwattu dhaabuuf sirnaan ofirraa ittisuu danda'uun murteessaadha."

    "Guyyaa hunda lubbuu Yukireen caalaatti haala gaddisiisaa ta'een dhabuu jechuudha," jechuun dabalataan.

    Akka marsariitiin pirezidaantichaa jedhutti, Jonsaniifi Zeleniskiin ''barbaachisummaa gargaarsa waraanaa, siyaasaa fi dinagdee Yukireen dabaluu'' irrattis mari'ataniiru.

  3. Raashiyaan biyya meeshaa niwukilaraa qabdu ta'uu hin dagatinaa jedhan UNtti ambasaaddarri Raashiyaa

    Manni Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii Niiwu Yoork keessatti reefu walgahii taa'era.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Raashiyaa, Yukireen Raashiyaa keessatti misaa'ela fageenya dheeraa akka fayyadamtu yoo hayyamameef biyyoonni Naatoo ''Raashiyaa waliin waraana kallattiin gaggeessuuf'' akka ta'an qaama kanaaf himaniiru.

    Vaasilii Nebenzia gamtaan waraanaa biyyoota lixaa ''diinummaa humna niwukilaraa irratti kallattiin kan ta'u'' ta'a jedhan.

    "Akkan yaadutti kanaa fi waa'ee dhiibbaa isaa dagachuu hin qabdu jedheen yaada" jechuun akeekkachiisan.

    Hubannoodhaaf: Raashiyaan miseensota dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa shan, US, UK, Faransaayii fi Chaayinaa waliin, tokkodha. Kana jechuun qaama UN keessatti yaada dhihaate hunda sagaleedhaan kuffiisuuf aangoo qabdi.

  4. Rakkina bishaanii dubartoota hedduu duubatti deebisaa jiru

  5. Abbaan alangaa 'Joon' Daani'eel fi kaan irrati himata bane

    Abbaan alangaa nanoota ja'a Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti jeequmsa uuman Yohaannis Daani'eel fi warra kaan irratti himata bane.

    Abbaan alangaa dhaddadha Mana-murtii Olaanaa Federaalaa irratti guyyaa beellamaarratti namoota kanneen irratti himata kan bane xiyyaara karaa sirrii hin taaneen qabatanii, miidiyaa hawaasaarratti kallattiin dabarsaa, viidiyoo maqaa gaarii balleessu karaa kompiitaraatiin dabarsuudhaan, hojjetoonni mootummaa dirqama hojii isaanii akka hin ba'anneef gufuu ta'aniiru jechuunidha.

    Hundi isanii himata lamaan kana kan himataman yoo ta'u, namni galmeen kun maqaa isaatiin waamamu maqaa TikTok ittiin beekamuun Yohaannis Daani'eel ammoo waan sadiin himatamuun gabaafameera.

    Sa'aatii lama guutuuf xiyyaara irraa hin buunu jechuudhaan haa caccabu jechuun kanneen kaan akka hin buuneef akka didan gochuudhaan TikTok irratti kallattiin tamsaasaa osoo hin butamiin butameera jechaa maqaan Daandii Qilleenischaa akka xuraa'u godhaniiru kanneen jedhan himata irratti dhiyaate ta'uu abbaan alangaa ibseera.

    Himatamtoonnis himanni isaan qaqqabee, dhaddachis himata kana dubbiseera.

    Abokaatoon himatamtootaa ammoo himanni isaan irratti dhiyaate wabii kan hin dhorkine waan ta'eef mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf gaafateera.

    Abbaan alangaa garuu yakki raawwatame jedhe dachaa ta'uu isaafi shakkamtoonni lama ammoo addatti waan shakkamaniif mirgii wabii akka hin kennamneef gaafateera.

    Dhaddachi bitaan mirga ilaalee mirga wabiirratti murtee kennuudhaaf A L I Fulbaana 7, 2017tti beellama qabateera.

    Kanaan dura jarri ja'a yakka shororkeessummaan akka qorataman gabaafamaa ture.

  6. Darbii Landon Arsenaal fi Totenhaam walitti fidu dabalatee tilmaama Piriimer Liigii

  7. 'Baayidan yeroo dhiyootti misaa'ela fageenyarratti haleelu Yukireeniif hayyamuu malu'

    Pirezidaantin US Joo Baayidan yeroo dhiyootti misaa'eloota fageenya dheeraa imalan Yukireenif hayyamuu akka malan New York Times gabaase.

    Kaayyonsaas Yukireen misaa'eloota fageenya dheeraa kana fayyadamuun qiyyaafannoowwan waraanaa daangaa Raashiyaa keessatti argaman irratti haleellaa akka gaggeessituufi.

    Waa'ee misaa'eloota fageenya dheeraa imalan Yukireenif kennuu ilaalchisee Baayidan Ministeera Muummee UK Kiir Istoormar waliin mariyataa jiru.

    Misaa'eelli Istoorm Shaadoo jedhamu man-kuusawwan meeshaalee waraanaafi qiyyaafannoowwan waraanaa Raashiyaa keessatti argaman haleeluf gaarii akka ta'etu himama.

    Misaa'elli kun fageenya 250km furguggifamuu danda'a. UKfi Faransaayi misaa'eloota kanneen kanaan dura Yukireenif kennanii turanis Yukireen daangaa ishee qofa keessatti akka fayyadamtu dhorkaan kaa'amee ture.

  8. Mootiin Hayilasillaasee akkamiin Ingiliz magaalaa Baazitti baqatan?

  9. Poolaand warri lixaa dorsiisa Puutiiniin yaadda'uu hin qaban jette

    Ministirri Muummee Poolaand Doonaald Taask, yaada Puutiin Moskoo misaa’ela warra Lixaa gara Raashiyaatti dhukaafamu akka waraana kana akka yaaddoo muddama cimaatti ilaalti jechuu saaniitti akka hin yaaddofne dubbatan.

    Doonaald Taaskiin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Taateewwan Yukireen keessaafi adda Yukireen fi Raashiyaa irratti raawwataman hunda cimsanii ilaaluun barbaachisaadha, garuu ammoo ibsa yeroo dhiyoo Pirezidaantii Puutiin irraa kennameef iddoo guddaa hin kennu,” jedhan.

    ''Kunis caalaa haala rakkiisaa Raashiyaan adda waraanaarratti qabdu kan agarsiisuudha.''

  10. Himannaan basaastummaa dippilomaatota UK irratti dhiyaate 'bu'ura hin qabu' - Waajjira dhimma alaa UK

    Waajirri Dhimma Alaa UK himannaa tajaajila tika FSB Raashiyaa dippilomaatota UK irratti kaase irratti deebii kenneen ''gutummaatti bu'uura hin qabu'' jedhe.

    ''Tarkaanfii mootummaan UK sochii Aanga'oonni Raashiyaa hayyama dippilomaatota qondaaltoota UK jaha Raashiyaa keessatti baatii darbe haqame, hordofuuni.

    “Aangawoonni Raashiyaa ji’a darbe dippilomaatota UK 6 Raashiyaa keessa jiran irraa beekamtii dippilomaasii haqaniiru, kunis tarkaanfii mootummaan UK, sochii mootummaan Raashiyaa kallattiin guutummaa Awurooppaa fi UK keessatti raawwateef, deebii kennee hordofuun kan fudhatedha,” jedha ibsichi.

    “Faayidaa saba keenyaa eeguuf dhiifama hin gaafannu,” jedhe itti dabaluudhaan.

  11. Ameerikaan maaliif humna waraanaa Masirii jabeessuuf doolaara bil. 1.3 kennite?

  12. Raashiyaan hayyama dippilomaatoota Biritish jaha haquu miidiyaan biyyattii gabasan

    Miidiyaaleen Raashiyaa akka gabaasaniitti Putiin dippilomaatoota Biritish jaha basaastummaan erhga himataniin booda hayyama isaanii haqan.

    Tajaajilli Tika mootummaa FSB sochiin isaanii nageenya biyyattii yaaddoo keessa galchuu himate.

    Taateen kunis kan dhufe wayita pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyoota lixaatiin balaa Raashiyaa waliin waraanaa keessa galuurra jiraachuu akeekkachiisanittiidha.

    Putiin itti dabaluudhaan, Nato'n yoo Yukireen akka daangaa Raashiyaa keessatti miisaa'eloota feegeenya dheeraa deeman akka dhukaaftuuf hayyameef, Mooskoon ''murteewwan barbaachisoo ta'an'' fudhatuu dandeessi jechuun akeekkachiisan.

  13. Bu'aa Filannoo US yeroo raggaasifamutti eegumsi nageenyaa sadarkaa Olompikii gitu akka jiraatu ibsame, Maaliif?

  14. Tiraamp maaliif falmii na filadhaa biraa Kaamalaa waliin gaggeessuu dide?

    Doonaald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa Sadaasa dhufuuf falmattuu isaa kan taatee Kaamalaa Hariis waliin falmii gara biraa gaggeessuu dide.

    Tiraamp lamaanu falmii Filaadalfiiyaatti taasisaniin guyyoota lamaan booda, Kamisa kaleessaa akka jedhaniitti, sababii inni ''ifatti'' mo'ateef Kaamalaan irra deebiin falmii barbaadde jedhan.

    Falmii Kibxata darbe gaggeeffameen booda qorannoon battalaa hedduun gaggeeffame akka hubatameetti, Kaamalaa Haaris morkataa ishee Rippabilikaan kan ta'e Tiraamp caalaa ga’umsa gaarii akka agarsiiste itti hubatameerae.

    Tiraamp itti dabaluudhaan, Kaamalaa Haaris kanaa mannaa hojii itti aantuu pirezidaantii ishee irratti ''xiyyeeffannoo'' gochuu qabdi jedhan.

    Battaluma duula falmii na filadhaa Kaaba Kaarolinaatti gaggeeffameen booda, Kaamalaan Haaris deebii kennaniin, "wanti kana caalaa barbaachisaa ta'uu waan hin dandeenyeef" filattoonni waltajjii falmii biraa "argachuu" qabu jedhan.

    Qorannoon akka agarsiisutti, kaadhimamtoonni lamaan filannoodhaaf ji'i lama qofatu isaan hafe kunneenis dorgommii garmalee cimaa keessatti argamu.

    Lamaanuu falmii daqiiqaa 90tiif Kibxata darbe ABC News irratti taasifameen booda, injifannoo isaanii kan himan yoo ta’u, Kaamalaa Haaris jecha aarsan walitti aansuun dubbatteen Tiraampiin ittisa irratti akka xiyyeeffatu ta'e ture.

    Isheenis yaadawwan Tiraamp waa’ee namoota hanga duula na filadhaa irratti ba’anii fi gocha inni jeequmsa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitoolii Ameerikaa keessatti raawwatame irratti kenne kaaftee turte.

    Tiraamp fi deeggartoonni isaan, falmiichaan booda gaazexeessitoonni ABC lamaan kan falmii sana geggeessaniin falmichi haqa kan hin qabnee fi loogii kan qabuudha jechuun akka waan Kaamalaa Haaris deggeraniitti himatan.

    Itti dabaluunis falmiin gara biraa akka isa hin barbaachifne Tiraamp Kamisa kaleessaa dubbatan.

  15. Abbaafii ilmi billacha hatuuf yaalan $200,000 adabaman

    Abbaa fi ilmi lammii Xaaliyaanii gocha billaachaa 92 dabalatee, ilbisoota biyyattiif adda ta'an hatuudhaan paarkii eegumsasaanii keessaa baasuuf yaalan jedhaman, rupees Sirii Laankaa miiliyoona 600 ykn doolaara 200,000 adabaman.

    Eegdoonni Paartii Biyyaaleessa Yaalaa Sirii Laankaa, maanguddoo umuriinsaanii waggaa 68 Luwiijii Feeraarii fi ilmasaanii Maatiiyaa kan waggaa 28 kan to'atan bara kana Caamsaa 8 ture.

    Himatamtoonnis billaachootaafi ilbisootaa kaan qaquuraa keessatti osoo galchaa jiranuu eegdootaan to'ataman.

    Abbichis ilbiisoota kanneen qabuudhaaf waan harkiisu fayyadamuun alattis, qaruuricha keessattis dibata qabiyyee kemikaalaa qabuufi ilbiisoota eeguun tursiisuu fayyadamusaanii qorannoo gaggeeffameen adda baafameera.

    Jarreen kunneenis karaa seeraan alaatiin ilbisoota walitti qabuu, fudhchuufi dadabarsuudhaan yakka olaanaa raawwatameef jalqaba baatii Fulbaana irratti adabbii kun irratti murtaa'eera.

    Egduun paarkichaa kan ta'an Suujiiwaa Niishaantaa BBCtti akka dubbataniitti, konkolaachisaan tokko konkolaataa shakkisiisaa ta'e ala dhaabuufi namoonni keessa turan lama ammoo saaphana ittiin ilbiisoonni kiyyeeffaman qabachuun gara paarkichaa seenuu eeruu kennan.

    Eegdoonnis hordoffii taasisaniin konkolaataa himatamtootaa keessatti qaruuraawwan ilibisoota dhibbaan lakka'aaman argatan.

    ''Wayita arganneettis ilibsoonni hunduu du'aniiru. Qaruuricha keessatti keemikaala naqanii ture'' kan jedhan Niishaataan, ''qaruuraa keessa ilbisoota 300 olitu ture'' jedhe.

    Shakkamtoonnis jalqabarratti himannaan 850 kan irratti baname ture yoo ta'u, boodara himannaansaanii gara 304tti hir'ateef.

    Himatamtoonni kunneenis hanga Fulbaana 24tti yoo maallaqa itti murtaa'e kan kanfalu hin dandeenye, waggaa lamaaf hidhaarra turuu danda'u jedhameera.

    Gabaasni oduu Xaaliyaanii akka jedhutti, namoonni kunneen yeroo sanatti Sirii Laankaa keessa boqonnaarra kan turan yoo ta'u, taatee kanaan walqabachuu biyyattii keessatti hidhaman.

  16. Doktooronni Hindii yakki gudeeddii akka dhaabbatuuf mormii bahanii namoonni 23 walaansa dhabuun du’an

    Baatii Hagayyaa darbe keessa doktooriin ganna 31 gudeedamuun ajjeefamuun gatamteen wal qabatee biyyatti keessatti mormiin gaggeeffamaa tureera.

    Tarkaanfii mana murtii biyyatti yakka gudeeddii fi ajjeechaa doktora hospitaala mootummaa kan magaalaa Kolkataa keessatti raawwatame irratti kenname mormuudhaan hakimoonni mormiisaanii kan itti fufan.

    Kutaalee Hindii biroo keessatti mormiin wal fakkaataan kan deema ture ta’ullee, hakimoonni ammoo hanga haqni hakiimii ajjeeffamte tanaa ba’utti hojiitti hin deebinu jechuun cimsanii mormaa jiru.

    Manneen murtii bulchiinsa naannoo fi poolisiin dhimmicha ilaaluurratti hanqina qabaachuu isaanii qeeqan

    Mootummaan naannichaa ammoo hojii dhaabuu hakimoota kanaan tajaajila yaalaa argachuu dhabuun lubbuun namoota 23 darbuu beeksise.

    Gabaasni chaanaalii biyya keessaa fi viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti ba’anis dhukkubsattoonni hakiimonni dhabamuun wal’aansa irratti dhiibbaa hamaa geessiseera jechuun himachuu isaanii ni mul’isa.

    Garuu hakimoonni mormii irra jiran kanneen tajaajilli balaa tasaa irra hojjatan hojirra jiraachuu himu.

  17. Vilaadmir Puutin dhimma misaa'elaa irratti biyyoota Lixaa akeekkachisan

  18. Raashiyaan naannoo Kurskiitti lola deebiifte qolachuu eegalu himte

    Ministeerri Waraana Raasshiyaa, humnoonni isaa qubsumawwan 10 kan humnootiin Yukireen baatii darbe keessa naannoo daangaa Raashiyaa Kursk keessatti akka tasaa weerara tasaatiin qabaman deebisanii qabachu beeksiise.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodiymiir Zelenskiin Raashiyaan ''tarkaanfiiwwan qolannaa, kan haaluma karoora Yukireen waliin deemu'' jalqabuu ishee mirkaneessaniiru.

    Raashiyaan akka jeetteetti, humnootiin ishee ''Kutaa Kaabaa'' oppareeshinii guyyoota lama keessatti naannoo Isnagosti, dhiheenya dhihaatti isa Yukireen duula Hagayya 6 eegalteen qabatte turtee deebifachuu ishee ibsiteetti.

    Haleellaa qollannaa inni jalqabaa kan eegale ajajaa humna addaa Cheechen, Meejar Jeneraal Apti Alahudinov irraa kan dhufeeen yoo ta’u, birgeedoonni Yukireen ja’a miidhaan guddaan irra gaheera jedhan.

    Qondaalli Yukireen kan naannoo Kursk keessatti lolaa jiru BBC'tti akka himanitti, haleellaan qolannaa Raashiyaa Sudzhaa irraa fageenya muraasa irraatti gara dhihaatii eegalte.

    ''Lolli kun baayyee cimaadha,haalli jirus hanga ammaatti kan nu fayyadu miti,'' jechuun qondaalli maqaansaa akka hin dhahamne gaafate kun kan BBCtti himan.

    Haleellaan Yukireen kun kan jalqabde Raashiyaan gara baha Yukireenitti dhiibbaa gootu irraa yaadashee akka kaaftuuf yaadame fakkaata. Amma garuu lafa Raashiyaa keessa galuun lafa hanga iskuweer km 1,300 (iskuweer maayilii 500) qaba.

  19. Misaa'eloonni Storm Shadow maali, attamiin Yukireeniif murteessoo ta'an?

  20. Humni addaa Israa'el Siiriyaa keessatti buufata misaa'elii haleele

    Haleellaa humnoonni addaa Israa'el "dhaabbata oomisha misaa'elaa Heezboolaa'' kan Siiriyaa keessatti argamu irratti raawwatame irratti odeefannoo bal'aan bahaa jira.

    Mootummaan Israa’el waa’ee oppareeshiinii kanaa, akka gabaasa miidiyaaleen Ameerikaatti, kan jalqaba torbee kanaatti raawwatame irratti homaa hin dubbanne.

    Miidiyaan mootummaa Siiriyaa akka jedhanitti, haleellaa guyyaa Wiixataa Siiriyaa naannoo magaalaa Masyaf kan daangaa Libaanos irraa gara kaabaatti gara maayilii 25 (40km) fagaattutti raawwatameen, namoonni 18 ajjeefamaniiru, kaan baayyeen ammoo hedduu madaa’aniiru.

    Akka gabaasa New York Times jedhutti, humnoonni addaa Israa’el helikooptaroota irraa bu’uudhaan, dhaabbata Iraan ijaarte keessa dhoo’uu kaa’uun, odeeffannoowwan icciittii ammoo kaasanii daabii'an.

    Qondaaltonni Ameerikaa fi gara biroos New York Times'n eeraman, suuraa hojii ija jabinaan hojjetame, kan dhaabbata waraanaa lafa jalaa barbadeessuuf qophaa'e akka ta'e agarsiisu.

    Haleellaan qilleensaa garuu ittisa Siiriyaa dadhabsiisuu fi humni dabalataa bakka sana akka hin geenyeef kan itti fayyadame fakkaata.

    Addatti ammoo, gabaasni marsariitii oduu Axios jedhamuun maddawwan sadii oppareeshiinii kana beeku jedhaman wabeeffachuudhaan, kutaan Humna qilleensaa beekamaa Israa'el Shaldag jedhamuutti tarkaanfii kana raawwate jedha.

    Dabalataanis Israa'el oppareshiinii kana osoo hin raawwatiin dura Ameerikaatti kan himte ta'ufi Waayiti Hawusii irraa mormiin omaatu akka hin mudatiin dabaluun gabaase Axios.

    Haata'u malee BBC garuu gabaasaalee kanneen addatti mirkanneeffachu hin dandeenye.