Siwiizerlaand Ertiraan godaantota biyyaashee akka ofitti deebiftuuf deeggarsa kennaa turte adda kutuuf
Siwiizerlaand Eertiraan godaantotashee ofitti akka fudhattu jajjabeessuuf deeggarsa kennaa turte adda kutuuf murteessite. Murteen kun kan darbe Ertiraan lammiileeshee Siwiizeraand jiran ofitti fudhachuuf fedha agarsiisuu dhabuu isheetiini.
Mootummaan Siwiizerlaand Eertiraan lammiileeshee akka ofitti fudhattu jajjabeessuuf deeggarsi kennaa ture bu'aa barbaadame akka hin argamsiifne qorannoo gaggeesseen hubachuu hordofee murteen kun darbe.
Akka gabaasa raadiyoofi Televizhiinii Siwiizerlaanditti, lammiileen Eertiraa beekamtii yeroo muraasaa biyyattii argatan kuma torba ta'an ni argamu. Laammileen Ertiraa dhibba lama ta'anis biyyattii akka deebi'an eegama.
Siwiizerlaand Ertiraan lammiileeshee kana akka simattu jajjabeessuuf sagantaa ''deeggarsa misoomaa'' jedhu qopheessuun damee leenjii teeknikaafi oogummaa biyyattiirratti erga bara 2017 bajata ramaddee hojjechaa baate.
Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Maayikil Istaayineer daamee leenjii teeknikaa fi oogummaa kana jabeessuuf hojjechaa akka turan miidiyaa biyya keessaatti himaniiru.
Haata'u malee carraan hojii biyyattii keessa jiru murtaaha ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan Eertiraa dhimma godaantota kana deebisanii simachuurratti dubbachuuf fedha akka hin qabne qorannoon godhame agarsiiseera.