Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante

Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.

Guduunfaa

  • Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
  • Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
  • 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
  • Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
  • Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
  • Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
  • Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shuumuufi shaaruun Bulchiinsa yeroon godhamu fudhatama hin qabu jedhe gareen TPLF

    Gareen TPLF dura taa'aa dhaabichaa Dr Dabratsiyon Gabramikaa'eliin durfamu shuumuufi shaaruun aangoo bulchiinsi yeroo naannichaan raawwatu fudhatama hin qabu jedhe.

    Kora falmisiisaa tibba kanaan hooggantuu Waajira dhaabichaa ta'uun kan filataman Aadde Fatilawarqi Gabra Igzaabeer xalayaa waajiraalee TPLF godinaa hanga aanaatti jiraniif erganiin nama aangootti fiduuf aangoorraa kaasuun fudhatama hin qabu jedhan.

    ''Hojimaataafi adeemsa seeraa paartichaa haala hin eegneen aangootti nama muuduufi aangoorraa kaasuun raawwatamaa jira'' jedhan.

    Dabaluunis bulchiinsi yeroo naannichaa yeroo dheeraaf yaalii TPLF'n diiguu gochaa ture'' jedhan.

    Aangoo naannichaarratti jijjiiramni amma bulchiinsa yeroo naannichaan godhamu ''TPLFn aangoorraa buqqisuuf shira godhamaa jirudha'' jedhan.

    Adeemsa gareen TPLF kun seera qabeessa miti ittiin jedheen aangoo qabatan hojjechuu akka hin dandeenye isaan beeksifna jedha.

    TPLF keessa dhibdee dhiyoo ji'oota darban dhalateen gareen lama kan uumame yoo ta'u, gareen Obbo Getaachoo Raddaa aangoo naannicha bulchuu mootummana Federaalaa waliin hojjetu qaba.

    Gareen Dr Dabratsiyoon ammoo beekamtii dhaabaa seera qabeessa Boordiin Filannoo kenneef qaba.

  2. Namootni imalli qilleensaa gara Maqalee 'dirqiin' akka itti fufu dhiibbaa godhan shororkeessummaan himatamuuf

    Kamisa gara galgalaa imala qilleensaa Finfinneerraa gara Maqaleetti qabamee ture sababa haala qilleensaa badaan sa'aa dhumaatti haqamuun jeequmsa kaasee ture.

    Imaltoota keessa namni Tiktok gubbaatti hordoftoota hedduu qabu tokko imalli sun haqamuu akka hin qabne fi ''balaan homaatuu hin jiru deemuu qabna'' yoo jedhu tamsaasa kallattii namootni kuma 20 ta'an daawwachaa turan irratti yoo dubbatu ni dhagaahama..

    Imaltootni xiyyaaraa akka bu'an qaamolee nageenya balaliin yoo gaafataman, muddamni dhalate kun tibba kana ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa ture.

    Maqaa Tiktok Joon Daani'eel jedhamuun kan beekamu tamsaasa kallattiin muddama dhalate gabaasaa ture, qabinsa maamilaatiinis daandii qilleensichaa himateera.

    Miidiyaan biyyaalessaa waajira qorannoo yakkaa Komishinii Poolisii federaalaa waabeffachuun taatee sana keessaa hirmaannaa kan qaban namoota jaha irratti qorannoon yakka shororkeessummaa eegalamuu gabaaseera.

    Shakkamtootni Yohaannis Daani'eel Birhaanee, Naatinaa'eel Wondiwoseen Shuumee, Eeliyaas Dirribaa Badhaanee, Yidiidiyaa Natsaanet Abbebee fi Illenii Kiinfee Tekle'aab akka ta'an ibsameera.

    Shakkamtootni kun ammaan tana to'annoo Poolisii jala akka jiraniifi Wiixata boruu himannaa shororkeessummaan mana murtii akka dhiyaatan gabaafame.

    Shakkamtootni kun haalli qilleensaa hamaan balaliif kan hin mijanne ta'uun ibsamus ''dirqiin'' imalli akka godhamu yaaluun nageenya balalirratti dhiibbaa uumuun cinaatti, ''qaamolee farra nageenyaarraa ergama fudhataniiru'' jechuun shororkeessummaan himachuuf qorannoon gaggeeffamaa akka jiru waajirichi ibsuun gabaafameera.

  3. Gareen Israa'el irratti rookeetii fi misaayela dhukaasu Hezboollaan eenyu?

    Libaanus keessatti hidhataa humna jabaa qabu kan ta'e Hezboollaan garee Muslimoota Shi'aa keessaatu dhalate.

    Humna waraanaa kan mootummaa hin taane, garuu humna jabaa qabuu fi biyyattii keessatti olaantummaa waraanaa qabaachuun addunyaarratti beekamudha.

    Gareen kun deeggarsa maallaqaa fi hidhannoo Iraan irraa argatuun socho'a.

    Hezboollaan siyaasa Libaanos keessattis hirmaannaa guddaa qaba.

    Bara 1992 filannoo biyyaalessaarratti hirmaateera.

    Hoogganaan Hezboollaa Sheek Hasan Nasrallaa loltoota kuma 100 ta'an qabaachuu himata.

    Qaamoleen walabaa ammoo loltoonni Hezboollaa kuma 20 hanga kuma 50 akka ta'an tilmaamu.

    Israa'el fi Hezboollaan daangaa Libaanus irratti wal dhabuun kan hammaate erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 7, 2023 eegaleeti.

    Hezboollaan biyyoota lixaa kanneen akka US, UK fi Israa'eliin akka shororkeessaatti farrajameera.

  4. Israa'el fi Hezbollaan haleellaa walirratti raawwatan

  5. US fi Israa'el 'osoo adda hin kutiin waliin dubbatu' jedhan Baayidan

    Hezbollaan Israa'el irratti haleellaa banuu booda Ameerikaan yaada kenniteetti.

    Pirezidant Joo Baayidan US fi Israa'el 'osoo adda hin kutiin waliin dubbatu' jedhan.

    Aanga'oonni olaanoon kaan dhimma amma dhalate kana ilaalchisee Israa'eliin akka hubatan ajajaniiru.

    Mirga ''Israa'el balaarraa of ittisuuf qabdu deeggaruu itti fufna'' jechuusaanii dubbii himaan Nageenya Biyyaalessaa himaniiru.

    Waajirri ittisaa US, Pentaagon, ittisa Israa'el deeggaruuf qophii ta'uu beeksiseera.

  6. Israa'el labsii yeroo muddamaa sa'aa 48f turu labsite

    Hezbollaan misaayelaafi rookkeettii 320 ta'uun Dilbata barii Israa'el haleeluu hordofee biyyattiin labsii yeroo muddamaa labsiteetti.

    Hezbollaa waliin waraana guutuutti galuuf fedha hin qbau kan jettu Israa'el, warra ishee miidhan akka miitu beeksisfteetti.

    Imalli qilleensaa buufata xiyyaaraa Tel Aviiv irraa ka'uufi qubatus yaaddoo haleellaa kanaaf adda cite ture.

    Saa'aatiiwwaniif imalli buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo biyyattii bakka biraatti akka naanna'u ykn akka haqamu ta'ee ture.

    Abbaan Taayitaa Buufataalee Xiyyaaraa ibsa baaseen buufatni Been Guriyoon kan Tel Aviiv jiru yeroo amm ''karoorasaatti deebi'ee qubachiisuufi balaliisuutti jira'' jedheera.

  7. 'Adabbiin baayyee jabaafi hamaa ta'a'-Hezbollaa

    Hezbollaan haleellaa Israa'eliin haaloo bahu Dilbata ganama rookkeettiiwwaniifi dirooniin eegaluu beeksise.

    Ajajaa waraanaasaa Israa'el ajjeefteef haaloo bahuu eegaluu kan beeksisu ibsi garee Hezbollaa, xiyyeeffannoo haleellaasaa kan godhate buufataalee waraana fi sirna ittisa balaa qilleensaa biyyattii (Iron Demo) ta'uu beeksise.

    Israa'eliin wayita akeekkachisu, ''buufataaleen diinaafi kutaalee waraanaa'' xiyyeeffannaa haleellaa ni ta'u jedhe.

    Namootni nagaan ni miidhamu yoo ta'e ''weerara warra Tsiyoon kana dura cimnee dhaabanna'' jedhe.

    Dabaluunis ''adabbiin kun baayyee jabaafi hamaa ta'a'' jechuun dhaadate.

    Deebii inni sirriin garuu fuula duratti akka kennamu Hezbollaan ibseera.

  8. MM Israa'el ''kan nu haleele hunda nutis ni haleella'' jechuun dhaadatan

    Ministirri Muummee Israa'el Biniyaamiin Netaaniyaahuu walga'ii ariifachiisaa kaabinee nageenyaa biyyattii waliin magaalaa Tel Aviv keessatti taa'an irratti qaama isaan miidhe kamuu miidhuuf qophii ta'uu dhaadatan.

    ''Biyya keenya balaarraa eeguuf waan hunda ni goona. Nageenyi jiraattota kaabaaf akka deebi'u, namoonni mana keessa nagaan akkuma duriitti akka jiraatan kutannoon hojjenna,'' jedhan.

    Kanaaf ammoo seerri keenya salphaa: Kan nu haleele hunda, nutis ni haleella jedhan.

    Humni ittisaa Israa'el kiyyoo Hezboollaan irratti xaxaa ture hubachuun ''haleellaa fi doorsisa diinaa dursee tarkaanfii fudhateera'' jechuunis jajan Neetaniyaahuun.

    Humni waraanaa Israa'el erga kiyyoo Hezboollaa hubatee booda balaa dhufuu malu dursee qolachuu ibsan Neetaniyaahuun.

    ''Rookeetiiwwan kumaatamaan kaaba Israa'el haleeluuf turan barbadeesseera. Balaawwan kaanis dursee hubachuun qolataa jira. Ittisa irrattis darbee haleeluu irrattis xiyyeeffannaa fi humna guddaan hojjetaa jira,'' jechuun dandeettii waraanasaaniin dhaadatan.

  9. Daawwadhaa: Haleellaan booda magaalaa Solingan onee mul‘ata

    Viidiyoowwan ganama har’aa magaalaa Solingan irraa argaman akka agarsiisanitti. daandiini hundi oneera; bakka garagraatti ammoo poolisoonni marsanii mul'atu.

    Daawwadhaa.

  10. Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa “haleellaa Jarmanitti gaggeeffameen “hedduu rifachuu” dubbatte

    Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa Voon Der Leyen “haleellaa gara jabinaa fi hammeenyaa Solingen keessatti raawwatameen baayyee gadduu” dubbatte.

    Ergaa miidiyaa hawaasarratti maxxansiteen, “maatii namoonni jalaa ajjeefamaniifi madaa’aniif jajjabinan hawwa,” jette.

    Poolisootaafi warra hojii baraaruutti jiran galateeffachuun, “duuba yakka kanaa hatattamaan qulqulleessuu qabna,” jette.

  11. Poolisiin Jarman namoonni sadii halbeedhaan waraanamanii ajjeefamuun walqabatee dargaggeessa wagga 15 to’ate

    Poolisiin Jarman namoota sadii festivaalii magaalaa Lixa Jarman, Soliingen keessatti meeshaa qara qabuun waraanamanii ajjeefamaniin walqabsiisee dargaggeessa waggaa 15 tokko to’achuu hime.

    Eenymmaan nama haleellaa kanaan shakkamuun to’atamee ifa akka hin ta’iinis dubbateera.

    Namoota sadan haleellaa kanaan ajjeefamaniin alatti kan biroon afur “haala yaaddessaa ta’een madaa’uu” poolisiin dabalee ibseera.

    Haleellaan kun festivaala kabaja hundeeffama magaalaa Solingen wagga 650ffaa irratti ture.

    Poolisiin kaayyoo haleellaa gaggeeffame kanaa ammallee ifa ta’uu baatus, “shororkeessaa” miti jechuun garuu hin danda’amu jedheera.

    Kantiibaan magaalichaa Tiim Kiruuzbaach namoonni festivaalii sanarra turan “rifaatuu, sodaafi gadda guddaa” keessatti argamu jedhan.

    Chaansilariin Jarman Olaaf Shilooz shakkamaan “hanga seerri hojjetu hundatti adabamuu qabamuu” qaba jedhan.

  12. Barattoonni fayyaa Naajeeriyaa butamanii turan gadhiifaman

    Poolisiin Naajeeriyaa barattoota fayyaa 20 Hagayya 15, 2024 kutaa giddu-galeessaa Benuu keessatti butamanii turan gadhiifamuu isaanii mirkaneesse.

    Dubbi-himaan poolisii, Olumuyiwaa Adeejobii akka jedhanitti, barattoonni kunneen tattaaffii walta’insa dhaabbilee nageenyaa, namoonni naannoo sanaa fi waajjirri gorsaa nageenya biyyaalessaa taasisaniin baraaraman.

    Barattoonni Yunivarsiitii Maayiduguriifi Joos irraa ta'an kunneen walgahii waggaa waggaadhaan kibba baha bulchiinsa Enugutti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf osoo imalaa jiranii ture kan butaman.

    Hogganaan poolisii biyyattii, Kaayodee Egbetokuun torban darbe gareewwan poolisii addaa helikooptaraa, dirooniifi konkolaataa tooftaa fayyadamuun barbaacha barattoota kanneen akka cimsaniif ajajanii ture.

    Waldaan Barattoota Wallaansa Fayyaa Naajeeriyaa barattoonni kunneen hiiksiisuudhaaf maallaqni akka gaafatame ibsee ture.

    Namoonni barattoota kanneen butan kunneenis hanga Sambata darbeetti yoo maallaqa gaafatan hin arganne ta'e barattoota tokko tokko ajjeesuu akka jalqaban doorsisanii turan jedha miidiyaaleen biyya keessaa.

    Aab Olumuyiwaan akka jedhanitti, “osoo maallaqni omaatuu hin kaffalamiin gadhiifamaniiru. Dhugumatti tooftaafi ogummaadhaan baraaramaniiru.”

    Oppareshinii barattoota kanneen baraaruuf taasifame keessatti kan to'annoo jala oolfame ykn miidhaan qaqabe jiraachuun isaa ifa miti. Aab Olumuyiwaan waa'ee oppareshinii baraarsaa kanarratti bal'inaan akka ibsan waadaa galaniiru.

    Wanbadoonni hidhataniifi miidiyaalee biyya keessaan “baandaa” jedhaman kunneenis, kutaalee kaaba Naajeeriyaa keessatti bakka bosona eegumsi taasifamuuf cimaa keessa buufachuun, maallaqa argachuudhaaf namoota ukkaamsanii butuu raawwatu.

    Mootummaan federaalaa gareewwan yakkamtoota akkasii kanas shororkeessitoota jedhee moggaasuun bara 2022tti kaffaltii maallaqaa isaan namoota butan gadhiisiisuuf gaafatan akka hin kaffalamneef dhorkee ture. Haa ta'u malee yakki kun ammallee itti fufee jira.

  13. Sagantaan yaadannoo Heevan, kan Baahir Daaritti gudeedamtee ajjeeffamteef Finfinneetti qophaa’e poolisiin dhorkame

  14. Bidiruu caccabdee namoota fixxerratti qorannoo yakka ajjeechaa jalqabuu aanga’oonni mirkaneessan

    Aanga’oonni Xaaliyaanii bidiruu bashannanaa caccabdee galaanatti nama naquun abbaa qabeenyaa beekamaa lammii Yunaayitid Kingidamiifi inatalasaa dabalatee namoota torba galafaaterratti qorannoo yakkaa jalqabuu beeksisan.

    Aanga’oonni Xaaliyaanii kunneen erga namoonni garaa galaanaa keessa seenanii intala abbaa qabeenyaa umuriin ishee wagga 18 balaa kanaan achi buuteen dhabamee ture reeffa arganii booda ibsa kennaniiru.

    Waajirri abbaa alangaa yeroo ammaa “ka’umsa yakka kanaa ta’uu mala” kan jedherratti qorannoo sadarkaa jalqabaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaa garuu addatti qaama adda baasee irratti qorannoo gaggeessaa jiru hin eerre.

    Aanga’oonni Xaaliyaanii kun ibsa isaanii kanaan reeffi dhumaa Jimaata argame kun kan intala abbaa qabeenyaa umuriin ishee wagga 18 taate Haannaa Liinch jedhamtu ta’uu ibsaniiru.

    Reeffi abbaashee garuu caccabaa bidiruu bashannanaa keessaa Kamisa darbe kan namoota kaan afur waliin ture kan argame.

    Reeffi nama bidiruu sanaa keessatti nyaata bilcheessu (sheef) ta’e Reekaaldoo Tomaas ammoo Wixata darbe ture galaana keessaa kan argame.

    Namoota bidiruu caccabde kana keessa turan 22 keessaa daa’ima wagga tokkoofi haadha Haannaa (haadha warraa abbaa qabeenyaa), Angellaa Bakaares dabalatee namoonni 15 lubbuun oolaniiru.

  15. Gaazexeessaan BBC irraa arii'ame dhiifama gaafachuun hojiisaatti qaana'uu hime

    Jarmeen Jenaas 'hojiisaatti qaana'uufi hojjettoota gaddisiiduu,'' BBC arii'amuun booda gaazexaa the Sun jedhamutti dubbate.

    Gaazexichatti akka himetti, ''ergaa sirrii hin taane'' waaheloota dubartootaatti erguu amaneera.

    Tahus ''waan seeraan ala tahe hin dalagne, ga'eessota eeyyama kennuu danda'anittin,'' erge jedhee haalaa turus mirkaneesseera.

    Dhiyeessaan duraanii sagantaawwan Match of the Day and One Show waaheloota dubaratootaatti ergeera jedhamuun waliigalteen qacarriisaa haqameera.

    BBC dhimma nama kanaarratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

  16. Xiyyaarrii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaan caccabe rakkoo elektirikaa qabaachuu Booying dhokseera jedhame

  17. Dhaabbata Chaayinaa odola xiqqootii km8000 irraa doolaara miiliyoonaan waliin dhahu BBC'n saaxile

  18. Fesivaala Jarmaniitti kabajamaa jirurratti namoonni sadii albeen waraanamanii ajjeefaman

    Magaalaa Jarman Lixaa Soliingen jedhamtu keessatti namoonni sadii albeen waraanamanii yoo ajjeefaman kanneen biroon saddet madaa’uu poolisiin hime.

    Haleellaan kun kan raawwate wayita Jimaata galgala wiirtuu magaalattiitti fesitivaalli kabajamaa jiruuttidha. Namni haleellaa kana raawwate jedhame hanga ammaa hin qabamiin jira.

    Akka miidiyaan Jarmanii Bild jedhamu gabaasetti, namni tokko calliseedhuma nama darbu billaan waraana ture.

    Yeroo ammaa kanatti nama gocha kana raawwate barbaaduun itti fufeera. Helikooptarri poolisiis magaalattiirra marsaa yoo jiran argamu.

    Magaalaan industiriin beekamtu kun hundeeffamashee wagga 650 kabajataa jirti.

  19. Gaardiyoolaan himannaan Siitiirratti baname dhiyootti dhaga’amuu jalqabuutti “gammaduu” hime

  20. Maaree Jaldeessaa kan biyyoota hedduu yaadeessaa jiruu waan hanga ammaa beeknu