Kaamalaa Haaris yoo filamte lola Gaazaa dhaabuudhaaf dhaadatte
Doonaald Tiraamp fi Kaamalaa Haarsi filannoo guyyaan lama qofti hafeen duula na filadhaa gaggeesuu itti fufan.
Guduunfaa
- Kibba-baha Ispeenitti lolaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 95 du'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
- Jechi ‘garbage’ [kosii] jedhu filannoo US keessatti waca uume
- Dubartootni waraana Sudaaniin gudeedaman of ajjeesan
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
BBC Afaan Oromoo
'Kun daa'ima ykn maatii kamuu irra hin gahiin'

Gurbaan saafelli 'innaafaadhaan'' hiriyaasaa kan turte meeshaa qara qabuun waraanee ajjeesse hidhaa waggaa 17 itti murtaa'e.
Gurbaan maqaansaa Loogaan Maakfaayil jedhamu Amajjii bara 2023tti shamarree waggaa 15 fi maqaanshee Hoolii Niiwtan jedhamtu waraanee yeroo ajjeessu, inni nama waggaa 16 ture.
Taateen kun Yunaayiti Kingidam bakka Noortuumberlaand jedhamutti raawwatame.
Maakfaayil amma dargaggoo waggaa 17 yoo ta'u, intala kan ajjeessuu amaneera. Haata'u malee, ajjeechaa Hooliifi ta'e jedhee nama irraa qabuuf yaalee kan biraa miidhaa irraan gahuusaatti balleessaan itti murtaa'eera.
Abbaan murtii Jastiis Hiiliyaard murtii xiqqaadhe jedhame mana-murtii Niiwkaasil Kiraawon keessatti yoo murteessan, Maakfaayiil ''aariidhaan kan guutame haleellaa hamaafi gara jabeenyaatiin'' Hoolii ajjeesuuf yaaduu isaa dubbatan.
Itti dabalunis kun ''ijoollee ykn maatii keessn kamirrayyu hin gahiin'' jedhan.
Bulchaan Waashingitan miseensota Eegdota Biyyaalessaa muraasa hojiitti deebisuuf
Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Ballot drop box set on fire in Washington state Bulchaan Isteetii Waashingitan odeeffannoofi yaaddoo jeequmsa filannoo bara 2024 waliin walqabatee uumamuu malu ilaalchisee miseensota Eegdota Biyyaalessaa muraasa akka qophaa'an taasisaa jiraachuu beeksiise.
Isteetichi bakkeewwan biyyattii jalqaba torban kanaatti saanduqa filannoo abiddaan itti gubate lamaan keessaa tokko ture.
''Odeeffannoo waliigalaafi addaa akkasuma yaaddoo jeequmsaa ykn sochii seeraan alaa biroo filannoo waliigalaa bara 2024 waliin walqabatee mudachuu danda’urratti hundaa’uun deebii kennuudhaaf qophii guutuu ta’e mirkaneessuu barbaada,” jechuun ture bulchaan Isteetichaa Jaay Insilee xalayaa marsariitii isaaniirratti maxxanfameen.
Waraqaan sagalee filannoo dhibbaan lakkaa’aman meeshaa ibidda kaasuu (incendiary)tti fayyadamuun saanduqa sagalee filannoo magaalaa Vaankoovar keessaarratti miidhaa qaqqabsiisuu ykn barbadeessuu Insileen ibseera.
Tiraampiifi Kaamalaan Wiiskoonsiin keessaitti duula filannoo gaggeessaa jiru

Madda suuraa, Reuters
Duulli filannoon pirezidantummaa Ameerikaa xumuratti wayita dhiyaataa jiru kanatti, kaadhimamtoonni lamaanuu Winkoonsiin keessatti waliirraa fageenyaa muraasaarratti duula filannoo gaggeessaa turan.
Doonaald Tiraampiifi Kaamalaa Haaris kaleessa galagala bulchiinsa murteessoodha jedhaman keessaa tokko kan taatee Wiskoonsiitti argamuun duula filannoo gaggeessan.
''Bulchiinsa kana ni injifannaa. Waan hundumaa ni injifanna. Waliin ta'uudhaan kaatanii kan hanga ammaa gahaa akka ta'eefi Kaamalaadhaan kana booda obsuu akka hin dandeenye itti himuu qabdu.
Isheenis ittaantuu pirezidantii seenaa keenya keessatti agarree badduudha'' jechuun ture Tiraamp deeggartoota isaanii magaala Wiskoonsiitti walitti qabamanitti kan dubbatan.
Lixa Aliis keessatti ammoo raapparri Kaardii Bii ammoo bakka deggartoonni paartii Dimikraatawaa argamanitti deeggarsashee Kaamalaa Haarsiif kennitee jirti.
''Dhugaasaan isinitti himu barbaada. Bara kanatti hin filadhuun ture. Sagalees hin kennuun ture. Haata'u malee, Kaamalaa Haaris yeroo dorgommiicha eegaltuun yaadakoo gutummaan guutuutti na jijjirte'' jette.
Israa'eloonniifi Filisxeemoonni filannoo Ameerikaa attamiin ilaalu?
Nama siyaasaa waan hin yaadamne hojjete

Madda suuraa, AFP
Ofitti amanamummaafi amala gaarii kan qaban Pirezidaantiin Bootswaanaa haaraan, Dumaa Bookoo hayyuu seeraa mirga namoomaatiin barnoota olaanaa kan qabuudha.
Namni mul'ataa umuriin gannaa 54 kun, yaadaan guutamaafi barnoota seeraasaa jalqaba Bootswaanaatti, achii booda ammoo Mana-barumsaa Seeraa Haarvaard Ameerikaa keessatti akka barate dubbata.
Akkasumas, injifannoo argateen kan baayyee gammade ta'uu kaasuun, yeroo sadaffaaf irra deddebiin pirezidaantummaa erga dorgomaniin booda amma injifachuunsaa kutannoo sammuu cimaa qabaachusaa mul'isa.
Waggoota 50 oliif namoonni siyaasaa paartii mormitootaa, Paartii Dimookiraatawaa Bootswaanaa humna guddaa qabu aangoorra buusuuf abjoochaa turanilleen, garuu sana kan dhugoomse Bookoo qofadha.
Akkaataan injifannoo paartiisaanii Gaaddisa Jijjiirama Dimookiraatawaa (UDC)s, lakkoofsa argataniin akka rifatan kan amane Bookoo of hin turre. Isaan dabalatee waan nama ajaa’ibutu ta’e.
Haata'u malee, Bookoon suufii mallattoo isaa kan bifa cuquliisa dukkanaa'aa uffatee, Jimaata darbe yeroo hanga injifannoonsaa ifa ta'etti yaada jalqabaa miidiyaaf kenne irratti akka malee hin gammadne ykn akka malee hin harbeessine.
“Waan danda’u hunda akkan godhu [ummataaf] waadaa galuu qofa danda’a. Bakkan kufee fi balleessetti qajeelfama isaan irraa argachuuf isaan nan ilaala,'' jedhan.
Bookoon ummata biyyattii kan yeroo diinagdee rakkisaa keessa darbaa jiruutiif waadaa jijjiiramaa, hojii fi deeggarsa mootummaan booji’e.
Gaazexeessituu Innosant Selatlhwaa poodikaastiit BBC Focus on Africa'tti akka himtetti, ''Namoonni isa jaallataniiru, bu'aansaa isa kanadha'' jette.
Tibba duula filannoosaa hunda keessatti, Bookoon deeggartoonni akka itti ummatatti dhihaatanii fi komii dargaggootaa haala hawwataa ta’een akka dhaggeeffatan gaafachaa ture jechuun gaazexeessaan kun dabalee dubbateera.
Bookoon cimaadhaa, garuu ammoo nama yeroo hunda namootan waliigaluufi hiriyyummaan itti dhiyaatuudha.
Akkasumas miseensa paarlaamaa ta'uun dorgomuu dhaabuudhaan carraaqqii isaa hunda pirezidaantii ta'uuf kaayyeeffate. Kunis tarkaanfii ija jabinaatti jetti gaazexessituu Selatlhwaan.
Bara 1969, kutaa Giddugaleessa biyyattii, magaalaa xiqqoo Maahaalapye jedhamtu keessatti kan dhalate Bookoon, yeroo hunda miira kabajaa qaba ture jedhu firoonni isaa.

Madda suuraa, Getty Images
Addeessi kan eenyuuti? Waldhibdeen Dacheerraa achittis mul'achuu malaa?
Maskaram Abarraa himannaa irratti dhiyaateen yakkamtuu taate

Madda suuraa, Ethio Niqat/YouTube
Hundeessituufi haadha qabeenyaa miidiyaa hawaasaa “Itiyoo Niqaat“ jedhamuu Maskaram Abarraa himannaa yakka kompiitaraa irratti dhiyaateen yakkamtuu ta’uushee abokaatoon ishee BBCtti himeera.
Manni-murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa Dhaddacha Yakkoota Ciccimaa oolmaa isaa Jimaata Sadaasa 01,2024 ooleenidha murtee kana kana dabarse.
Abokaatoowwan ishee keessaa tokko kan ta’e Henook Akililuu BBCtti akka himetti, manni-murtichaa himannii abbaan alangaa Mskaram irratti “Kompiitara fayyadamtee hawaasa gidduutti hokkarriifi walitti bu’insa kakkaasuuf yaalteetti“ jechuun dhiyeesseen yakkamtuudha jedheera.
Sagantaawwan lama Maskaram Fuula YouTube Itiyo Niqaat jedhamurratti dabarsitedha kan labsii yakka kompiitaraatiin yakkamtuu ishee taasise.
Sagataawwan lamaan keessaa tokko „Ergaa Janaraal Ababaaw Taaddasaatiif“ mata-duree jedhuun kann dhiyeessite yoo ta’u, kan lamaffaa ammoo guyyoota sadiin booda fuulua YuoTube kanarratti mata-duree “Naannoo Amaaraatti maaltu ta’aa jiraa?“ jedhuun kan dhiyaatedha.
Manni-mirtichaa dhaddacha har'a ooleen Maskaram Abarraa himannaawwan dachaa lamaan yakkamtuu ta'uu muree adabbii kennuuf ammoo A L I Sadaasa 2, 2017tti beellama qabateera.
Maskara Abarraa himannaan isheerratti dhiyaate "mirga yaada ofii walabaan ibschuu" kan dhiibudha jechuun yaada falmii dhiyeeffattee turte. Haata'u malee, sagantaawwan dhiyeessite manni-murtichaa "mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu daangaa qaba" jechuun yaaada isheen dhiyeeffatte kuffisera jechuun ibse Henook.
Balaa lolaa Ispeenitti muudateen ummanni ammallee sodaa keessa jira

Madda suuraa, Valencia City Council
- Lolaa cimaa tibbana Ispeen keessatti mudateen yoo xiqqaate namootni 205 ta'an du'uu anga'oonni himaniiru.
- Tattaaffiin lubbuu baraaruu itti fufee jiraachuufi lakkoofsi kun dabaluu akka danda'u himamaniiru.
- Naannoo Vaaleenshiyaatti yoo xiqqaate namoonni 202 ta'an du’aniiru.
- Kantiibaan naannoo sanaa reeffi hedduun ammallee argamuu akka danda’u akeekkachiisuun bakki reeffi itti awwalamu dabalataa akka qophaa'u ajajan.
- Akkasumas, naannoo Castilla La Mancha fi Andaaluusiyaatti keessatti namoonni du'an akka jiran mirkanaa'ra.
- Namoonni baay’een hojiibaraaruu keessatti hirmaachuufi daandii qulqulleessuurratti hirmaataa jiru.
- Ejensiin meetirooloojii mootummaa akka jedhutti haalli qilleensaa hamaan dhuma torban kanaa itti fufa.
Addunyaarratti guyyaan dabaaqulaa akka kabajamu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti Onkoloolessa 26 guyyaa daaaqulaa (buqqeeti).
Dabaaqulli nyaata qabiyyee dhala namaaf barbachisu qabuufi saphaatti oyiruu irratti argachuun danda'amudha.
Dabaaqula (buqqee) ilaachisuun kan qopheessine kana dubbifadhaa.
Paartiin waggoota 50 oliif Botiswaanaa olaantummaan bulche filannoon mo'ame

Madda suuraa, AFP
Biyya Afrikaa gara Kibbaatti argamtuufi albuudaan badhaatuu taate Botiswaanaa keessatti paartiin olaantummaan waggoota 8 oliif biyyattii bulchaa ture filannootiin mo'ame. Akka bu'aan filannoo jalqaba ifoome agarsiisutti, jijjiiramni siyaasaa bu'uurarraa ta'e biyyattiitti uumameera.
Erga biyyattiin bara 1966 koloniii jala abaatee biyyattii bulchaa kan ture Paartiin Dimokiraatawaa Botiswaanaa (BDP) teessuma paarlaamaa sadii qofa mo'ate.
Paartii biyya bulchaa ture kana Amberellaa foor Dimokiraatik Chaanj (UDC) jedhamu bakka bu'uudhaaf qophaa'aa jira.
Pirezidantiin biyyattii Mokigiiweetis Masiisii filannoo biyyaalessaa Roobii darbe gaggeeffameen paartiin isaanii sagalee guddaan caalamee mo'amuu ifadha jechuun amananiiru.
Botiswaanaan daandii jijjiiramaa ajaa'ibaarra deemaa kan jirtu taatus, gaaga'amni dinagdee dhiyeenya kana ishee mudate namoonni hojii hin qabne akka heddummaatan gochuun paartiin biyya bulchaa jiru akka fudhatama dhabu taaasiseera.
Ammaan tana loltoonni Kooriyaa Kaabaa 8,000 Raashiyaa wajjiin Kuriisk keessaa lolu-US

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan loltoonni Kooriyaa Kaabaa 8,000 ta'an yeroo ammaa humnoota Raashiyaa deeggaruun dachee Raashiyaa Kuriisk keessaa lolaa jiraachuu ragaa argadheera jette.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Itti aanaa US kan ta'an Roobert Wuud walgahii Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa Kamisa gaggeeffame irratti dubbatan.
Dabaluunis Raashiyaaf gaaffii qaban dubbisan.
''Waahillan koo Raashiyaaf kabajaa waliin gaaffiin qabu: Ammayyuu Raashiyaan yaada loltuun DPRK Raashiyaa keessa hin jiran jedhu qabdii?'' jedhan.
Amma dura Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa Raashiyaaf kennuun kan ibsame ta'us, waa'ee loltoota Kooriyaa Kaabaa waraanarratti hirmaachaa jiranii yeroo dhiyoo keessa dhagaahamuu jalqabe.
Raashiyaan oduu kana hin haalle. Yaa'ii mana Maree kanumarratti ambaasaaddarri Raashiyaa erga warri Lixaa Yukireeniin hirphanii Kooriyaan Kaabaa maaliif hin gargaarturee jechuun gaafataniiru.
Dhalattoonni Amaaraa Giddaa Ayyaanaa meeshaa waraanaa akka hiikkatan gaafataman yaadda'uu himan
Ergamtoonni US Israa'eli fi Hezbollaa jidduutti dhukaasa dhaabsiisuuf dhiibbaa gochaa jiru

Madda suuraa, EPA
Qondaalonni olaanoo Ameerikaa gara Baha Giddugaleessaatti deebi’uun Libaanoos keessatti Israa’elii fi Hzbollaa jidduutti dhukaasa dhaabuurra gahuudhaaf yaaluuf jiru.
Ministirri Dhimma Alaa US, Antony Blinken akka jedhanitti, mariichi Kamisa darbe ''adeemsa gaarii'' waliigaltee ta’uu danda’u irratti gahameera jedhan.
Qindeessaan Pirezidaantii Baayidan Baha Giddugaleessaa Bireet McGurk fi waldhabdee Hezbollaa waliin uumame keessatti marii kan hoogganan Amoos Hochstiin, aanga'oota biyyattii waliin mari'achuudhaaf Israa'el keessa jiru.
Adeemsi marii kunis filannoo pirezidantii US torban dhufaa gaggeeffamu haa dursuu ykn haa dhiisuu ammatti wanti barame hin jiru.
Erga waldhabdeen kun hammaatee torbanoota shanan darbaniitii as Israa’el haleellaa qilleensaa bal’aa guutummaa Libaanos irratti raawwachuun naannawa daangaatti dhiheenyatti argamuuttiin ammoo lola lafoo gaggeessaa jirti.
Akka Ministeera Fayyaa Libaanoositti hanga ammaatti biyyattii keessatti yoo xiqqaate namoonni 2,200 ajjeefamanii, miliyoona 1.2 kan ta'an ammoo bakka jireenyaasaaniirraa buqqa’aniiru.
Waldhabdee kunis kutaa fi tajaajila mootummaa kan waggootaaf rakkoo dinagdee hamaa bara dheeraatiin rakkachaa turan irratti dhiibbaa dabaleera.
Mootummaan Israa’el kaayyoonsaa haala nageenya naannawa daangaa jiruu jijjiiruu fi jiraattota gara kuma 60 kanneen sababa haleellaa rookkeettii, misaa’elaa fi diroonii Hezbollaatiin bakka jireenyaasaaniirraa buqqa’an akka deebi’an mirkanneessuu akka ta'e dubbata.
Jireenya Haarisii fi Tiraamp addaa kan kanaan dura argitanii hin beekne
Haleellaa Rookeettii Hezbollaan lammiileen Israa'el torba ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Hezbollaan haleellaawwan rokkeettii adda addaa lama gara Kaaba Israa'elitti raawwateen namoota torba yoo ajjeesu, walitti bu'iinsa ji'ootaaf itti fufe keessatti ji'oota darban keessatti miidhaa isa guddaa jedhamee ibsameera.
Rookkeettii gara magaalaa Metuulaa kan daangaa Libaanositti dhiyaattee aragamtutti dhukaafameen qotee bulaan Israa'el tokkoofi lammilleen biyya biraa afur kan hojii qonnaa hojjatan ajjeefamaniiru jedhan Ministirri Haajaa Alaa, Israa'el Kaatiz.
Haleellaa biraa dhiyeenya magaalaa Haayifaa ooyiruu biqiltuu zayitaa(olive) keessatti raawwateen ammoo haatiifi ilmishee guddaan ajjeefamaniiru jedhan.
Haleellaa Kamisa ganama raawwateen lammiileen biyya alaa ajjefaman afur, lammiwwan Taayilaandi ta'uu miidiyaaleen biyya keessaa himaniiru.
Miidiyaan Israa'el Haareetiz jedhamu akka gabaasetti wayita haleellaan kun raawwatu lammiin Israa'eliifi hojjettootni lammiilee biyya alaa arfan axira sibiilaa daangaa Libaanositti dhiyaatanii hojii qonnaa hojjechaa turan.
Metulaan zoonii waraanaa ta'ee osoo jiruu namootni ajjeefaman kunniin lafa kana akka seenan waraanarraa hayyama argataniiti jedhameera.
Haleellaan kun Kaaba Israa'elitti kan raawwate ergamaan addaa US waraana Hezbollaa waliin jiru dhaabuurratti Ministira Muummee Benjaamiin Netaaniyaahuu waliin dubbachaa wayita jiranittidha.
Netaaniyaahuun jila US kanatti yoo dubbatan wanti guddaan Israa'el yaaddoo nageenyaa kamuu Libaanos irraa dhufu dhabamsiisuun, uummata keenya nagaan akka jiraatu qe'essaatti deebisuudha jedhaniiru jedha ibsi waajirasaaniirraa bahe.
Gaazaatti haleellaa Israa’el hospitaalarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Gaazaa bakka Israa’el amma haleella irratti raawwatte Gaazaa keessatti haleellaa Israa’eliin bakkeewwan hedduutti raawwataa oolteen yoo xiqqaate lammiileen Filisxeemonni 30 ajjeefamaniiru.
Keessumaa naannawa kaaba Gaazaatti hospitaala tokkorratti haleellaa taasifameen meeshaaleen wal'aansa fayyaa barbadaa'aniiru tajaajilli kenna fayyaas adda cituu ogeeyyiin fayyaa himan.
Waraanni Israa’el gareen hidhattoota Hamas Hospitaala Kamaal Adwaan Beetaliheemitti argamu kaayyoo waraanaaf fayyadama jechuun himate, ''kanneen kudhanootaan lakkaa'aman'' achi dhokatanii akka turan ibse.
Qondaaltonni fayyaa fi Hamaas himannaa kana haalaniiru.
Amorim gara Maan Yunaaytid deemuuf 'qurxiikoo' na beeksisaa jechuun Ispoorting gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Bakka Erik Teen Haag bu'uun manaajera Maanchester Yunaayitid akka ta'uuf kan filatame Ruuban Amorim kilaba biyya Poorchugaal yeroo ammaa leenjisaa jiru Ispoortingiin 'qurxiikoo' na beeksisaa jechuun gaafate.
Ispoorting ammoo Jimaata boruu Estirellaa waliin taphata.
Amorim hanga tapha liigii biyyoota addunyaa Sadaasa 11-19tti gaggeeffamuutti ni tura jedhamee eegama.
Leenjisaan kun ammallee waliigalteen xumuramuu isaa ifatti waan hin beekneef burjaajii keessa jira.
"Waliigaltee kilaboota lamaan gidduutti taasifamu waan ta'eef salphaa miti," jedhe leenjisaan umuriin isaa waggaa 39 Amorim.
Ispeenitti balaa lolaan namoonni du'an 158 qaqqabe

Ispeenitti namoonni balaa lolaa mudateen du'an 158 qaqqabuu aanga'oonni biyyattii mirkaneessan.
Suuraaleen saatelaayitii Ejensii Hawaa Awurooppaa (ESA) irraa argame akka agarsiisanitti, dhiibbaa roobni cimaafi lolaan osoo hin yaadiin namarra bahe Ispeen naannoo Vaalenshiyaa keessatti akkaan cimaadha.
Akka raagni metirooloojii biyya Isepeen agarsiisuttis roobni cimaan dabalataa naannoo Vaalenshiyaa gama bahaa, akkasumas naannolee biroo qarqara kibba-baa jiran amma lolaan miidhamanitti ni eegama.
'Ejjennoon handaara galaanaa argachuuf qabanne boodatti hin deebi'u'- MM Abiy
