Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

Iraan ammallee j’oota muraasa keessatti boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp buufataalee Iraan 'qiyyaafatanii mancaasuu' himan

    Pirezidant Tiraamp gaafa Kibxataa ture Iraan haleeluu kan beeksisan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp gaafa Kibxataa ture Iraan haleeluu kan beeksisan

    Ameerikaan erga Iraanirratti haleellaa raawwattee booda buufataalee ‘’mancaasuu’’ isaanii Pirezidant Donaald Tiraamp himan.

    Iraan keessa maaliif bulchiinsi hin jijjiiramu jechuunis gaafataniiru.

    Miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social jedhuurratti haleellaa US rawwatte miidhaa guddaa geessisuu himan.

    Suuraa saatalaayitii eeruun haleellaa raawwateen ‘’miidhaan inni guddaa gad lafa keessa mudate’’ jechuunis dubbatani.

    Haa ta’u malee, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) hanga miidhaa dhaqqabe mirkaneessuu hin dandeenye.

    Iraan haleellaan raawwachuu mirkaneessuun ishee ni yaadatama.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Walitti bu'iinsa Israa'el fi Iraan ammallee ijoo dubbii addunyaa ta'e kana jala jalaan isin biraan geenya.

    Isiniis miidiyaa hawaasummaa keenyaan nu hordofaa: Facebook, Chaanaalii WhatsApp fi YouTube.

    Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu.

    Lafa nagaa oolaa!

    Baadiyyaa Oromiyaa, Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Baadiyyaa keessa namoonni uffata isaanii lagatti miiccatu