Michootni Roodirii badhaasichi ni malaaf jedhan
Michuun Roodirii lammii Jarman Ilkaay Gundohaan ammaa booda inni taphataa gahamsa guddaa hin leellifamne jedhamuunsaa hafeera jedhe.
''Roodriin Ballon d'Or injifachuun anaaf sirriidha, ni malaaf. Keessumaa taphataan ittisarratti hiriiru badhaasa kana argachuun natti tole, yeroo mara jifataatu injifata'' jedhe.
''Roodriin taphataa sarara gidduu ittisa irratti hojjetuudha, bakka isaatti taphataan biraan isa caala hojii bakka sanaa hojjetu hin jiru'' jechuun leellise.
Taphataan duranii Siitii Fernaandiinihoo milkaahina guddaa, dhamaatii guddaa keessa dhufeedha jechuun Roodriidhaan baga gammadde jedhe.
Taphataan maqaa guddaa duraanii Ispeen Andirees Ineestaa ''kan jedhamuun ol malaaf'' jechuun baga gammadde ittiin jedhe.
Paabloo Zaabaleettaas akkasuma badhaasichi ni malaaf jedhe.




