Wal'aansa idileetiin ala kaansarii yaaluuf filannoon biroo jiraa, ni hojjetaa?
Namoonni beekamoon hedduun qoricha mana yaalaatiin kennamu osoo hin taane, haala nyaata isaanii jijjiiruu fi filannoo wal'aansa kan idileetiin ala ta'eetti fayyadamuun dhukkuba kaansarii irraa bayyanachuuf akka isaan gargaare dubbatu.
Ogeessonni yaalii kaansarii ammoo yaaliiwwan filannoo kaansarii fayyisuu danda'an jiraachuusaatiif ragaan agarsiisu hin jiru jedhu.
Ofii, kaansarii yaaluuf akka filmaatatti kan dhihaatan kam fa'i? Dhukkubichaaf furmaata ta'uu? Filmaatawwan kanneenitti fayyadamuun maaliif guddachaa jira?
Odeessa kanarratti dabalata dubbisuuf asiin argachuu dandeessu.