Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Manni Murtii Yakkaa idiladdunyaa qoqqobbii Tiraamp balaaleeffate

Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hojjettoota mana murtichaarratti qoqqobbii kaa’uuf ajaja mallatteessan booda mormii dhageessise.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) qoqqobe, dhaabbatichi morme
  • Aangawoonni Itoophiyaa fi Turkii waliigaltee Ankaraa irratti mari'atan
  • Loltuun Israa'el Gaazaatti hidhamtoota Filisxeem dararuutti hidhame
  • Cufamuun USAID maaliif falmii kaase?
  • Tamsaasa kallattii darbe asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lammiileen Itoophiyaa 58 Naayiroobiitti to'ataman

    Lammiileen Itoophiyaa 58 osoo gara Afrikaa Kibbaa qaxxaamuruuf yaadanii to'atamuu Daarekarri Qorannoo Yakkaa Keeniyaa beeksise.

    Handaara magaalaa guddoo Keeniyaa bakka Kitengelaa jedhamutti lammiileen Itoophiyaa dallaalota seeraan ala nama daddabarsaniin mana tokko keessatti danqamanii turan.

    Godaantonni kunneen gara Afrikaa Kibbaatti darbuuf geejjiba eeggataa kan turan yoo ta’u, guyyaa sadii dura handaara Naayiroobii bakka Kitengelaa jedhamu qaqqaban.

    Godaantonni kunneen sanada imalaa barbaachisan kan hinqabne fi yeroo to’atamanitti beela’anii dadhabaniiru jedhe dhaabbatichi.

    Poolisiin dallaalota seeraan alaa Keeniyaa namoota kana daddabarsuun shakkaman lama hidhuu Daarekarri Qorannoo Yakkaa Keenyaa miidiyaa hawaasaarratti beeksiseera.

    Lammileen Itoophiyaa sanada imalaa sirnaa otoo hin qabaatiin gara Afrikaa Kibbaatti qaxxaamuruuf otoo yaalanii irra deddeeebiin to’atamaa turan.

  2. Jiraattonni Gaazaa yeroof bakka biraa geeffamu - Ruubiwoo

    Karoorri jiraattota Gaazaa bakka biraa geessuu waan yeroof qofa yaadamedha jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiwoo.

    Tiraamp garuu guyyaa Kibxataa qe’eerraa kan kaafaman yeroo dhaabbataafi jedhanii turan.

    Dubbiin Ruubiwoo kuni eega Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Ameerikaan ‘’Gaazaa to’atti’’ jedhan booda dhagahame.

    Tiraamp jiraattota Gaazaa bakka biraa geessuuf akka yaadan erga dubbatan booda UN dabalatee dhaabbileen mirgaafi biyyoonni Arabaa mormaniiru.

    Dubbii Himtuun Waayit Haawus Kaarolaayin Liivit Tiraamp Gaazaa keessa waraana hin ergani jechuun dubbatan.

    Gama kaaniin, Ministirri Ittisaa Israa’el, Israa’el Kaaz, ‘’mirgi godaanuu’’ jiraattota Gaazaa kabajamuu qaba jechuun dubbatan.

    Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiwoo gama isaaniin karoorri Tiraamp akka ‘gargaarsatti’ ilaalamuu akka qabu dubbatan.

    ‘’Kaka’umsa Yunaayitid Isteet bakkichi akka deebi’ee ijaaramu itti gaafatama qabaachuushee’’ mul'isa jedhan.

    Jiraattonni Gaazaa kan kaafaman ‘’yeroof’’ ta'uufi kunis hanga jijjigaan kaafamutti ta’uu dubbatan.

  3. Filisxeemonniifi biyyoonni Arabaa waan Tiraamp Gaazaatti yaadan morman

    Pirezidantiin Filisxeem yaada pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp cimsanii akka morman dubbatan.

    Bulchaan Ameerikaa biyyi isaanii Gaazaa 'to'achuun' ummata achirra jiruufi miiliyoona 2.1 ta’u bakka biraa qubsiisuu akka barbaadan dubbatanii turan.

    Haa ta’u malee, biyyoonni garagaraa mormaniiru.

    ‘’Mirgi ummata keenyaa akka cabu hin eeyyamnu,’’ jedhan Mohaammud Abbaas.

    Ummata dirqiin buqqaasuun seera idil-addunyaa cabsuudha jechuunis dubbatani.

    Dabaluunis, Gaazaan ‘’qaama bulchiinsa Filisxeemiiti,’’ jechuun akeekkachiisan.

    Baatii kudha shaniif Israa’el waliin kan wallole Hamaasiis karoorri Tiraamp ‘’ibiddarratti boba’aa naquudha,’’ jedheera.

    Yaada Tiraamp kana biyyoonni baay’ee naannichaa kanneen akka Yordaanos fi Masrii akkasumas michoonni US mormaniiru.

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniimmoo gocha ‘’sanyii dhabamsiisuu’’ kamuu akeekkachiise.

    Sa’udii Arabiyaan gama ishiitiin Filisxeemonni lafa isaaniirraa ‘’eessayyuu hin dhaqan’’ jette.

    Akkasumas osoo Filisxeem akka biyyaatti hin hundaa’in hariiroo ishee Israa’el waliin akka hin tolfanne dubbatte.

    Ministirri Muummee Israa’el garuu karoora Tiraampiin gammachuu qabu.

    Yaadi Tiraamp ‘’seenaa jijjiiruu’’ danda’a jechuun waan ‘’xiyyeeffannoon itti kennamuu qabudha,’’ jedhan.

    Israa’eliitti ambaasaaddarri duraanii US, Deenis Roos, Tiraamp rakkoo Gaazaa keessa jiru akka “rakkina ijaarsa riil isteetiitti” ilaalaa jiru jechuun ni yaadatama.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kamisaa eegalleerra.

    Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook keenya hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  5. 'Qoosaa hamaafi dhukkubsataa fakkaata': Dimookiraatota

    Tiraamp erga kaleessa dhimma Gaazaa irratti dubbii falmisiisaa dubbatanii booda, Demokraatonni tokko tokko yaada isaanii kana balaaleffachuun miidiyaa hawaasaarratti barreessan.

    Hedduunsaanis Pirezidaantiin paartii Rippabilikaan kun Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii bakka biraa qubachuu qabu jechuun, ''duguggaa sabaa jajjabeessuudha'' jechuun himataniiru.

    Bakka bu’aan paartii Dimookiraatotaa Aleeksaandiriyaa Okaasiyoo-Koorteez, gaazexeessitootatti akka dubbataniitti, “waan sukkanneessaadha'' jechuun itti dabaluun, ''kun waan akka duguuggaa sanyii ummata Filisxeem akka ta’etti kan ilaalamu keessaa isa cimaa ta’uu isaati” ibsite.

    Lammii Filisxeem kan taate bakka buutiin Michigaan Raashida Tlaayib, waahillan ishee paartii Dimookiraatotaa yaada Tiraamp kana mormanii akka dubbatan gaafatan.

    “Filisxeemoonni eessayyuu hin deeman,” jechuun toora X ishee irratti barreessiteetti.

    Senaatar Kiriis Maarfii kan Konektikaat irraa, Tiraamp “guutumaan guututti dhabeera” jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, “weerarri U.S. Gaazaa irratti raawwatttu loltoota Ameerikaa kumaatamaan lakkaa’aman akka qalamanii fi waraana jaaraadhaaif Baha Giddugaleessaa keessatti akka gaggeeffamu taasisa. Innis qoosaa hamaa, dhukkubsataadha.”

  6. Karoorri Tiraamp Filisxeemootaaf abdii kenna- dippilomaatii US

    Ergamaa Doonaald Tiraamp Baha Giddu Galeessaa, Istiivan Wiitkoof, kan pirezidaanti Doonaald Tiraamp waliin muuxannoo riil isteetii qaban haasaa Tiraamp irratti yaada kennan.

    Wiitkoof Kibxata darbe Fox News waliin haasawa taasisaniin, Gaazaan har'a keessa jiraachuudhaaf bakka balaafamaa ta'uu ibsuun, karoorri pirezidaantichaa Filisxeemotaaf ''abdii kennuuf'' ture jechuun falmu.

    "Jireenyi fooyya'aan bakka qaamaan har'a keessa jirtuun kan walqabatu ta'uu hin qabu," jechuun, "jireenyi fooyya'aan carraa fooyya'aa, haala maallaqaa fooyya'aa, hawwii fooyya'aa siifi maatii keetiif qabaachuudha" jedhan itti dabaluudhaan.

    "Sun ammoo sababii meeshaa waraanaa 30,000 yeroo kamiyyuu dho'uu danda'uun waan marfamtuuf, Gaazaa keessatti dunkaana dhaabuun waan dandeessuuf qofa kan ta'u miti," jedhaniiru.

    Akka Wiitkoof jedhanitti, Tiraamp "ummata kanaaf mee waan fooyya'aa haa gonuuf" akkasumas "bakki garaa garaa keessa jiraatanis yoo jiraate filannoo sanas haa murteessan" jechaa jiru.

  7. Hojjettoonni USAID Jimaataarraa eegalee boqonnaarra akka ta'an murtaa'e

    Hojjettoonni dhaabbata gargaarsaa guddicha Ameerikaa, USAID kumootaan lakkaa'aman Jimaata dhufurraa qabee hojii dhaabanii boqonnaarra akka ta'an ejensichi beeksise.

    Ibsi dhaabbaticharraa Kibxata har'aa bahe kanneen ergama akkaan murteessaarra jiraniifi hooggansa olaanaan alatti qacaramtootni dhaabbatichaa marti hojiin ala akka ta'an ibseera.

    Murteen kun kan darbe Pirezidant Donaald Tiraamp sagantaalee mootummaan deeggaraman irraa maallaqa hanqisuuf murtee dabarsan hordofeeti. Bulchiinsi Tiraamp dhaabbanni USAID maallaqa hedduu qisaase jechuun qajeelchuu akka barbaadu beeksise.

    Tiraamp dursanii ji'oota sadiif deeggarsi biyyoota adda addaaf godhamu akka dhaabatu murteessanii ture.

    Kunis hojii lubbuu baraaruu dhaabbilee bajata mootummaa US guutuu addunyaatti raawwatan irratti yaaddoo guddoo uumeera.

    Akka ibsa dhaabbatichaa kanatti namoonni murteen ammaa kun isaan hin ilaalle Kamisa dhuftu murtee haaraa akka dhagahuuf jedhan beeksifamaniiru.

    Dhumarrattis ''tajaajila keessaniif galatoomaa'' ergaan jedhu jalatti barreefameera.

    USAID biyyoota addunyaa 100 ta'an keessatti damee adda addaarratti gargaarsa gochaa kan jiru yoo ta'u, biyyoota 60 keessaa waajira qaba, hojjetootas 10,000 olis qacaree bulcha.

  8. Dubartoonni 100 ol yoo manni hidhaa cabu dirqiin gudeedamanii, ibiddaan gubatanii du'aniiru- UN

    DR Koongoo magaalaa Goomaa keessatti hidhamtoonni mana hidhaatii wayita miliquuf jedhanitti dubartoota hidhaa keessa turan 100 ol ta'an irratti yakki dirqiin gudeeduu raawwatamuufi achiinis ibiddaan gubaachuu gabaasni UN agarsiise.

    Wiixata darbe wayita hidhattoonni M23 kan Ruwaandaan deeggaraman magaalaa Goomaa to'atan mana hidhaa Munzenze jedhamu keessaa hidhamtootni dhibbaan lakkaa'aman miliquuf yaalaa turan.

    Jeequmsa kana keessa hidhamtootni dubaraa 165-167 ta'an hidhamtoota dhiiraa mana hidhaa cabsaniin miidhaan saalaa irra gaheera jedha gabaasni UN, BBC bira gahe.

    Akka gabaasichi jedhutti, erga dubartoonni kun gudeedamanii booda mana hidhaa sanitti ibiddi qabatee hedduun isaanii du'aniiru.

    Gabaasa kana BBCn ofiin addatti qulqulleeffachuu hin dandeenye.

    Goomaan magaalaa uummanni miliyoonaa ol ta'an keessa jiraataniidha.

    Erga hidhattoonni M23 magaalitti seenanii booda walitti bu'iinsa magaala keessatti loltoota mootummaa waliin gaggeefameen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru.

    Daandii magaalaa keessas reeffii guutee mula'teera.

  9. 'Namoonni achitti deebi'uu qabu jedhee hin yaadu' - Karoora Tiraamp waraana booda ummata Gaazaaf qaban

    Kanaan dura yaada Tiraamp ummata yeroo ammaa Gaazaa keessa jiraatan deebisanii qubsiisuu irratti dhiyeessan irratti dubbatan keessaa muraasa isiniif fidneerra.

    Filisxeemoonni kanaa mannaa kutaalee biyyoota akka Joordaan, Masrii fi biyyoota dhiheenyatti argaman biroo keessatti mana jireenyaa argachuu akka danda'an yaada dhiyeessan.

    Itti dabalunis, "bakka jiraachuu danda'anii fi kanaan booda itti hin ajjeeffamne muraasaatti" akka imalaniif dubbatan illeen, yaadni isaa kunbiyyoota inni maqaa dhaheen ifatti fudhatama dhabee jira.

    Yaada isaa guutummaatti viidiyoo armaan gadii irraa deebiitanii ilaaluu dandeessu:

  10. Tiraamp US Gaazaa 'to'attee' deebiifte ijaaruu dandeessi jedhe

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haasaa dursaa Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahu waliin gaazexessitootaaf kennaniin, Ameerikaan Gaazaa ''fudhattee'' deebiifte ijaaruu dandeessi jedhan.

    Haasaan isaas qaamoolee garaa garaa irraa dheekkamsa kaaseera.

    Viidiyoo dubbiisaanii guutuu kunoo dhaggeeffadhaa.

  11. 'Kun lafa keenya, eessayyuu hin deemnu'- jiraattoota Gaazaa

    Yaada Doonaald Tiraamp irra amma BBC yaada jiraattoota Gaazaa keessaa dubbiseera.

    ''Mana keenya deebiisee ijaaree keessa jiraachuuf jirra. Tiraamp ykn nama kamiyyuu nu hin barbaachisu'' jette Jaamaalaat Waadii BBC'n.

    “Daa'imman keenya keessatti dhiiga coba tokkicha qofti kan hafe yoo ta'e, Gaazaa keessaa baana. Abdii itti hin kutannu'' jette.

    ''Akkuma wan tokkoo hin mudanneetti jijigaa isaa keessa jiraannee Gaazaa deebiifnee ijaaranna.''

    Mahmuud Baahjaat yeroo yaada Tiraamp dhagaheetti, ''Biyyoonni Arabaa waan kana akka didaneef Waaqa kadhadhe. Sababiinsaa asumatti dhalattee asumatti guddatte'' jedha.

    ''Kun lafa keenyaa waan ta'ef Gaazaadhaan alatti eessayyuu jiraachu hin dandeenyu. Gaazaan lafa keenya, asitti guddannee, attamiin dhiifnee deebuu dandeenya? Murtee Tiraamp ni mormina. Inis waraanaa dhaabsiisee garuu asii nu buqqisuun nu balleessa'' jedhe.

  12. 'Tiraamp Gaazaa dhimma ijaarsa riil isteetiif barbaada'- Maddeen dippiloomaasii

    Israalitti Ambaasaddarri duraanii Ameerikaa akka jedhanitti, Tiraamp muddama Gaazaa’’ akka rakkoo ijaarsa riil isteetitti ilaala,'' jedhan.

    Deenis Rooz BBCtti wayita dubbatan:''Naannoo yeroo hunda hiyyoomte ni geeddarra Tiraamp waan jedhu natti fakkaata'' jedhe.

    ''Akka Tiraamp yaadutti dhimmi Gaazaa rakkoo siyaasaa otoo hin tane, dhimma ijaarsa riil isteetiiti,’’ jedha Deenis Rooz .

    ''Tiraampiif rakkoo guddaan kan ta’u naannichatti dhimmichi akka siyaasaatti ilaalamuusaati'' jedha.

    Tiraamp waggoota kurnatti lakkaa’amaniif ijaarsa riil iisteetiirrattii bobba'ee hojjataa erga turee booda siyaasaatti seene.

    Baha Giddugaleessatti Ergamaa Addaa gochuun namni Tiraamp muude Istiiv Witkoof nama ijaarsa riil isteetiirratti bobba’ee hojjataa ture.

  13. US maallaqa ergama nagaa eegsiiftoota wanbadoota Heeyitii'f kennitu dhaabde

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, tarkaanfii gargaarsa biyya alaa guyyoota 90f akka dhaabbattu taasiseen, deeggarsi doolaara miiliyoona 13 ol humna nageenyaa idil-addunyaa wanbadoota hidhate Heeyitii keessatti loluuf gargaaru akka dhorkamu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Kibxata ibsuu Rooyitaris gabaase.

    Wanbadoonni humna guddaa qaban, kenneen meeshaalee waraanaa baay’inaan Ameerikaa irraa dhaqu hidhatanii, magaalaa guddoo biyya Kaaribiyaan Poort-o-Priins keessatti gamtaa waloo jalatti tokko ta’uudhaan amma magaalattii harka caalu to’achuun naannoo dhiheenyaatti babal’achaa jiru.

    Ergamni nageenya idil-addunyaa kun Mana Maree Nageenyaa UN'n kan mirkanaa’e ta’us, hojii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan hin taanee fi yeroo ammaa gumaacha tola ooltummaa irratti kan hirkatedha.

    Ergamni kun hanga ammaatti Heeyitiin sirna akka deebistu gargaaruu irratti jijjirama xiqqoo agarsiiseera.

    Poolisoonni fi loltoonni biyyoota akka Keeniyaa, El Salvaador, Jaamaayikaa, Guwaatemalaa fi Beeliiz irraa ta'an gara 900 Heeyitiitti ergamaniiru.

    Ergama kanaaf doolaarri miiliyoona 110 ol gara fandii imaanaa (trust fund) UN'tti kan kaffalame yoo ta’u, walakkaan isaa ol Kanaadaa irraa akka ta’e ragaan dhaabbataa Biyyoota Gamtomanii ni agarsiisa.

  14. Dargaggoonni daa’ima ugguranii birrii miliyoona tokko ol fudhatan hidhaan adabaman

    Magaalaa Bishooftuutti dargaggoonni ol adeemaa ganna 14 baajajiin ukkaamsanii fuudhatan gadhiisuuf maatiisaarrra birrii miliyoona 1.5 fudhatan.

    Darggaggoonni kun afur yoo ta’an, Salamoon Biraanuu, Taaddee Guutaa, Lataa Soorii fi Daani’el Taganuu jedhamu.

    Akka Komishinii Poolisii Oromiyaa ibsetti, dargaggoonni kun maallaqa ALI Ebla, 2016 maatii daa’ima kanaarraa fudhataniin doqdoqqee bitatan. Wayita to'ataman shugguxii waliin to'ataman jedhame.

    Galmeen himannaasaanii mana murtii magaalaa Bishooftutti ilaalamaa erga ture booda Daani’el Taganuu hidhaa waggaa kudhaniin yoo adabamuun, kanneen hafan sadan hidhaa waggaa sagaliin adabamuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa fuula miidiyaa hawaasaarratti ibse.

  15. Hattoonni suuqii Ameerikaa tokko keessaa killee 100,000 hatan

    Ameerikaa bulchiinsa Peensilvaniyaatti hattoonni suuqii tokkoo keeessa hanqaaquu 100,000 kan Dolaara 40,000 baaasu hatan.

    Hattoonni kun Guraandhala 1, 2025 konkolaataa fe’iinsaa ‘Pete & Gerry's Organics ‘ kan Giriinkastil bakka jedhamurratti qiyyaafatan.

    Hanni killee kun wayita gatiin hanqaaqu sababa weerara qufaa simbiraatiin walqabatuun qaala’etti mudate.

    Gatiin hanqaaquu bara darbe Ameerikaatti %65’n dabale, akka ragaan mootummaa Ameerikaa agarsiisutti.

    Ameerikaatti gatiin hanqaaquu %20’n bara 2025 akka dabalu Dippaartimentii Qonnaa Ameerikaa ibseera.

    Qufaan simbiraa Ameerikaatti bara 2022 mudate dhhiyeenya kana sadarkaa weeraraatti ol guddateera.

  16. Miseensi Kongireensii Dimokiraatotaa Tiraampi 'balleessaa sanyii' Gaazaa irratti raawwataa jira jette

    Miseensi Kongireensii fi hidda dhalootaa Filisxeem qabdu Tiraampi Gaazaa keessaa lammiilee Filisxeem balleessuuf hojjechaa jira jette.

    Rashiidaa Tilaab dubartii tokkittii hidda dhalootaa Filisxeem qabduu fi miseensa Kongireensii taatedha.

    Miseensi Kongireensii kun ifumatti Tiraampi Gaazaa keessatti ''sanyii filisxeemotaa balleessuuf hojjechaa jira'' jette.

    ''Hojjettoota federaalaa Ameerikaa hir'isaa garuu deeggarsi maallaqaa mootummaa Israa'eliif taasisu garuu ammayyuu itti fufeera'' jette.

    Kana duras Joo Baayiden akkaataa dhimma Israa'elii fi Haamaas qabe irratti qeeqaa turte.

    Sadaasa 2023 Kongireensii yaada ishee kanaaf balaaleffatanii dhuma irratti kongireensii keessaa baate.

    Tiraampi Ameerikaan Gaazaa ''fudhattee'' deebistee ijaaruu barbaaddi jedhan.

  17. Tiraaamp ‘Ameerikaan Gaazaa to’attee akka qubsiiftuun barbaada’ jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp guyyoota 10 dura waa'ee Gaazaa akka bakka diigamtuutti eeruu yeroo jalqaban, "sana hunda qulqulleessuuf" jechuun wayita ibsan, hagam itti qopha’amee akka dubbatame ifa hin turre.

    Garuu Ministiirr Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun wayita tibbana Waayita Haawus daawwatan walgahuusaaniin dura yaada kennaniin, akkasumas ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, yaada kanaan dura dhiyeessanii turaniitti akka cichan ifa ta’eera.

    Kunis seenaa waldhibdee Israa’elii fi Filisxeem dhiyeenyaarratti ejjennoo Ameerikaa hunda caala fiixe tokko kan qabate taasise; akkasumas ejjannoon kun faallaa seera addunyaati.

    Jiraattoonni Gaazaa akkaataan itti hubatanii sadarkaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu amma irra jirurrattii fi namoota butaman gadhiisisuurratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’a.

    Tiraamp fi qondaaltonni isa jalatti hojjatan akka mallattoo deeggarsa namoomaatti Filisxeemota hunda Gaazaan alatti qubachiisuutti dubbataa jiru, jarri kun Gaazaan "diigamteetti" kanaaf filannoon biraa hin jiru jedhu.

    Akka seera idil-addunyaatti ummata Filisxeem humnaan bakkaa biraatti dabarsuun dhorkaadha.

    Filisxiimoonni akkasumas biyyoonni Arabaa yaadni kun wixne ifatti Filisxeemoota lafa isaanii irraa qulqulleessuutiin addatti hin ilaalamu jedhu.

  18. Dhukaasa mana barnootaa Siwidiin keessatti mudatee namoonni 10 ajjeeffaman- Poolisii

    Poolisiin biyya Siwiidiin akka jedhutti, dhukaasa giddugala barnootaa tokko keessatti banameen, nama qawwee hidhate jedhamee shakkame dabalatee, namoonni gara 10 ta’an ajjeefaman.

    Ministirri mummee biyyattii, Ulf Kiristersoon haleellaan Kibxata darbe mana barumsaa Risbergskaa kan magaalaa guddoo Istookhoolm irraa gara dhihaatti fageenya kilomeetira 200 irratti argamtu Orebroo keessatti raawwatame ''seenaa Siwiidin keessatti dhukaasa jumlaa isa hamaa'' jechuun ibsan.

    Poolisiin akka jedhetti, namtichi yakka kana raawwate namoota du'an keessaa tokko ta'uu akka amanuu fi kanaan dura akka isaan hin beekne ibseera.

    Ammatti madda haleellaa kanaa adda baafamuu dandamu baatulleen, kophaadhuma isaa socho'aa jira jedhamee amanama jedhan.

    Kiristersson ibsa gaazexeessitootaaf galgala kennaniin, ''waan har'a ta'e walumaagalatti fudhachuun nama rakkisa,'' jedhan.

    Namoota madaa’an hedduun isaanii gara hospitaalaatti kan geeffaman yoo ta’u, yoo xiqqaate namoonni afur baqaqsanii yaaluun taasifamaa jira.

    Poolisiin jalqaba irratti namoonni shan rasaasaan rukutamuu kan ibse yoo ta'u, taatee kun yaalii ajjeechaa, ibidda qabsiisuu fi yakka meeshaa waraanaa cimaa jedhamuun qoratamaa jira jedhee ture.

    Boodarra miidiyaaleen biyya keessaa namoonni hedduun akka du'an gabaasuu jalqaban, poolisiin namoonni "gara 10" ta'an ajjeefaman jechuun baayyina namoota du'anii irratti "kana caalaa adda baasuu akka hin dandeenye" gabaasan.

    Akkasumas haleellaa kana duuba kaka'umsi "shororkeessummaa" jiraachuun akka hin mul'annes mirkaneessan.

  19. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Odeessaalee keenya kan guyyaa Roobii kan karaa tamsaasa kallattiin isin biraan geenya kan Kibxata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee keenya bal'inaan hordofuu yoo barbaaddan ammoo miseensa Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo ta'aa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  20. Arteettaan tibba jijjiirraa amma raawwaterraa aarii qabaachuu hime

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa jijjiirraa ji'a Amajjii reefu cufamerraa aarii qabaachuu beeksise.

    Kilabnisaa Arsenaal hanqina jifattootaa osoo qabuu tibba kana taphataa homaatuu mallatteessifachuu dhabuurraa aarii qabaatus haala itti kilabichi dhimmicha qabateen gammadaa ta'uu ibse.

    Tapha Roobii boruu Niwkaasiil waliin qaban dura ibsa miidiyaaleef kenneen tibba jijjiirraan taphattootaa dhufutti gareesaa jajjabeessuuf filannoowwan jiran mara akka qoratu dubbateera.

    Arsenaal jifataasaa lammii Biraaziil Gaabreel Jeesuusiin miidhama yeroo dheeraan dhabeera. Bukaayoo Saakaaniis ammatti miidhamarraa hin deebine.

    Arteettaan taphattootni gabaarratti barbaadan murtaahoo ta'u yoo himu, miidhama taphattootaan rakkoo keessa jiraachuu himeera.

    Ogeessi faayinaansii ispoortii Keeran Maguwaayeer gama isaan ammattii taphattootni akka Arsenaal barbaaduu gabaarra xiqqaatu ture jechuun BBCtti hime.

    Arteettaan sababa miidhamaan jifattootnisaa toftaa adda addaa hojiirra oolchuuf akka qophaa'an dubbate.