Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.
Guduunfaa
- Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
- Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
- 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
- Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
- Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
- Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
- Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Waamama Hargessaarratti komii Somaaliyaan dhiyeessite Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa simate
Itoophiyaan waliigaltee Somaaliilaandi haqxu malee qaama nagaa kabachiisaa haaraa hintaatu- MM Somaaliyaa
Aston Viilaan bara darbe Arsenaaliin dhaqa-gala mo‘ate, bara kanoo? Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Yaaliin talaallii kaansarii sombaa abdachiisaadha jedhame UK keessatti jalqabe
Namichi umuriin ganna 67, UK'tti yaalii hakiimonni kaansarii sombaa akka warraaqsa wallaansaa haaraa dha jedhanii abdatan fudhachuudhaaf nama jalqabaa ta'an.
Kunis talaallii qaamni namaa attamiin dhukkuba akka ittisuu fi ajjeesu gargaaruudha.
Yaaliin kunis teeknooloojii mRNA kan qajeelfama talaalliin Covid tokko tokko sirna ittisa qaamaa qabaachuuf kennamuuf fayyadamu fayydama.
Yaaliin sadarkaa jalqabaa Janusz Racz irratti hirmaachaa jiru talaallii kun miidhaa cinaa akka qabu sakatta'a.
UK keessatti hospitaalota Yunivarsiitii Kolleejjii Landan NHS Faawundeeshinii Tirastii dabalatee, biyyoota torba keessatti bakkeewwan qorannoo gara 34 keessatti dhukkubsattoota 130 qacaranii yaaluuf hojjetu.
Wal'aansi kun seelii fayyaa ta'e osoo hin taane addatti seelii kaansarii balleessuuf xiyyeeffatu qaba, kunis miidhaa cinaa xiqqaa qaba jedhamee abdatama.
Odeeffannoo waa'ee mallattoolee hedduu fuula seelii kaansarii sombaa irratti argaman kan sirni ittisa qaamaa dhukkubsataa maal akka argatuu fi ofiirraa lolu barsiisu of keessaa qaba.
Talaalliin BNT116, dhaabbata baayooteknooloojii Jarmanii BioNTech jedhamun oomishame, kan waan hunda jijjiiruu danda'udha jedhu ogeeyyiin.
Kutaa yaaliin UK keessatti hoogganaa kilinikaa kan ta'an Pirofessar Sii'ow Ming Lee, sagantaa BBC Today'dhaan: "Bara haaraatti talaallii kaansarii mRNA yaalii kaansarii sombaa kana jalqabuuf abdii qabna," jedhan.
Waggaa 25 booda Gaazaatti daa'imni pooliyoon qabamte
Daa'imni baatii 10 pooliyoon qabamuun booda gar-tokkeen laamsha'uu qondaaloti UN himan.
Akka UN jedhutti Gaazaan amma waraana ji'a 11ffaa qabate keessa jirtu waggaa 25 darbaniif pooliyoon keessatti dhalatee hin beeku.
Waxabajjii darbe garuu gosti pooliyoo type 2 poliovirus jedhamu samuuda bishaan balfaa irraa fudhatame keessatti argamee ture.
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Teedroos Adihaanom, haala jiruun ''yaadda'uu'' himuun torban dhufurraa ka'ee sagantaan talaallii akka jalqabu dubbataniiru.
Daa'imni baatii 10 talaallii hin fudhanne haala tasgabbaa'aa keessa jiraatus miilli garuu gar-tokkeen laamsha'eera.
Pooliyoon Poliovirus bishaan balfaafi bishaan faalameen saffisaan tamsa'a.
Qaama laamsheessuun dabalataan du'aaf saaxiluu danda'a. Daa'imman waggaa shanii gadii baay'inaan huba.
Dhaaboti gargaarsaa yeroo waraanaatti sagantaa talaallii hojiirra ooluu hanqateefi bishaan faalametu sababa jedhan.
Tamsa'ina dhukkuba kanaa to'acuuf UN torbee tokkoof dhukaasi dhaabbatee talaalliin daa'imman waggaa 10 gadii 640,000 tahaniif duulaan akka kennamu gaafateera.
'Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 615,7 dhaabneerra' - MM Abiy Ahimad
Lammiileen Itoophiyaa ''aduun baatee hanga seentu,'' biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf karoorsine ture jedhan MM Abiy Ahimad.
Haaluma kanaan biqiltuu miiliyoona 615.7 dhaabuus himaniiru. ''Ijoolleen abdii isaanii dhaabaniiru, dargaggoonni jabina isaanii agarsiisaniiru,'' jedhan.
MM Abiy guyyaa har'aa jijjiirama haala qilleensaaf ''eegumsa dhaabbannee oolle, waan biyya biraattii guyyaa tokkotti hin raawwatamne raawwanne,'' jedhan.
Biqiltuu kana dhaabuuf lammiileen biyyattii miiliyoona 29.1 tahan lafa heektaara 318.4 bobba'uu odeeffannoon Jii'oospaashaal argametti hordofe mul'isas jechuun MM Abiy fuula Feesbuukii isaanii irratti maxxansaniiru.
Mootummaan UK dhibdeen naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiru nagaan akka furamu gaafate
Mootummaan UK dhiibbaa waraanni gaga'aan naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti namoota nagaarran qaqqabsiisaa jiruun yaaddahuu beeksise.
Ministirri misooma idila addunyaa UK Anuliizaa Doodz tibbana Itoophiya kan daawwatan yoo ta'u, Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Taayyee Astiqesillaasee waliinis mariyataniiru.
Mootummaan UK daawwannaa aanga'aa haaraa kanaa ilaalchisee ibsa baaseen, UK'n deeggarsa nageenya fi tasgabbii Itoophiyaaf akkasumas naannichaaf gootu ilaalchisee mariyachuu gabaase.Guddina diinagdee fi misoomaa dursi kennamuufis akka tumsitu ibsite.
Anuulizaan turtii isaanii Itoophiyaan dhiibbaa waraanni gaga'aan naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti namoota nagaarran gahaa jiruun yaaddahuu himaniiru.
''UKn qaamoleen waraana keessaa qooda qaban martuu muddama hanqisanii marii nagaafi hunda hammataatti akka galan cimsinee dhaamna'' jedhan.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiya marii kana ilaalchisee yaada fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa maxxanseen mariin gaggeefame dhimmoota waloo biyyoota lameeniifi kan naannichaarratti xiyyeefata jedhe.
Dhimmi nageenyaa naannolee Amaaraa fi Tigraay ka'uu fi dhiisuu wanta jedhe hin qabu.
Taalibaan dubartoonni fuula haguuggachuufi dhiiroti areeda guddisuu dirqama godhe
Gareen Talibaan Afgaanistaanin bulchaa jiru qajeelfamoota naamusa eegsisu jedhe torbee kana seera gochuu Ministeeera Haqaa biyyattii eeruun Rooyitarsi gabaaseera.
Seeroti kunneenis dubartoonni fuula isaanii akka haguuggataniifi dhiiroti areeda akka guddifatan dirqamsiisuu dabalatee shufeeroti konkolaataa keessatti muuziqaa akka hin banne hamma dhorkuu gaha.
Qajeelfamooti kunneen seera Shari'aa bu'uura godhachuun kan bahan yoo tahu, ministeerri naamusaas seera kana ni raawwachiisa.
Seeroti kunneen bara 2022 hogganaa amantii olaanaa Taalibaanin kan labsaman yoo tahu, amma ifatti seera tahaniiru jedhan dubbihimaan Ministeera Haqaa.
Ministeerri Naamusaa kana dura qajeelfamoota naamusaa kanneen otoo hin eegiin hafan namoota kumaatamaan lakkaa'aman to'achaa akka ture himeera.
Qajeelfamni naamusaa kuni seeratti dabalamuun maxxanfamuunsaa hojiirra oolmaasaa jabeessaa waan jedhu hin baramne.
Taalibaan dhorkaa dubartoota irratti kaa'uufi bilisummaa yaada ofii ibsachuu irratti gareelee mirgaaf falmaniin qeeqama.
Riphee lolaan duraanii Taalibaan bara 2021tti ture deebi'ee Afrgaanistaaniin kan to'ate.
Maanchister Siitiin Ilkaay Gudohaaniin Baarseloonaarraa deebisee mallatteessifate
Dursaan taphattootaa Maanchister Siitii duraanii Ilkaay Gundohaan jijjiirraa bilisaan Baarseloonaa erga turee booda Siitiitti deebi'eera.
Waliigalteensaa haaraan kan waggaa tokkoo yoo ta'u, ji''oota dabalataa 12f kan dheerachuu danda'u ta'uunis ibsameera.
Leenjisaa Peep Gaardiyoolaa wayita jalqaba gara Siitii dhufe taphataan jalqabaa mallatteessifate Gundohaanidha.
Taphataan kun Etihaaditti deebi'uu wayita ibsu waggoota torba Siitii turetti gammadaa akka ture himee, ''Peep Gaardiyoolaa hamman kabaju hunduu beeka jedhe.''
Dabaluunis ''inni leenjisaa cimaa addunyaa kanaati, isa waliin guyyaa guyyaan hojjechuun taphataa cimaa si godha jedhe.
Deebi'ee Siitiif taphachuuf hawwii qabus dubbate.
Taphatan ganna 33 kun Siitii waliin waancaa 14 injifateera.
UStti namichi Tiraamp irratti ergaa doorsisaa maxxansee himatame to'annoo jala oole
Ameerikaatti poolisiin yeroo pirezidaantiin duraanii biyyattii Doonaald Tiraamp kutaa daangaa daawwachaa turanitti raawwatame hordofee, namticha Arizoonaa Tiraampiin nan ajjeesa jedhee doorsise jedhame to’annoo jala oolche.
Poolisiin akka jedhetti, namni Roonaald Lii Siivruud, kan umuriin ganna 66 fi Kaawontii Kochisee jiraatu, torban lamaan darban keessa ture kan maxxansa miidiyaa hawaasaa irrattiin Tiraamp irratti doorsisa du’aa kan dabarse.
Tiraamp Kamisa darbe daangaa waloo Ameerikaa fi Meksikootti daawwannaa taasisaa turaniin Kaawontii Kochisee keessa turan.
Ji’a darbe Tiraamp hiriira duula filannoo Baatlar, Pensilvaaniyaa keessatti gaggeeffamerratti rasaasaan yaalii ajjeechaa irratti gaggeeffamee ture.
Waajjirri poolisii Kaawontii Kochiisee akka jedhutti, maanguddoon shakkamaan kun yakkamaa saalqunnamtii ta’ee galmaa’uudhaaf barbaadamaa jira.
Akkasumas, dhugaatii alkoolii dhuguun konkolaachisuu fi yakka cimaa rukuttanii baqachuu dabalatee Wisconsin fi Arizonaa keessatti ajajni himannaa hedduu isa mudata.
Poolisiin akka jedhutti, namni kun Benson, Arizonaa, kan Tukson irraa gara kibba bahaatti gara maayilii 50 (80km) fagaattee argamtu irraati.
Qondaalli poolisii Waajjirri Kaawontii Kochisee Kamisa waaree booda akka maxxanseetti, shakkamaa kana sararuma kaawontii keessaa to'atan.
"Barbaadamaan kun taatee tokko malee to'annoo jala ooleera," jechuun waajjirichi toora miidiyaa hawaasaarratti maxxanseera.
Tiraamp Kamisa darbe Kaawontii Kochisee keessatti daangaa Ameerikaa fi Meksikoo daawwatan.
Biqiltuu mil. 600 dhaabuu Itoophiyaan gaggeessaa jirtuuf MM Abiy Asoosaa jiru
Itoophiyaan Hagayya 23 bara 2024 guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 600 dhaabaa akka jirtu beeksifteetti.
Kun akka jedhameen raawwatamnaan guyyaa tokkotti biqiltuu hedduu dhaabuun adunyaa irratti rikardii jalqabaa taha.
Bara 2019 Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 350 dhaabuu yeroo ibsite rikardii adunyaa tahuu himamee ture.
MM Abiy fuula Feesbuukii isaanii irratti waggoota shaman darbanitti Itoophiyaan biqiloota biliyoona 40 tahu dhaabdeetti.
Biqiltuuwwan waggaa darbe dhaabaman keessaa %50 wabii nyaataa mirkaneessuuf, eegumsa biyyoo cimsuufi golgolaa'uu lafaa ittisuuf kan oolanidha jedhan.
Hojjataa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Doolaara Ameerikaa Kuma 71 imalaaf deebise
Obbo Lammaa Baqqalaa hojjataa Daandii Qilleensa Itoophiyaatti, kutaa tika nageenyaa keessatti ramadamanii hojjetu.
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, imalaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa tokko borsaa harkaa Doolaara Ameerikaa kuma 71 of keessaa qabu dagatanii deemu.
Obbo Lammaanis hojii idileerra osoo jiranii borsicha waan arganiif maallaqa keessa jiru waliin qaama dhimmichi ilaallatu, Biiroo Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti dabarsanii kennu.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas dhimmicha erga qoratee booda maallaqicha maamilaa isaatiif deebise.
Obbo Lammaa Baqqalaa naamuusa ogummaafi waadaa galan kabajuun amanamummaan maallaqichi akka abbaaf deebi’u gochuu isaaniitiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin galateeffatamuusaanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa miidiyaan OBN odeeffatee gabaaseera.
Kaamlaa Haariis ‘daandii haaraa gara fuula duraatti tarkaanfachiisu’ abdachiifte
Guyyaa dhumaa Kora Biyyaalessaa Chikaagootti gaggeeffamaa turerrati kaadhimamtuu pirezidaantummaa warra Dimokiraatotaa ta’uushee ifatti kan fudhatte Kaamlaa Haaris ‘daandii haaraan gara fuula duraatti’ tarkaanfanna jechuun deeggartootaaf waadaa galte.
Kaamlaa Haariis haasaashee garaa caalu mata-duree dhimmoota dhuunfaan itt ibaayyate jedhameen “Ameerikaanota hunda” akka gaggeessituufi “dinagdee carraa qabu” akka uumtu abdachiifteetti.
Dhimmooti ijoo biroon isheen haasaashee keessatti kaaste warra akka mirga ulfa baasuu eegsisuu, dhimma tokkummaafi hawwii dafqaan bultootaa dhugoomsuu kanneen jedhanidha.
Kana malees, Kaamlaa Haariis waraanni gaazaa keessaa akka dhaabbatuuf waamicha taasifteetti.
Haata’u malee, hiriira deegarsa US Israa’el taasiftu mormuun galma korri itti gaggeeffamaa jiru alaan marsee gaggeeffamaa jiruuf kallattiin deebii hin kennine.
Loltoonni garee mindeeffamtoota Raashiyaa ‘Waagnar’ amma eessa jiruu?
Daldaltoonni meeshaa waraanaa Yaman kilaashii hanga boombiitti Tiwiitara irratti gurguraa jiraachuun barame
Dandlatoonni meeshaa waraanaa Yaman kilaashiidhaa hanga boombiitti ifatti fuula Tiwiitaraa kan yeroo ammaa X jedhamurratti gurguraa jiraachuun barame.
Daldaltoonni kunneen magaalaa guddoo Yaman Sana’aafi bakkeewwan biroo to’annii finciltoota Huutii jala jiran keessa warra hojii daldalaatiif socho’aniidha.
Finciltoonni Huutii mootummaa Iraanii kan deegaraman yoo ta’u, mootummaan Yunaayitid Isteetiifi Austiralaiyaa garee fincilaa kana shororkeessaa jechuun farrajaniiru.
Daldaltoonni meeshaa waraanaa kunneen finciltoota Huutiif hin hojjetan jechuun ulfaataadha,” jedhu Yamanitti Ambaasaaddarri duraanii Biriteen Edimend Fiitan-Biraawun.
Gaazexaan Taayims jedhamu gabaasa qixeesseen akka ibsetti, daldaltoonni meeshaa waraanaa Yaman garri caalan miidiyaa hawaasaa X jedhamurratti kan socho’an ‘Blue Tick’ [kan eenyummaan isa amirkanaa’e godhataniiti.
Tiwiitarri (X)n dhimma kanarratti yaada isaa akka kennuuf gaazexaan Taayims fi BBCn gaafatus hanga ammaatti deebii hin kennine.
Erga bara 2022 Elon Maask dhaabba X kana bitateen booda warri qabiyyee miidiyiyaa hawaasaa kana to’atan [content moderator] baayyeen hojii isaaniirraa ari’amaniiru.
Beeksisa meeshaa waraanaa kan hojjetan afaan Arabaatiin yoo ta’u, irra caalaa kan irratti xiyyeeffatan Yamanoota biyya keessa jiranirrattidha.
Yaman keessatti meeshaan waraanaa lakkoofsa ummataa kan caalu yoo ta’u, namni tokko yoo xiqqaate meeshaa waraanaa sadii akka qabu tilmaamama.
BBCn qorannoo taasiseen akka hubatetti, fuulawwan X hedduun meeshaalee waraanaa Yamaniifi Sa’udii Riyaaliitiin gurguruudhaaf beeksisu.
Barreeffamoonni suuraale emeeshaalee waraanaa gurgurtaaf dhiyaatan waliin maxxanfaman ammoo akkaataa nama bitu hawwatuun kan qophaa’anidha.
Duula biqiltuu dhaabuu Itoophiyaa suuraan
Har'a Hagayya 23, 2024 Itoophiyaatti ummanni duulaan biqiltuu dhaabaa jira.
Sagantaa biqiltuu dhaabuu kana suuraan daawwadhaa.
Itoophiyaatti duulli biqiltuu dhaabuu gaggeeffamaa jira
Itoophiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 600 dhaabuuf karoora baheen har'a Hagayya 23, 2024 guutummaa biyyaatti ummanni biqiltuu dhaabuutti duulaan baheera.
MM Abiy Ahimad ergaa guyyoota muraasa dura fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti maxxansaniin, "ALI Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiluuwwan miliyoona 600 dhaabuudhaan ashaaraa keenya haa keewwannu," jechuun ummataaf waamicha godhanii ture.
"Guutummaa Itoophiyaatti qalbii tokkoon ashaaraa keenya haa keewwannu. Yoo tokko taane kana caalaayyuu ni dandeenya!
Gaheessonni biqiltuuwwan 20 ol, gaammeewwan immoo 10 ol dhaabuudhaan jaalala biyyaaf qabnu, kennaa dhalootaaf qabnu bakka malutti haa mul'ifnu," jedhan MM Abiy.
Miidiyaaleen biyyaa akka gabaasaa jiranitti naannolee biyyattii garagaraatti kutaaleen hawaasaa obooroon bahanii duulaan biqiltuu dhaaba ajiru.
Namoota addunyaarratti onneen isaanii suuta dulloomu beektuu?
Seenaa icciitii falfaltoota fannifamaa turanii