Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante

Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.

Guduunfaa

  • Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
  • Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
  • 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
  • Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
  • Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
  • Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
  • Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate

    Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoonii Guuteres, erga waraanni Gaazaa jalqabee booda walitti dhukaasuun Israa’el fi hidhattoota Hezboollaa Libaanos keessaa daangaa qaxxaamuruu dabalaa dhufuusaatti “baay’ee yaadda'uu” himan.

    Guyyaa Dilbataa, jeettiiwwan Israa’el haleellaa baay’ee bal’aa, dursee haleellaa ittisuufiidha jedhame Kibba Libaanos keessatti, bakkeewwan hedduutti raawwataniiru, Hezboollaan ammoo rookkeettii fi diroonii dhibbaan lakkaa’aman Israa’el irratti dhukaase.

    Jeettiiwwan Israa’el haleellaa Dilbata kaleessaa raawwataniin Kaaba Lebaanos keessatti bakkeewwan kudhan hedduu rukutanii, Hezbollaan ammoo rookkeettii fi diroonii dhibbaan lakkaa’aman Israa’el irratti dhukaase.

    Guteerres gochi isaanii kunis namoota nagaa balaadhaaf saaxiluu, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii riqichaa balaadhaaf saaxiluu akeekkachiisaniiru.

    Ameerikaanis gamasheetiin diinummaan daran akka hin hammaanneef hojjechaa akka jirtu kan ibsitee, qaamooleen lamaanu waliif fedhii akka hin qabne yaada dhiyeessan jette.

    Erga Israa’elii fi Hamaas gidduutti waraanni Gaazaatti eegalee Onkoloolessa 7 irraa eegalee, daangaa Israa’elii fi Libaanos qaxxaamuree guyyaa guyyaan haala jechuun danda’amuun wal jijjiirraan dhukaasaa ni mul’ata.

    Hezbollaan garee Filisxeemootaa deeggaruuf socho'aa akka jiru ibse.Gareen Hamaasiifi Hezbollaa lamaanuu Iraanin kan deeggaraman yoo ta’u, gareewwan kunneenis Israa’el, UK fi biyyoota birootiin akka dhaabbilee shororkeessummaatti ramadamaniiru.

    Onkoleessaa irraa eegalee namoonni 560 ol ajjeefamuusaanii ministeera fayyaa Libaanosiin kan gabaafame yoo ta’u, harki caalaan isaanii loltoota Hezbollaa yoo ta’u, Israa’el keessatti ammoo namoonni nagaa 26 fi loltoonni 24 ajjeefamaniiru jedhu aanga’oonni.

    Akkasumas namoonni kuma 200tti siqan daangaa biyyoota lamaanii irraa qe’ee isaanii irraa buqqaafamaniiru.

  2. Magaalaa Shaggaritti waraabessi lubbuu daa’imaa galaafannaan hawaasni waraabessa adamsuu eegale

  3. Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an

    Namoonni torba Naannoo Amaaraa, Godina Kaaba Gondar Kaabaa, Aanaa Xalamtiitti reeffa namoota lamaa sigigii lafaatiin awwaalame baasuuf qotaa turan du'uun ibsame.

    Bulchaan aanichaa Gaashaaw Ingidaa BBC'tti akka himaniitti, lubbuun namoota torbaa kan darbe guyyaa Jimaataa Hagayya 23, 2024 sigiiga lafaa sa'atii 11 irratti mudateen namoota osoo manasaanii keessa jiranuu sigiga lafaatiin awwaalaman barbaadaa jiranu balaa sigigaa gara biraa umameeniidha.

    Balaa sanaanis haadhaafi ilmoo dabalatee lubbuun namoota sadii darbuu kan dubbatan aanga'aan kun, tibba balaan mudateetti reeffi mucichaa battalumatti kan argame yoo ta'u, reeffi miseensa maatichaa lama osoo hin argamiin buluu dubbatan.

    Guyyaa Sambataa reeffa namoota hafan lamaanii baasuudhaaf firootaafi ollaa ganamaan walitti qabaman 18 ol osoo barbaacharra jiranuu irra deebiin sigiga mudateen lubbuun namoota torbaa darbuu bulchaan kun himaniiru.

    Namoota balaa kanaan lubbusaanii dhabaniin alatti namoota saddeeti irra miidhaan qaamaa cimaafi salphaan qaqqabuus ibsaniiru.

    Namoota balaa sigigii lafaa lamaaniin lubbunsaanii darbe keessaa reeffi namoota afur kan argame yoo ta'u, kan hafanii kan hin argamneefi barbaachi adda cituu Obbo Gaashaawu dubbatan.

    ''Yaaddoo sababii lafti hin tasgabboofneetiin balaan gara biraa akka hin mudanne jedhuutiin barbaachi reeffaa amma adda citeera. Namoonni gara naannichaa akka hin deemne dhorkuufis humna nageenyaa bobbaafneera'' jedhan.

    Waqitii ganna eegalame kanatti balaa cimaa naannoo Kibbaa, Gamoo Gofaatti mudatee ture dabalatee, kutaalee biyyattii adda addaaa keessatti balaan wal fakkaatu mudateera.

    Naannoo Kibba Itoophiyaa, sigiigii lafaa Gamoo Goofaatti mudateen lubbuun namoota 250 ol darbuunsaa ni yaadatama.

    Balaa sanaanis irra jiraansaanii namootaa kan du'a wayita namoota afur sigigii lafaa jalqa mudatee baasuuf yaalaa jiraniitti, balaa sigigii gara biraa mudateetiin akka ta'e aanga'oonni himanii ture.

  4. Ministirri Israa'el baqattoonni Ertiraa biyyaa akka 'ari'aman' gaafatan

  5. 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv

    Kiiiv dhiha kutaa Solomianskii keessa kan jiraatan Roomaan, ''ganama har'aa sagalee dhohiinsaa olaanaatu ture'' jechuun BBCtti himaniiru.

    Dhohinsa baayyee cimaa sadii kan akka waan "mataakoo olitti" dhoka'eetti dhaga'ameetti dhihootti dhaga'uu isaa dubbata.

    "Hiriyyoonnis misaa'elli yeroo rukutamee kuffiifamu akka argan natti himan," jedha.

    Roomaan itti dabaluudhaanis, yeroo ammaa kana humni ibsaa addaan cite hin jiru, garuu sa'aatii muraasaaf bishaan dhugaatii akka hin qabne dubbata.

  6. Osoo tajaajilli interneetii adda citee addunyaan maal fakkaachuu dandeessi?

  7. Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera

    Dhimma namoota shanan haleellaa qilleensaa Raashiyaan halkan darbe keessa raawwatteetiin ajjeefaman jedhaman ilaalchisee amma odeeffannoo muraasa isiniif fiduu dandeenya:

    • Naannoo Dinipropetrovsk keessatti maanguddoon ganna 69 ajjeefamuu itti gaafatamaan naannichaa Seergii Liisak himan.
    • Namni gara biraa Zaporizhzhia keessatti manni isaa haleelamuudhaan du'uu itti gaafatamaan naannichaa himaniiru.
    • Kantiibaan magaalaa Lutsk wayita ''bakki bu'uuraalee misoomaa'' rukutameettis namni tokko du'uu himaniiru.
    • Akkasumas naannoo Kharkiv Izyum keessatti haleellaa misaa'elaatiin namni tokko du'uu itti gaafatamaan naannichaa himan.
    • Akkasumas naannoo Zhytomyr lixa Yukireen keessatti, mana jireenyaafi gamoo bu’uuraalee misoomaa misaa’elaan rukutamuun dubartii tokko du’uu ishee itti gaafatamaan naannichaa himaniiru.
  8. Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte

    Haleellaa diroonii har'a Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen bu'uraaleen bishaaniifi anniisaa biyyattii irratti kan xiyyeeffatte fakkaata.

    Maddeen waraanaa Raashiyaa ammoo amma ''meeshaa waraanaa sirrii ta'aniitti'' fayyadamuudhaan ''bu'uuraalee anniisaa murteessoo'' Yukireen keessaa haleelu isaanii mirkaneessaniiru jedha dhaabbanni oduu Interfax.

    Bu'uuraaleen misoomaa irratti xiyyeeffataman kunneenis, "dhaabbilee waraanaa-indaastirii" Yukireen kan deeggaraa turaniidha jedhu maddeen Raashiyaa.

  9. Netaaniyaahuufi hogganaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa duula walitti banuu booda maal jedhan?

  10. Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru

    Dirooniiwwan Raashiyaa kutaalee Yukireen hedduu keessatti halellaa raawwachaa jiruu jedhe humni qilleensaa Yukireen.

    Dabaluunis haleellaan qilleensaa Raashiyaa hin dhaabbanne jechuun dirooniiwwan waraana hedduun gara magaalaa guddoo Kiiv qajeeluu akeekkachiise.

    Jiraattotni magaala Kiiv buufataalee baabura lafa jalaa deemuun itti baqachaa jiru. Lakkoofsi namoota achitti dahachaa jiraniis dabalaa jira.

  11. Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante

    Raashiyaan Wiixata ganamaan magaalaa guddoo Yukiren Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsota biyyattii keessatti haleellaa jabaa banteetti.

    Haleellaan kun bu'uurale misoomaa mancaasera, ibsaa fi bishaan balleesseera.

    Guutummaan Yukireen akeekkachisa haleellaa qilleensaa dhageessisaa jira.

    Jiraattonni magaalaa Kiiv buufata baaburaa lafa jalaatti argamuutti baqachaa jiru.

    Ragaaleen ammallee walitti qabamaa kan jiran ta'us, namoonni sadi ajjeefamuun gabaafameera.

    Haleellaan kun biyyoonni lameen loltoota wal jalaa qaban 150 walijijjiiranii guyyoota muraasa booda raawwatamaa jira.

  12. Lammiileen Awustiraaliyaa sa'aatii hojiin alatti mirga 'hariiroo hojii adda kutuu' argatan

  13. Sudaaniitti hidhi cabee namoonni 60 du'uun gabaafame

    Sudaan biyya waraanaan dararamaa jirtutti rooba cimaa hordofee hidhi guddaan cabee danbal'usaatiin yoo xinnaate namoonni 60 ta'an du'uun gabaafame.

    Barbaachi namoota bakka buteensaanii dhabame kaanii itti fufuufi lakkoofsi naoota balaa kanaan du'an kanaan ol ta'u akka danda'u aanga'oonni himaniiru.

    Biyyattiin wal waraansa janaraaloota waraanaa lama jidduutti gaggeeffamuun gara waggaa tokkoofi wallakkaaf erga gaaga’amteen booda, amma ammoo rooba cimaa fi lolaa hamaan mudachaa jirti.

    Ammaan tana ammoo biyyattiin balaan ummamaa kanaatiin namoota kudhanoota dhabdee, kanneen kuma kudhaniin lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqaasee jira.

    Jiguun hidha bulchiinsa Galaana Diimaa kunis, taateewwan hamaa keessaa tokko kan jedhame yoo ta’u, lafa qonnaa fi gandoota gara gadiitti argaman barbadeesseera.

    Biyya rakkoo namoomaatiin rakkataa jirtu kanaaf balaan tibbannaa kunis kan yeroo hundaa caalaa kan hammeessu ta'u himame.

    Kutaalee biyyattii garii keessatti beelli mudachuun labsameera. Taateewwan qilleensaa hamaa kunis hanqina nyaataa mudate kan caalaa hammeessudha.

  14. Namtichi haleellaa magaala Jarman raawwateefi IS waliin hidhata qaba jedhame harka kenne

  15. Xaaliyaaniitti hattuun hannaaf mana namaa seenee garuu kitaaba dubbisaa ture to'atame

    Lammiin Xaaliyaanii saamichaaf mana namaa seene tokko osoo taa'ee kitaaba Giriik Miitolojii (seenaa afaanii) odeessu dubbisuu to'atamuun gabaafame.

    Miidiyaaleen Xaaliyaanii akka gabaasanitti, hattuun lammii Xaaliyaanii umuriin waggaa 38 appaartaamaa magaalaa guddoo biyyattiitti argamu keessa karaa barandaatiin utaalee seenuun ture kan seene.

    Namtichi kunis erga mana hatuuf barbaade erga seeneen booda siree cinaatti kitaaba argate taa'ee dubbisuu eegale.

    Abbaan manaa maanguddoon umurii waggaa 71 irribarraa ka'un hattuun kun kitaabichaan hawwatame osoo dubbisu argan.

    Hattuun kunis to'annoo jala oolfamuun erga miidiyaadhaan gabaafameen booda barreessaan kitaabichaa hattichi ''dubbisee akka xumuruuf'' maxxansa tokko akka erguuf miidiyaatti himaniiru.

    Hattuun kitaaba dubbisaa turees wayita abbaa manaatiin argamu hubateen booda karaadhuma barandaa manichaa ittiin seeneen deebii'ee miliquuf osoo yaaluu to'annaa jala oolfame.

    Erga to'annoo jala oolfameen boodas karaa barandaatiin kan seenee nama beeku argachuuf ta'u poolisiitti himeera.

    ''Kanan kutaa manaciisichaafi ciree beeku keessa waanan seene natti fakkaate ture. Kitaabicha argannaan dubbisuu eegale'' jechuun poolisiitti hime.

    Barreessaan kitaaba The Gods at Six O'Clock kan ta'an Jiiyoovaanii Nuuchii ''waan nama dhibuudha'' jechuun miidiyaatti dubbatan.

    Itti dabalunis ''nama harkaafi harkatti qabame kana argee maxxansa tokko kennuufiin barbaada. Osoo dubbisuu waan to'atameef akka dubbisee xumuruun barbaada'' jedhan barreessaan kitaabichaa.

    “Baayyee kan nama ajjaa'ibsiisuudha. Kan namoommaa agarsiisuudhas'' jedhan.

    Hattuun kunis boorsaa uffatta qaalii isaan dura mana nama biraatii hate jedhame qabate baatee ture.

  16. Israa’eloota sanyii dhiiraa ilmaansaanii lolarratti du’an irraa akkoo arguu barbaadan

  17. Lammiin Biriteen tokko Yukireen keessatti misaa'elaan ajjeeffame

    Lammiin Biriteen kan qaama garee oduu Rooyitars ta’uun baha Yukireen keessatti hojjechaa ture tokko haleellaa misaa’elaa hoteela irratti raawwatameen Sambata darbe ajjeeffamuu dhaabbatichi mirkaneesse.

    Gorsaan nageenyaa Rayaan Eevaans hojjettoota Rooyitars jaha magaalaa Kraamatorsk, kan to'annoo Yukireen jala jiruufi garuu dhiheenya adda waraanaatti argamu, Hoteela Saafiir keessa turan keessaa tokko ture.

    Angawoonni Yukireen akka jedhanitti, hoteelichi misaa'ela Raashiyaan rukutame. Raashiyaan garuu dhimmicharratti yaada hin kennine.

    Ibsa dubbii himaan Rooyitars kenneen, ejensichi du'a Mr Eevaans baruutti ''gadda guddaan itti dhagahamu'' himaniiru.

    ''Aanga'oota Kiraamatorsk waliin hojjechuu dabalatee waa'ee haleellaa kanaa odeeffannoo dabalataa hatattamaan barbaadaa jirra. Akkasumas miiltoowwan keenyaa fi maatii isaanii deeggaraa jirra,'' jedheera.

    "Maatii fi namoota Rayaan jaallataniif gadda guddaa fi jajjabina keenya ergina. Raayaan gaazexeessitoota keenya hedduu taateewwan addunyaa irratti raawwataman akka gabaasaniif gargaareera; akka malee isa dhabna."

    Itti dabaluudhaanis, miseensonni garee kanaa biroo lama hojii dhaabuun hospitaala akka galanii fi isaan keessaa tokko miidhaan cimaan irra gahe yaalamaa akka jiru ibseera.

    Poolisiin Biyyaalessaa Yukireen duraan akka ibsetti, reeffi lammii Biriteen kan ganna 40, Wiixata sa’aatii 18:35tti (16:35 BST) sakatta’iinsa sa’aatii 19 booda caccabaa hoteela keessaa argame.

  18. Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jiran maratti.

    Tamsaasa kallatti kan ittiin odeessaalee ijoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kunoo amma jalqabneerra.

    Nu hordofaa!

  19. Haleellaa Israa'eliin Libaanositti namni sadii ajjeefame

    Ministeerri Fayyaa Libaanos haleellaa Israa'eliin namootni sadii ajjeefamuu beeksise.

    Haleellaa Israa'el booda Kibba biyyattiitti namootni sadii ajjeefamuu Ministeerichi ifa godheera.

    Akka gabaasa Ministeerichaatti namni tokko haleellaa diroonii konkolaataarratti raawwateen ajjeefame.

    Hezbollaan haleellaa sanaan namni ajjeefame kun loltuusaa gartuu Sosochii Shiyaa Amaal jedhamuu akka ta'e ibseera.

    Ministeerichi ibsa baase keessatti namootni biroon lama bulchiinsa Tiri jedhamu keessatti ajjeefamuu gabaase. Odeeffannoo dabalataa hin kennine.

    Dubbii Himaan waraana Israa'el gama isaan haleellaa ganama kanaa Hezbollaan miidhaan qaqqabe ''xiqqaadha'' jedhan. Hamma isaa garuu ammatti ifa hin goone.

    Haleellaan raawwate isa karoorfatan keessaa hanga tokko qofadha jedhaniru.

  20. Hidhi haaromsaa guutee bishaan gadhiisuu eegale, tarbaayinoonni abbaa MW 400 lama hojii eegalan

    Hojiin ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa konkiriitiin hojjetamu sadarkaa xumuraarra ga'uu aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa ibsaniiru.

    Dilbata har'aa (Hagayya 25, 2024) jilli Ministira Muummee Abiy Ahmadiin durfamu iddoo pirojektiin humna ibsaa kun itti ijaaramaa jiru, Naannoo Beenishaangul Gumuz- Gubaa daawwateera.

    Ministirri Muummee Abiy yeroo dheeraaf akka oduu aagaatti eegamaa kan ture Gubaarraa dhagahameera jechuun karaa miidiyaa hawaasummaasaanii uummata Itoophiyaaf ibsan.

    ''Yaa'i lagichaa utuu hin ugguramiin itti fufuusaarrayyuu balbaloonni bishaan yoo guute gadhiisuuf tolfaman (Spillways) banamanii sakandiitti bishaan meetira kiyuubii 2,800 gadhiisuu eegalaniiru,'' jechuun Facebook isaaniirratti barreessan.

    Dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (GERD) irratti gorsuu fi bakka bu'anii dubbachuun kan beekaman Dr Sileshii Baqqale, hojiin ijaarsa pirojektii dhagaa fi simintoon hojjetamu (Concerete) xumuramuu ibsuun, yeroo ammaa hojiin anniisaa maddisiisuu milkaa'aa jiraachuutti akka gammadan miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessaniiru.

    Kanaan dura tarbaayinoonni abbaa meegaa waatii 375 lama hojii anniisaa maddisiisuu eegaluu kan eeran Dr Silashiin, amma ammoo tarbaayinoonni lama kan tokkoon tokkoonsaanii meegaa waatii 40 maddisiisan hojii eegaluu ibsan.

    Hidhi haaromsaa ammaan booda pirojektii ijaarsarra jirurraa gara tajaajila kennuutti ce'eera jedhan.

    Ministirri Muummee Abiy Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa yaa'a bishaanii to'achuudhaan, yaaddoo balaa lolaa hir'isuun biyyoota yaa'a gajjallaa jiraniif, bishaan hammisaa hin jijijjiiramne akka isaan gahu taasisa.

    ''Gadhiifamuun bishaanii madaalameefi hammisaa beekamee deemu kun hojii qonna fooyyessuuf, hojii humna maddisiisuu, akkasumas ittifayyadama qabeenya naannawaa sanaa wayyeessuuf haalaan gargaara,'' jedhan.

    Hidha haaromsaa annoosaa meegaa waatii 5,150 maddisiisuun Afrikaa keessaa pirojektii humna ibsaa bishaanirraa maddisiisuu isa guddichadha.