Qaamoleen nageenyaa aarsaa lubbuu kaffaluun sirna qormaataa naga qabeessa godhaaniiru jedhan Birhaanuu Naggaa
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa waggoota sadan darban sirni qormaata biyyaalessaa kennuu qaamolee nageenyaa waliin ta'uun hojjetamuun adeemsa qormaataa milkeesseera jedhan.
Miidiyaan biyya keessaa FBC akka gabaasetti Birhaanuun yaada kana kan kennan, dhiyeessii qormaata biyyaalessaa kutaa 12 bara kana ilaalchisee qooda fudhattoota waliin gamaaggama godhame irratti.
''Qaama nageenyaa gahee qaban waliin waggoota sadan darban qormataa kennine keessatti adeemsi qormaata kennuu yeroo keessa fooyy'aa deemeera'' jedhan.
''Qaamoleen nageenyaa aarsaa lubbuu kaffaluun sirni qormaataa naga qabeessa akka ta'u gumaacha guddaa godhaniif galata olaanaa galchina'' jechuun isaanii gabaafameera.
Komishinarri Poolisii Federaalaa Dammalaash Gabramikaa'eel gareen hidhatan qormaatichi akka hin rawwatamne duula gaggeessaa turan fashalsuu irraa eegalee, qoramaatni iddoo itti maxxanfamee hanga Yunivarsiitilee gahutti eegumsa gochuu himan.