Iraan misaa'eloota 14 dhukaafte kan jedhan yoo ta'u, isaan keessaa 13 ''kuffisaniiru'', kan biraa ammoo gara ''kallattii yaaddeessaa hin taanetti" akka qajeelfame dubbate.
Lammiileen Ameerikaa kamiyyuu miidhaan irra hin geenye, "miidhaan omaa qaqqabe jechuun hin danda'amu" jedhe. Lammiin Qaataar tokkollee hin ajjeefamne, ykn kan madaa'es hin jiru jedhe Tiraamp.
Hanga ammaa lubbuun darbe kan hin jirre fakkaatullee, deebii kennuudhaaf Tiraamp dhiibbaa guddaa keessa jira.
Waa'ee buufata humna qilleensaa US Qaataar keessa jiruu kan beekuu qabdan
Buufanni humna qilleensaa US kan bakka Al Udeid jedhamu magaalaa guddoo Qaataar, Dohaatti dhiyoo jiru, oppereeshinii qilleensaa Baha Giddu-galeessaaf buufata muummee Wiirtuu Ajajaa US ta'uun kan tajaajiludha.
Buufata kana keessa loltoota Ameerikaa 8,000tti siqanitu jira.
Humnoonni Ingiliziis buufata kana keessa naanna'u, yeroo
tokko tokko bakki kun Buufata Xiyyaaraa Abu Nakhla jedhamuun waama.
Buufanni kun yeroo ammaa oppereeshinii US Iraaq keessatti gaggeessituuf akka buufata muummeefi loojistikii ta'uun kan tajaajilu yoo ta'u, buufata humna qilleensaa naannoo Galoo Galaanaa keessatti isa hunda caalaa guddaadha.
Qaataar bara 2000 ture Maaerikaan akka buufata Al Udeid argattuuf kan kenniteef.
Akka dhaabbani intelijensii Grey Daayinaamiks jedhamu Landan maadheffate jedhutti, bara 2001 irraa kaastee Ameerikaan akka manaajera buufata kanaa taateen booda, Dohaa fi Waashingiteen Mudde bara 2002 ture humni waraanaa US dhaabbbata Al Udeid kana keessa akka jiru ifatti waliigaluun kan ifoomsan.
Bara 2024 keessa, US loltootashee Qaataar keessa waggoota 10 biroo tursiifachuuf waliiglateerra gahuu CNN gabaasee ture.